Why Pay for Entertainment? Access Thousands of Free Downloads Now!

KENNAA

Description
KENNAA Dhaloota Qubeetiif!!
Walbarsiisaa wal bashannansiisuuf
Chaanaalii keenyaaf miseensa tahaa!!


Chaanaalii kana irraa👇
👉DA'AWAA
👉ODEEYFANNOO
👉WALALOO
👉ASOOSAMA
👉SEENAA fi kkf argachuu dandeessu!!
✍yaadaaf👇
@AbdiiBiyyaa iraan nu biraan gahaa!!
Advertising
We recommend to visit

Jeet ek Nasha hai aur is Nashe ki Factory ka mai ek lauta Baadshah hoon !

My Telegram Channel Link
https://t.me/+S9lLIcfDkRrhG-VZ

For Any Query Contact
My Username - @RehanBaadshah

Last updated 3 weeks, 1 day ago

Youtube Irraattis nu Argattu

https://www.youtube.com/c/KaachuuEntertainment

Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot

Last updated 1 month, 3 weeks ago

𝗝𝗶𝗿𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮 𝗺𝗶𝗹𝗸𝗮𝗮'𝗮𝗮 𝗷𝗶𝗿𝗮𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳 𝗸𝗮𝗸𝗮'𝘂𝘂𝗺𝘀𝗮 𝗬𝗔𝗔𝗗𝗔𝗔 𝗳𝗶 𝗗𝗔𝗡𝗗𝗘𝗘𝗧𝗧𝗜𝗜 𝗱𝗵𝗼𝗸𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗼𝗳𝗶𝗶𝘁𝘁𝗶 𝗳𝗮𝘆𝘆𝗮𝗱𝗮𝗺𝘂𝘂𝗳 𝗾𝗼𝗽𝗵𝗶𝗶 𝘁𝗮'𝘂𝘂 𝗯𝗮𝗿𝗯𝗮𝗮𝗰𝗵𝗶𝘀𝗮!
💥 @Oromoo_Inspire_YaadaafBot 💥

Last updated 3 weeks, 2 days ago

3 days, 15 hours ago
3 days, 15 hours ago
3 days, 17 hours ago
***♻️***Ajaa'iboota 7 waa'ee haadhaa irraa. Dubbisee …

♻️Ajaa'iboota 7 waa'ee haadhaa irraa. Dubbisee natti tollaan isiniif qoodeen!

1. Daqiiqaa 30 (walakkaa sa'aa 1) haadha tee bira taa'uutu, sa'aa 6 ogeessa jabaa bira taa'uurra caala. Scientific fact!

2. Yeroo hamtuun siqunnamtu garaan haadha teetii dursee tilmaama. Niyaaddawa!

3. Yeroo haati tee ofitti siqabdu, miira addaa tu sitti dhagayama. Nigammadda!

4. Du'aa'iin haadha teetii Murtii (Qadara) hamaa sirraa deebisuu dandeeysiin. Shari'aa!

5. Harki haadhaa iddoo sidhukkubuuf dawaa (qoricha) tahuu dandaya!

6. Addunyaa tanarra namni lubbuu siif wareegu, aarsaa qaalii siif jacha kaffalu yoo jiraate haadha qofa!

7. Haadha gammachiisuun Addunyaa fi Aakhiraa akka gammachuun jiraattu sigodha!

Kanaaf haati teenya badhaasa addaati.
Kennaa qaalii dha.

Jannanni miila haadhaa fi abbaa jala jira , shari'aadha.

Madrasaan ilmoo Haadha!

Yaa Rabbii Umrii Nuuf dheereessii ummii teenya Yaa Allah 🤲, ta aakhiramte jannata nuuf badhaasi!

