GUMAATA👌

Description
👉𝐃𝐡𝐚𝐚𝐦𝐬𝐚𝐚𝐟𝐢 𝐦𝐮𝐝𝐚𝐧𝐧𝐨𝐨 𝐣𝐚𝐚𝐥𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐤𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐧 𝐢𝐛𝐬𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮𝐧
👉Beeksisa Hojii haaraa yeroo yerootti
👉Oduufi Odeeffannoo
👉Barnootaa fi
👉Bashannansiisuu

Taajajila isin nu irraa argattanidha!
Advertising
We recommend to visit

Waa mareeg lagu aruuriyo duruusta culimada soomaaliyeed.

Waxa ka masuul ah:
https://t.me/IshraqCenter

Kala xidhiidh maamulka halkan:
@Turaasculimobot

Waxaad ka heleysaa buugaag ku qoran Luqadaada Hooyo ee Af-Soomaaliga oo ka liyah

Fadlan wixii Su'alaha la xariir

@liibaanwaasuge
@Mfaratoon

Hoyga Aflaanta Hindiga & Musalsalda Afsomali ah Gaar ahaan Kuwii Hore ee 70aad Kii ilaa 2024 Jaceyl Waali @ALFAGHISTUDIO Halkan Ka Daawo

1 month ago

Baga Ayyaana Gootota Oromoo geessan ! Har'a warra jiru taane guyyaa Gootota kabajna boru yoo darbinee ammoo goota taane tarree goototaa hirriirra

Seenaa Gabaabaa Nimoonaa Xilahuun (1986-2014GC)

Nimonaa Tilaahun Imana Godina Wallaga bahaa Magalaa Jimmaa arjootti bara 1986GC dhalate. Nimoonaan abbaa isaa Obbo Xilahuun Imaanaa fi haadha isaa Aadde Laaqechi Indaalammaa Mul’ataa irraa godina Wallaggaa Bahaa magaalaa Arjootti dhalate.

Barnoota isaa kutaa tokkoo eegalee hanga kudha lamaatti achuma magaalaa Arjootti baratee xumuruun barnoota sadarkaa olaanaatti fufuuf bara 2004GC yuunvarsiitii Finfinnee seene. Baruma kana diddaa barattoota Oromoo dhimma Finfinnee waliin walqabatee ka’een murtii jal’aa mootummaa wayyaaneen barattoota Oromoo 400 ol ta’an irratti dabreen, Nimoonaa Xilahuun waggaa tokkoof barnoota irraa arihatame.

Nimoonaa Xilahuun (1986 2014GC) Waggaa tokko boodas barumsa isaatti debi’ee bara 2005-2007GCtti “BSc / Banking and Insurance “ dhaan eebbifame. San booda bara 2007GC keessa godina Shawaa Kaabaa aanaa Qimibitti/magalaa Shanootti mindeeffamee achitti hojii eegale. Achitti utuu barsiisuu hiriyoota isaa biraa konkolataan Patrol/3F kan jedhamuun humnooti tika wayyanee ukkaamsanii fudhatan.

Haga ji’a tokkootti Mayikalawwitti dhoksaan hidhamee mana dukkana akeessatti gidiraa guddaa argaa ture. Dhiibbaa fi iyyannaa qaamota miran namoomaatiin dhiyaachaa tureenis, himannaan itti banamee gara mana Hidhaa Qaallittiitti dabarfame. Manni murtii Wayyaanees dhaddecha jallootiin murtii jalloo waggaa 11 akka hidhamuuf itti murteesse.

Nimoonaan mana hidhaa Qaalittii, Zuwayii fi Qilinxoo keessaatti garafamaa ture; Reebicha garmalee irra ga’eenis dhibeef saaxilame. Mana hidha akeessatti wal’aansa gahaa waan dhabeef hedduu miidhame. Dhukkuba kanaan erga hiraarfamee boodas, bara 2012GC keessa gara Hospitalaa Xiqur-Anbassaatti geeffamee ture.
Haata’uutii, wal’aansa garaa baqaqsaa godhameef iyyuu sirnaan otuu madaan isaa hin qoorin gara mana hidhaa Qaallititti deebifame. Achitti doorsisaafi dararaa guddaattu irra ga’aa ture.

Dhukkubni isaa itti hamaachaa waan dhufeef, dhiyeenya kana gara Hospitaala Xiqur-Anbassaatti deebisan. Garuu, qaamni laafee, bututee waan jiruuf dhibee san irraa dandamachuu dadhabee Waxabajjii 6, bara 2014GC ganama barii keessaa saatii 6:00 irratti lubbuun isaa addunyaa kana irraa dabarte.

