Dive into the Ultimate Free Library: Your One-Stop Hub for Entertainment!

Gola Ogbarruuβš«οΈπŸ”΄βšͺ️

Description
Walaloowwan, jechoota onnachiisoo Xiin-sammuufi booharsootu dhihaata!
Advertising
We recommend to visit

Waa mareeg lagu aruuriyo duruusta culimada soomaaliyeed.

Waxa ka masuul ah:
https://t.me/IshraqCenter

Kala xidhiidh maamulka halkan:
@Turaasculimobot

Waxaad ka heleysaa buugaag ku qoran Luqadaada Hooyo ee Af-Soomaaliga oo ka liyah

Fadlan wixii Su'alaha la xariir

@liibaanwaasuge
@Mfaratoon

Hoyga Aflaanta Hindiga & Musalsalda Afsomali ah Gaar ahaan Kuwii Hore ee 70aad Kii ilaa 2024 Jaceyl Waali @ALFAGHISTUDIO Halkan Ka Daawo

1Β month, 3Β weeks ago

Channel keessaan akka gara 2k,3k,4k,5k tti akka isiniif guddaatu yoo barbaaddan
πŸ‘‡ Na Quunnami
πŸ‘‰ @Bariiko28

1Β month, 3Β weeks ago

Channel keessaan akka gara 2k,3k,4k,5k tti akka isiniif guddaatu yoo barbaaddan
πŸ‘‡ Na Quunnami
πŸ‘‰ @Bariiko28

1Β month, 3Β weeks ago

[❀️Jaalallen kee inni sirriin gara fulduratti wajin jiraattu baruu barbaaddamoo❓❓

Onnee halluu Kelloo qabu irratti Gadi tuquudhaan nama siif bahu ilaali!πŸ‘‡
πŸŒ‘πŸŒ‘πŸŒ‘πŸŒ‘πŸŒ‘πŸŒ‘πŸŒ‘πŸŒ‘πŸŒ‘πŸŒ‘πŸŒ‘
πŸŒ‘πŸŒ’πŸŒ•πŸŒ•πŸŒ˜πŸŒ‘πŸŒ’πŸŒ•πŸŒ•πŸŒ˜πŸŒ‘
πŸŒ‘πŸŒ”πŸŒ•πŸŒ•πŸŒ•πŸŒ‘πŸŒ•πŸŒ•πŸŒ•πŸŒ–πŸŒ‘
πŸŒ‘πŸŒ•πŸŒ•πŸŒ•πŸŒ•πŸŒ•πŸŒ•πŸŒ•πŸŒ•πŸŒ•πŸŒ‘
πŸŒ‘πŸŒ”πŸŒ•πŸŒ•πŸŒ•πŸŒ•πŸŒ•πŸŒ•πŸŒ•πŸŒ–πŸŒ‘
πŸŒ‘πŸŒ’πŸŒ•πŸŒ•πŸŒ•πŸ§‘πŸŒ•πŸŒ•πŸŒ•πŸŒ˜πŸŒ‘
πŸŒ‘πŸŒ‘πŸŒ’πŸŒ•πŸŒ•πŸŒ•πŸŒ•πŸŒ•πŸŒ˜πŸŒ‘πŸŒ‘
πŸŒ‘πŸŒ‘πŸŒ‘πŸŒ’πŸŒ•πŸŒ•πŸŒ•πŸŒ˜πŸŒ‘πŸŒ‘πŸŒ‘
πŸŒ‘πŸŒ‘πŸŒ‘πŸŒ‘πŸŒ’πŸŒ•πŸŒ˜πŸŒ‘πŸŒ‘πŸŒ‘πŸŒ‘
πŸŒ‘πŸŒ‘πŸŒ‘πŸŒ‘πŸŒ‘πŸŒ‘πŸŒ‘πŸŒ‘πŸŒ‘πŸŒ‘πŸŒ‘
πŸŒ‘πŸŒ‘πŸŒ‘πŸŒ‘πŸŒ‘πŸŒ‘πŸŒ‘πŸŒ‘πŸŒ‘πŸŒ‘πŸŒ‘
πŸŒ‘πŸŒ’πŸŒ•πŸŒ•πŸŒ˜πŸŒ‘πŸŒ’πŸŒ•πŸŒ•πŸŒ˜πŸŒ‘
πŸŒ‘πŸŒ”πŸŒ•πŸŒ•πŸŒ•πŸŒ‘πŸŒ•πŸŒ•πŸŒ•πŸŒ–πŸŒ‘
πŸŒ‘πŸŒ•πŸŒ•πŸŒ•πŸŒ•πŸŒ•πŸŒ•πŸŒ•πŸŒ•πŸŒ•πŸŒ‘
πŸŒ‘πŸŒ”πŸŒ•πŸŒ•πŸŒ•πŸ’›πŸŒ•πŸŒ•πŸŒ•πŸŒ–πŸŒ‘
πŸŒ‘πŸŒ’πŸŒ•πŸŒ•πŸŒ•πŸŒ•πŸŒ•πŸŒ•πŸŒ•πŸŒ˜πŸŒ‘
πŸŒ‘πŸŒ‘πŸŒ’πŸŒ•πŸŒ•πŸŒ•πŸŒ•πŸŒ•πŸŒ˜πŸŒ‘πŸŒ‘
πŸŒ‘πŸ’›πŸŒ‘πŸŒ’πŸŒ•πŸŒ•πŸŒ•πŸŒ˜πŸŒ‘πŸ’›πŸŒ‘
πŸŒ‘πŸŒ‘πŸŒ‘πŸŒ‘πŸŒ’πŸŒ•πŸŒ˜πŸŒ‘πŸŒ‘πŸŒ‘πŸŒ‘
πŸŒ‘πŸŒ‘πŸŒ‘πŸŒ‘πŸŒ‘πŸŒ‘πŸŒ‘πŸŒ‘πŸŒ‘πŸŒ‘πŸŒ‘
πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†
Go Click the Heart](https://t.me/+ca4cryMo4ctlZTlk)

