Infinite Entertainment, Zero Cost: Get Your Free Books, Music, and Videos Today!

Walaloof baacoowwan 😁

Description
Walaloowwan jaalalaa fi baacoowwan hidhii walitti nama hin qabachiisne yoo barbaaddan ......
YouTubehttps://www.youtube.com/@milkiitubes
Yaadaaf qeeqa qabdan karaa @wabiif na biraan gahuu dandessu
Advertising
We recommend to visit

buy ad: https://telega.io/c/BurqaaIspoortii

CEO @Obsamilli


Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii

Last updated 1 week, 2 days ago

📈 If stock market experts were so expert, they would be buying stock, not selling advice. 🤔
~Norman Ralph Augustine

Last updated 3 days, 18 hours ago

Chaanaalii kana irratti Faarsaa Kanneen Bara Durii,akkasuma Haaraa Qilleensarra kan Oolan @full Album,,, argachuu dandeessu #faarfannaa qabdan kara kana nuu ergu dandesu @Faarfannaahaaraa_bot
#group_keenya @faaruutuubee
#Channel keenya @OboroMedia
🙏🙏🙏

Last updated 1 month, 3 weeks ago

2 days, 6 hours ago

Barbaachasaaf imallaa
Maaliif callifnee teenyaa
Deessuutoo wareegamee,
Argannu malee hin dhiifnuu
Dadhabnees yoo nuuf gamee,
Dhugaa barbachaaf jecha
Galmeen Seenaa haa dubbatuu
Lubbuu itti wareegamee,
Ammas barbaadaa jirra
Dadhabnee abdii hin kunnu
Daandiin haqaa saaqamee!!

Dhugaa bade barbaachaaf
Baddaaf gammoojjii seennee,
Boruufis abdii qabna
Kan jiraannee har'a geenyee,
Waaqayyo nu moosisaa
Waanta haqaaf dhageenyee,
Garaaf jiraachuuf jecha
Bira hin tarru dandeenyee,
Gooftaan boojuu nuuf fida
Isa gurraan dhageenyee,
Dhugaa dheebotaa hin hafnuu
Sobdoota cinaa teenyee!!

Rifeensa miican malee
Akkamiin gogaa haaduu,
Deeggaraa baay'ee hin qabu
Namni dhugaa barbaadu,
Waaqayyo isaan balleessa
Warra dhugaa awwaalee
Soba magarsuuf yaadu,
Manni hundaa haa lakkaa'uu
Dhaloota dhugaaf jedhee
Hirriba dhabee aaduu,
Gumaa dhiiga dhalootaaf
Kan dhugaa awwaalamee
Waaqayyo haa barbaaduu (x2)!!

HORAA BULAA DEEBANA!! NAMA DHUGAAF FALMU; DHUGAAFIS JIRAATU TAHAA!!

@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430

2 days, 6 hours ago

DHUGAA GOLGAMTE.!!!

Gannaaf bona hin jenne
Danuun dirreerra jooraa,
Bitaaf mirga gulaalaa
Hunduu qabateetu tooraa,
Waanta dhabne argannee
Yoom madaan keenyi qooraa,
Waatu waatiin miliqee
Dhaloonni soquuf jooraa!!

Taa'u yaadaan imalaa
Rafus abjuun barbaadaa,
Jireenya itti dhabee
Tikfachuuf Ulee Waadaa,
Dadhabees hin boqonne
Sagalee dhaggeeffachaa
Holqa keessas barbaadaa,
Imimmaan dhugaa roobsaa
Caba lapheesaan aadaa,
Safuu yaa barbaadaa dhugaa
Kan hin sharafne waadaa,
Dadhabee hin boqonne
Dhugaa golgamteef aadaa!!

Kan dhabne osoo barbaannuu
Warqees harkarraa gannee,
Yaa gooftaa mul'isikaa
Wanta dhaloonni dhabnee,
Haqa bade soquuf jecha
Haamileef qaamaan cabnee,
Kichuu keenya ol deemaa
Qarreefi Qeerrootti dhabnee,
Ammas barbaacha hin dhiifnu
Abdii keenya kutannee,
Erga dhaloota qaalii
Kumaatamaan itti dhabnee!!

Birraa dacheen nuuf qoorraan
Saawwan Haroo obaafnee,
Dabeettiin hin guddatiin
Kan gumaa lammii hin baafnee,
Gaaf-tokko ittiin mul'annaa
Dhugaa awwaalaa baafnee,
Taliila arguuf jirra
Bishaan boora'e raafnee,
Sirriitti dhimbiibbaa tolchii
Lammaffaa akka hin dhamaafnee!!

