Infinite Entertainment, Zero Cost: Get Your Free Books, Music, and Videos Today!

Ergaa Ganamaa

Description
❍ Tajaajila Channel Kanaan dhiyaatu:
» Barnoota Dhufaatii Gooftaa Yesus
» Dhugaa Wangeelaa
» Taatee Bara Dhumaa
» Ergaa Dargaggootaa
» Qo'annaa Macaafa Qulqulluu
» Kitaabilee hafuuraa PDF fi kan kana fakkaatanidha. Yaadaf: (@Getu_Abera @Megertu_Dhugasa )
Advertising
We recommend to visit

Waa mareeg lagu aruuriyo duruusta culimada soomaaliyeed.

Waxa ka masuul ah:
https://t.me/IshraqCenter

Kala xidhiidh maamulka halkan:
@Turaasculimobot

Waxaad ka heleysaa buugaag ku qoran Luqadaada Hooyo ee Af-Soomaaliga oo ka liyah

Fadlan wixii Su'alaha la xariir

@liibaanwaasuge
@Mfaratoon

Hoyga Aflaanta Hindiga & Musalsalda Afsomali ah Gaar ahaan Kuwii Hore ee 70aad Kii ilaa 2024 Jaceyl Waali @ALFAGHISTUDIO Halkan Ka Daawo

1 month, 2 weeks ago

Filannoo keessan tuquudhaan ilaalladhaa!

[1--♥️♥️

2--💌💌

3--🙏🙏

4--🥀🥀

5--🎉🎉](https://t.me/+F29iJnDKops5Y2Fk)

𝙷𝙾𝙿𝙴 𝙿𝚁𝙾𝙼𝙾

1 month, 3 weeks ago

NAMAA FI KAAYYOO UUMAMA ISAA
KUTAA 7FFAA

Waaqayyoon akkamiitti beekun dandeenya?
⁷ Michoota ko! Jaalalli kan Waaqayyoo waan ta'eef, kottaa wal
in jaallannaa! Namni jaallatu hundinuu mucaa Waaqayyoo ti,
Waaqayyoonis in beeka.⁸ Waaqayyo jaalala waan ta'eef, namni
hin jaallatin, Waaqayyoon hin beekne. (1Yohannis 4:7-8)
Namni Waaqayyoon beekudhaaf macaafa qulqullus ta‟ee
macaafota waa‟ee Waaqayyoo dubbatan danuu kanneen biroo
dubbisuu danda‟a. Haa ta‟u malee hamma jaalalaan hin
deddebineetti Waaqayyoon beekuu hin danda‟u. Biyya lafaa
irraa macaafa qulqulluu ka‟uumsa kan godhatan dhaabbilee
amantaa heddutu jiru. Amantaawwan danuun kan isaan
bu‟eereffatan namoota macaafa qulqulluu dubbisanii yaada
mataa isaani hubatan irrattidha. Amantoota akka barsiisuuf
Waaqayyo barsiisan inni tokkichi duwwaan waldaaf erge
Hafuura qulqulluu jedhe
¹⁰ Waaqayyo garuu hafuura qulqulluudhaan isa kana nutti
mul'se; hafuurri qulqulluun waan hundmaa, yaada Waaqayyoo
isa gad fagoo iyyuu qoree bira in ga'a.¹¹ Waan yaada namaa
keessa jiru, hafuuruma namicha keessa jirutu beeka malee,
namni biraa beekuu hin danda'u; akkasumas hafuura
Waaqayyoo malee, eenyu illee yaada Waaqayyoo hin hubatu.
(1Qoronxoos 2:10-11)
Kaayyoon Hafuurri qulqulluun dhufeef yaada Waaqayyoo isa
gad fagoo amantootaaf ibsuudhaafi. Namoonni hunduu waa‟ee
Waaqayyoo utuu madda isa tokkicha (Hafuura qulqulluu) irraa
barataniiru ta‟ee garaa garuummaan kun hundi hin uumamu ture.
Sababni namoonni Hafuura qulqulluu irraa barachuu dadhabaniif
inni jalqabaafi inni ijoon jaalalan deddeebi‟uu dhiisuu isaaniti.
Amanaan tokko hamma jaalalan hin deddeebinetti barsiisa
hafuurri qulqulluun keessa isaa taa‟ee waa‟ee Waaqayyoo isa
barsiisu dhaga‟uus ta‟ee dhaga‟ee hubachuu hin danda‟u. Namni
hin jaalanne Waaqayyoon hin beeku waan ta‟eefuu.
¹⁰ Namni obboleessa isaa jaallatu ifa keessa in jiraata; isa
keessas wanti nama gufachiisu hin jiru.¹¹ Namni obboleessa isaa
jibbu garuu dukkana keessa jira, dukkanicha keessas in
deddeebi'a' dukkanichi ija isaa waan jaamseef, gara itti adeemu
hin beeku. (1Yohaannis 2:10-11)
Macaafa qulqulluu keessatti ifni beekumsa yoo bakka bu‟u faalla
isaa immoo dukkanni beekumsa dhabuu (wallalummaa) bakka
bu‟a. Obboleessa isaa kan jibbuu wallaalummaa keessa jiraata.
Kakuu haaraa keessatti jaalalli abboommiiwwan lamaan
kennaman keessaa isa duraa fi isa jalqabaa kan ta‟e kanaafi.
“Abboommiin isaa kunis, "Maqaa ilma koo Yesus Kristositti
amanaa! Akka abboommii inni kennettis walii keessan
jaalladhaa!” nuun jedha.” (1Yohannis 3:23)
Abboommiin Waaqayyoo inni jalqabaa namoonni akka maqaa
ilma isaa Yesus Kristoositti amanan abboome. Kunis namoonni
eenyummaa Waaqayyoo qabatanii akka dhalatan kan dandee
ssisudha. Abboommii kana fudhatanii namoonni lammaffaa
dhalatan immoo abboommiin isaanif hafu mataa waldaa
kristiyaanaa inni ta‟e gooftaan keenya Yesus Kristoos “Akkuman
isin jaalladhe isinis wal jaalladhaa” isa jedhudha.