2Β months ago

Tibbana biyyoota Afrikaa kanneen akka Afrikaa Kibbaa, Naayijeeriyaa, Ayivoorii Koost, Laayibeeriyaa fi Burkinaa Faasoo keessatti tajaajilli interneetii adda citeera. Gariin keebiliiwwan interneetii galaana keessa ce’anii dhufan irra miidhaan ga’een rakkoo mudateedha.

Dhiheenya kana erga atakaaroon garee Huutii Yaman fi warra lixaa Galaana Diimaarratti hammaatee, dhimmi keebiliiwwan interneetii gaalana qaxxaamuranii akkaan yaaddessaa ta’eera. Warri Huutii biyyoonni lixaa Israa’el tumsu jechuun dooniisaanii karaa Galaana Diimaa darban haleeluu kan eegale erga waraanni Israa’el fi Gaazaa Onkoloolessa 07, 2023 eegaleeti.

Ergasii Ameerikaa fi UKn biyyoota lixaa kaan waliin waltumsuun haleellaawwan 30 ta’an Huutii irratti raawwataniiru. Huutiin isa kana haaloo ba’uuf sarara interneetii kutuu danda’a sodaan jedhu addunyaa walga’eera...

Maddi keenya BBC Afaan Oromooti.
@GolaOgbarruu

2Β months ago

Keebiliiwwan interneetii akkamiin galaana qaxxaamuranii addunyaa waliin ga'u?

Teeknooloojiin addunyaa hunda walqunnamsiisuuf gargaaru interneetiin dhibbeentaa 95 kan caalu keebilii keessa yaa’a. Kan hafe karaa saatalaayitiin daddarba. Sararri interneetii baatee gola addunyaa addunyaa maraan ga’u (keebiliin interneetii) galaana jala deema.

