Infinite Entertainment, Zero Cost: Get Your Free Books, Music, and Videos Today!

Oromoo Inspire โ„ข๐Ÿ’ก

Description
๐—๐—ถ๐—ฟ๐—ฒ๐—ฒ๐—ป๐˜†๐—ฎ ๐—บ๐—ถ๐—น๐—ธ๐—ฎ๐—ฎ'๐—ฎ๐—ฎ ๐—ท๐—ถ๐—ฟ๐—ฎ๐—ฎ๐—ฐ๐—ต๐˜‚๐˜‚๐—ณ ๐—ธ๐—ฎ๐—ธ๐—ฎ'๐˜‚๐˜‚๐—บ๐˜€๐—ฎ ๐—ฌ๐—”๐—”๐——๐—”๐—” ๐—ณ๐—ถ ๐——๐—”๐—ก๐——๐—˜๐—˜๐—ง๐—ง๐—œ๐—œ ๐—ฑ๐—ต๐—ผ๐—ธ๐—ฎ๐˜๐—ฎ๐—ฎ ๐—ผ๐—ณ๐—ถ๐—ถ๐˜๐˜๐—ถ ๐—ณ๐—ฎ๐˜†๐˜†๐—ฎ๐—ฑ๐—ฎ๐—บ๐˜‚๐˜‚๐—ณ ๐—พ๐—ผ๐—ฝ๐—ต๐—ถ๐—ถ ๐˜๐—ฎ'๐˜‚๐˜‚ ๐—ฏ๐—ฎ๐—ฟ๐—ฏ๐—ฎ๐—ฎ๐—ฐ๐—ต๐—ถ๐˜€๐—ฎ!
๐Ÿ’ฅ @Oromoo_Inspire_YaadaafBot ๐Ÿ’ฅ
Advertising
We recommend to visit

Jeet ek Nasha hai aur is Nashe ki Factory ka mai ek lauta Baadshah hoon !

My Telegram Channel Link
https://t.me/+S9lLIcfDkRrhG-VZ

For Any Query Contact
My Username - @RehanBaadshah

Last updated 1ย week, 4ย days ago

Youtube Irraattis nu Argattu

https://www.youtube.com/c/KaachuuEntertainment

Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot

Last updated 1ย month, 2ย weeks ago

๐—๐—ถ๐—ฟ๐—ฒ๐—ฒ๐—ป๐˜†๐—ฎ ๐—บ๐—ถ๐—น๐—ธ๐—ฎ๐—ฎ'๐—ฎ๐—ฎ ๐—ท๐—ถ๐—ฟ๐—ฎ๐—ฎ๐—ฐ๐—ต๐˜‚๐˜‚๐—ณ ๐—ธ๐—ฎ๐—ธ๐—ฎ'๐˜‚๐˜‚๐—บ๐˜€๐—ฎ ๐—ฌ๐—”๐—”๐——๐—”๐—” ๐—ณ๐—ถ ๐——๐—”๐—ก๐——๐—˜๐—˜๐—ง๐—ง๐—œ๐—œ ๐—ฑ๐—ต๐—ผ๐—ธ๐—ฎ๐˜๐—ฎ๐—ฎ ๐—ผ๐—ณ๐—ถ๐—ถ๐˜๐˜๐—ถ ๐—ณ๐—ฎ๐˜†๐˜†๐—ฎ๐—ฑ๐—ฎ๐—บ๐˜‚๐˜‚๐—ณ ๐—พ๐—ผ๐—ฝ๐—ต๐—ถ๐—ถ ๐˜๐—ฎ'๐˜‚๐˜‚ ๐—ฏ๐—ฎ๐—ฟ๐—ฏ๐—ฎ๐—ฎ๐—ฐ๐—ต๐—ถ๐˜€๐—ฎ!
๐Ÿ’ฅ @Oromoo_Inspire_YaadaafBot ๐Ÿ’ฅ

Last updated 1ย week, 5ย days ago

1ย week, 6ย days ago

seera buโ€™uura jireenyaa

โถKan darbee wajjin nagaa buufadhu akka inni egeree kee hin jeeqneef.
โทNamoonni biroo waa'ee kee wanti yaadan dhimma kee miti.
โธGammachuu keetiif itti gaafatamaan si qofa.
โนJireenya kee namoota biroo wajjin wal hin madaalin, wal bira qabuun hattuu gammachuuti.
โบYeroon waan hunda jechuun ni danda'ama fayyisa. Yeroo itti kenni.
โปGarmalee yaaduu dhiisi.Deebii hunda beekuu dhiisuun homaa miti.
โผKolfi.Sababni isaa,Abbaan rakkoo addunyaa kanaa si qofa miti.

