Why Pay for Entertainment? Access Thousands of Free Downloads Now!

Ergaa Jaalalaa

Description
Jaalalli kennaadha. Kennaa Uumaa kan abbaa uumamtootaa. Jaalatamuunis badhaasa. Badhaasa Rabbii kan caalu waan hundaa.
Advertising
We recommend to visit

Jeet ek Nasha hai aur is Nashe ki Factory ka mai ek lauta Baadshah hoon !

My Telegram Channel Link
https://t.me/+S9lLIcfDkRrhG-VZ

For Any Query Contact
My Username - @RehanBaadshah

Last updated 1 week, 4 days ago

Youtube Irraattis nu Argattu

https://www.youtube.com/c/KaachuuEntertainment

Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot

Last updated 1 month, 2 weeks ago

𝗝𝗶𝗿𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮 𝗺𝗶𝗹𝗸𝗮𝗮'𝗮𝗮 𝗷𝗶𝗿𝗮𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳 𝗸𝗮𝗸𝗮'𝘂𝘂𝗺𝘀𝗮 𝗬𝗔𝗔𝗗𝗔𝗔 𝗳𝗶 𝗗𝗔𝗡𝗗𝗘𝗘𝗧𝗧𝗜𝗜 𝗱𝗵𝗼𝗸𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗼𝗳𝗶𝗶𝘁𝘁𝗶 𝗳𝗮𝘆𝘆𝗮𝗱𝗮𝗺𝘂𝘂𝗳 𝗾𝗼𝗽𝗵𝗶𝗶 𝘁𝗮'𝘂𝘂 𝗯𝗮𝗿𝗯𝗮𝗮𝗰𝗵𝗶𝘀𝗮!
💥 @Oromoo_Inspire_YaadaafBot 💥

Last updated 1 week, 5 days ago

7 months, 2 weeks ago
Sagantaa ittiin torba Irreechaa eebbisnee eegallu!

Sagantaa ittiin torba Irreechaa eebbisnee eegallu!

Bokkuu Arts waliin sagantaa ogbarruun itti iftu, sambata xiqqaa kana.

Sa’aatii 8:00 irraa eegalee, Galma Tiyaatiraa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee (Birbirsa Gooroo)tti.

Hojiiwwan Aartii haaraa fi ajaa’ibaa waliin qophoofnee isin eegna.

Nurraa hin hafiinaa!

@Bokkuu_Arts

8 months, 2 weeks ago

Naaf gala anaaf kolfi kee soora gaafa qofaa ta'uuti. Ijoonni kee yoo na ilaalan kan natti mul'atu ifa. Agartuuwwan keetu waan hundaa naaf ibsa.

Sagaleen kee akka kan uumama kan biraa miti. Gurra koo osoo hin taane, keessa laphee kootiitti dhaga'ama. Akka yeedaloo irbaata mootii irratti yeedaleeffamuutti nagaa namaaf kenna.Kanin yeroo muraasa dhaga'en guyyuu miireffadhee jiraadha.

Faana miila kee kabajuuf jecha, dacheen ati irra ejjettu akka waan barruu isaanii si jala qabaniittin yaada. Callisaa fi garraamummaa kee keessa, uumamni harka Waaqaa gaarii ta'uu isaaniitu natti mul'ata.

Si dhabuu koof mufadhee, garaan koo rafaameera. Si baruu koof ammoo bara jireenya kootii gammadeen jiraadha. Eeyyee qaamnii fi yaadni kee deemuu danda'a. Hafuurrii fi jaalalli kee garuu laphee koo keessa jiraata.

#Gaariin_Jaalala
#DagaagaaZarihuun
@Ergaa_Jaalalaa

8 months, 2 weeks ago

Mootii akkan ta'etti natti haa dhaga'amu!

Maqaa kee yeroon dha'u hagan gammadu, maalillee na gammachiisee hin beeku. Siin ala warreen biroo gara laphee kootii seensisuuf yeroon yaaletti, isaan akka mana cirrachaadha; naaf turuu hin dandheenye.

Qixan si dagadhee, jaalalli kee waan xumurame natti fakkaatetti naaf qaqqabi! Eeyyee yeroo sanatti "Siif jira!" naan jedhi! Adaraa kee jaalala naaf kenni! Irra deebi'ee jaalalatti akkan amanu na godhi.