*BAAYYEE AYYAANNI ISINIIF BAAYYATEERA!!!

KUTAA 8FFAAN ITTI FUFA.... “Kanaa mannaa jaalalaan dubbii dhugaa dubbachaa, kottaa karaa hundumaan gara isa mataa nuuf ta'ee, gara Kristositti in guddannaa!”
— Efe. 4:15***

@kakuu_studio
@megertu_dhugasaa
✍️✍️@wisdomofgod_1818

1 month, 3 weeks ago

Ibroota 10:23-24

23 Inni abdii nuuf kenne amanamaa dha; kanaafis kottaa abdii keenya beeksisuutti jabaannee in qabamnaa! 24 Jaalala argisiisuudhaaf, waan gaarii hojjechuudhaafis kottaa tuttuqnee yaada walii in kaafnaa!

@GetuVsMegertu
@GetuVsMegertu

1 month, 3 weeks ago

Iyoob 4:3-4

3 Kunoo, ati namoota baay'ee barsiifteetta, dadhaboota harka qabdee jabeessiteetta; 4 dubbiin kee nama kufuuf jedhu jajjabeessee in oolcha, warra jilbi isaanii laafes jabeessiteetta;

@GetuVsMegertu

1 month, 4 weeks ago

Far 3:1-8

Kadhata Ganamaa
(Faarfannaa isa Daawit yeroo ilma isaa Abiishaalom duraa baqate faarfate)

1 Yaa Waaqayyo, diinonni koo attam baay'ee dha! Baay'een kan ana irratti ka'an jiru. 2 Baay'een waa'ee koo in dubbatu, "Inni Waaqayyo biraa gargaarsa hin qabu" in jedhu.

3 Ati garuu yaa Waaqayyo, naannoo kootti gaachana anaaf in taata; ati ulfina koo ti, mataa koos ol ol in qabda. 4 Ani sagalee koo ol fuudheen Waaqayyoon waammadha, inni immoo tulluu isaa isa qulqulluu irraa deebii anaaf in kenna.