السلام عليكم ورحمة الله وبركاته

@Kennaapost

T.me/Kennaapost

1 week, 5 days ago
Yaa Mu'ujizaa Allaah

Yaa Mu'ujizaa Allaah
♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤

Sa'uudiitti haati tokko ilmaan shan nagaan deesse

@Kennaapost Shawwaal 28/1445
Sa'uudiitti haati tokko yaalii baqaqsanii yaaluutiin daa'imman dhiiraa 3 fi dubaraa 2 nagaan deesseetti.

Doktoronni 13 garee ogeessota yaalaa miseensoota 58 qabu waliin qinda'anii yaalii kana milkeessuuntu ibsame.

Daa'imman kunneen giraama 1,195 akka ulfaatanis himameera.

Rabbiin ogeessaafi danda'aadha

@Kennaapost @Kennaapost

T.me/Kennaapost

1 week, 5 days ago
ARRABAAN NAMA HIN MIIDHIN

ARRABAAN NAMA HIN MIIDHIN
••••••••••••••••••••••••••••••••

Abu Hureeyraan Rabbi isarraa haa jaalaatuu akkana jedhe, “Namoonni Ergamaan Rabbii ﷺ akkana jedhuun gaafatan, ‘Yaa Ergamaa Rabbii! Dubartiin takka halkan ni salaatti, guyyaa ni soomanti, sadaqaas ni kenniti. Garuu olla isii arrabaan miiti.’ Ergamaan Rabbiitis ﷺ isiin toltuu takkallee hin qabdu. Isiin warra ibidda seenurraayi’ jedhanii deebisaniif. Namoonni itti aansuun, ‘Dubartiin takka salaata waajibaa qofa salaatti. Sadaqaas ni kenniti. Garuu ilma namaa arrabaan hin miitu’ jedhanii gaafatan. Ergamaanis ﷺ ‘Isiin warra jannata seenurraayi’ Jedhanii deebisaniif. (Al Adabul Mufrad)

Kanaafuu obboleewwan aakhiraa waan dalagaa jirru akka of jalaa hin balleessine of haa eegnu. Waajibaa mitii, osoon wantoota dabalataa heddu irraan hojjanneellee, haga ibaadaan keenya sun nama miidhurraa hin fagaannetti faaydaa nuuf hin qabu. Rabbiin keenya mootii haqaati, Akkasumas mootii rahmataati.

Rabbiin nu haa tiksu!

@Kennaapost @Kennaapost

T.me/Kennaapost

2 weeks ago
Jarri khun garaa nama nyaatan, kan …

Jarri khun garaa nama nyaatan, kan isaan gabbaran ilma namaa miti beyladaa kana gabbaran.

Rabbiin keenya waan dueef guyyaa 3 taaziyaa/gadda isaa labsinee jirra je'an.

Ilmi namaa gaafa rabbii ifii wallaale wanti inni beekhu marti isa harkaa wal makatee haqaa fi dhara, beekumsaaf wallaala, ragaa fi oduu gargar wallaala.

Gariin jara beyladaa gabbaruu khun professor fi Doctor akka tahe beeytanii. Akkasii wajjin faltiin sa'aa qoricha je'anii nyaata irratti faa baafatanii nyaatan.

Kana hunda keessatti rabbi si dandamachiisee dhugaa si hubachiisuun caalmaya waa hundaa oliiti.

Nuti fedha Allaah tiin , Rabbiin keenya hin du'u, hin tumamu, hin fannifamu, hin kittaanamu, hin dhalu, hin dhalatu....

Jarri tokkos biyyuma keenya keessaa har'a Rabbiin jalaa du'ee du'aa ka'e jedhanii dhuganii machaa'aa jiru😁

ALHAMDULILLAAH kan nu filatee gabroottan isaa nu taasise.

@Kennaapost @Kennaapost

T.me/Kennaapost

2 weeks, 2 days ago

Assalaamu Aleeykum Warahmatullaahi Wabarakaatuhu

Obboloota koo mee

Alhamdulillaah jedhaa mee

Har'a Jumu'aa kana jarri kaafiraa Rabbiin keenya ni du'e(ni fannifame) jedhanii sanuu ayyaana godhatanii kabajachaa jiru(Subhanaka yaa Allaah).