Dhadhaan itti baay'ateef
Buqqeen foon tahee hin beekuu,
Namni Qotiyyoo bitee
Naaf dhala jedhee hin eeguu,
Sobduu dhugaa awwaaltu
Gooftaan amma gingilchaa
Buqqisee kaleefi ceekuu,
Namni dhugaaf jiraatee
Dhumni isaa badee hin beekuu!!

Dhugaa Waaqayyo Uumee
Namni maaliif jallisaa,
Danuun osoo awwaaluu
Kaanis beekaa callisaa,
Warri dhugaadhaaf falmu
Foon maddii of qallisaa,
Imala isaanii hin dhaabnee
Faana miillaas luqqisaa,
Dadhabus gadi hin teenyee
Abdii qoorte gabbisaa!!

Qilleensi Tulluu Koomtoo
Leeqaatti gad-bubbisaa,
Akkamiin dhiisnee teenyaa
Dhugaatoo nu dubbisaa,
Warra dhugaa awwaalee
Soba summii magarsu
Waaqayyo amma buqqisaa!!

Eessa dhokateeree dhugaan
Samiin ol fuutee laataa,
Dachee atis dubbadhu
Lubbuu dhaloota qaalii
Sitoo filatee nyaataa,
Lafeen dhaloota danuu
Wal irratti tuulamee
Qoraan goge fakkaataa,
Tulluu atis waa jedhii
Tarii garakee dhufee
Bulguun dhokatee nyaataa,
Eenyuutiin amanannee
Eenyuutiinis komannaa
Daaraan Daakuu fakkaataa!!

Galaanattis gad buunee
Qurxummii yoo gaafannuu,
Tulluurrattis ol baanee
Qilleensaan iyyaafannuu,
Onneen dhugaaf muddamtee
Sombis keessoon gubatee
Hargansuu yoo baafannuu,
Samiimoo dacheedharee
Bakki dhugaa argannuu,
Gucni dhugaa ifu malee
Rafnee yoomuu hin boqonnuu,
Hunduu tooraan callisee
Beekaa kam haa gaafannuu??

Dukkanni si haguugee
Maaf bari'uu dheeratee,
Hayyuun samii qoratuu
Maaf si arguu dagatee,
Barbaachakeef hin teenyee
Hunduu galaa naqatee,
Nuffee duuba hin deebinee
Kaayyoo xiiqii godhatee,
Beeluuf dheebuu hin komannee
Mudhii isaa hidhatee,
Dadhabbiin gaaraa cimtus
Suuta jedhee tiratee,
Imimmaan lakkuu buusaa
Dafqaan fuula dhiqatee,
Gatii dhugaa waan beekuuf
Bu'aa dalgaa lagatee,
Faayidaaf garaa hin hirre
Lafeef dhiigaan kakatee!!

Dooniin cubbuu hin fagaattuu
Bubbeetu itti bubbisaa,
Hayyuu danuu abdannes
Dhugaa qarshiin gurguree
Galmee sobaa dubbisaa,
Imimmaan haadha hiyyeessaa
Gaaftokko isaan cubbisaa,
Warra dhugaa awwaalu
Waaqayyo tola hin dhiisuu
Teessuma irraa gombisaa!!

Waajjira keessaa iyyaa
Dhugaatu awwaalamee,
Qulqulluun dhugaa uumaa
Summii Sobaan faalamee,
Dhaloonni boo'aa jiraa
Dhugaan isaa sakaalamee,
Gooftaan faraduuf jiraa
Gatii imimmaan dhalootaa
Harka isaan madaalamee,
Amma diigamuuf jira
Gamoon warra jallootaa
Kan cubbuun ijaarame!!

Dhugaa barbaachaaf jecha
Hayyuun dhalootaaf tahu
Lubbuutii wareegamee,
Gaaf-tokko ifa bahaa
Haqni sobaan golgamee!!

3 days, 13 hours ago

MARAATUU TA'UU WAYYAA!

Ofiisaa of sossobee
Ofiisaa of dheekkama...!
Ofiisaatti dubbatee
Ofiisaattiis guunguma...!

Dhiphina namaa hin qabu
Ofii of ta'ee jiraata............!
Yaadaaf yaaddoo dagachuuf
Ka'ee MARAADHUU laata?

Keessaan summii hin qabu
Irraan fakkaatee fayyaa
Isa keessi isaa nagaa
MARAATU ta'uu wayyaa!

Eenyu mirgasaa hin xuqu!
MARAATUMMAAN walaba
Kolfa gaararraa kolfuuf
MARAATUU ta'uun qaba!

@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430

1 week, 4 days ago

Jireenna jiraattu keessatti dhiibbaa dansaa uumuuf qabxiilee ''6P'' asii gadii kanarratti xiyyeeffadhu.