5 Ani nan ciisa, nan rafa, Waaqayyo waan ol na qabuuf deebi'ee nan dammaqa. 6 Ani warra kumaatama ana irratti ka'anii na marsan hin sodaadhu.

7 Ka'i yaa Waaqayyo, na gargaari yaa gooftaa ko! Ati diinota koo hundumaa mangaagaa in rukutta, ilkaan warra jal'ootaas in caccabsita. 8 Gargaarsi Waaqayyo bira jira; eebbi kee saba kee irra haa jiraatu!

@GetuVsMegertu

1 month, 4 weeks ago

Far 23:1-6

1 Waaqayyo tiksee koo ti, ani homaa hin dhabu! 2 Inni marga lalisaa keessa akkan boqodhu in godha, gara laga itti aara galfataniittis na geessa; 3 inni lubbuu anatti in deebisa, maqaa isaatiif jedhee daandii qajeelaa irra na geggeessa.

4 Ani bowwaa dukkanaa'aa sodaachisaa keessa yoon adeeme iyyuu, hamaan anatti dhufa jedhee hin sodaadhu; ati anaa wajjin jirta, uleen keetii fi dhaabbanni kee ana in jajjabeessu.

5 Utuma warri na cunqursan ilaalanii, ati maaddii anaaf in dhi'eessita mataa koos dhadhaa ejersaa in dibda, xoofoon koos guutee irra in dhangala'a; 6 eyyee, bara jireenya koo hundumaatti gaarummaan kee fi arjummaan kee ana duukaa in bu'u; guyyoota kana hundumaafis mana Waaqayyoo keessa nan jiraadha.

Halkan Gaarii❤️🙏

@GetuVsMegertu

2 months ago

𝐘𝐨𝐡𝐚𝐧𝐧𝐢𝐬8:8-11

8 Kana booddee ammas gad jedhee lafatti caafe.

9 Isaan kana dhaga'anii, jaarsoliidhaa hamma warra kaaniitti tokko tokkoon ba'anii adeeman; Yesusin kophaatti dhiisan; dubartittiinis achuma dhaabattee hafte. 10 Yommus Yesus ol jedhee, "Dubartii nana, meerree isaan? Namni tokko illee firdii si irratti hin raawwannee?" isheedhaan jedhe.

11 Isheen immoo, "Tokko illee, gooftaa ko" jettee deebifteef; kana irratti Yesus, "Egaa anis sitti hin faradu, dhaqi ammaa jalqabdee cubbuu hin hojjetin!" isheedhaan jedhe.]

𝐇𝐚𝐚𝐝𝐡𝐞𝐬𝐢𝐭𝐨𝐧𝐢𝐤𝐞𝐞 𝐬𝐢𝐢𝐟 𝐆𝐨𝐟𝐭𝐚𝐚𝐤𝐞𝐞 𝐰𝐚𝐚𝐥𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐛𝐚𝐬𝐚𝐧𝐢𝐢 𝐬𝐢𝐛𝐫𝐚𝐚 𝐝𝐞𝐛𝐛𝐢𝐲𝐮𝐮!
𝐒𝐚𝐥𝐩𝐡𝐢𝐧𝐚𝐤𝐞𝐞 𝐲𝐚𝐚𝐝𝐚𝐚𝐧𝐢 𝐮𝐥𝐟𝐢𝐧𝐚𝐭𝐢𝐢 𝐬𝐢𝐢𝐛𝐛𝐚𝐬𝐚𝐧𝐢𝐢 𝐬𝐢𝐛𝐢𝐫𝐚𝐚 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐲𝐮𝐮 𝐆𝐚𝐥𝐠𝐚𝐥𝐢𝐭𝐢𝐢 𝐊𝐚𝐚𝐧𝐚𝐚❤️🙏