Guyyuu isan dagadhe gammachuu jaalalaa akkan dhandhamu na taasisi. Isa narra ga'e gadda kan na dagachiisu, jaalala kee naaf kenni! Mootii akkan ta'etti isa natti dhageessisu jaalala kee naaf gumaachi; jireenya koof ifa ta'i!

Keessakoo isa duwwaa ta'ee fi isa jireenyaan madaa'e, jaalala keen naaf guuti. Na cina turii, "Jabaadhu!" naan jedhi. Yoomillee taanaan narraa adda hin ba'in!

Mootii akkan ta'etti natti haa dhaga'amu!

#DagaagaaZarihuun
@ErgaaJaalalaa

8 months, 3 weeks ago

Abdii kutuuf yeroon jedhutti naaf qaqqabi!

Jireenya wal'aansoo qabuuf dhiphini narra ga'e, godaannisa hin banne narra bulcheera. Ijoonni koo gaddaan jiita'uurraan kan ka'e, namootatti qaro dhabeessan fakkaadha. Maddiiwwan koo bo'oo imimmaanii ta'uun cooliganiiru. Hidhiiwwan koos akkasuma. Yeroon akkas ta'utti naaf qaqqabi! Abdii akkan hin kutanne cina koo ta'i!

Jaalalleewwan baay'ee qabaadhee beekan ta'a; garuu har'a tokkoon isaaniiyyuu hin yaadadhu. Haga kees naaf hin ga'ani. Tokkoon isaaniillee akka keetti jaalala laphee koo keessatti hafu naaf hin laanne. Lafa kanarras jaalalli akka jiru na amansiisuu hin dandeenye.

Seeqni isaanii laphee koo gammachuudhaan hin guunne. Yeroowwan ani isaan waliin dabarse tokkollee, yaadannoo ta'ee sammuu koo keessa hin teenye. Eeyyee yaadannoon jaalala isaanii sammuu koo keessa turuu hin dandeenye.

Ati mootittii laphee kootii, jaalalaa fi jireenyatti abdii kutachuuf yeroon jedhutti "Jabaadhu!" Jedhii na bira turi. Hammam namoota baay'ee beekullee jaalalli isaanii laphee koo guutuu waan hin dandeenyeef, ati jaalala kee naaf kenni!

#DagaagaaZarihuun
@ErgaaJaalalaa

8 months, 3 weeks ago

Warra wal jaalatuuf, walitti bu'insi yaadaa dhukkubbiidha. Barteen walirraa qaban hir'achuufii walirraa fagaachuu keessatti garuu, gaarummaafii jaalalli waliif qabaachaa turan, yeroon waliin dabarsaa turan tokko tokkoon isaa gammachuun guutamaa akka ta'e, waliif jiraachaa turuun isaanii: Akka poolisii nageenya isaaniitti, Akka abdii jiruusaaniitti, Akka qabeenya dhuunfaa isaaniitti, Jireenyi walii isaaniin alaa duwwaa akka ta'e yerootti dhugaan isaa ol ka'ee mul'atudha. Yeroo barnootaati!

Kanattis osuma dhukkubsatanii gaarummaa darbeen ni boqotu. Osuma dhukkubsatanii hiddi waliin jiraachuu isaanii ni jabaata. Osuma dhukkubsatanii aadanii wal yaadu. Tarii yoo wal argan akka nagaa ta'anitti walitti fakkeessu malu garuu, akka isheenis nagaan taane akka innis nagaan taane keessa walii waliisaanii beeku. Fuula ifaa alaan argamu walirraa ilaalaa keessa isaanii isa waliif dhahatu argu! Yeroo muraasa booda akka walitti deebi'an keessi lamaanii iyyuu ni beeka. Waliin ta'uuf dharraan isaanii cimaas dhufa. Haasaa tokkichaanis deebi'u. Bakka duriitti deebi'us!

Wal dhabdeen Kanarra darbe garuu, kan hidda jabeeffatee jirudha. Jaalalaafii gaarummaa dabarsan yaadanii yerootti of yaalan osoo hin taane, haala walitti isaan buuse yaadu. Kanarraan kan ka'es aariifii jibbaan keessa walii argu. Gariin ceephoon guutamu...gariin xiiqii qabatu. Akka miirri aarichaa isaan hooggane ta'u! Tasgabbiin argatani! Hamma badicha dagatanitti akka salphaan walittis hin deebi'ani! Jaarsummaa/qaama sadaffaa barbaadu!

Dhala namaa gidduutti wal dhabdeen yaadaa dirqama jiraata! Toora jalqabaa kanarra yoo dubbisnu akkuma gammadaa turre, yoo dandeenye walitti bu'insi keenya sadarkaa jalqabaarra akkan dabarre tiksuun nurra jira!