6P

1.Pray/Waaqa Kadhadhu.

-Waaqi keenna waan hunda keenna, humni guddoolle ta Waaqaati. Kanaaf yeroo hundaa madda jireenna keennaa woliin hariiroo qajeeltuu qabaachuu qabna. Karaa Yesuus Kiristoos galataa fi kadhaa teenna haa dhi'eessinu.

2.Plan/Karoorfadhu.

-Namni karoora hin qabne akka xiyyaara kallattii malee balali'uuti. Jireenna keessatti kallatti sirrii filatanii irra deeman.

Plan=Vision + How to act

Karoorfachuun dura mul'ata jireennaa, kallattii jireennaa qabaachutti dursa. Karoorri mala mul'aticha gara gochaatti deebisuuti. Karoirfachuun qisaasa'ama jireenyaa hir'isa.

3.Prioritize/Duraa duuba eegi.

-Karoorsuun waan dansaa. Waan karoorfatan duraa duuba eeganii gochatti hiikuun oogummaa gaafata. Yeroo malee akka hin dhalanneef, wantoota xiyyeeffannaan murteessanii gochatti hiikuun murteessaadha.

4.Persistent/Cichoominaan itti fufuu.

-Qabxiin kunis baay'ee murteessaaf baay'ee ijoodha. Jalqabanii dhiisuun amala namoota dhiibbaa dansaa uumuutii moti. Qeeransa hin qabanu qabanee gad hin dhiisanu jedhanii motiiree, mala jijjiiranii xuuphesanii itti deemuun yeroo maraa bu'aa guddaa qaba.

5.Patience/ Ossaamessa te'i.

-Bartee obsaa guddifachuun yeroo hundaa barbaachiisaadha. Ciminaa fi laafina, bu'iisaa fi bayiisa, gaddaa fi gammachuu, dhabaa fi argachuu, gufuu fi qorumsa kamiyyuu obsaan jala muran. Ossaan qaalloman. Haala kamuu keessatti ciniinnadhuu obsi, harka hin kennin.

6.Play/Taphadhu.

-Gammachuu qabaadhu, yeroo hundaa gammada keessaa madde fuula ifaa qabaadhu, maatii kee woliin, hiriyoota kee woliin taphadhu, kolfi...enjoy godhi...gammachuu hin beellamanu, har'a jiraadhu. Boru, gaafa argadhe gammada, bashannana hin jedhin, hojjataa gammadi, gammadaa hojjadhu. Akkasi.

Badhaadhi Waaqaa isiniif fakkanu.

Tulluu milkaa'inaarratti bayaa.

Join

@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430

1 week, 5 days ago

https://t.me/+En4Uw4oHwzcwZDk0

Telegram

Hacker Group

Chaanaaliin kun Namoota odeeffannoo Dharaa mancaasan Report Gochuuf baname please Oduu Dhugaa!!!

1 week, 6 days ago

Kayyoo Galmaan Ga'uuf
/To Achieve Your Goal

Jireenyi dargaggootaa, dhaabbilee fi qaamoleen hawaasa keenyaa irra jireessi maaliif bakka yaadame ga'u dadhabaa?

Qorannoon hedduun kan eeran keessaa tuqaalee 7 isiniif eeruun fedha.

  1. Clear Goal/Galma Ifa Ta'e Qabaachuu: wanta harkaan ga'achuu barbaannu fi bakka ga'uu barbaannu (Dinagdee, Siyaasa, Hawasummaa, Misooma, Amantaa, Barnootaa fi kkf ta'uu mala) sana sirriitti safarree fi lakkoofnee lafa kaawwachuudha qabna.

  2. Passion/Fedhee To'atamuuf Rakkisaa Ta'uu Irraan Ka'e Tarkaanfii Hanga Wareegamaatti Nama Galchu Qabaachuu: wanta argachuu feene sanaaf hawwii hojiitti jijjiramuu danda'u qabaachuu fi kan boqonnaa nudhorkuun akka ifaajnu nutaasisu qabaachuun murteessadha.

  3. Discipline/Of-Bituu: galama ga'uun 'discipline' jabaa qabaachuu barbaachisa. Amala hin barbaachifne, tarkaanfii hin barbaachifne fi adeemsa nama gufachiisuu danda'an addaan beekanii irraa of-qusachuun barbaachisaadha. Akka barbaadan ta'a galma ga'uun hin yaadamu.

