Walaloof baacoowwan 😁

Description
Walaloowwan jaalalaa fi baacoowwan hidhii walitti nama hin qabachiisne yoo barbaaddan ......
YouTubehttps://www.youtube.com/@milkiitubes
Yaadaaf qeeqa qabdan karaa @wabiif na biraan gahuu dandessu
Advertising
We recommend to visit

buy ad: https://telega.io/c/BurqaaIspoortii

CEO @Obsamilli


Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii

Last updated 1 week ago

Chaanaalii kana irratti Faarsaa Kanneen Bara Durii,akkasuma Haaraa Qilleensarra kan Oolan @full Album,,, argachuu dandeessu #faarfannaa qabdan kara kana nuu ergu dandesu @Faarfannaahaaraa_bot
#group_keenya @faaruutuubee
#Channel keenya @OboroMedia
🙏🙏🙏

Last updated 1 month, 1 week ago

📈 If stock market experts were so expert, they would be buying stock, not selling advice. 🤔
~Norman Ralph Augustine | @Stockbot

Contact: @Executive_Robot

Last updated 1 month, 4 weeks ago

6 days, 2 hours ago

Haala salphaatiin Hamster combat banuuf ykn coin Miliyoona 5 sassaabbachuuf viidiyoo gabaabduu kana ilaalaa

https://youtu.be/KWfkHoMOsEk?si=5AGj0leRRE5XfTs4

YouTube

hamster combat how to get 5 million coins from hamster combat

Akkaataa ***🐹*** Hamster combat irraa coin miliyoona 5 salphaatti argannu #mortalkombat #hamsterkombat #bitcoin #cyrptocurrency Notice Age-restricted video (based on Community Guidelines) #teeth #oldmovies #movieexplained #odesitutube #oromia24 #jawarmohamed…

1 week, 1 day ago

Osoo qottee hin facaasiin
Baddaan kosorruu cirti
Waan xiqqoof jetteen aariin
Dallansuun duruu jirti

Barbaacha kee baheetan
Dadhabeem dafqa cobsee
Sin dagadhe na seetee?
Ciniinnadheen si obse

Buusee baasee itti yaadee
Irra deebiin shallagee
Kuullee koo qixan qabdu
Ormi hin buutuum bakka kee

Akkas na goota hin seene
Jaalalloo ni ulfaatti
Si obsuun natti cimeem
Hanga libsuu ijaatti

Qaama biraafu mitiim
Sumaafan lubbuu dhaba
Mari’anneetu furra
Jaalalli cubbuu qaba!

Atoo daa’ima turteem
Yeroon baradhu qubee
Addi kee godaannisa
Abidda maaltu gube?

Ishee safuu jallattu
Yookaan koottu nan dhufa
Odeessaan haa odeessu
Anaaf sii walitti hafa.

Jedhe namichatu!

@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430

1 week, 6 days ago

https://t.me/tapswap_mirror_2_bot?start=r_5459452112
🎁 +2.5k Shares as a first-time gift

3 weeks ago

Nakeessaa mana qabda
Fooqa worqiin dhaabame
Maarsariitii jaalalaa Urjii
Tuutaan waamame
~~~~~ Mana kiyya luqiseen
Ala keetiin ijaaraa
Ija jaalalaa libseen
Soba jibbaan silaala
~~~~~~
Ollaan sumaaf najibbee
Miira shaniin nadhaana
Yaadaaf hin tumu dibbee
Ergakoon sitti dhaama
~~~~~~~~
Yaadake kuusee fuuree
Cirrifadhee butamaa
Siifan imimmaan buusee
Hirqee hirqee hudhamaa
~~~~~~~~
Jaalalaan naboojitee
Imimmaan lakkuun roobsaa
Nyaataa dhugaa huqqadhee
Siif jedheen maddii qoorsa
~~~~~~~~
Aadaaf eenyummaa keetu
Ormayyu qalbii fuudhee
Akka baargamoo maashii
Anammo dhiiga xuuxe
~~~~~~
Sidhiisee orman laalu
Hin jaalladhu kanbiraa
Sin dawwala bar lamuu
Narraa kaasi bilbila
~~~~~~~
Alkan guyyaa sin yaada
Hirreegee hin tilmaamnee
Sin joora sin jawwaraa
Dhugaatii hin dharraane
~~~~~~~
Lubbuuko siifan laadha
Fudhu hin qabu cubbuu
Gubadhus giimii bu'ee
Siifan woreega lubbuu
~~~~~~
Abdii kiyyan Abjootaa
Alkan boqonnaa dhabee
Godaannisa oneekoo
Sinan fottoqee cabe
~~~~~~~~
Hicitii jiruu kootii
Siifan qoode dhoksaatti
Of to'achuu dadhabee
Dhoksee boo'e qobaatti
~~~~~ Atis boqattee mitii
Daandii sitti dheerate
Miilaan buuta lagatti
Tulluutu siseerate
~~~~~ Golgola narraa mulquuf
Guyyuu qabsiifta dungoo
Hin turin foolii martee
Suukii shan baasi urgoo
~~~~~~~
Dhuftee na'arguuf labdee
Miilake gufuun cirtaa
Gufuu daandiike bartee
Seenaake bor naaf imta
~~~~~~
Finfinneettan si'eegaa
Tufaa munaarraan kottu
Tuulamaa mana seenaa
Woliin galla sin obsu
~~~~~~~~
Nakeessaa mana qabdaa
Alan deemin haalamtee
Seenaan irbuun gamadaa
Borsaa keetti baatamtee
~~~~~~~~
Sin jaalladha yoomiyyuu
Idamaa haga mormaa
Osoo lubbuudhaan jiruu
Darbee sin laadhu ormaa
:::::::::::::::::::::::
Eebbiseen sigaggeessa
Hanga wol arginutti
Ifi Duumessa keessaa
Akka biiftuu bariitti
•••••••••••••••••••••••
Handoode korma ta'ii
Lalisi bonaa ganna
Tulluu ta'ii mulladhuu
Humnamo caali garba
••••••••••••••••••••••••
Hurgaa'ii akka shitoo
Hundumayyu hawwadhu
Isa siif buusu kiyyoo
Diinake injifadhu
••••••••••••••••••••••••
Odaa dagaage ta'i
Hundaaf kenni qabbana
Hunduumaan sodaatami
Akka leenca daggalaa
•••••••••••••••••••••••••
Beelaaf dheebuu danda'i
Dheeri akka waddeessaa
Umuriinkee hata'uu
Umurii arraagessaa
#join
#share
#Oromoo
#WBO
#Jaal_Battee
@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430