๐Ÿ“ง @Oromoo_inspire ๐Ÿ“ง

1ย week, 6ย days ago

GATIINKEE HANGAMI (HOW MUCH YOUR WORTH IS?

Abbaatu du'asaan dura ilmasaan akkas jedha, "Sa'aatiin kun kan akaakayyuun kee naaf kenneedha; innis waggaa 200 ol fixeera.Garuu, ani osoo siif hin kennin dura dukkaana (suuqii) itti sa'aatiin gurguramu deemiitii gatii hangamii akka baasu gaafadhu!" jedheen.

Ilmis deemee dhufee, abbaasaatiin, " 'Sa'aatichi tureera (dulloomeera)' naan jechuun $5 naaf kennani" jedhe. Abbaanis "Suuqii bunaa deemi gaafadhu!" jedheen.Achis deemee gara isaatti deebi'uun, "Isaan immoo $10 naaf kennani" jechuun itti hime.Dhumarratti abbaan, "Muuziyeema deemii itti agarsiisi!" jedheenii. Innis deemee deebi'ee; abbasaatiin akkana jedhe, "Sa'aatii umurii heddu lakkoofsiseeru kanaatiif $1,000,000 naaf kennani."

Abbaanis ilmasaan, "Bakki sirriin haala sirriin gatii kee akka dinqisiifatu akka beektun barbaade. Bakka dogoggoraa of hin kaa'iin! Kan gatii kee beeku kan si dinqisiifatuudha; bakka sin madaallee hin turin!" jedhee ilmasaa gorse jedhama.

๐Ÿ“ง @Oromoo_inspire ๐Ÿ“ง

2ย weeks ago

Ati Addunyaa kanaaf kennaa addaati

Namoota addunyaa kana jijjiiruf jiran keessaa ati isa tokkoodha.

Addunyaa kanarra warshaalee hedduutu jira. Muraasni isaanii hojii walfakkaataa hojjatu. Muraasni isaanii immoo hojii garaa garaa hojjatu. Haa ta'u malee  warshaan huccuu oomishu  midhaan daakuu hin danda'u. Huccuu oomishuu qofa gaheen isaa. Ittiinan oomisha jettullee isa dura oomishu sanuu akka hin oomishne taasista. Garuu wanta hojjatameef saniin yoo hojjanne warshaan faayyidaa hin qabne hin jiru. Namnis akkasuma. Hundi keenyayyuu; kan dandeenyu, kennaa keenya  dhiisnee qarshi isaa qofa laallee wanta hin beekne abalu hojjatee, anus hojjachuun qaba jennee Sammuu of dhippifna. Hiriyaan kee carraa xiyyaara ofuu qaba yoo ta'e, ati immoo carraa konkolaataa ofuu qabda taanan mindaan xiyyaara ofuu keetin argattu hagamillee guddatus, jireenya kee siif jijjiira osoo hin taane rakkina sitti jijjiira. Kuni wantan ani uumee dubbadhee miti, seera uumamaati. okey? Osoo kan dandeenyuu fi kan baaknu hojjanee sabani nuti hin jijjiiramneef hin jiru. Mee warsha xiyyaara oomishuu fi warshaa waraqata(pestali) homishu ilaali. Osoo akka yaada keenyatii warshaa xiyyaara oomishu qofatu lafa kanarra guuta ture.

Kanaafuu Guddachuuf hajjadhu malee hojii guddaa hojjachuuf teessee yeroo kee hin gubin.

๐Ÿ“ง @Oromoo_inspire ๐Ÿ“ง

2ย weeks, 4ย days ago

~ Yeroo hunda jireenya keessatti guyya guyyaan filannoo adda addaatu nuuf dhihaata. Dhiibbaa keessaafi alaa baay'eeniis nu mudachuu danda'a.

#Carraaqqiin imala jireenya keenyaa kan galma ga'uunii danda'u ykn kan kufuunii danda'u, dhiibbaa keessa keenyaa uumamuun tahuun isaa beekkamaadha. Akkasumatti carraaqqii keenya kan gufachiisuufi kan kuffisuus, humnuma keessa keenya irraa madduudha.