Yeroo ammaa sararoonni interneetii gurguddoon 430 ta’an galaana keessa qaxxaamuruun addunyaa guutuuf tajaajila kennaa jiru. Keebiliiwwan interneetii kunneen fageenya addunyaa hanga kiilomeetira miiliyoona 1.3 ni uwwisu.

Ardiin sarara interneetii haala kanaan addunyaatti naanna’uun wal hin qunnamne Antaarkitikaa qofa. Kanaaf interneetii karaa saatalaayitii kutaa addunyaa kaan irraa argata. Interneetiin saatalaayitii ammoo keebilii maleessa. Neetwoorkiin saatalaayitii hawaa keessa jiru keessatti kuufame sarara interneetii malee gara dacheetti dhangala’a jechuudha.

Keebiliiwwan galaana jala deeman gosa lama: Kan telekominikeeshinii fi kan anniisaa elektirikii baataniidha. Keebiliiwwan telekominikeeshinii dirra galaanaarra deemu, kan anniisaa eletirikii baatuu fi voolteejii guddaa qabu garuu qarqara gaalaanaatti tima jalatti awwaalama.

Jaarraa 20ffaa keessa keebiliiwwan hedduun Garba Atlaantikii qaxxaamuruun Ameerikaa fi Awurooppaa walqunnamsiisu turan. Garuu hammi keebiliiwwan Garba Paasifikii keessa darbanii bara 1990moota keessa dabalee ture. Fakkeenyaaf bara 1998 fi 2003 gidduu keebiliiwwan interneetii dhibbeentaa 70 kan ta’an Paasifikii keessa turan.

Gabaan Eeshiyaa diinagdee addunyaa keessatti akkaan murteessaa ta’uun investimantii kanaaf sababa ijoo ta’eera. Investimantiin sararoota interneetii fi telekominikeeshinii waggoota kurna hedduuf Atilaantikii fi Paasifik irratti erga babal’atee booda, jaarraa 20ffaa keessa biyyoota guddataa jiranitti babal’isuun eegalame.

Bara 2009 keebiliin jalqabaa biyyoota Baha Afrikaa interneetii addunyaatti qunnamsiisu tolfame. Kubbaaniyyaan keebilii kana dhiyeessu SEACOM jedhama, dhibbeentaa 75 investaroota Baha Afrikaa fi Kibba Afrikaatu harkaa qabu.

Haata’u malee sababa saamtota galaanarraa pirojektiin kun ji’a tokkoof harkifatee ture. Sararoota interneetii galaanaa fi garbarra diriirfaman kunneeniif kan sodaachisan saamtota galaanarraa qofa miti.

Shiboowwan xixiqqoon interneetii baatan pilaastika akkaan jabaa ta’een golgamanii kan deeman ta’anis, teessuma dachee galaanaa fi qurxummii guddicha mannisaa galaana ta’e - shaarkiin miidhaan irra ga’uun waan hin oolle.

Akkasumas yeroo garii dooniiwwan itti bu’uun miidhaa ni geessisu, hundaa ol ammoo walqoccolloon biyyoota guddatan kanneen akka Raashiyaa, Chaayinaa, Ameerikaa gidduutti hammaataa dhufe keebiloota interneetii baatan kunneeniif yaaddoo guddaa ta’eera. Qondaalli waraanaa gameessi UK keessattuu wayita Raashiyaan addunyaa doorsisuu barbaadaa jirtu kanatti, keebiliiwwan kunneeniif eegumsi addaa taasifamuu qaba jedhan.

Qondaalli Humna Qilleensaa Marshal Sir Stuart Peach keebiliiwwan kunneen adda citnaan yookiin bakkaa bakkatti butamuun jeeqamnaan rakkoon diinagdee addunyaarraan ga’u akkaan ulfaataadha jedhan. Keebiliiwwan kunneen iddoosaanii yoo gadhiisan yookiin ammoo muraasi yoo keessaa citan humni interneetii baachuu warra hafan irratti waan heddummaatuuf rakkoon interneetii ni mudata.

