Last updated 1 month, 2 weeks ago
Channel kun dhimma barattoota oromoo irratt odeeffannoo garagaraa dhiyeessa
Yaada fi qeeqaa karaa @Barattootaorobot jedhun nuuf kenna
⚡️⚡️Karaa YouTube dhan nu hordofuuf https://www.youtube.com/@OroAcademy⚡️⚡️
https://telega.io/c/Barattootaoromo
Last updated 2 weeks, 2 days ago
Bu'aa qormaata keessanii asirratti argachuu dandeessu
Last updated 2 months, 2 weeks ago
Ergaa Macaafa Qulqulluu
¹² Namni nama tuffatu qalbii hin qabu, namni hubataan garuu calluma jedha;
…
²⁷ Namni wanta gaarii dhimmee barbaadu, faara tolaa in argata; nama wanta hamaa barbaadutti garuu hamaatu dhufa.
²⁸ Namni sooruma isaa amanatu in kufa, namni qajeelaan garuu, akka muka jiidhaatti in lalisa;
…
³⁰ iji hojii nama qajeelaa muka jireenyaa ti, namni ogeessi malaan lubbuu namaa in deebifata.
? Open Home - Get Best Channel
┏┓
┃┃╱╲
┃ ╱╱╲╲
╱╱╭╮╲╲
▔▏┗┛▕▔
╱▔▔▔▔▔▔▔▔▔▔ ╲
╱ ωєℓ¢σмє™ ╲
╱╱ ┏┳┓╭╮ ┏┳┓ ╲╲
▔▏ ┗┻ ┃┃ ┗┻┛ ▕▔
?ᴊᴏɪɴ?
Click here - Open Home▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
Wave Channels:
1️⃣. https://t.me/addlist/TeDwKoVAalpjOTg0
2️⃣. https://t.me/addlist/4e8EfR1mqNFlY2E8
3️⃣. https://t.me/addlist/zmVHxi0DnN1hYjFk
4️⃣. https://t.me/addlist/uuKMm33vxNFjODFk
? Free Promotion: @Gech_Ab
ibsamu, amalli isaanii bara baraan qulqulluu fi mudaa kan hin qabne ta’ee ni hafa. ”
“Ammadha yeroon qophaa’uu. Mallattoon Waaqayyoo adda dhiirotaa fi durboota hin qulqulloofne irratti hin ta’u. Raawwatee adda dhiirotaa fi durboota hawwa lafaa qabanii irratti hin godhamu. Gonkumaa adda dhiirotaa fi durboota arraba sobuu fi onnee goyyoomsu qaban irratti hin ta’u.warrootni mallatticha fudhatan martinuu Waaqayyoon duratti mudaa malee ta’uu qabu, samiif kan kaadhimamaniidhahoo. Yaa obboleessaa fi obboleettii ko gara fuula duraatti adeemi. Dhimma kana qofa irratti sa’aatii kana ibsee barreessuun barbaada, salphaa dhumatti yaada kee gara barbaachisaa qophichaatti deebisi, dhuunfaa keetti Macaafa Qulqulluu sakatta’i. Sodaa dhugaa yeroo kanaas akka hubattutti. ” 5T 215, 216
Guyyaan Waaqayyoo inni ijaa baasu nutti dhiyaateera. Mallattoon Waaqayyoo adda warra cubbuu isaanii fi cubbuu biyya isaaniif gaddaniif bo’an iratti godhamuuf jira…Xumurri hojii keenyaa mallattoo Waaqa jiraataa akka fudhannuuf ykn meeshaa isa balleessu sanaan keessaa akka citnu (kutamnu) godha. 5T 212.