Sirni awwaalcha Nimoonaa Xilahuun bakka warrii fi lammileen hedduu argamanitti bakka dhalootasaa Arjotti raawwatee jira.
“Qabsaa’aan ni kufa; qabsoon itti fufa.

@gumaat

1 month ago

Yeroo sana Magarsaa Barii Dura Taa’aa jechuun H/ Duree ABO ta’ee filame.
Gama biraan ammo haalli yeros dirree bahaa keessatti mul’ataa ture qabsoo hidhannoo gochuuf kennataa ykn mijataa ture. Elemoo |Qilxuu jaallan biro wajjin bara 1975 falmaa diinaa wajjin adeemsifame keessatti wareegame iyyuu jaallan dirree keessatti hafanii fi kanneen yeroo sana soomaliyaa irraa biyya seenaa turan namoonni akka Abdulkariim Ibrhaahimfaa (Jaarraa Abbaa Gadaa) KG ABO wajjin quba wal qabaachuun qabsoo hidhannoo finiinsuuf sulula Gobellee seenaa turan. Mootummaa Soomaaliyaa fi Dargii gidduuttis lolli jalqabame.

Haala kanaan bara 1977 walgahii gidduu ABO lammaffaa dhoksaan Finfinnee keessatti gaggeeffamee caasaa jaarmayaa haala yeroo waliin tarkaanfachu danda’u tolchuu dabalatee murtiilee adda addaa dabarse. Akka kanaan qaama hojii raawwatu Ajaja Siyaasaa fi Waraana Olaanaa jedhu, miseensota shan of keessa qabu akka hundeeffamu murteesse. Miseensota shanan keessa Magarsaa Barii dura taa’aa, Gadaa Gammadaa itti aanaa dura taa’aa, Leencoo Lataa barreessaa, Mo’ee Abdoo gaafatamaa siyaasaa fi hawaasummaa, Baaroo Tumsaa itti gaafatamaa hariiroo alaa godhe filate.

Kana malees gara tooftaa qabsoo hidhannootti akka fuulleeffatamu fi miseensonni irra jalaan gara dirree qabsoo hidhannootti akka socho’an murteesse. Haaluma kanaan, Fulbaana bara 1977 Magarsaa Bartiifaa gara dirree qabsootti deemanii hoggansa laachuuf imalanii konyaa Arba Guugguu bakka Martii jedhamtutti qubatan. Achumarraan gara Harargee ce’anii saglii Badhoo Dachaasaa fi Raggaasaan durfamuun simatamanii naannoo Bookee Guddaa jedhamu qarree Saaqqataa ganda Aliyyii Gulubee fi Sheek Mohaammad Dooyee jedhamutti WBOtti makaman.

Adeemsa hoggansa qabsoo hidhannoo gara naannoo kanatti godhaa turan milkii heddu argamsiisuus sirna jaarmayaa fi heera bulmaata waraanaa tolfame sadarkaa qondaalota waraanaatti iyyuu waan hin hubatamneef Magarsaa Bariifaa bakka garaa garaatti kora gaggeessuun hubannoo guddaa laatan. Ergasii kutaalee Oromiyaa bal’aatti socho’u eegalan. Haata’u malee Baaroo Tumsaa fi Badhoo Dachaasaa wareegamu isaaniin waraanni abdii kutatee ture irra deebiin ijaaran dhaaban.

Hayyuu duree ABO Magarsaa Barii, itti aanaa hayyuu duree Gadaa Gammadaa, miseensota koree gidduu Abboomaa Mitikkuu, Iggazuu Bantii ajajoota waraanaa torba dabalatanii qaama jaarmayaa ABO Somaaliyaa jiru sirna qabsiisuuf murteessuun garas imalaa osoo jiranii hidhattootaan marfaman. Haala kanaan Ebla 15, 1980 gammoojjii Ogaadeen bakka Shinniggaa jedhamutti, Magarsaa Barii fi namootni isa wajjiin jiran hundi waliin ajjeefaman. waliin du'un(Tokkummaan wal faana dhabamuun isaanii) dhalootaa seenaa beekuufi seenaa kabajuuf akka inni garaagarummaa Amantiifi gandaa injifatuuf mooraa jabaa ta'ee tokkummaa Oromoo keessatti isaan eegeera! Aarsaan Shinniigaa isa garaagarummaa nu keessatti ajjeeseedha!

@gumaat
@gumaat

1 month ago

Jaal Magarsaa Bariifi Shinniigaa

Magarsaa Barii bara 1942 Arsii, Cilaaloo aanaa Leemmuu fi Bilbiloo ganda Leemmuu jedhamutti dhalate. Bara 1953 maatiin isaa wajjiin hacuuccaa baqatanii godina Baalee, aanaa gololchaa iddoo Yaakumaa Dinkittii jedhamutti baqatan.

