Infinite Entertainment, Zero Cost: Get Your Free Books, Music, and Videos Today!

AL-RISALA HUMANITY CENTER

Description
#Kaayyoo channel Al-RISALA HUMANITY CENTER,
1- #Odeeffannoo waytaawaa kennuu
2- #Da'awaa gabaabaa fi barsiisaa ta'e laachuu
3- #Seenaa babbareedaa
4- #Dhaamsa fayyaa fii kkf
Ergaa fii dhaamsa keenya #Follow #share gochuun nufaana turaa
Advertising
We recommend to visit

Waa mareeg lagu aruuriyo duruusta culimada soomaaliyeed.

Waxa ka masuul ah:
https://t.me/IshraqCenter

Kala xidhiidh maamulka halkan:
@Turaasculimobot

Waxaad ka heleysaa buugaag ku qoran Luqadaada Hooyo ee Af-Soomaaliga oo ka liyah

Fadlan wixii Su'alaha la xariir

@liibaanwaasuge
@Mfaratoon

Hoyga Aflaanta Hindiga & Musalsalda Afsomali ah Gaar ahaan Kuwii Hore ee 70aad Kii ilaa 2024 Jaceyl Waali @ALFAGHISTUDIO Halkan Ka Daawo

3 weeks, 1 day ago

*🍃🌹حــــــ نـــبـــوي ــــــديث🌹🍃*

🌴 قَالَ رَسُولُ اللَّهِ ﷺ
*⬅️ تَبَسُّمُكَ فِي وَجْهِ أَخِيكَ لَكَ صَدَقَةٌ
⬅️ وَأَمْرُكَ بِالْمَعْرُوفِ وَنَهْيُكَ عَنِ الْمُنْكَرِ صَدَقَةٌ
⬅️ وَإِرْشَادُكَ الرَّجُلَ فِي أَرْضِ الضَّلاَلِ لَكَ صَدَقَةٌ
⬅️ وَبَصَرُكَ لِلرَّجُلِ الرَّدِيءِ الْبَصَرِ لَكَ صَدَقَةٌ
⬅️ وَإِمَاطَتُكَ الْحَجَرَ وَالشَّوْكَةَ وَالْعَظْمَ عَنِ الطَّرِيقِ لَكَ صَدَقَةٌ
⬅️ وَإِفْرَاغُكَ مِنْ دَلْوِكَ فِي دَلْوِ أَخِيكَ لَكَ صَدَقَةٌ
📚* صححه الألباني

----------------------------
💡مـَـن أحـَـب الا يَنقَطِع عَمَلُه بَعدَ مَوتِه فَليَنشُر العِلم [ابن الجوزى]*
•••━════════━•••

4 weeks, 1 day ago

Barsiisummaafi barsiisaa!!!

ila
Barsiisuufi barsiisummaan wal -adda,namni hundinuu waan barate barsiisuu dandaha,garuu immoo,haalli baruu barsiisuu ulaagaa fi seera mataa isaa qabaa, barsiisaafi barsiisummaa addaan baafadhuu beeki.

Eeee
Barsiisummaan ulaagaa addaa qaba,barsiisaa tahuuf, jalqaba,sadarkaa barsiisummaa gonfachuun dirqama, yoo dandahame,Mana barnootaa,sirna barnootaatiin leenjii kennu irraa beekkumsa gahaa argachuufi ragaa dandeettii barsiisummaa gonfachuudha,yoo haalli hin mijjanne tahe immoo,hayyuu barnootaa gurguddoofi amaanaa tiksan irraa,ragaa barsiisummaa dhugaa san gonfachuudha.

Obbolaa
Barsiisummaan faaya,faaya gatii qaaliin argatan,waan gatii qaaliidhaan argatan immoo,daddarbaa hin oolan, barsiisaan dhugaa,lubbuun isaa quuftuudha,qaamni isaa qandhafa,kiisa isaattu duwwaa malee,Aqliin isaa guutuudha,qalbiifi uffatni isaa adii qulqulluudha.

Jaaloo
Barsiisummaa gonfachuuf,beekkumsa, dandeettii, hubannoo,gahumsa,naamusa,qoohii barnootaa gahaa qabaachuun dirqama.

Namana
qabatama yeroo,haala qilleensaa,siyaasa biyyaa, diinagdee hawaasaa,aadaa fi barmaatilee naannoo sanaa,safuu ummataa,walitti dhufeenya hawaasaa beekuun ulaagaa barsiisummaa keessaa hangafaa beeki.