Gooftaan Anatti agarsiiseera gatii guddaa kan qaban lubbuuwwan beela’aa, du’aa akka jiran fedhii dhugaa yeroof jecha, dhugaatti mallattaa’uuf, foon sababa waqtiileen, ariitiidhaan ergamaan afarsaa baatus daandii isaanii irra jira, hoolota karra isaas dhugaa yeroo ni quubsa (ni nyaachisa). An nan dhaga’e ergamicha akkana utuu jedhuu ‘Ergamaa isa afarsaa baatu ariifachiisi! Ergamaa isa afarsaa baatu
WAAN DUBBISTANIIF GALATOOMAA
Barsiisawwan babbareedoo argachuu barbaadduu?
Yoo deebiin keessan eeyyen ta'e liinkiiwwan armaan gadii fayyadamuu dandeessu!
@kakuu_studio
@singer_megertu_official
@megertu_dhugasaa
@getuvsmegertu
✍️✍️✍️✍️✍️✍️@wisdomofgod_1818
Dhugaan hafuura raajii kan inni irratti xiyyeeffatu dhugaa ergaa ergamaa sadaffaa irratti, innis Sanbata yookaan mallattoo Waaqa jiraataa kan agarsiisuudha. Kunis humna guddaan lallabamuu qaba. Dhamaatii murteessaan ergaan kun yeroo ammaa kana fuula namootaa duratti dhiyaachuu qaba. Ergaan ergamoota sadanii humna guddaan lallabamuu qaba. Eenyullee hojii kana akka waan gatii hin qabnee ykn akka waan gatii xiqqaa qabuutti hin ilaalin. Amalli hojii keenya walii galaa jijjiiramuu qaba. Akka raajiitti qajeeltoo fi ifaatti dhaabachuu qabna. Tokkummaa addunyaa keessa seenuun nurra hin jiru. Akkas gochuu dhaan kan nutti fakkaatu baay’ee kan milkoofne taana. Eenyullee daandii kana irra yoo dhaabbate, daandii guddina hojii Waaqayyoo kan agarsiisu danquudhaaf, isaan Waaqayyoon ni gaddisiisu. Daandiin dhugaan namoota AGT (Adveentistii Guyyaa Torbaffaa) dadhabsiisu hin jiru. Nuti daangaa durii isa, dhugaa muuxannoo fi dirqama qabna. Qajeelfama keenya tiksuufis jabaannee dhaabachuu qabna, ilaalcha guutuu addunyaa keessatti. 6T 16, 17
Dhaabbata dhugaa gati- jabeessaa kan ta’e “Daangaan durii” jabaatee dhaabatee turuu qaba, nutis isa tiksuu qabna. Inni nuuf qajeelfama qulqulla’aadha. Mallattaa’uun yookaan ergaan Sanbataa dhugaalee kanneen keessaa tokko. Kallattii qajeelaa fi sirrii ta’e irra lallabamuu qaba akka raajiin nutti mul’isetti. “Nuti saba abboommii Waaqayyoo eeganiidha. Waggoota shantamman darbaniif goyyoomsaan addaa addaa gara keenya dhufanii turan, sammuu keenya dukkaneessuudhaaf, barsiisa sagalee isaa irraa keessattuu tajaajila kiristoos mana qulqullummaa isa samii keessa jiru ilaalchisee, ergaa samii yeroo xumuraa kanaaf akka ergamaa isa Mul’ata 14 keessatti kennametti.” 1SM 208.
Sabni Waaqayyoo warri abboommii isaa eegan adda isaanii irratti mallattoo Waaqa jiraataa ni fudhatu. (Mul.14:1, 12 fi 7:2-4 wal-cina qabuun ilaali). Hafuurri raajiin akka nutti himutti: “Warrootni Waaqayyoof sagadan keessattuu kan isaan ittiin adda baafaman abboommii arfaffaatiin, sababa kun aangoo Waaqa uumaa ta’eef akkasumas dhuga-baatiin isaa kabajaa fi ulfina isaa irratti kan hundaa’uudha.Cubbamootni kan isaan ittiin adda adda ba’an dhamaatii isaaniitiin guyyaa yaadannoo cabsuuf yookaan dhaabbata Roomaa ol-kaasuuf. Dhimma wal-dhabdee kana irratti dhaabbatni amantii hundi kutaa garaa garaa lamatti adda qoodamu. Warra abboommii Waaqayyoo eeganii fi amantii Yesus qaban, akkasumas bineensichaa fi bifa fakkeenya isaaf kan sagadan mallattoo isaas kan fudhatanii dha” 9T 16.