Biyyoota Afrikaa, Awurooppaa fi Eeshiyaaf handhuura kan ta’e buufati Aleksaandariyaa Masirii keessatti argamu, yeroo baayyee keebiliiwwan interneetiirratti rakkoo uuma. Meeshaan doonii galaana jalatti gadi qabuuf gargaaru keebiliiwwan interneetii irraan dhiibbaa guddaa ga’a.

Rakkoon bakka kanatti mudatu Ardii Awurooppaa, Afrikaa fi Eeshiyaa miidha jechuudha. Interneetiin waanuma qilleensa keessaa argannu nutti fakkaatu haala kanaan nu bira ga’a jechuudha.

Hedduun keenya wayita daataa mobaayilaa yookiin Wi-Fi fayyadamnu waan keebiliidhaan walqabatu nutti hin fakkaatu. Garuu interneetii fi tajaajilli telekominikeeshinii nuti fayyadamnu hundisaa keebiliidhaan galaanarra qaxxaamuree nu bira ga’a.

2Β months, 2Β weeks ago

β©© Kitaaba Xinsammuu Damma Daamuu (Atis Injifachuu ni Dandeessa) jedhu irraa kan fudhatame | @Nan_Baradha

β–’ Qabsoo jireenyaa akka itti mo'u nama beekuuf jireenyi dhangaadha.
β–’ Sirriitti akeekkadhu! Mul'ata qabaadhu!
β–’ Gara itti deemtu hin beektu taanaan galma kee hin gahuun si rakkisa!
β–’ Bakka mukti goolii jiru hin beektu taanaan, callistee kubbaa dhiituun kee gatii hin qabu!
β–’ Milkaawwiif dharraa qabaadhu!
β–’ Namni kufaatii faarsu kufaatii jalaa hin miliqu!
β–’ Abdiin nama ishee abdatu cina jirti.
β–’ Of onnachiiftu malee wanti laafaatti siif milkaa'u hin jiru.
β–’ Namoota waan addaa hojjechuu barbaadaniif kophaadhaaf jireenyi lafarraa injifannoodhaan goolabama.
β–’ Injifaachuuf utuu hin kutatin waraanatti seenuun balaa fida.

Sangaan coomaa waan ta'eef isa qallicha hin mo'u. Humna isaan qabantu murteessa. Waan tokko xiqqoodhuma xuxxuqxee seenaa hojjechuu hin dandeessu.
β˜‘ Kutannoo qabda taanaan bakka yaadde ooltee bultee ni geessa.
β˜‘ Ofirratti amantii qabaadhu!
β˜‘ Nama ofirratti amantii qabu, amantii inni ofirratti qabu isa tiksiti.
β˜‘ Shakkiin tulluu kufaatii ijaara, ofirratti amanuun immoo tullicha jigsa.
β˜‘ Yoo waraana keessa gootummaadhaan darbite, medaaliyaa argatta.
β˜‘ Fiixee damee mukichaa bira gahuu hin sodaatin, ijjisaa kan jiru bakka sanadha.
β˜‘ Wayita dukkanaa'u filannoolee lamatu jiru. Dukkanicha abaaruu yookiin dungoo/maktuuta ibsuu, seexaa qabaadhu!
β˜‘ Kaka'umsa keetiin waa hojjechuu jechuun dukkana jabaa keessatti tirika ibsuu akka jechuuti. Halkanichi hamma fedhe dukkanaa'ullee ifi baatirichaa daandii kee sitti agarsiisa.
β˜‘ Yoo waraana tokko mo'uu barbaadde, dursitee waa'ee waraanichaa beekuu qabda.
β˜‘ Yeroon ati rasaasa itti dhukaastu, hanguma waan ati rukuttee mirga irratti argachuu barbaadde sanaa barbaachisaadha.
β˜‘ Rakkinaaf furmaata kennuuf yeroo gaariin akkuma rakkichi mul'ateen tarkaanfii fudhachuudha.
β˜‘ Namni kamiyyuu humna dinqisiisaa ta'e tokko qaba: humna waan barbaade filachuu!
β˜‘ Wanti qophiin isaa gaarii ta'e, walakkaa olitti akka waan hojjatameetti fudhatamuu ni danda'a!