Ekaa
furtuu rakkoo,itti fayyadama yeroo,sirna Bulchiinsaa, tarsiimoofi tooftaa beekkumsa itti dabarsan beekuun immoo,sirna barnootaa keessaa argatamaa hubadhu.

Hey
keessaafi alaa nagaa qabaachuu,tasgabbii horachuu, qabatama barnoota sanaa beekuun,sirna barnootaa beekuu yoo tahu,gaachana Barsiisummaatii beeki.

Yes
Ogummaafi beekkumsi wal-simu malee,nama harkaa wal-dhoofnaan,kan jalqaba barnoota abaaru isuma barsiisaa ufiin jedhe san tahaa hubadhu.

Ihimm.
Hujiin qaama hundatti hajamu,Aqlii,qalbii,ija,gurra, harka,miila,qaama guututti hajamu,barsiisummaafi konkolaachisummaadhaa xiinxalli.

1 month ago

لا إلہ إلا اللُّٰہ مُحمد رسۆل اللُّٰہ 🕊♥️♥️🕊آلـلُہـم صـل علـﮯ نْبْيَنا مُحمد🌹🌹🌹🌹
💚🌱أشرفَ
❤️ 🌱آلخـلق
💙🌱ۆآلمرسليَنْ
💜🌱آلمبْعۆثْ
💛 🌱رحمةّ للعآلميَنْ
💚🌱ۆ علی
❤️🌱آلہ
💙🌱ۆصحٍبْہ
💛🌱 أجمعيَنْ
💜 🌱گمآ صليَت
💚🌱 علـﮯ
💙 🌱إبْرآهہيَم
💜🌱ۆعلـﮯ آل
💛🌱إبْرآهہيَم
❤️🌱إنْگ حميَدِ مجٍيَدِ
💐🍃💐🍃💐🍃💐🍃💐🍃💐🍃

2 months, 3 weeks ago

Nama halkan rafee abjuu bareedaa arge yoo jetteen, silaa hirriba san keessaa si dammaqsanii siin jedhu wajji jiraatta taanaan,si homtuu sii hin galuu nagaatti.

Eeee
ati gowwaa cidha hiyyeessaa irraa hafee,awwaalcha dureessaatiif uffata ergifatu wajjiin garaagarummaa tokko hin qabduu achi siqi.

Namana
Funyaan shittoo yoo fuunfate haxxifatuufi yoo sijaaraa
fuunfate nagaa argatu,faarri isaa nagaa mitii irraa siqii taa’i.

Jaaloo
Muka hiddi guddaafi jirmi furdaa,keessi isaa hoffaa , rirmeen nyaattee kuffisuu akka dandeettu yoo hin hubatin,ganna lattee,bona harca’uuf deemaa jirtaa uf qusadhu.

Hohohoo
Jiruu dabarsite irraa,waa barachuu yoo dadhabde, beekkamaa taata malee beekaa mitii uf daawwadhu.

2 months, 3 weeks ago

Kitaabni Kun
اسرار المحبين في رمضان
Kitaaba karoora ibaadaa fi Soomaa kan itti nu barsiisuu dha .
Kitaaba Seenaa Warri ramadaana keessa Milkaayan hedduu Hammata.
Kitaaba Guddaa Ulamaa islaamaa Fageessee ilaaluun Barraaye .
Ramadaana Dura Osoo Dubbifnee Ramadaana Irraa Bu'aa Guddaa Buufachuu Dandeenna .
Keessattu Namoonni Daaw'aa fi Gorsa Namootaaf Qooddan Itti Fayyadamaa .
Anaafis Du'aa'ii Godhaa .

2 months, 4 weeks ago

Namni hundi madaa seeqinsa keessatti dhokfatu qaba. Kanaaf seeqannaa bar😄

Ala laaltee,Nama irratti hin murteessin;waan keessa darbee fi waan keessa jiru abbamatu beekaa irraa gori.

Namuu boqonnaa(chapter) jireenya ofii keessatti seenaa Sagalee ol fuudhanii dubbisuu hin dandeenne qabu. Ee yoo sagalee ol fuudhanii seenaa ofii himatuu yaalan imimmaantu isaan hudha. Kanaaf cal’ifamee seeqama😄

Namaa fi kitaabaas alaa laalanii itti hin murteessanii uf qusadhu, kitaaba qoola osoo hin tayi fuula keessa dubbisanii laalanii,Namas seenaa inni keessa taree fi waan inni amma qilleensarratti osoo hin taane lafarratti geggeessu daawwatanii hubatanii,murtii irra gayanii beeki.

