Infinite Entertainment, Zero Cost: Get Your Free Books, Music, and Videos Today!

Walaloon Jaalala

Description
Youtube Irraattis nu Argattu

https://www.youtube.com/c/KaachuuEntertainment

Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot
Advertising
We recommend to visit

Jeet ek Nasha hai aur is Nashe ki Factory ka mai ek lauta Baadshah hoon !

My Telegram Channel Link
https://t.me/+S9lLIcfDkRrhG-VZ

For Any Query Contact
My Username - @RehanBaadshah

Last updated 1 week, 4 days ago

Youtube Irraattis nu Argattu

https://www.youtube.com/c/KaachuuEntertainment

Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot

Last updated 1 month, 2 weeks ago

𝗝𝗶𝗿𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮 𝗺𝗶𝗹𝗸𝗮𝗮'𝗮𝗮 𝗷𝗶𝗿𝗮𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳 𝗸𝗮𝗸𝗮'𝘂𝘂𝗺𝘀𝗮 𝗬𝗔𝗔𝗗𝗔𝗔 𝗳𝗶 𝗗𝗔𝗡𝗗𝗘𝗘𝗧𝗧𝗜𝗜 𝗱𝗵𝗼𝗸𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗼𝗳𝗶𝗶𝘁𝘁𝗶 𝗳𝗮𝘆𝘆𝗮𝗱𝗮𝗺𝘂𝘂𝗳 𝗾𝗼𝗽𝗵𝗶𝗶 𝘁𝗮'𝘂𝘂 𝗯𝗮𝗿𝗯𝗮𝗮𝗰𝗵𝗶𝘀𝗮!
💥 @Oromoo_Inspire_YaadaafBot 💥

Last updated 1 week, 5 days ago

1 month, 2 weeks ago

Mee akkam Oolte nama?

Nama hiddi isaa dhiigaa
Nama miilli isaa fiigaa
Nama fuulli maarigaa

Nama gaaf tokko du'u
Nama hoosisee gu'u

Nama wal jala ruuqqaa
Nama wal jala suuqqaa

Nama nyaata wal nyaatu
Nama baata wal baatu

Nama raakkootti hirkatee
Nama rakkoo hiikkate

Nama mataansaa buqqee
Nama biftisaa soqee

Nama akki isaa lamaa
Nama walirra namaa

Nama qullaa dhalatu
Nama qullaa kadhatu
Nama qullaa kakatu

Nama #nagadaa oolu
Nama ragadaa bulu

Nama arrabni lafee
Nama arrabni balfe!

Nama harqee wargamaa
Nama Ijji isaa lamaa
Mee akkam oolte nama?

Cabsii
@Walaloon_Jaalala

1 month, 2 weeks ago

Jaalala

Ishee
Bosona gaawwaan lixxuu
Harangamaan wal maree
Gorora narraan fixxuu?
Ana lafaan na maree
Ejersa gaaraa gubdee
Halkan lootee maan dhuftuu
Eda na yaadaa bultee
Guyyaa silaa nan quuftuu

Isa

Bosona gaawwaan lixaa
Karkarroo baqaaf malee
Dhungadheen sirraa fixaa
Akka wal yaadaafillee
Halkan koottu naan jettaa
Akkamiin halkan dhufuu
Warri kee karra dallaa
Danqaraa shaniin cufuu🥹🫣

Taliilee
@Walaloon_Jaalala

1 month, 2 weeks ago

Dhiphattees barbaaddu,
dhimmamtees yaaddu
Aannan dhangala'e,
deebistee hin waraabdu!
*
Kan Uumaan jedhetti,
Kan guyyaan kennetti,
Otoo jaalattuu irra tarta
Otoo jibbituus itti barta!

Kanaa'ol
@Walaloon_Jaalala

3 months, 2 weeks ago

Dur...
Jaalalan siif qabu toora galcheen ibsu.
Humnoota wayiitu keessa kootti tiksu!

Har'a
Jaalalan sii qabu toora galchee ibsuuf,
Na keessa baddeetta anumaanuu jigsuuf!

Sababa
Dubbiin arrabakoo gad hin bahiin hafe,
Osoon guyyaa eeguu orma waliin rafe😢

Daraartuu Beekaa
@Walaloon_Jaalala

3 months, 2 weeks ago

Dambalii Jaalalaa

Chaanaala Afaan Oromoo ergaawwan jaalalaafi walaloowwan jaalalaan guutame kanatti namni miseensa hin taane eenyu?

3 months, 2 weeks ago

HARMEE...
Coqorsikoo utuu hin margin,
ol jechuukoo utuu hin argin,
Uumaan akka, sin fudhanne, banee hulaa,
an ilmikee, harka raaseen, boo'aa bula!

Kanumaafan...
Jiruukoo'sa dhagaa qocaa,
ciruudhaafan karaa boca.
Addakootiin gaara dhoosaa,
galmakoottan faana loosa!

Ta'us garuu...
Bo'oon namni, lukaan ce'u, naaf hurufa,
dooniin kaaniif, dhagaa fe'u, na urgufa.
Orma cinaaf, lafa ejjechuun, waan salphaadha
na arginaan, irri dachii, naaf talbaadha!

Akka kanaan, yoo carraankoo, na dheessitu,
shaxeen gaabbii, yoo dirrakoo, madeessitu,
Sagaleekee sana baqa,
suuqa keessaan, suuqa soqa!