3 weeks, 1 day ago

.godaannisa.!

Godaannisa seenaa
Madaa hin fayyine
Dhukuba garaa keessaa
Kan namuu hin argine.

Caba lafee cabne
Lafee wiirtuu dugdaa
Kanaaf nu dhukkuba
Kulkulee yeroo hundaa.

Harmee harmi muramee
Harmaa hoonee guddanne
Kanaaf dhukkubsanna
Aanoolee yaadannee.

Abbaatu harka murame
Harka gama mirgaa
Kanaaf keessii keenya
Dhukkubsattee dhigaa.

Waan tokko balleessine
Osoo hin umiin yakka
Oromummaaf yakkamne
Muramne harmaafi harka.

Qomoo bifti nama
Keessi immoo bineensa
Harmaa Fi harka keenya
Nu muranii kaleessa.

Minillik waraabeessi
Nama bifti seexanaa
Dhigaa Saba nagaa
Dhugee afaan bana.

Seexani dhigaa nu dhugee
Falfalaa sanyii moraa
Qomoo seenaa qabne
Warra kayyoo dharraa.

Minlikii bulguun
Qomoo Koo dugugee
Dhigaa Saba kiyyaa
Beenyaa malee dhugee.

Nuti dhaloonnii qubee
Hambaan gootota kalee
Wal yaadachisuu qabna
Seenaa bara aanolee.

Dhiigaa dhiigaa baafna
Gumaa abboota keenyaa
Seenaa barreessiinee
Dhalootaa dhufufii keenyaa.!

╰───⌊@Qeerroo_press

@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430

3 weeks, 1 day ago

MADAAN QORREE
Nadhukkuba duraanuu
Madaan qaba ammaas
Tuqan madaakoo nattii
Kaasu tuqanii na
Yaaddachisu cabakoo

Duraanuu obsee ta'een
Cinadhee maleessaa
Isayyuu yoomaan fayyee
Cabakoo kan kaleessaa

Har'as kunoo dha'ani cabsaan
Lafeekoo jabaa kan darbees
Hin fayyinee bar miidhamaan qaba

An rakkoon mo'uuf jedheen
Halkanii guyyaa susuka
Kan har'as nattii caale
Kan duraa na dhukkuba
🖊️ Firii Taayyee

@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430

3 weeks, 2 days ago

👉 Gamoowwan dhedheeroo addunyaa kanaa 5n.😲

  1. BURJ KHALIFA (828m)
    ✍️ Gamoon dheerinaan addunyaarraa tokkoffaa Burj Khalifa jedhama. Innis meetira 828 samii keessa kan ol dheeratu yoo ta'u, darbiiwwan 163 + darbiiwwan 2 gara lafa jalaatii qaba. Gamoon dheeraan kuni biyya UAE 🇦🇪 magaalaa Dubai keessatti argama. 😳

  2. MEDERKA 118 (678.9m)
    ✍️ Gamoon dheeraan lammaffaan addunyaa kanaa biyya Malaysia 🇲🇾, magaalaa Kuala Lumpur-tti kan argamu yoo ta'u, maqaan isaa Mederka 118 jedhama. Gamoon kuni darbiiwwan 118 lafaa olii fi darbiiwwan 5n lafa jalaa qaba.😳

  3. SHANGAI TOWER (632m)
    ✍️ Gamoon dheeraan 3ffaan addunyaan kanaa biyya China 🇨🇳, magaalaa Shangai-tti argama. Gamoon kuni darbiiwwan 128 gara olii fi darbii 5 gara lafa jalaa qaba. 😳