Wal dhabdee walitti dhufeenya kamiyyuu gidduu jiru salphaatti furuuf, hamma ulfaatina wal dhabdee sanaa beekuufii yeroo itti kennuu dhiisuun, karaa dhiifamaarra adeemuun keessa walii walii keenyaa beekuun barbaachisaadha!
Ganama gaarii isiniif haa ta'u!

#DaaBee...
@ErgaaJaalalaa

9 months, 2 weeks ago

Maal godhanii jaalala akka namatti argisiisan, Maal godhanii gaarii akka namaaf ta'an Google fi you tube search gochuun hin barbaachisu. Ogeessa xiin-sammuu bira deemuunis hin barbaachisu. Yoo dhugaadhaan keessa keenya irraa ta'eefii nama of dhaggeeffatu taane, Jaalalli daandiifii seerota mataasaa ni qaba. Dabalataanis keessa keenya jaalalli jiraannaan gaarii gochuun salphaadha.

#DaaBee
@ErgaaJaalalaa

10 months, 2 weeks ago

Hundi keenya jalqaba guyyootaatti jajjabootadha. Laphee jabaa fi humna waan hundaayyuu mo'u akka qabnutti nutti dhaga'ama. Hafuurri keenya miirota ulfaatoon waan hin tuqamneef, gaarri kamillee nuuf akka dirreeti.

Ammoo guyyaa hin eegamne keessaa sa'atiin ta'e tokko murteessituudha. Yeroo jireenyi keenya fuula haaraa qabatu. Yeroo eenyummaa keenya qaama ta'e tokkoof ergifnu. Guyyaa of dhiisuu!

Gaafa kana humni keenya hin jiru. Takkumaayyuu cimnee akka hin beeknettis of ilaalla. Gammachuun dura qabnu hunduu badee, karaa gammachuu biraa itti argannu, barbaanna.

Haala kana keessatti namni ta'e tokko keessa keenyatti olaana. Waan hundumaa keenya dabarsinee laannaaf. Deebinee nama kana dhabuu gonkumaa hin feenu. Isaan ala jireenyi waan jiru nutti hin fakkaatu. Egaa akkas taana!

Madda gammachuu keenyaati jennee kan yaadne gaaf tokko ni fagaata. Guyyaa kana deebifnee duwwaa taana; dawoo dhokannaa keessa keenyatti qopheeffanna; garuu gonkumaa miliquu hin dandeenyu.

Eeyyee namoonni gammachuu irraa hirachuu feenu, yeroo hundaa jiraachuu dhiisuu malu. Sababni namoonni gara keenya dhufaniif sun garuu yeroo hundaa nu waliin jiraata; inni ammoo jaalala qabnu sanadha; Jaalalli keenya yoomuu nu waliin jiraata!

#Dagaagaa_zarihuun
@ErgaaJaalalaa

10 months, 3 weeks ago

Dogoggorrikoo guddaan, isa na uume caalaan ishee jaalladha ture.
.
Gaafa sana,guyyaa duraa,guyyaa jalqabbii jaalalaa sana,guyyaa waan lama baattu sana,kolfasheen dhaga'e. Hanga dheerina kolfasheetiitti fayyadameen barbaadee...barbaadee...barbaadee foolii kolfashee fuudheen ishee bira ga'e.
.
Ilkaan akka haroo wancii miidhagu kana baattee kolfuu qabdis. Ittan siqe.Nan dubbise; ni calliste. xiqqoo dhaabadheen deebiishee eege....hin jiru.... Turee yeroon of yaadadhu isan keessakootti dubbisen,sagalee baasee wantan dubbise se'e.
.
Amalakootiin an nama sodaataa miti. Wantoota namni ija-jabinaan gochuu sodaatu heedduu namni jalqaba yaalu anadha. Ishee garuu nan sodaadhe. Nagaa gaafachuun sodaadhe. Ijashee ilaaluun sodaadhe.... guyyaa sana ture;guyyaan an isa na uume caalaa ishee jaalladhe...ah...eeyyee..guyyaa sana ture....ture.

#Lataa_Zarihuun
@ErgaaJaalalaa

10 months, 3 weeks ago

Guyyaa isa tokko nuffee, biiftuu haaraa baatu keessatti abdii haaraa eegeen beeka. Ganamoota garaagaraa an misiraachoo eege keessatti, guyyaan kaleessa na nuffisiisee abdii na kutachiise deebisee dhufee beeka.