Akka yaada jaraatti Rabbiin isaanii har'a qabrii keeysa bula jechuudha.

Subhaanaka yaa Allaah.

Alhamdulillaah, Rabbiin nuti gabbarru kan hin tumamne, kan hin kittaanamne, kan hin beelofne, kan hin fannifamne, kan hin garafamne, ......Rabbiin keenya hanqinoota hunda irraa qulqullaa'aadha.

Rabbiin garafamee fannifamee ajjeefame yemmuu jedhan xiqqomallee hin qaana'anii jarri kun?.

Kan ofiifuu du'aa fi garaffii, fannifamuu jalaa of hin baraarin akkamiin dhala namaa baraaraa?. Eenyutu immoo aanguu Rabbi reebuu fi fannisuu qabaa?. Yeroo inni du'ee qabrii seenu immoo eenyutu bakka bu'ee uumama kana bulchaa turee?.

Ammas guyyaa Rabbiin isaanii tumamee fannifamee ajjeefame akkamitti ayyaana godhatanii gammadanii nyaataa fi dhugaatii quufanii burraaqaa ooluu?. Du'a isaatti gammadaa isa jaalanna jechuun hoo wal hin faalleeysuu?.

Walumaagalatti Rabbiin jallinatti nama hin naqin, Rabbiin fahmii nuuf haa kennu. Dhugaa baay'ee nama gaddisiisa. Namni hamma kana jallinatti wal-naqee wal fixaa jira. Dharri ifa bahee lallabama.

Nuti Muslimoonni immoo Rabbii waan hanqinoota jedhame irraa qulqullaa'e Allah qabna. Rabbiin keenya hunda dand'aadha.

Alhamdulillaah Alhamdulillaah

Alhamdulillaah. Alhamdulillaah

@Kennaapost @Kennaapost

T.me/Kennaapost

Telegram

KENNAA

KENNAA Dhaloota Qubeetiif!! Walbarsiisaa wal bashannansiisuuf Chaanaalii keenyaaf miseensa tahaa!! Chaanaalii kana irraa***👇*** ***👉***DA'AWAA ***👉***ODEEYFANNOO ***👉***WALALOO ***👉***ASOOSAMA ***👉***SEENAA fi kkf argachuu dandeessu!! ***✍***yaadaaf***👇*** @AbdiiBiyyaa iraan nu biraan gahaa!!

Assalaamu Aleeykum Warahmatullaahi Wabarakaatuhu
2 weeks, 3 days ago
***♥️******🍇***JUMU'AA MILKAA'INAA***🍇******🍇***

♥️🍇JUMU'AA MILKAA'INAA🍇🍇
💗💗💗💗💗💗💗💗💗💗💗💗💗

Kabajamtootaa fi jaalatamtoota hordoftoota chaanaalii keenyaa baga guyyaa kabajamaa fi jaalatamaa guyyaa Jumu'aa guyyaa kheeyrii kanaan isin gahe.

Sunnaawwan guyyaa jumu'aa
• Qaama dhiqachuu
• Qeensa qorachuu
• Shittoo(Urgooftuu) fayyadamuu👉dhiira qofaaf
• Yeroon gara masjiidaa deemuu
• Suuraa Alkhahaf qara'uu
• Ergamaa Rabbii(Sa Al Ws) irratti salawaata heddummeessuu
• Uffata babbareedaa uffachuu
• Du'aa'II heddumeessuu
• Sadaqaa(Kennaa) heddummeessuu

Walumaa galatti wantoota kheeyrii heddumeessuu wantoota hamoo(sharrii) irraa fagaachuun jumu'aa keenya haadabarsinuu!!!!!!!!!