Dhimma guddaa kana irratti gareen lama ni uumama. Garee warra ‘Bineensichaa fi bifa fakkeenya isaaf sagadan akkasumas mallattoo isaa fudhatan’ fi warra ‘Mallattoo Waaqa jiraataa’ fudhatan maqaan Abbaas adda isaanii irratti barraa’ee kan qabaniidha. Mallattoon kunis milikkita ijatti mul’atu miti. 7 BC 980. (See GC 450.)
His. 9 qabxii barbaachisaa mallattoo addatti fudhachuu mul’isa. Gareen mallattoo Waaqayyoo adda isaanii irraa hin qabne ni balleeffamu. Galmi namaa kan inni irratti hundaa’u ergaa fudhachuu fi fudhachuu dhiisuu irratti hundaa’a. Inni guyyaa balleeffamuu isa xumuraa sana warroota mallattoo isaa of-irraa qabaniif qofa eeggannoo godha. Kanarraa kan hafe mara illee ni balleessa.
Yeroon isaa amma kan nuti ofii keenyaa fi ijoollee keenya mudaa fi xuraa’ummaa addunyaa kanaa irraa eegnu (ittisnu). Xuraa’ummaa uffata amala keenyaa miiccachuu fi dhiiga hoolichaatiinis kan itti addeeffannu yeroon isaa amma. Kan nuti itti koormaa, hawwii fi hafuuratti mucucaachuu itti mo’annus yeroon isaa amma. Kan nuti dammaqnee dhamaasuu keenyaa fi amala qajeelaa qabaachuuf murteessinu amma.
“Yeroo qophaa’ummaa isa guddaa kana keessa maal hojjechaa jirtu obbolootaa? Warrootni addunyaa wajjin tokko ta’aa jiran tokkummaa lafaa wajjinii fudhachuun mallattoo bineensichaa fudhachuuf qopha’aa jiru. Warrootni ofii isaaniitti hin quufne, mataa isaanii Waaqayyoon duratti kan gad-of deebisan, lubbuu isaaniis kan qulqulleessan dhugaa kanaaf abboomamuun tokkummaa samii wajjinii fudhachuun mallattoo Waaqa jiraataas adda isaaniitti fudhachuuf ni qophaa’u.Yummuu labsichi bakkeetti ba’u, chaappichis
ERGAA DU’AA YOOKIIN JIREENYAA
Obsumaan dubbii kana qooddadhaamee!
Raajichi Isaayyas 58:12, 13 baay’ee barbaachisaadha, sababni isaas hojii haareffamaa dursee waan dubbatuuf kan diigame seerri Waaqayyoos bakkatti akka deebi’uuf. Jaarrota hedduutiif dhugaan Sanbataa lafatti gatamee ture, garuu ol-kaafamuutu irra jira kabajamuus qaba, saboota Waaqayyoo warra dhugaatiin xumura seenaa addunyaa kana keessatti.