GalatoomaaπŸ‘‡
@Nan_Baradha
@GolaOgbarruu

3Β months ago
HIIGAA

HIIGAA

Kitaaba haaraa Eebbaaf qophaahe!

Nasraddiin Hasaniin

@GolaOgbarruu

3Β months ago

"SAMMUUN NAMA BAAY'EE MANA BAANKIITIIN WAL FAKKAATA" jedha.

➲ Guyyaa hunda yaada haaraa maddisiistu yaadota kee baankii sammuu keessatti kuufatta. Yaadonni kuni sammuu kee keessatti guddatanii yaadannoo ta'u.

➲ Kanaaf, yeroo rakkoon si mudatu baankii sammuu yaadannoo keetii keessa deemta. Akkamittiin jalaa miliqu? Wanta na mudate kana hangamin beeka? Gaaffilee jedhaniif deebii isaa baankii sammuu kee keessaa argatta.

➲ Teller baankii sammuu keetii immoo wanta gaafatte siif laachuu dhaaf duubatti hin jedhu. Waanuma gaafatte argatta. Yoo, "Kabajamoo, yaadota ani nama dadhabaa wanta na quunname kana irra tarkaanfachuu hin dandeenye ta'uu koo naaf mirkaneessu naaf laadhu" jettee gaafatte yaadotuma kana mirkaneessan siif laata. Faallaa kanaas immoo yoo gaafatte argachuu dandeessa. Filannoon kan keeti. Kufuu yookiin ka'uu!

➲ Wantoonni jabaan lama ofitti amanamummaa yaadota baankii sammuu keetiin ittiin ijaarrattu immoo kunooti:
        ⇣⇣  ⇣⇣  ⇣⇣  ⇣⇣
βž€. Hanga siif danda'ame Baankii sammuu kee keessa yaadota gaggaarii (Positive thoughts) qofa olkaa'adhu.

➁. Baankii sammuu keetii yaadota gaggaarii qofa gaafadhu! Yaadota kufaatiif si saaxilan gonkumaa sammuu kee keessa barbaaduu hin yaalini!

3Β months, 1Β week ago

Channel keessaan 1k ol kan ta'e akka gara 2k,3k,4k,5k tti akka isiniif guddaatu yoo barbaaddan
πŸ‘‡ Na Quunnami
πŸ‘‰ @Bariiko28

3Β months, 1Β week ago

Channel keessaan 1k ol kan ta'e akka gara 2k,3k,4k,5k tti akka isiniif guddaatu yoo barbaaddan
πŸ‘‡ Na Quunnami
πŸ‘‰ @Bariiko28

We recommend to visit

Waa mareeg lagu aruuriyo duruusta culimada soomaaliyeed.

Waxa ka masuul ah:
https://t.me/IshraqCenter

Kala xidhiidh maamulka halkan:
@Turaasculimobot

Waxaad ka heleysaa buugaag ku qoran Luqadaada Hooyo ee Af-Soomaaliga oo ka liyah

Fadlan wixii Su'alaha la xariir

@liibaanwaasuge
@Mfaratoon

Hoyga Aflaanta Hindiga & Musalsalda Afsomali ah Gaar ahaan Kuwii Hore ee 70aad Kii ilaa 2024 Jaceyl Waali @ALFAGHISTUDIO Halkan Ka Daawo