Yaa deesseekoo...
Siif milkiinkee, kadhatnikee, waariif guyyaa,
fayyaa ta'ee, nagaan bahee, galuu kiyya!
Anaaf garuu, hiikni guutuun, milkaa'uudhaa,
hanga boosse, bakka boontu, si kaa'uudha!

Hammakeetti, at ofiikeef, cabaa nyaachaa,
"Maal rakkatte?" naan jechuunkee, na maraacha!
Kanaafidha, kan faannikoo, si baqattu,
malee aayye, bar yaadnikoo, sin dagattu!

Nan amana...
Guyyaa keessaa, jabaa tokko, guyyaa guddaa,
Cidha milkiif, gaafan waamu, qomoo hundaa,
as gahuukoof, akka taate, lafee dugdaa,
Nan lallaba, nan mammaaka, sitti marmee,
hangasitti, kadhannaakee cimsi harmee!

Aga Guddaa
@Walaloon_Jaalala

3 months, 3 weeks ago

Na jaallannan na jaalladhu
Utubuudhan na jabeessii
Na jibbinaan na baqadhuu
Arga kiyya tasa dheessii
~
Na jaallatteef si jajadhee
Na jibbuu keef sin komadhu
Garuu ilaa onnee koorraa
Kanin baasee sitti himadhu
~
Na ukkaamsee qalbii kiyyaa
Wanta waaduu
Na jaallachaa na jibbuu keen
Hin barbaaduu!
~
Amena Teferi
@Walaloon_Jaalala

3 months, 3 weeks ago

Yaa Uumaa hunda gararraa jirtu,
Bishaan, ifa, lafa tola maraaf hirtu
(Lafa;
Dhabnus isarrat jaarrannu,
Qabna waan irra ijjannu)

Yaa isa,
abiddas bokkaas roobsitu; gogsitu
jaalattee arjoomtu; dallantee obsitu

Yaa isa,
An sirraa malee ati narraa hin qooddatiin
Sin kadhadha ‘hireekoo nan dhoowwatiin!’
Hireen ani sirraa eegu,
Hireekoo akkan beeku!
...
Kanaa'ol Badhaadhaa
@Walaloon_Jaalala

3 months, 3 weeks ago

Boruuf miira har'aa galafachuuf;
guyyichi umamee dhiisee hin beeku

Har'a kana hamileen jiraadheetan
nama ta'a; yeroon wal haa eeguu!

3 months, 4 weeks ago

Akka nama tolchi
Wayii itti godhamee
Akka waan iji koo
Kan keerraa bocamee
Akka waan hireen koo
Kan keetti fo'amee
Qaamni kee kiyyarraa
Baqaqee hodhamee

Akka waan hir'uun koo
Hir'uu keen guutamuu
Aadde cinaachi koo
Maaliif kan quuqamu?
Akka waan dhiigni koo
Onnee keen raabsamuu
Si qofaaf qalbiin koo
Maaliif kan raafamu?

Kufte jennaan cabde!
Qufaanaan duuteetti!
Gurri koo hamaa keef
Hin qabu dandeettii
Gubaa saafaa bonaa
Qorra qarmammeettii
Akka beektu godhi
Naafoo naa gamteettii

Jiruu jaalalli kee
Gabroomsee daboomse
Onnee simboon kee sun
Itti goree doomse
Ija siin arguudhaaf
Naan argaa waakkatu
Balbala itti cufnaan
Kan foddaa saaqqatu

Barbadaa kee sanaan
Takka guggubamee
Hurka danfasaatii
Keessa yoo cuuphame
Hin baruulaa ammas
Takka sukkuumamee
Haa rakkatuu dhiisi
RAKKACHUUF UUMAMEE!

Sura T Ayana
@Walaloon_Jaalala

We recommend to visit

Jeet ek Nasha hai aur is Nashe ki Factory ka mai ek lauta Baadshah hoon !

My Telegram Channel Link
https://t.me/+S9lLIcfDkRrhG-VZ

For Any Query Contact
My Username - @RehanBaadshah

Last updated 1 week, 4 days ago

Youtube Irraattis nu Argattu

https://www.youtube.com/c/KaachuuEntertainment

Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot

Last updated 1 month, 2 weeks ago

𝗝𝗶𝗿𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮 𝗺𝗶𝗹𝗸𝗮𝗮'𝗮𝗮 𝗷𝗶𝗿𝗮𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳 𝗸𝗮𝗸𝗮'𝘂𝘂𝗺𝘀𝗮 𝗬𝗔𝗔𝗗𝗔𝗔 𝗳𝗶 𝗗𝗔𝗡𝗗𝗘𝗘𝗧𝗧𝗜𝗜 𝗱𝗵𝗼𝗸𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗼𝗳𝗶𝗶𝘁𝘁𝗶 𝗳𝗮𝘆𝘆𝗮𝗱𝗮𝗺𝘂𝘂𝗳 𝗾𝗼𝗽𝗵𝗶𝗶 𝘁𝗮'𝘂𝘂 𝗯𝗮𝗿𝗯𝗮𝗮𝗰𝗵𝗶𝘀𝗮!
💥 @Oromoo_Inspire_YaadaafBot 💥

Last updated 1 week, 5 days ago