@GetuVsMegertu

2 months ago

Kanaafidha yaadni waa‟ee ofi keenyaa yaadnu dhugaa
Waaqayyootiin (ilaalacha Waaqayyoo waa‟ee keenyaf beeku)
bakka bu‟uu kan qabu. Ofii keenya (eenyummaa keenya isa
lammaffaa dhalate) keessatti ilaalun kan ta‟u daawwitii
tokkichi qofti Waaqayyodha. Waaqayyo maal akka fakkaatu yoo beekne ofii keenyas ni beekna. Sababni isaa nuyi
gutummaatti Waaqayyo fakkaanna waan ta‟eefi.
Waaqayyo hamma danda‟aamu hundumaatti nama ofiitti
siqseetudha kan uume. Yoo Waaqayyoon hin beekne ofii
keenyas hin beeknu. Yoo ofii keenya hin beekne jirenya bara
baraa shaakaluu hin dandeenyu yookan immoo akkuma
duraattti du‟a jala jiraanna. Kanaafidha gooftaan Yesus
Kristoos Waaqayyoon beekufi jireenya bara baraa wal
qabsiisee yeroo dubbatu “Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa,
Yesus Kiristosin isa ati ergites beekuun isaanii jireenya bara
baraa ti.” (Yohaannis 17:3) kan jedheef.
Kanaafuu amanaan tokko ofii isaa beekuu yoo barbaade
Waaqayyoon beekudhaaf tarkaanfiin inni jalqabatti
tarkaanfachuu qabu murtoo dhaabataa murteeffachuu dha.
Amanaan murtoo kana erga murteeffatee gaffiin jalqabarratti of
gaafachuu qabu akkamittan Waaqayyoon beekuu danda‟a?
Kan jedhudha

**KUTAA 7FFAAN ITTI FUFA WAAN DUBBISTANIIF GALATOOMAA

“Warra dubbicha hojii irra oolchan ta'aa malee, warra dhaga'uu duwwaadhaan of gowwoomsan bin ta'inaa!”
— Yaq. 1:22**

KOOTTAA WARRA MOOTUMMAA DUKKANAA DIIGANII MOITUMMAA IFAA IJAARAN HAA TAANU!!!!!!!

@kakuu_studio
@getuvsmegertu
@megertu_dhugasaa
✍️@wisdomofgod_1818

2 months ago

NAMAA FI KAAYYOO UUMAMA ISAA
KUTAA 6FFAA...