Magarsaa Barii dhalatee waggaa 14 booda bara 1956 keessa mana barnootaa galee barumsa jalgabe. Barnoota kutaa 1-4, mana barnootaa warra misiyoonii ‘Mission Interior School’, magaalaa Adaabbaatti argamutti barate. Kutaa 5-8 mana barnootaa mootummaa Gindhiritti barate.

Bara 1963 qormaata kutaa 8ffaa fudhatee qabxii ol aanaa fiduun Finfinnee mana barnootaa sadarkaa 2ffaa Koomersiitti ramadame. Yeroo mana Barumsaa Sadarkaa Lammaaffaa Koomersii Finfinnee seene irraa eegalee barattoota Oromoo yeroos Yuunivarsiitii Finnfinnee keessaa baratan wajjin quunnamtii qaba ture jedhama. Bara 1967 qormaata kutaa 12ffaa fudhatee qabxii olaanaa fiduudhaan darbe.

Magarsaa Barii bara 1968-1971 Yuunivarsiitii Finfinnee muummee Saayinsii Hawaasummaa, Bulchiinsa Daldalaa baratee, qabxii guddaa fiduudhan ‘Great distinction’ eebbifame.

Magarsaan erga eebbifamee booda waajjira Abbaa taayitaan Humna Ibsaa Itiyoophiyaatti ramadame. Achirraa gara waajjira olaanaa Telekominikeeshina ltoophiyaatti jijjiiramee hangan bara 1974tti bakka gaafatamaa irra hojjate. Jalqaba 1975 irraa hanga walakkeessa 1976tti itti-aanaa bulchaa kutaa Baalee ta’ee hojjate.

Yuunivarsiitii Finfinneerraa eebbifamee hojii mootummaatti haa ramadamu malee, irra guddaa qabsoo Oromoo irraa qooda fudhachuu fi dalaga dhaaba qabsoo bilisummaa Oromoo hogganuu tokko hundeessuu irratti bobba’ee hojjachaa ture. Ilmaan Oromoo hubatoo, qaroo fi muratoo ta’an, dhaaba bilisummaa ijaaruu fi hoogganuu danda’an, Adoolessa 1, 1973 walitti dhufanii Birkii Qindeessituu Waaltaa (Central Coordinating Body) jedhu uuman. Birkiin kun Jeneraal Taaddasaa Birruu hoggaaganmuu yoo ta’u, miseensonnisaa Magarsaa Barii, Baaroo Tumsaa fi namoota biroo turan. Akka kanan dhaaba bilisummaa kan hunda hammate tokko dhaabuuf sochiin bal’inaan itti fufe.

Sochii biyya keessaa fi alaa walitti fiduun barbaachisaa ta’uun waan itti amanameef baruma 1973 kana keessa jilli qabsaawotaa Oromoo biyya keessaa fi ala turanii walitti dhufuun marii bal’aa adeemsisaa turan. Hogganaan Birkii Qindeessituu Jeneraal Taaddasaa Birruu mana hidhaa Galamsoo bahee baadiyyaa Harargee wayta seenu qabsaa’oti Oromoo biyya alaatti leenjifamanii deebi’an Oromooti akka Hasan ibraahim (Elemoo Qilxuufaa) akka dhaqqabaniif miseensoti Birkii qindessituu waaltaa hafan Magarsaa Bariifaa haala aanjessaa turan. Elemoo Qilxuufaa ,Jeneraal Taddasaa wajjin wal quunnamsiisuu haa hanqatan malee haalli yeroo sana ture Qabsoo hidhannoo eegaluuf mijataa waan tureef achumaan qabsoo hidhannoo akka jalqaban taasisan.