  4. ABRAJ AL-BAIT (601m)
    ✍️ Gamoon dheeraan 4ffaan addunyaa kanaa biyya Saudi Arabia 🇸🇦, magaalaa Mekka-tti argama. Maqaan isaa Abraj Al-Bait jedhama. Darbiiwwan 120 kan qabu yoo ta'u, gara lafa keessaa darbii 3 qaba. 😳

  5. PING INTERNATIONAL FINANCE CENTER (599.1m)
    ✍️ Biyya China 🇨🇳, magaalaa Shenzhen-itti kan argamu gamoon 'Ping an International Finance Center' jedhamu darbiiwwan 115 fi darbiiwwan 5n gara galaa yoo qabaatu, gamoo dheeraa 5ffaa addunyaa kanaati.😳
    👉 Haaluma kanaan gamoon dheeraan biyya Ethiopia 🇪🇹 209 meetira qofa yoo ta'u, darbiiwwan 53 qofa qaba. Innis Gamoo Baankii Daldala Ethiopiati.🤨🥺

Maal kun? Biyyoonni guddatan lafarra dhiisanii samii keessa asii ol fagaataa jiru. Nutimmoo lafarraahuu ijjaarrachuu dadhabne. Yoo qaamaan deemnee daawwachuuf carraa hin argatinillee asumaa suuraan ilaalla. Kan Dubai kana garuu inuma deemna malee, hin dhiisnu!🥺

Waan dubbistaniif galatoomaa! Yoo isinitti tole, Share godhaatii namoota birootiif qoodaa! 🙏

@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430

3 weeks, 2 days ago

😭#S I Y A A S A =#S I A A R S A 😭

Oolmaansaa Eeshiyaa
Bultiin Antaartikaa
Cireensaa Yuuroopi
Laaqanni Ameerikaa,
Ka'umsi Awustiraaliyaa
Ga'umsi Laatini
Passport n biyya tokkoo
Osoo harkan jiraatiini,
Bobbaan loowwansaammoo
Dachii Afrikaatti
Gaangeen isa baattu
Guutuu-Addunyaarra kaatti !

Walii-galtee Beejiing
Washing-teenitti diiga
Faannisaa Mooskorraa
Haga Finfinneetti fiiga,
Galoo galaanaarra taree
Hindiyaa qaxxaamura
Garaa Ardiilee torbanii
Gidduutti addaan mura,
Laga Naayil facaaseetu
Tooroontoo haammata
Ollaa jilbeenfachiisuuf
Baar-gamaa waammata !

Iyya magaala Kaartum
Kaayiroon dhaga'a
Walii-galteen Paaris
Londonitti ragga'a,
Ormaaniyaa gabroomsee
Ertiriyaa bilisoomsa
Jaappaan bokkaa lagee
Sahaaraa misoomsa,
Qamadii Yuukreen facaastu
Kan nyaatu Asmaraadha
Walxaxni funyoosaa
Addunyaa maraadha !

Labsiin dhukaasa dhaabuu
Berlinitti mallattaa'a
Misaa'elli Kooriyaa garuu
Aggaamameet taa'a,
Niwukirarri Raashiyaafi
Doorsisni biyyoota lixaa
Biyyoota sichuun guddatiin
Yaaddoo guddaan fixa,
In ijaarraan Afgaanistaan
Liibiyaa mancaase
Dirooniin Israa'elimmoo abidda boba'u-
Damaasqootti harcaase !

Tokko mirga diimokraasiif
Olaantummaa barbaada
Tokko mirga lubbuun jiraachuuf
Dhukkubsatee aada,
Tokko biyya namaarratti
Gonfoo mirgaaf karoorsa
Tokko biyya abbaasaarratti
Alagaan hiraarsa !
Tokko gabroomfachuuf gamoo gubbaa ciisee
Isnaayperiin lola,
Tokko hin gabroomu jedhee godoosaayyuu dhiisee
'Caakkaa' keessa bula !

Wanti nuyitti jirru
Nas guba; si aarsa
Maddi muddama keenyaa
Sababni si-yaasa,
Gaggeessitoonni SIYAASAA
Qumaarasaatiin Ardii goolu
Ilmaan haadha hiyyeessotaammoo
Lubbuu itti dhabaa oolu😭😭😭

@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430

4 weeks ago

DV 2025 result ni ilaalla waan ta'eef nu qunnamuu dandeessuu
@wabiif

We recommend to visit

buy ad: https://telega.io/c/BurqaaIspoortii

CEO @Obsamilli


Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii

Last updated 1 week ago

Chaanaalii kana irratti Faarsaa Kanneen Bara Durii,akkasuma Haaraa Qilleensarra kan Oolan @full Album,,, argachuu dandeessu #faarfannaa qabdan kara kana nuu ergu dandesu @Faarfannaahaaraa_bot
#group_keenya @faaruutuubee
#Channel keenya @OboroMedia
🙏🙏🙏

Last updated 1 month, 1 week ago

📈 If stock market experts were so expert, they would be buying stock, not selling advice. 🤔
~Norman Ralph Augustine | @Stockbot

Contact: @Executive_Robot

Last updated 1 month, 4 weeks ago