Walaloof baacoowwan 😁

Description
Walaloowwan jaalalaa fi baacoowwan hidhii walitti nama hin qabachiisne yoo barbaaddan ......
YouTubehttps://www.youtube.com/@milkiitubes
Yaadaaf qeeqa qabdan karaa @wabiif na biraan gahuu dandessu
Advertising
We recommend to visit

buy ad: https://telega.io/c/BurqaaIspoortii

CEO @Obsamilli


Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii

Last updated 1 month, 3 weeks ago

Chaanaalii kana irratti Faarsaa Kanneen Bara Durii,akkasuma Haaraa Qilleensarra kan Oolan @full Album,,, argachuu dandeessu #faarfannaa qabdan kara kana nuu ergu dandesu @Faarfannaahaaraa_bot
#group_keenya @faaruutuubee
#Channel keenya @OboroMedia
🙏🙏🙏

Last updated 3 weeks, 5 days ago

📈 If stock market experts were so expert, they would be buying stock, not selling advice. 🤔
~Norman Ralph Augustine | @Stockbot

Contact: @Executive_Robot

Last updated 1 month, 2 weeks ago

1 week ago

Nakeessaa mana qabda
Fooqa worqiin dhaabame
Maarsariitii jaalalaa Urjii
Tuutaan waamame
~~~~~ Mana kiyya luqiseen
Ala keetiin ijaaraa
Ija jaalalaa libseen
Soba jibbaan silaala
~~~~~~
Ollaan sumaaf najibbee
Miira shaniin nadhaana
Yaadaaf hin tumu dibbee
Ergakoon sitti dhaama
~~~~~~~~
Yaadake kuusee fuuree
Cirrifadhee butamaa
Siifan imimmaan buusee
Hirqee hirqee hudhamaa
~~~~~~~~
Jaalalaan naboojitee
Imimmaan lakkuun roobsaa
Nyaataa dhugaa huqqadhee
Siif jedheen maddii qoorsa
~~~~~~~~
Aadaaf eenyummaa keetu
Ormayyu qalbii fuudhee
Akka baargamoo maashii
Anammo dhiiga xuuxe
~~~~~~
Sidhiisee orman laalu
Hin jaalladhu kanbiraa
Sin dawwala bar lamuu
Narraa kaasi bilbila
~~~~~~~
Alkan guyyaa sin yaada
Hirreegee hin tilmaamnee
Sin joora sin jawwaraa
Dhugaatii hin dharraane
~~~~~~~
Lubbuuko siifan laadha
Fudhu hin qabu cubbuu
Gubadhus giimii bu'ee
Siifan woreega lubbuu
~~~~~~
Abdii kiyyan Abjootaa
Alkan boqonnaa dhabee
Godaannisa oneekoo
Sinan fottoqee cabe
~~~~~~~~
Hicitii jiruu kootii
Siifan qoode dhoksaatti
Of to'achuu dadhabee
Dhoksee boo'e qobaatti
~~~~~ Atis boqattee mitii
Daandii sitti dheerate
Miilaan buuta lagatti
Tulluutu siseerate
~~~~~ Golgola narraa mulquuf
Guyyuu qabsiifta dungoo
Hin turin foolii martee
Suukii shan baasi urgoo
~~~~~~~
Dhuftee na'arguuf labdee
Miilake gufuun cirtaa
Gufuu daandiike bartee
Seenaake bor naaf imta
~~~~~~
Finfinneettan si'eegaa
Tufaa munaarraan kottu
Tuulamaa mana seenaa
Woliin galla sin obsu
~~~~~~~~
Nakeessaa mana qabdaa
Alan deemin haalamtee
Seenaan irbuun gamadaa
Borsaa keetti baatamtee
~~~~~~~~
Sin jaalladha yoomiyyuu
Idamaa haga mormaa
Osoo lubbuudhaan jiruu
Darbee sin laadhu ormaa
:::::::::::::::::::::::
Eebbiseen sigaggeessa
Hanga wol arginutti
Ifi Duumessa keessaa
Akka biiftuu bariitti
•••••••••••••••••••••••
Handoode korma ta'ii
Lalisi bonaa ganna
Tulluu ta'ii mulladhuu
Humnamo caali garba
••••••••••••••••••••••••
Hurgaa'ii akka shitoo
Hundumayyu hawwadhu
Isa siif buusu kiyyoo
Diinake injifadhu
••••••••••••••••••••••••
Odaa dagaage ta'i
Hundaaf kenni qabbana
Hunduumaan sodaatami
Akka leenca daggalaa
•••••••••••••••••••••••••
Beelaaf dheebuu danda'i
Dheeri akka waddeessaa
Umuriinkee hata'uu
Umurii arraagessaa
#join
#share
#Oromoo
#WBO
#Jaal_Battee
@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430

1 week ago

.godaannisa.!

Godaannisa seenaa
Madaa hin fayyine
Dhukuba garaa keessaa
Kan namuu hin argine.

Caba lafee cabne
Lafee wiirtuu dugdaa
Kanaaf nu dhukkuba
Kulkulee yeroo hundaa.