  4. Integrity/Dudhaalee Jajjaboo Hin Jijjiramne Qabaacbuu: amalli keenya yeroo hundumaa gaafa madaalamu iftoominaa fi 'Morality' ol'aanaa kan qabu ta'uu qaba. Kanaan achi amanamummaa keenya haalaan sababa balleessuu fi qaamolee wajjin hojjennu keessatti bakka nu dhabsiisa. Sun immoo hojii keenya irratti dhiibbaa hamaa fida.

  5. Patience/Persistence/Perseverance/Obsaa fi Itti Fufiinsa: galma ga'uun qormaata, mormii fi rakkoo irraa aanuun malee takkaa ta'uu hin danda'u, kanaafuu obsa jabaa fi utuu walitti hin kutin dhama'uu gaafata. Namootni hedduun kan isaan galma ga'uun dadhabaniif irra jireessi obsuu, ammas obsuu, irra deebi'anii obsanii itti fufiinsaan adeemsa isaanii dhiibuu sababa dadhabaniif
    .

  6. Resilience/Dandamanaa: rakkoo nutti dhufan irraa dandamachuu danda'uun murteessaadha. Qormaata dhufan jalaa baasii/qisaasama muraasaan akkaataa itti jalaa miliqan qabaachuun dirqama. Fakkeenyaaf daandiin keenya tokko yoo kufuu danda'a jennee shakkii qabaanne, daandii lammaffaa akka filanootti qabaachuu, wantoota qisaasama keenya hir'isan tolfachuu fi rakkoo akkaataa gara carraatti jijjiirru irratti daddafnee hojjaachuun barbaachisaadha.

  7. Accountability/Itti Gaafatamummaa: wanta hojjannuu fi tarkaanfii fudhannuuf itti gaafatamummaa fudhachuuf qophaa'uun murteessaadha. Miiraa fi ilaalcha itti gaafatamummaa hin qabneen wantootni nuti raawwannu hundinuu ni tura ta'a malee gatii hamaa nubaasisa, galma keenya irraas nuhambisa.

Ni Dhagayamaa Laata? Bal'inaa fi fakkeenya garagaraaf via Dr. Gutu 'Kitaaba Dhaloota Dingadeen Humneessuu' jedhu haadubbisnu.

@walaloo430
@walaloo430

3 weeks, 1 day ago

Haala salphaatiin Hamster combat banuuf ykn coin Miliyoona 5 sassaabbachuuf viidiyoo gabaabduu kana ilaalaa

https://youtu.be/KWfkHoMOsEk?si=5AGj0leRRE5XfTs4

YouTube

hamster combat how to get 5 million coins from hamster combat

Akkaataa ***🐹*** Hamster combat irraa coin miliyoona 5 salphaatti argannu #mortalkombat #hamsterkombat #bitcoin #cyrptocurrency Notice Age-restricted video (based on Community Guidelines) #teeth #oldmovies #movieexplained #odesitutube #oromia24 #jawarmohamed…

3 weeks, 3 days ago

Osoo qottee hin facaasiin
Baddaan kosorruu cirti
Waan xiqqoof jetteen aariin
Dallansuun duruu jirti

Barbaacha kee baheetan
Dadhabeem dafqa cobsee
Sin dagadhe na seetee?
Ciniinnadheen si obse

Buusee baasee itti yaadee
Irra deebiin shallagee
Kuullee koo qixan qabdu
Ormi hin buutuum bakka kee

Akkas na goota hin seene
Jaalalloo ni ulfaatti
Si obsuun natti cimeem
Hanga libsuu ijaatti

Qaama biraafu mitiim
Sumaafan lubbuu dhaba
Mari’anneetu furra
Jaalalli cubbuu qaba!

Atoo daa’ima turteem
Yeroon baradhu qubee
Addi kee godaannisa
Abidda maaltu gube?

Ishee safuu jallattu
Yookaan koottu nan dhufa
Odeessaan haa odeessu
Anaaf sii walitti hafa.

Jedhe namichatu!

@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430

4 weeks, 1 day ago

https://t.me/tapswap_mirror_2_bot?start=r_5459452112
🎁 +2.5k Shares as a first-time gift

We recommend to visit

buy ad: https://telega.io/c/BurqaaIspoortii

CEO @Obsamilli


Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii

Last updated 1 week, 2 days ago

📈 If stock market experts were so expert, they would be buying stock, not selling advice. 🤔
~Norman Ralph Augustine

Last updated 3 days, 18 hours ago

Chaanaalii kana irratti Faarsaa Kanneen Bara Durii,akkasuma Haaraa Qilleensarra kan Oolan @full Album,,, argachuu dandeessu #faarfannaa qabdan kara kana nuu ergu dandesu @Faarfannaahaaraa_bot
#group_keenya @faaruutuubee
#Channel keenya @OboroMedia
🙏🙏🙏

Last updated 1 month, 3 weeks ago