Yeroo gaarii gochuu kan danda'u dhi'ee bari'uu lafaa qofa akka hin taane gaafan hubadhetti, maaltu haala jireenyaa akka jijjiirun baruu dharra'e. Gochaawwan mimmiidhagoo, naannoo hawwataa fi namoota gammachuu qaban biraa abdii kan kennu argachuun waan hin danda'amne ta'uus nan hubadhe.

Jabinni namootaa haala isaan keessa jiran ykn wal'aansoo jireenyaa keessa akka hin jirren tilmaame. Si yaaduu keessaa biiftuun gammachuu akka baatu, jiraadheen arge. Beela keessatti quufuu, dadhabbii keessatti jabina himuun, jaallachuu qofaani jedheen ofitti hime.

Waaqni utubaa biiftuutti seeqa keenya hin laanne. Duumessi kamillee jaalala keessa keenyaa dukkaneessuu hin danda'u. Gammachuun keenya jaalala keessa jira; jaalalli keenya ammoo nama ta'e tokko keessa jira!

#Dagagaa_Zarihun
@ErgaaJaalalaa

11 months, 3 weeks ago

Ani garuu,
 Jaalalli hidhiirra wal dhungachuun yoo ta’e,jaalallee akka Yihuudaa hin barbaadu. Yeroo na jaallattu kan hidhiisheen na dhungatte, yeroo na jibbitu dhungattee harkumaan dabarsitee diinatti waan na laattuuf.
 Jaalalli Maallaqa yoo ta’e, daldaltuu jaalalaa hin barbaadu. Yoo hanguma kaffalte, kaffalameef anaanis na gurguruu dandeessi waan ta’eef.
 Jaalalli jaamaa taanaanis fedhii dukkana keessa jiruun jaallachuun naaf hin ta’u. sababni isaas bor gaafa ifni dhufu, fedhii hordoftee na jibbuu dandeessi waan ta’eef.
Anaaf jaalalli....
 Anaaf Jaalalli Miidhagina. Miidhaginnimmoo walitti dhufeenya wantoota garaagaraati, of keessaa waan hundumaa qaba. Dadhabinni golgaa jabinaa yeroo ta’u, jaalalaan haguugama. Utuu beekuu kan haguugame, yeroo irraa kaafamu nama hin jibbisiisu.sobnis keessa hin jiruka. Kan dhoksaadhaan haguugame garuu yeroo irraa baafamu nama naasisa.
 An jaallatamuu kanan barbaadu ciminakootiin qofa miti. Kan dadhabinakootiin na jaallattu/tu inni Miidhagina jaalalaati.
 Cimina qofaan kan jaallatu diina boriiti. Ciminnikee bor yoo hin jiraanne si dhiisee deema.

Gorsakoo

 Jaallatamuuf jettee waan hin jirre hin fakkeessiin.

Lataa Zarihuun
@ErgaaJaalalaa

We recommend to visit

Jeet ek Nasha hai aur is Nashe ki Factory ka mai ek lauta Baadshah hoon !

My Telegram Channel Link
https://t.me/+S9lLIcfDkRrhG-VZ

For Any Query Contact
My Username - @RehanBaadshah

Last updated 1 week, 4 days ago

Youtube Irraattis nu Argattu

https://www.youtube.com/c/KaachuuEntertainment

Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot

Last updated 1 month, 2 weeks ago

𝗝𝗶𝗿𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮 𝗺𝗶𝗹𝗸𝗮𝗮'𝗮𝗮 𝗷𝗶𝗿𝗮𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳 𝗸𝗮𝗸𝗮'𝘂𝘂𝗺𝘀𝗮 𝗬𝗔𝗔𝗗𝗔𝗔 𝗳𝗶 𝗗𝗔𝗡𝗗𝗘𝗘𝗧𝗧𝗜𝗜 𝗱𝗵𝗼𝗸𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗼𝗳𝗶𝗶𝘁𝘁𝗶 𝗳𝗮𝘆𝘆𝗮𝗱𝗮𝗺𝘂𝘂𝗳 𝗾𝗼𝗽𝗵𝗶𝗶 𝘁𝗮'𝘂𝘂 𝗯𝗮𝗿𝗯𝗮𝗮𝗰𝗵𝗶𝘀𝗮!
💥 @Oromoo_Inspire_YaadaafBot 💥

Last updated 1 week, 5 days ago