F♡♡w͊z͊a͊n͊ R⃰i͜d͢w͡aͣaͣn︠

Description
💓Obbboleyyan islaama umaata Muhammad gaabrottan RABBII. channel khanarrati da'awa adda addaa fazakiir, seenaa Rassulaa S A W, jeechoota haayyota, seenale adda addaa, fi kkf iznii Rabbiitin irra arkkatu.
✍️Yaadaf @foowzan
Advertising
We recommend to visit

Last updated 2 months ago

♥️♥️🕋Inshaa Allah Yoo Rabbiin fadhe
👉 Seenaalee
❤ Hadiisa rasuulaa ﷺ
👉 Gaaffii fi deebi'i
👉 Islaamummaa
👉Gorsa sheekkota keenya bifa barreefamaatin Fi Kkf


Yaadaa fi qeeqaaf @Hawwiislaamic_bot

Last updated 3 days, 12 hours ago

Empowering Generation
Dambi Dollo University Telegram Channel

Last updated 1 month, 2 weeks ago

4 weeks ago

✍️Hasanul Basriin namicha isaan wajiin jiru tokkoon akkana ja'e:- "namnii du'e khun siila addunyaa irratti deeffame, hojii gaarii hin hojjatu jettee yaaddaa?

Namicha: la hin yaadu, ni hojjeta.

Hasanul basrii: Egaan inni amma deebi'ee hojjechuu hin danda'u, garuu ati ni dabdeessa" ja'en.

#SHARE & JOIN @foowzn
@foowzn
@foowzn

4 weeks ago

✍️"Namni Ji'a رمضانا Soomee eegasii Guyyaa 6 Ji'a شوال irraa Faana Aanse Akka Nama Amaata Soomeetii." Je'an Nabiin ﷺ

#SHARE & JOIN @foowzn
@foowzn
@foowzn

4 weeks, 1 day ago

✍️كبروا ♥️**

الله أكبر  ، الله أكبر ، الله أكبر ، لا إله إلَّا الله.
الله أكبر ، الله أكبر ولله الحمد.

كُل عام والأمة الإسلامية بخير وعزّة وكرامة وفتح مُبين.**

1 month ago

Gaaffi 2

Ergamaan rahmataa ramadaana kessa irra caalatti duai kam akka nu danessinu nuuf dhaaman?

1 month ago

Gaaffi 1

Rabbin subhana wata'aala maalif laylatul qadri kurnan booda kessa dhokse?

1 month, 1 week ago

Leylatul qadrin hadha halkan irra waan eegaluuf ibaadatti jabbachun nurra eegama akkuma aragaalfin ija keenya halkan leylatul qadri ibaadaf izaara isaani marxifatan akkuma sanatti sunna isaani hordofun barbaachisadha

Nama halkanitti kabajamtu taate sana argatu nuha godhu rabbin ibaada hundasille nufa laaffisu

🤲Yaa Rabbii Halkin takkati ji'aa kumaa caaltuu san nu wafaqii nu milkeessi.

🤲اللهم انك عفو تحب العفو فاعف عنا

#SHARE & JOIN @foowzn
@foowzn
@foowzn

1 month, 1 week ago

✍️Namni Kun ni tolche moo?
Ni Balleyse?

Qubbii Sheekha tokkootirraa hulaa baase. Ni hate ja'anii ummanni itti bahaanii qaban.
Maaliif balbala Qubbii Sheekha kenyaa hatte? Ja'aniin.

Isaatu naaf khenne je'een. 

Sheekhni du'ee akkamitti siif khenne? Ja'aniin.

Isin hoo akkamitti sheekhaatu haajaa tenya nu baasa jettanii Rabbi dhiiftanii Isa khadhattani je'een.

#SHARE & JOIN @foowzn
@foowzn
@foowzn

1 month, 1 week ago

🤲Masjiida Makkaatti salaatuu fi soomuu Rabbi siif haa murteessu!

@foowzn @foowzn @foowzn

1 month, 1 week ago

✍️Mee Ramadaana kana keessa amala gaarii haa horannu
*★★★★★
Amala jechuun haala nama keessa sirriitti gadi seenee osoo baay'ee itti hin yaadin hojiin isarraa madduudha.

Hojiin amala kana irraa maddu yoo gaarii ta'e amalli sun 'Amala Gaarii' jedhama. Yoo hojiin isarraa maddu badaa ta'e immoo amalichi sun 'Amala Badaa' jedhama.