Yummuu raajii dubbisnu “Isa dur diigamee ture in deebiftu, hundee isa abaabiliin keessan kaa’an irrattis in ijaartu; isin, ‘Warra isa caccabe deddeebisan, warra karaa isa duudee ture tottolchanis” in jedhamtu. “Isin guyyaa Sanbataatti lafuma halle dhaquu yoo dhiftan, guyyaa koo isa qulqullaa’aa kanatti fedha keessan duukaa bu’uuttii yoo of eeggattan, guyyaa Sanbataa, guyyaa gammachuu, guyyaa qulqullinni koo ulfina itti argatu yoo godhattan, guyyaa sanatti dhimma ofii keessaniitiif adeemtanii itti gammaduu, wanta waa’ee hin baafnes dubbachuu yoo dhiiftan. ”
Haara’umsi Sanbataa kan inni eegale yeroo sochii deebii lammataa ture, hundeessitootnis hubatanii turan ergaan kun barbaachisaa akka ta’e. Yoo walitti hidhamiinsa ergaa ergamaa isa sadaffaa hin argine ta’ellee, akka inni haara’umsa Sanbataa ibsu hubataniiru. Tajaajilaan Gooftaa muuxannoo kanaa dursee dubbateera: Yummuu ifa gaaffii waa’ee Sanbataaf ibsa kennuu eegallu ibsa addaa hin arganne yaada ergaa ergamoota sadanii Mul.14:9-12 wajjin kan wal-qabatu. Ba’aan dhuga ba’umsa keenyaa namoota jalqabaan sochii dhufaatii lammaffaa isa guddaa dura ,ergaan tokkoffaa fi lammaffaa darbaniiru, inni sadaffaan eegaleera. Nutis argineerra ergaan sadaffaanis jecha ‘As jira obsi qulqullootaa abboommii Waaqayyoo kan eegan amantii Yesusis’ jedhuun akka cufamu. Nutis ifaadhumatti beekna dubbiin raajii kun haara’umsa Sanbataa akka dubbatu. .” 1T 78, 79.
Hima armaan olii keessatti mul’ateera haara’umsi Sanbataa akka ergaa ergamoota sadanii wajjin wal-qabatu. Inni tokkos akkuma isa kan biroo barbaachisa. Kunis ergaa addunyaatti lallabamuu qabuudha. “Ergaa ergamaa inni sadaffaan waamicha kan godhu abboommi isa arfaffaa Sanbata akka dhiyyeessaniifiidha. Dhugaan kunis addunyaa duratti dhiyaachuu qaba, garuu handhuura harkisa isa guddaan, kiristoos Yesus, ergaa ergamoota sadanii keessaa hafuu hin qabu. ” 1SM 383
Ergaan ergamoota sadanii fi manni qulqullummaa samii dhimma lama kan yeroo hundumaa walittii adda ba’uu hin dandeenyeedha. “Waaqayyo sabasaatti hojii dachee kana goolabsiisu itti kenneera. Ergaan ergamoota sadanii itti kennameera, sammuun amantootaa gara kallattii mana qulqullummaa isa samiitti qajeelfamuu qaba, bakka kiristoos sabasaaf itti araarsuuf ol-seene. Haara’msi Sanbataa dhiyaachuutu irra jira. Caccabuun seera Waaqayyoos dhaabachuu qaba. Ergichis sagalee guddaan labsamuu qaba, jiraattotni dachee kanaas akeekkachiisa kana fudhachuu qabu” 1SM 67, 68.