Haatahuu malee, dhiibbaan qaama biroorraa (alarraa) nutti dhufu jireenya keenya miidhuu hin qabu jechuudha. Eeyyeen qulqullina jireenya keenyaa kan murteessu dhiibbaalee gara alaafi keessarraa dhufu kanaani jechuudha.

~ Jireenya keenya bifa bareedaa taheen ijaaruuf waggoota dheeraa nutti fudhachuus danda'a nutti fudhachuu dhabuus danda'a. Garuu jireenya ijaaruu caalaa balleessuun baay'ee salphaadha. Carraaqqii waggoota baay'eef godhame obsa dhabuun sekondii tokkoo nu jalaa balleessuu danda'a. Haatahuu malee, jireenya keenya goonkuma kaka'umsaafi miira qofaan sochoosuuf yaaluunn nurra jiraachuu hin qabnu. Yaada yaadamee tokko irratti kaka'umsa akka humna tokkootti fayyadamuun gaariidha, garuu yaada yaadame sana gara fuul-duraatti tarkaanfachiisuun immoo baay'ee murteessaadha.

~ Gocha yaadame sana hunda tarkaanfachiisuuf ejjannoo fudhachuu keenya duraas, bu'aa isaa ilaaluu hin qabnu. Bu'aa argachuu qofaaf bololuun carraaqqii keenya bilaash taasisuudha. Imala jireenyaa keessatti kufaatii guddaan kan nu mudachaa ooluuf sababa bu'aa qofa irratti xiyyeeffannuufi.

Maaliif seete, Jireenya keessatti jijjiirama irratti xiyyeeffachuu dhiifnee bu'aarratti yoo xiyyeeffanne, jijjiiramni nuti argachuu dandeenyu hin jiru. Garuu yoo bu'aa dhiifnee jijjiirama irratti xiyyeeffanne immoo yeroo gabaabaa keessatti bu'aa argachuu barbaanne san argachuu dandeenya waan taheef, jijjiirama irratti xiyyeeffachuun(focus) godhuun baay'ee gaariidha jedhu beektoonni!!โœ๏ธŽ

๐Ÿ“ง @Oromoo_inspire ๐Ÿ“ง

3ย weeks, 5ย days ago

"Gonkumaa wanta har'a hojjechuu dandeessu, boriif hin kaa'in " benjeem

๐Ÿ“ง @Oromoo_inspire ๐Ÿ“ง

3ย weeks, 5ย days ago

Jiraachuu yookaan jooruu! Filaadhu

Milkaaโ€™uu yoo feete gatii milkiin gaafatu
 baruu fi baasuun sirra eegama..

๐Ÿ“ง @Oromoo_inspire ๐Ÿ“ง

3ย weeks, 5ย days ago

Namni maqaa kee kan balleessu waan sadii sirraa barbaadee yeroo dhabuudha."

โถFaayidaa ofiitiif waa barbaadee yoo dhabe

โทYoo sitti hinaafe

โธYoo akka kee ta'uu dadhabe

๐Ÿ“ง @Oromoo_inspire ๐Ÿ“ง

3ย weeks, 5ย days ago

Abjuu kee galmaan ga'uuf qophoofteettaa?

โžŠKophaa ta'uuf qophaa'i
โž‹Hiriyyoota kee dhabuudhaaf qophaaสผi
โžŒAkka sitti kolfan beekuuf qophaaสผi
โžQeeqaaf qophaa'i
โžŽKuftee ka'uuf qophaa'i

๐Ÿ“ง @Oromoo_inspire ๐Ÿ“ง

3ย weeks, 5ย days ago

Jireenya moo'achuu yoo barbaadde

โžŠNamoota dureeyyii waliin hin taphatin, tapha qofa si waliin taphatu, akkamitti akka hojjettu si hin barsiisan.

โž‹Namoota abdii kutatan waliin hin taphatin, fedhii hojii kee ni hir'isu

โžŒFira ykn hiriyoota waliin baay'ee hin deeminaa manni namaa mana namaa ta'uu beeki

โžKomii hojii irratti si mudatu hiriyoota kee ykn namoota wajjin hojjettu kamittuu hin himin.

โžŽNamni gad-aantummaan itti dhaga'amu yeroo hunda hojii kee qeeqa, akka si qeequuf bakka hin kenniniif.

โžNama kamirraayyuu homaa hin fudhatin, yoo maatii kee ta'ellee, homaa sirraa hin fudhatin, Uumaan qofti si haa kunuunsu

Horaa bulaa deebanaa?