Amalli namaa kun kan uumamaan gaaromuufi kan inni gaarummaa of leenjisutu jira. Fkn namoonni gariin uumamaan obsuu, dhugaa dubbachuu, nama kabajuufi kkf qabu. Namoonni gariin immoo uumamaan ni dallanu, ni ariifatu ni boonu. Warri kun of leenjisanii amala badaa kana sirreeffachuu ni danda'u.
Ergamaan Rabbiis (SAW) akki jedhan "nama amala badaa irraa of tikse Rabbiin isa tiksa. Nama kadhaa irraa of duroomse Rabbiinis isa duroomsa. Nama obsa of leenjise Rabbiin obsa kennaaf."

Kanaafuu amala badaa of keessaa baasanii gaariidhaan bakka buufachuun ni danda'ama. Qajeelfamni isaas qalqaba akka huccuun xuriin baafatamee qulqulluun uffatamu amalli badaan ofirraa baafamee qulqulluun bakka buufama. Namoota collee biratti amala badaa baasanii gaarii bakka buusuun akkuma huccuu xurii baasanii qulqulluu uffachuutti ilaalama. Namoota of jijjiiruuf karoora hin qabne biratti immoo bishaan darbe akka waraabuutti ilaalama.

Akkamitti amala gaarii argatta?
Namni uumamaan amala gaarii qabu carraa guddaa Rabbiin isa badhaase. Garuu warri of leenjisee amala isaa gaaromfate mindaa dachaa argata. Kanaafuu amala gaarii irratti of leenjisuun baay'ee barbaachisaadha.
Kallattiin biraa kan ittiin amala gaarii horatan namoota gaggaariin saahiboomuudha.Namni amala hiriyaa isaa dhaaluun shakkii homaa hin qabu.
Gaalli bakka oole fakkaata jedhan.
Nabiyyiinis (saw) "namni amantii jaalalloo isaarra jiraata. Kanaafuu tokkoon keessan nama hiriyaa godhatu haa ilaallatu" jedhan.

Gosoota amala gaarii keessaa muraasni hayyummaa, obsa, dhugaa dhubbachuu, amaanaa eeguu, baallama kabajuu, arjummaa, gootummaa, dhiifama godhuu, tasgabbaa'uu, haqa dalaguu, ikhlaasa qabaachuu, boona dhiisuu, gowwoomsaa dhiisuu, garaa laafuu, iccitii eeguu, yaqiina, tawakkula, murtii qabaachuu, fuula ifuu (bashaashummaa) fi kkf.

Amala kanneen keessaan kan dirqamaafi bu'uura jireenya namaa ta'antu jiru. Fkn dhugaa dubbachuun, amaanaa eeguun, baallama kabajuun, sa'aatii hojii kabajuun, ikhlaasni, yaqiinni fi kkf amala bu'uuraati. Namni isaan kana hin qabne rakkoo ulfaataa keessa jira. Amalli gariin immoo dirqamaa mitii garuu barbaachisoodha. Fkn gootummaa, arjummaafi kkf. Kan sirriitti dursa kenninee irratti hojjachuu qabnu amalootii dirqamaafi bu'uuraati. Garuu faallaa kanaa namoonni keenya amala isa kanarratti dadhabina guddaa qaba.

Yaa Rabbi amala keenya tolchii nu jaaladhu.
اللهم حسن خلقنا كما حسنت خلقنا

#SHARE & JOIN @foowzn
@foowzn
@foowzn

3 months, 2 weeks ago

✍️Bareedina fuulaa daawwiti keessatti,
Bareedinni onnee yaada keessa jira.
Bareedina hin hawwin Arraba khee bareeda waa hunda caala bareedu qabda yoo ati arraba khee tolchitee.!🤎🌸

Share, follow @foowzn
@foowzn
@foowzn

We recommend to visit

Last updated 2 months ago

♥️♥️🕋Inshaa Allah Yoo Rabbiin fadhe
👉 Seenaalee
❤ Hadiisa rasuulaa ﷺ
👉 Gaaffii fi deebi'i
👉 Islaamummaa
👉Gorsa sheekkota keenya bifa barreefamaatin Fi Kkf


Yaadaa fi qeeqaaf @Hawwiislaamic_bot

Last updated 3 days, 12 hours ago

Empowering Generation
Dambi Dollo University Telegram Channel

Last updated 1 month, 2 weeks ago