Ee Jiruun tun Gaddaas gammachuus of keessaa qabdi. Eekaa osoo gaddi jiraatuu baatee gammachuun maal akka taye hin beekamu. Osoo gammachuun jiraatuu baatee gaddarraa hin maganfatamu.

Guys “Manni hundi gubataa bulaa,ganama daaraa hin arganii beeki”namni hunduu halkan halkan,yaadaan waaddamaa/waxalamaa/ bulaa bar; wanni garaa nama nyaatu Namuu dhagahee itti hin birmatuu🥲,namni hunduu madaa qaba irraa gori.

Dhiisi! Irraa gori! haa jiraatuu Namuu!

Wanni das nama jedhu immoo👇🏽
1ffaa “Bor guyyaa biraati”
2ffaa “Gidee manaa alaan hin oodan” jedha Hawaasni kiyya.

Waan manaa manumatti dhiisutu Namooma.
Mobile seeqxanii photo itti kaatan hin dhabinaa😍
Bakka itti dhokfatanii fi bakka itti dhokattaniis hin dhabinaa;osoo kolfumaa fi seeqa keessatis tayee😄

3 months ago
Leenci Mootii Bineensota Hundaati.

Leenci Mootii Bineensota Hundaati.

Bineensi inni sodaatu Akkasuma inni ajajamuuf hin jiru
Hundaa walitti qabee aangoo ofii jalatti bulcha kabaja ofii eegsifatee jiraata , ofii ari'ee qabee Ajjeessee nyaata malee kan bineensi biraa ajjeesse hin nyaatu , inni mootiidha .
garuu hammam fedhe mootii tahuyyuu kabaja hammana hunda qabaatuyyuu yeroo bishaan dhuguu barbaade gad jedhee dhuga ykn dheebuu isaa baha .

Hubatteee ??
Kanaafuu filannoon kee hundaa olitti jiraachuudha yoo ta'eyyuu waan barbaadde sana argachuudhaaf gadi jechuun kee dirqama.
Gadi jedhi

@Alrisala1

3 months, 1 week ago

منحة جامعة أبوظبي لدراسة البكالوريوس والدراسات العليا 2024 🇦🇪 | ممولة بالكامل

- مستوى_الدراسة : بكالوريوس – ماجستير – دكتوراه
- البلد المضيف: الإمارات العربية المتحدة
- الجامعة المسضيفة: جامعة أبوظبي

#مدة_الدراسة :-

- بكالريوس : 4 سنوات
- ماجستير : سنتان
- دكتوراه : 4 سنوات
- البلدان المؤهلة : جميع البلدان مؤهلة

#التمويل:-

- إعفاء من الرسوم الدراسية بنسبة 100%
- لا رسوم على الطلب
- لا توجد رسوم تسجيل
- خدمات الطلاب المجانية
- خدمة صحية مجانية

#كيفية_التقديم في منحة جامعة أبوظبي :

- تتم عملية التقديم  من خلال الانترنت
- قم بتقديم طلبك عبر بوابة جامعة أبوظبي الإلكترونية
- الطلاب الراغبين في التقديم يجب أن يقوموا بتحميل استمارة الطلب من الموقع الرسمي.

للتقديم:
https://bit.ly/3qhOCTD

بالتوفيق ليك 🌹❤️

Scholarships

Fully Funded Abu Dhabi University Scholarships 2024-25 in the UAE - Scholarships

Fully Funded Abu Dhabi University Scholarships 2022 in the UAE for international students to join best of United Arabic Emirates universities.

منحة جامعة أبوظبي لدراسة البكالوريوس والدراسات العليا 2024 ***🇦🇪*** | ممولة بالكامل
3 months, 1 week ago

Gurra lama siif kennuun,hedduu akka dhaggeeffattufii beeki,ija lama sii kenuunis hedduu akka agartuufii laali,miila lama sii kennuufi harka lama sii kennuunis hedduu akka hijjattuufi arraba tokko sitti kennuun immoo,xinnoo akka dubbattuufi uf qusattuufii xiinxalli

ila
ilmi namaa,naamusa mataa isaa qabaa beeki,haa tahu malee,maatiin isaa,hiriyaan isaa,oolmaan isaa,Manni barnootaa,yeroon,qabeenyi,qilleensi, jijjiirama amalaa itti fiduu dandahaa hubadhu.