Guyyaa jumu'aa kanaan Rabbiin biyya keenyaa fi ummata keenyaaf nagaa nuuf haa buusu jedhaatoo Du'aa'II godhaa!!!
♥️Nagaa♥️Peace ♥️Salam♥️

صلی الله علیه وسلم

😊 اللَّهُمَّ صَلِّ وَ سَلِّمْ عَلَى نَبِيِّنَا مُحَمَّدٍ ﷺ 😍

@Kennaapost
t.me/Kennaapost

2 weeks, 4 days ago
● Allaamatu Ibnul Qayyim (Rahiimahullaah) akkana …

● Allaamatu Ibnul Qayyim (Rahiimahullaah) akkana je'e:-

👉 Teessoon Ummata Gaarii waan Jaha (6) irraa gara waan Jahatti (6) si jijjiira:

  1. Shakkii irraa gama Yaqiinaa.
  2. Na Arkaa irraa gama Ikhlaasaa
  3. Ghaflaa (Daguu) irraa gama Zikrii.
  4. Duniyaa Kajeeluu irraa gama Aakhiraa Kajeeluu.
  5. Boona irra gama Of Gad Qabuu.
  6. Niyyaa Hamtuu irraa gama Niyyaa Tolchutti si jijjiira. #Khalaas

#Ustaaz_Hakiim_Hassan

@Kennaapost @Kennaapost

T.me/Kennaapost

3 weeks, 5 days ago
Abadan na mo'achuu hin danda'an

Abadan na mo'achuu hin danda'an
~~~
Osoo warri dhihaa sirratti duulanii akkamitti Da'awaa itti fufte? Lubbuu keetiif hin sodaattuu? Kan jedhu ture gaaffiin isaaf dhihaate.

Hayyuun kun gaaffii kana jacha Ibnu Teeymiyaan (Rahimahullaah) jedhe tokko fayyadamee deebii kenneef. "Warri na jibban maal na gochuu danda'u?

Yoo na hidhan mana hidhaa keessa taa'een ibaadaa godha. Yoo biyya irraa na baasan dachii keessa deemeen Rabbi gabbara. Yoo lubbuu kiyya baasan Shahiideen ta'a. Gonkumaa waan tokkollee na gochuu hin danda'an jedhe daa'iin adduunyaa kanaa, manni kitaabaa guddichi jaarraa 21ffaa, mataa dhukkubbiin warreen dhihaa Dr Zakir Naik Rabbi si haa tiksu kan akka keetii nuuf haa baay'isu.

© Amar Temam

@Kennaapost @Kennaapost

T.me/Kennaapost

We recommend to visit

Jeet ek Nasha hai aur is Nashe ki Factory ka mai ek lauta Baadshah hoon !

My Telegram Channel Link
https://t.me/+S9lLIcfDkRrhG-VZ

For Any Query Contact
My Username - @RehanBaadshah

Last updated 3 weeks, 1 day ago

Youtube Irraattis nu Argattu

https://www.youtube.com/c/KaachuuEntertainment

Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot

Last updated 1 month, 3 weeks ago

𝗝𝗶𝗿𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮 𝗺𝗶𝗹𝗸𝗮𝗮'𝗮𝗮 𝗷𝗶𝗿𝗮𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳 𝗸𝗮𝗸𝗮'𝘂𝘂𝗺𝘀𝗮 𝗬𝗔𝗔𝗗𝗔𝗔 𝗳𝗶 𝗗𝗔𝗡𝗗𝗘𝗘𝗧𝗧𝗜𝗜 𝗱𝗵𝗼𝗸𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗼𝗳𝗶𝗶𝘁𝘁𝗶 𝗳𝗮𝘆𝘆𝗮𝗱𝗮𝗺𝘂𝘂𝗳 𝗾𝗼𝗽𝗵𝗶𝗶 𝘁𝗮'𝘂𝘂 𝗯𝗮𝗿𝗯𝗮𝗮𝗰𝗵𝗶𝘀𝗮!
💥 @Oromoo_Inspire_YaadaafBot 💥

Last updated 3 weeks, 2 days ago