Harmee harmi muramee
Harmaa hoonee guddanne
Kanaaf dhukkubsanna
Aanoolee yaadannee.

Abbaatu harka murame
Harka gama mirgaa
Kanaaf keessii keenya
Dhukkubsattee dhigaa.

Waan tokko balleessine
Osoo hin umiin yakka
Oromummaaf yakkamne
Muramne harmaafi harka.

Qomoo bifti nama
Keessi immoo bineensa
Harmaa Fi harka keenya
Nu muranii kaleessa.

Minillik waraabeessi
Nama bifti seexanaa
Dhigaa Saba nagaa
Dhugee afaan bana.

Seexani dhigaa nu dhugee
Falfalaa sanyii moraa
Qomoo seenaa qabne
Warra kayyoo dharraa.

Minlikii bulguun
Qomoo Koo dugugee
Dhigaa Saba kiyyaa
Beenyaa malee dhugee.

Nuti dhaloonnii qubee
Hambaan gootota kalee
Wal yaadachisuu qabna
Seenaa bara aanolee.

Dhiigaa dhiigaa baafna
Gumaa abboota keenyaa
Seenaa barreessiinee
Dhalootaa dhufufii keenyaa.!

╰───⌊@Qeerroo_press

@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430

1 week, 1 day ago

MADAAN QORREE
Nadhukkuba duraanuu
Madaan qaba ammaas
Tuqan madaakoo nattii
Kaasu tuqanii na
Yaaddachisu cabakoo

Duraanuu obsee ta'een
Cinadhee maleessaa
Isayyuu yoomaan fayyee
Cabakoo kan kaleessaa

Har'as kunoo dha'ani cabsaan
Lafeekoo jabaa kan darbees
Hin fayyinee bar miidhamaan qaba

An rakkoon mo'uuf jedheen
Halkanii guyyaa susuka
Kan har'as nattii caale
Kan duraa na dhukkuba
🖊️ Firii Taayyee

@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430

1 week, 6 days ago

DV 2025 result ni ilaalla waan ta'eef nu qunnamuu dandeessuu
@wabiif

2 weeks ago
2 weeks, 1 day ago

5 Rules of Success
• Define your goals
• Motivate yourself
• Never stop learning
• Be your own best fan
• Do what you love

@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430

3 weeks, 4 days ago

Dhoqqeef bosoqqee'rraa
Bidiruun hin soofamu,
Galaana goge irrattis
Tasumaa hin oofamu !
Bosoqqee bor cabu irraa
Dhiisi bidiruu soofuu,
Namni namaan oofamu
Tasa bidiruu hin oofu !
Argamtee mullachuuf
Ifaajjee hin dadhabin
Dhiisi yaa namana-dhoqqee bareechitee
Waliin hin caccabin !

@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430

3 weeks, 6 days ago

Dhirsishee manaa baanaan
Abbayya daakuu dhaqxe
Durayyuu dirqiif teesse
Gaangeen hidhaa kutatte

Tokko nyaaraan xaqasti
Dhirsa bira osoo teessuu
Dubartii hanna barte
Dheegdeefis hin dandeessu

Akka hiriyoota kee
Hojii ooltees dadhabdu
Dubbiin manaa si eegdi
Galtees boqonnaan qabdu

Maal nyaatteef eessa oolteen
Mataa si dhukkubsiti
Ati beekaa callisnaan
Arraba si quubsiti

Aariin laphee qolloftee
Si bulchitiim hagabuu
Dubartii akka kanaa
Waaqayyo sirraa qabu.

Dhiira laaxxee yoo taate
Ameen jedhii fudhadhu
Fuutee jirta yoo taate
Carraa keetiim gubadhu!

Akkasaatti danda’i
Bultii lama hin dhaabani!
Dubbiin dhimma wal shakkuu
Hin cima kanaafani!

@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430

4 weeks, 1 day ago

Kaan ofiisaan ooda
Kan waliisaa qooda
Tokko jajuun wal raasa
Tokko madoodhaan hasaasa
Kaaniin maraate jedhu
Maraataa fayyoomsuu fedhu
Waanti lafa kanaas na dhibee
Utuu fayyaan wal jibbuu
maraataan wal dhaqqabee😳
Lafa nagaa oolaa!

@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430

1 month ago

https://www.facebook.com/ArraataONM/videos/413324391335561/

Facebook

Log in or sign up to view

See posts, photos and more on Facebook.

We recommend to visit

buy ad: https://telega.io/c/BurqaaIspoortii

CEO @Obsamilli


Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii

Last updated 1 month, 3 weeks ago

Chaanaalii kana irratti Faarsaa Kanneen Bara Durii,akkasuma Haaraa Qilleensarra kan Oolan @full Album,,, argachuu dandeessu #faarfannaa qabdan kara kana nuu ergu dandesu @Faarfannaahaaraa_bot
#group_keenya @faaruutuubee
#Channel keenya @OboroMedia
🙏🙏🙏

Last updated 3 weeks, 5 days ago

📈 If stock market experts were so expert, they would be buying stock, not selling advice. 🤔
~Norman Ralph Augustine | @Stockbot

Contact: @Executive_Robot

Last updated 1 month, 2 weeks ago