Ergmaan inni sadaffaan ergaa isaa akkasitti cufa ‘As jira obsi qulqullootaa abboommii Waaqayyo kan eegan amantii Yesusis’akkuma jecha kana irra deebi’een, mana qulqullummaa samii agarsiisa… “Erga Yesus kutaa qulqulluu qulqullootaa banee booda, ifti Sanbataa ni mul’ate sabni Waaqayyoos ni qoraman, akkuma ijoollotni Israa’el durii qoraman seera Waaqayyoo akka eegan ilaaluudhaaf. ” EW 254
Kunis ragaadha haara’umsi Sanbataa ergaa ergamaa sadaffaa akka ta’ee fi ergaa mallatteessu akka ta’e. Dhuga ba’umsa armaan olii kana kitaaba Barreeffama Ganamaa (EW) 42,43 wajjin wal-bira qabi. Ergaan kun barbaachisaa dha. Sababni isaas, galmi lubbuu hubannaa fi fudhannaa kanaa irratti rarra’ee waan jiruuf. “Gulantaalee sadiitu natti agarsiifame ergaa ergamaa isa tokkoffaa, lammaffaa fi isa sadaffaa. Ergamichis akkana naan jedhe “Wayyoo daangaa isaa iddoo kan butuu fi utubaa ergaa kanaa kan raasuuf. Dhugummaa ergaa kanaa hubachuun baay’ee barbaachisaa dha. Galmi lubbuus akkaataa fudhannaa ergaa kanaa irratti hundaa’ee jira. Ammas ergaan kun naaf kenname, sabni Waaqayyoo darban attamitti muuxannoo kanaa akka bitatan” EW 258, 259
?? YESUS KOO - Singer Megertu Dhugasa Amazing Gospel Song
│
╰──⌊ ✈️ @Singer_Megertu_Official
@Kakuu_Studio
@Getu_Official
gaddeera(Mat.27:4)
d. Dhuga bahumsa Waaqaa ;-Waaqayyo Abbaanis
waa’ee tokkicha ilma isaa akka itti gammadu samii
gubbaa dhaa dhugaa baheeraaf (Mat.3:15-17;17:1-
5).
e. Dhugaa bahumsa bartoota isaa
1) Phaawuloos akkas jedha,” Cubbuu tokko illee hin
qabne” (2Qor.5:21)
2) Phexros akkas jedha,”inni cubbuu hin hojjenne”
(1Phex.2:21-22).
3) Yohaannis akkas jedhe,” inni garuu cubbuu hin
hojjenne” (1Yoh.3:5)
4) “Cubbuu irraa dhiifame malee “,angafa luboootaa
karaa isa karaa hundumaan akka keenya qoramee
darbe dha (Ibr.4;15).
5) “Isa qulqulluu’ ( 1Yoh.3:3).
6) Angafa lubootaa isa qulqulluu waan ittiin jedhan
hin qabne,xurii hin qabne,isa cubbuu irraa gargar
bahee “ (Ibr.7:26-27).
WAAN DUBBISTANIIF GALATOOMAA
@getuvsmegertu
@megertu_dhugasaa
@singer_megertu_official
@kakuu_studio
✍️✍️@wisdomofgod_1818
Sababa nama ta’uun barbaachiseef
(The Reason for the Incarnation)
KUTAA 2ffaa
? Daily Devotional 34 | Spiritual Growth
╭═══▪▪▪▪═══╮
✅ Maatewos 19:5-6 ✅
╰═══▪▪▪▪═══╯
? Gaa'elli Diigamuu hin Dandeenye Isa Kamidha?
Mat. 19 ?
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
⁵ "...dhiirri abbaa isaa fi haadha isaa in dhiisa haadha manaa isaattis in maxxana; isaan lachanuus foon tokko in ta'u.
⁶ Egaa isaan lama miti, foon tokko malee; kanaafis waan Waaqayyo walitti qabsiise, namni gargar hin baas in!" jedhe.
✍️ Kakuu haaraa keessatti gaa'elli diigamuu hin dandeenye tokko jira. Gaa'elli diigamuu hin dandeenye kun isa kamidha yoo jenne immoo waan Yesuus dubbate tokko nu yaadachiisa.
Itti dabalees, “Sababii kanaaf dhiirri abbaa isaa fi haadha isaa in dhiisa haadha manaa isaattis in maxxana; isaan lachanuus foon tokko in ta’u’. Egaa isaan lama miti, foon tokko malee; kanaafis waan Waaqayyo walitti qabsiise, namni gargar hin baasin!” jedhe. (Mat. 19:5-6)
? As irraa waan tokko akka hubattan nan amana. “Kanaafis waan Waaqayyo walitti qabsiise, namni gargar hin baasin!” Isa jedhudha. Iddoo kanatti wanti nuyi hubannu yaada Waaqayyoo yookiin fedha isaa namni dura dhaabbachuu akka hin qabnedha. Gaa'elli diigamuu hin dandeenyee fi warri addaan ba'uu hin dandeenye jalqabuma warra Waaqayyo walitti qabsiise yoo ta'aniidha. Jalqabuma Waaqayyotu walitti isaan fideera taanaan yoom iyyuu adda ba'uun isaaniif hin eeyyamamu. Kana jechuun garuu yoo akka fedhe balleessanii fi ejja hamaa keessas galanis calluma jedhanii waliin rakkachaa hafuun gaariidha jechuu koo miti.