Waaqayyoon Beekuu
² Waaqayyoon, gooftaa keenya Yesusinis beekuu bira ga'uu
keessaniin ayyaannii fi nagaan isiniif haa baay'atu.³Nuyi,
Waaqayyo isa ulfina isaa fi humna isaa isa dinqisiisaadhaan
nu waame beekuu bira ga'uudhaan wanta nu barbaachisu
hundumaa arganneerra. Gooftaan humna waaqayyummaa
isaatiin gara jireenyaatti nu geessuuf, namoota Waaqayyoo nu
godhachuudhaaf kana hundumaa nuuf kenneera.
(2Pheexiroos 1:2-3)
“Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa, Yesus Kiristosin isa ati
ergites beekuun isaanii jireenya bara baraa ti.”
(Yohaannis 17:3)
Sababni Waaqayyo nama uumef inni tokkichi duwwaan
jireenya isaa namaaf qoodufi. Yesus Kristoos gara biyya lafaa
dhufee waan godhe hundumaa kan godheef nama sababii
cubbuutin du‟ee (jireenya Waaqayyotti adda ba‟ee) ture gara
jireenyaatti (jireenya Waaqayyo jiraatutti) deebisuudhaaf ture.
“Hattuun, waan biraaf utuu hin ta'in, hatuudhaaf, qaluudhaaf,
balleessuudhaafis in dhufti; ani garuu hoolonni jireenya haa
qabaataniif, irraa hafaas haa qabaataniif dhufeera” jedhe.”
(Yoh 10:10)
Du‟a jechuun jirenya Waaqayyo jiraatun alatti jireenya jiru
jechuudha. Dhukkuba, abdii kutannaa, dhiphina, yaaddoo,
hiyyuma fi kkf wantoonni lubbuutti gadda fidan hundi isaanii du‟a keessatti haammatamu. Jireenya Waaqayyo jiraatu keessa
wanti gaddaaf sababa ta‟u hin jiru. Waaqayyo jireenya kana
kan jiraatuu eenyummaa (amala)/nature isaa irraan kan
ka‟eedha. Jecha kan biraatin amalli (eenyummaan/nature)
Waaqayyoo kun jireenya Waaqayyo jiraatu kana akka inni
jiraatu dandeessisa.
Jaalalli isaa, hunduma danda‟uun isaa, amantiin isaa, beekumsi
isaa, ogummaan isaa, qajelummaan isaa, qulqulluummaan isaa,
walumaa galatti ulfinni isaa jireenya Waaqayyo jiraatu;
jireenya isa wanti tokko illee itti hin hir‟anne; jireenya baay‟ee
gammachiisaa ta‟e kanaaf sababootadha.
Namni jireenya akka Waaqayyoo (God kind of life) jiraachuu
dhaaf amala (eenyummaa/nature) Waaqayyoo qabachuu isa
barbaachisa. Kanaafidha Waaqayyoo kan inni namaaf amala
(eenyummaa/nature) isaa kennee uumef.
“Egaa Waaqayyo akka bifa isaatti nama uume, akka bifa
Waaqayyootti isa uume; dhiiraa fi dubartii isaan uume; ”
(Uumama 1:27).
Namni kennaa jaalala Waaqayyoo isa ta‟e gooftaa Yesusin
amanee fudhate hunduu amala (eenyummaa/nature)
waaqayyummaa ofii isaa keessaa qaba.
“Kennaa kanaan isin badiisa, isa sababii kajeellaa fooniitiif
biyya lafaa kana keessa jiru jalaa baatanii, eenyummaa
waaqayyummaatti hirmaattuu akka taataniif abdiin gatijabeeyyiinii fi gurguddoonni nuuf kennamaniiru.”
(2Pheexroos 1:4 KJV)
Eenyummaa (nature) hafuura irraa dhalachuudhaan arganne
kana hamma of keessaa baasnee itti hin fayyadamnetti jireenya
Waaqayyo jiraatu jiraachuu hin dandeenyu. Dhalli namaa biyya
lafaa irratti waan godhu hundumaa kan inni godhuuf jireenya
moo‟atee jireenya gammachiisaa ta‟e jiraachuudhaaf akka ta‟e
ifadha.
Dhala namaa immoo jireenya irratti olaantummaa kan kennuuf
eenyummaa (nature) Waaqayyoo isa keessa isaa jiru kana qofa
dha. Dhala namaa enyummaa (nature) waaqayummaa kanaan
alatti wanti biraan raawwatee isa quubsuu hin danda‟u.
Amanaan tokko Waaqayyo amaloota akkamii akka qabuufi
amaloota kanneen akkamitti hojirra akka oolchu yoo beeke
innis ofii isaaf amaloota akkamii akka qabuu fi amaloota
kanneen akkamitti hojiirra akka oolchu ni beeka jechuudha.
Waaqayyo namoonni akka isa beekan kan inni barbaaduf akka
isaan ofii isaanii beekanifidha. Dhalli namaa hamma itti of
tilmaamu gararraa ta‟us gochuus hin danda‟au. Waanuma jedhe
sana ta‟a. Waanuma gochuu nan danda‟a jedhe qofa godha.
Jireenyi nuyi jiraannu wanta nuyi yaadnuun kan murtaa‟edha.
Namni akkuma garaa isaatti yaadu akkuma sanadha.
(Fakkeenya 23:7)

We recommend to visit

Waa mareeg lagu aruuriyo duruusta culimada soomaaliyeed.

Waxa ka masuul ah:
https://t.me/IshraqCenter

Kala xidhiidh maamulka halkan:
@Turaasculimobot

Waxaad ka heleysaa buugaag ku qoran Luqadaada Hooyo ee Af-Soomaaliga oo ka liyah

Fadlan wixii Su'alaha la xariir

@liibaanwaasuge
@Mfaratoon

Hoyga Aflaanta Hindiga & Musalsalda Afsomali ah Gaar ahaan Kuwii Hore ee 70aad Kii ilaa 2024 Jaceyl Waali @ALFAGHISTUDIO Halkan Ka Daawo