Eeee
Ijjannoo cimaa tahe,kutannoo sirrii tahe,murtii sirrii tahe,kaayyoo gadi dhaabbataa,galma hinjifannoo qabaadhu malee,qilleensi dhufaa darbaan si raasaa, keessa kee akka hin bulluqeessine uf qusadhu.

Namana
haaloo bahuuf deemuun,kufaatiidhaa hubadhu,morki daangaa darbe,si fudhatee badaa dhiisi,dogongorri dogongoraan hin hiikkamuu xiinxalli,sobni,ganuun, kijibni,cubbuun,kutteen,oduu facaasuun,lolli hedduun filannoodhaan raawwatama malee dirqii mitii xiinxalli.

Hey
Biyya kophaa,samii addaa,qilleensa dhuunfaa,leenjii mataa keetii fudhachuuf sammuu tee bilisa taasisii laali,dhugaa dubbattee,dhugaaf jiraatta taanaan, namni beela yaadaatiin dhibamaa,ati quuftee bultaa argi,osoo namni jibba namaatiin dhama’u,ati jaalala hammaarattee galtaa argi,osoo namni dukkana jiruu daaku,ati ifa jireenyaa qabsiifattee jiraattaa ija qalbii qabduun daawwadhu.

Hohohoo
Sammuun nagaa si qabaannaan,lubbuun waanyoo irraa bilisa taanaan,hamiifi komii irraa adda baanaan, biyya kophaa ijaarrattee,pirezidantii itti taatee jiraataa jirtaa,nagaa tahi.
https://t.me/Alrisala1

Telegram

AL-RISALA HUMANITY CENTER

#Kaayyoo channel Al-RISALA HUMANITY CENTER, 1- #Odeeffannoo waytaawaa kennuu 2- #Da'awaa gabaabaa fi barsiisaa ta'e laachuu 3- #Seenaa babbareedaa 4- #Dhaamsa fayyaa fii kkf Ergaa fii dhaamsa keenya #Follow #share gochuun nufaana turaa

Gurra lama siif kennuun,hedduu akka dhaggeeffattufii beeki,ija lama sii kenuunis hedduu akka agartuufii laali,miila lama sii kennuufi harka lama sii …
3 months, 1 week ago

GORSA

Nagaan ooltee buluu keetiifi nagaan raftee ka’uu keetiif galata galchi,hedduun namaa,akka gadi baheefi akka rafeen hafee hubadhu.

Eeee
Hirriba nagaa rafuun,kennaa guddaa gonfachuudhaa beeki,kininii hirribaa liqimsitu malee,lilmee hirribaa waraannattu malee,halkan guutuu ija babaasaa hirriba kadhachuu malee raftee kaata taanaan,kennaa kennaa caalu situ argatee beeki.

Namana
Kan argatte tuffataa,kan dhabde faarsita taanaan, karaa baddee uf duuba deebi’i,bishaan qulqulluu dhuugduufi qaama ittiin qulqulleeffattu argannaan, addunyaan si biratti lafa guuttee quba qabaadhu.

Hey
Kan bilisaan argatte,hanga qarshitti jijjiirtee laaltutti siif hin galu taanaan,sammuun nagaa si hin qabduu,uf sakatta’i.

©Ustaaz Sufiyaan Usmaan
https://t.me/Alrisala1

Telegram

AL-RISALA HUMANITY CENTER

#Kaayyoo channel Al-RISALA HUMANITY CENTER, 1- #Odeeffannoo waytaawaa kennuu 2- #Da'awaa gabaabaa fi barsiisaa ta'e laachuu 3- #Seenaa babbareedaa 4- #Dhaamsa fayyaa fii kkf Ergaa fii dhaamsa keenya #Follow #share gochuun nufaana turaa

GORSA
We recommend to visit

Waa mareeg lagu aruuriyo duruusta culimada soomaaliyeed.

Waxa ka masuul ah:
https://t.me/IshraqCenter

Kala xidhiidh maamulka halkan:
@Turaasculimobot

Waxaad ka heleysaa buugaag ku qoran Luqadaada Hooyo ee Af-Soomaaliga oo ka liyah

Fadlan wixii Su'alaha la xariir

@liibaanwaasuge
@Mfaratoon

Hoyga Aflaanta Hindiga & Musalsalda Afsomali ah Gaar ahaan Kuwii Hore ee 70aad Kii ilaa 2024 Jaceyl Waali @ALFAGHISTUDIO Halkan Ka Daawo