๐Ÿ“ง @Oromoo_inspire ๐Ÿ“ง

1ย month ago

Without truth wearing a hat, the earth goes around the world!

If you stumble and fall on your back, it can't be your fault, it can be your fault if you fall and stay there!

Water obtained by prayer does not quench thirst!

A dog always pretends not to help when it dies!

It is not the darkness that devours, but what is in the darkness!

It is not the people who landed on the moon who deserve the most admiration but the people who taught them how to land on the moon!

Do something good because the world expects something from you!

Striving to achieve one's goals tastes bitter today, but tomorrow it will be fruitful and taste sweet!

Don't think everything that shines is gold!.

Eat to live, not to eat!

Osoo dhugaan kophee hin godhatin dharti addunyaa naannoofti!

Mucucaattee dugdaan yoo kufte balleessaan kee ta'uu kan hin dandeenye yoo ta'u balleessaan kee ta'u kan danda'u kuftee yoo achitti haftee dha!

Bishaan kadhaan argame dheebuu nama hin baasu!

Sareen yeroo hunda duttu akka hin birmanneef of gooti!

Kan nama nyaatu dukkana osoo hin taane wanta dukkana sana keessa jirudha!

Irra caalatti kan dinqisiifatamuu qabu namoota addeessa irra qubatan osoo hin taane namoota akkaataa isaan addeessa irratti itti qubatan barsiisanii dha!

Addunyaan kun sirraa waan tokko eegdi waan ta'eef waan garii tokko hojjedhu!

Kaayyoo ofii galmaan gahachuuf dhama'uun har'aaf dhandhamni isaa hadhaa'aa dha, boru firii fi dhandhamni isaa mi'aa dha!

Wanti calaqqisu hundi warqii sitti hin fakkaatin!.

Jiraachuuf nyaadhu malee, nyaachuuf hin jiraatin!

๐ŸŽกสธแต’แต’ หขโฑแต—แต—โฑ แต—แต’หกแต‰ ๐Ÿ‘ & หขสฐแตƒสณแต‰โ™ป๏ธ

สฒแต’โฑโฟ แต˜หข ๐Ÿ“ง @Oromoo_inspire ๐Ÿ“ง

We recommend to visit

Jeet ek Nasha hai aur is Nashe ki Factory ka mai ek lauta Baadshah hoon !

My Telegram Channel Link
https://t.me/+S9lLIcfDkRrhG-VZ

For Any Query Contact
My Username - @RehanBaadshah

Last updated 1ย week, 4ย days ago

Youtube Irraattis nu Argattu

https://www.youtube.com/c/KaachuuEntertainment

Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot

Last updated 1ย month, 2ย weeks ago

๐—๐—ถ๐—ฟ๐—ฒ๐—ฒ๐—ป๐˜†๐—ฎ ๐—บ๐—ถ๐—น๐—ธ๐—ฎ๐—ฎ'๐—ฎ๐—ฎ ๐—ท๐—ถ๐—ฟ๐—ฎ๐—ฎ๐—ฐ๐—ต๐˜‚๐˜‚๐—ณ ๐—ธ๐—ฎ๐—ธ๐—ฎ'๐˜‚๐˜‚๐—บ๐˜€๐—ฎ ๐—ฌ๐—”๐—”๐——๐—”๐—” ๐—ณ๐—ถ ๐——๐—”๐—ก๐——๐—˜๐—˜๐—ง๐—ง๐—œ๐—œ ๐—ฑ๐—ต๐—ผ๐—ธ๐—ฎ๐˜๐—ฎ๐—ฎ ๐—ผ๐—ณ๐—ถ๐—ถ๐˜๐˜๐—ถ ๐—ณ๐—ฎ๐˜†๐˜†๐—ฎ๐—ฑ๐—ฎ๐—บ๐˜‚๐˜‚๐—ณ ๐—พ๐—ผ๐—ฝ๐—ต๐—ถ๐—ถ ๐˜๐—ฎ'๐˜‚๐˜‚ ๐—ฏ๐—ฎ๐—ฟ๐—ฏ๐—ฎ๐—ฎ๐—ฐ๐—ต๐—ถ๐˜€๐—ฎ!
๐Ÿ’ฅ @Oromoo_Inspire_YaadaafBot ๐Ÿ’ฅ

Last updated 1ย week, 5ย days ago