✅ Haa ta'u malee kakuu haaraa keessatti namoota lamaan kana akka Waaqayyo walitti hidhe akkamiin beekuun danda'ama isa jedhuuf immoo, "jalqaba dhiirri tokkoof durbi tokko erga wal jaalatanii booda Kiristiyaanota taanaan aboo waldaa jala of galchuu qabu, waldaan jaalala obboloota kanaa qortee ilaaluu fi irratti kadhachuun, hafuura qulqulluus mariisisuun dirqama isheeti malee mirga ishee miti. Dabalataan ijoolleen maatii isaanii fi maanguddoota hubatoo ta'an waliin haasa'uudhaan gorsa bal’aa fi hubannaa gaa'elaa argachuu qabu. Jaalalli isaanii waldaadhaan ilaalamee, maatii fi maanguddootaan ilaalamee, laphee isaanii keessattis hidda gadi fageeffannaan hidhaan kun Waaqayyo biraati jechuudha.
Kanaafuu inni akkasii kun fedha Waaqayyoo ta'uu isaa itti dabalee waan gaa'elli Kiristiyaanotaa fakkaachuu qabu kan nu hubachiisudha.
? Kuni akkas ta'ee utuu jiruu, warri kajeellaan biyya lafaa kanaa walitti isaan hidhe immoo hedduutu jiru. Isaan kun walitti hidhaminni isaanii Waaqayyo biraa miti. “Kan Waaqayyo walitti hidhe namni addaan hin baasin!” Inni jedhu ergaa isaaniis miti, isaaniinis hin ilaallatu. Hedduun qabeenyaan walitti hidhamani, hedduun kajeellaa fooniin walitti hidhamani, kaawwan isaanii immoo maalummaaf akka walitti hidhamanii waliin manatti galaniiyyuu hin beekani.
➡️ Warreen akkasii kun amma illee waldaa fi biyya rakkisaa jiru. Gaa'elli isaanii waldaa fi biyyaaf mitiitii isaaniifuu kan hiika kennuu dide hedduun amma lafa keenya irra jiru. Isin yoo dandeessan gara kakuu keessan haareffattanii waliin jiraachuutti koottaa! Yoo dadhabdan immoo ariifadhaa adda ba'aa! Wal gubaa jiraattanii gara ibidda caalu sanaatti akka hin nam’ineef of eeggadhaa! Walumaa galatti kakuu haaraa keessatti namoonni kakuun gaa'ela isaanii Waaqayyoon walitti hin hidhamnee fi warreen immoo gaa'ela isaanii kana ejjaan goolan addaan ba'uu ni danda'u.
Buddeena jireenyaa ~ MQ
Daily Devotional: @Getu_Official
"Soorata Hafuuraa Guyyaa Guyyaa"
????????
@Singer_Megertu_Official
@Kakuu_Studio
@Gaaela_Gaarii
@Marriage_Counseling
@Getu_Official
Last updated 1 month, 2 weeks ago
Channel kun dhimma barattoota oromoo irratt odeeffannoo garagaraa dhiyeessa
Yaada fi qeeqaa karaa @Barattootaorobot jedhun nuuf kenna
⚡️⚡️Karaa YouTube dhan nu hordofuuf https://www.youtube.com/@OroAcademy⚡️⚡️
https://telega.io/c/Barattootaoromo
Last updated 2 weeks, 2 days ago
Bu'aa qormaata keessanii asirratti argachuu dandeessu
Last updated 2 months, 2 weeks ago