Gama biraanis Magarsaan Oromoota fincila diddaa gabrummaa kibba Oromiyaa keessaati qooda qabaachaa ture hanga baadhiyyaa Baaleetti itti dhaqee qunnamuun dammaqsuu if ijaaruuf tattaaffii godhaa ture. Keessaayyuu bara 1975-1976 wayta I/bulchaa kutaa Baalee ture namoota sochii kibba Oromiyaa keessaa qooda qabaachaa turanii fi Oromoo Somaaliyaa irraa meeshaa waraanaa hidhatanii maqaa Somaalee Aabboo jedhuun Waabee, Kurkurru, Saawweena, Dalloo Mannaa fi Raayituu keessa socho’aa turan dhoksaan itti dhaqee haasofsiisuun sochicha qaama sochii bilisummaa Oromoo taasisuuf tattaafataa ture.
Walakkeessa 1976 yeroo Magarsaan Finfinnee dhaqeee Birkiin Qindessituu Waaltaa wixinee sagantaa siyaasaa bara 1974 keessa qopheesse irratti mari’atee akka raggaasuu fi sirna ijaaramaa diriirsuuf kora bu’uuressaa (founding congress) ABO qopheessaa ture. Waxabajjii 11,1976 magaalaa finfinnee keessatti dhoksaan kora bu’ureessaa ABO adeemsisan. Kora bu’uuressa ABO kana irratti kan argaman bakka bu’aata maadheelee sabboontota Oromoo Finfinnee fi godinoota Oromiyaa adda addaa, bakka bu’oota jaarmaa Dargaggoota Oromoo warraaqaa jedhamuu, bakka bu’oota saglii gaafas dirree qabsoo hidhannoo ture yeroo ta’an, hojjattoota Oromoo irraas namooti argamaniiru.

3 months ago

Guyyaan har'aa guyyaa yaadannoo waggaa 20ffaa barattoonni Oromoo 350 ol ta'an garajabinaan Yuunivarsitii Finfinnee irraa wayyaaneen ari'amaniidha.

Guyyaa kana kan ture kana qofa miti, qaanqeen qabsoo Oromoo kan duraanii caalaatti gaafas abidda taatee bobaate, Teessumni Mootummaan Naannoo Oromiyaa magaalaa Finfinnee irraa guyyaa kana gara magaalaa Adaamaatti Mootummaa wayyaaneen murtaa’ee jijjiirame.

Kanuma bu'uureffachuun qabsoon Oromoo kan duraanii caalaatti finiine, Oromoon Abbaa biyyummaa isaa murteeffachuun handhuura isaa magaalaa Finfinneetti deebi'uuf kallattii hundaanuu qabsoo finiinse.

Guyyaa kana Abbootiin Waldaa Maccaafi Tuulamaa Aarsaa guddaa kaffalan.

Barattoonni Oromoo qabsoo kana keessatti adda duree yemmuu ta'an, Yuunivarsitii Finfinnee qofa iraa guyyaa tokkootti barattoonni 350 yemmuu ari’aman, barattoonni afur ammoo wareegamniiru.

Barattoonni Wareegamanis:-

Alamaayyoo Garbaa
Gaaddisaa Hirphaasaa
Maskaram Ayyaanaa
Biraanuu Yaadataa

Yoomuu Oromoon Isin Yaadata.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA

@gumaat
@gumaat

3 months ago
Join taasisaa ittiin bohaaraa.

Join taasisaa ittiin bohaaraa.

@gumaat
@gumaat

3 months ago
Qalbii Oromoo keessatti ati yoomuu siidaa …

Qalbii Oromoo keessatti ati yoomuu siidaa jiraataadha. Tarii akkasaa wallaallee... Tarii karaasaa dhabnee... Tarii sodaan hudhamnee... Tarii haallifi barri nu sakaalee... Tarii gara itti gorru dhabnee... akka warra gootasaa dagateetti, akka warra gumaa baasuu hinbeekneetti riphaafii rincicaa fakkaanneerra yookaan taaneerra ta'a. Waantin beeku garuu yeroo maqaankee ka'u miliyoonotatu lapheen dachaan dhiitata. Kan siif wareeru lakkoofsaan hin himamu.

Ati seenaa hin nyaanne, seenaa hin laaqne. Xinnoo jiraattetti guddaa nuu buufte. Warra Adwaa irratti duulee kaasee hanga har'aatti Xoophiyaanonni Oromoo (Oromoota itiyoophiyaawwineetii leellisan) Oromummaa bakka bu'anii akka Oromootti dhaadachuuf, mul'achuuf, dubbachuuf waan baay'eetu harkaaf afaan isaan qaba; saalfatoodha. Ati garuu umuriikee guutuu bakka nu buute; Afaan saba guddaa - si jaalanna; si yaadanna.

@gumaat
@gumaat

3 months ago

Akkaadamii Afaan Oromoo yoo dhaabbate bu'aa akkamii qaba?
1. Afaan Oromoo waaltessuu keessatti hojii hayyotaa walitti fiduun labsiin mirkaneessa.
2. Qorannoo Afaan Oromoo faffaca'ee jiru kallattii tokkorraan akka hogganamu gochuu.
3. Afaan Oromoo abbaa argata. Dogoggorri gama barreeffamaanis ta'e eessanuu uumamu qajeelchuuf itti gaafatamummaa fudhata.
4. Kitaabilee Afaan Oromoon barreeffaman ga'umsa akka qabaatun taasisuu,
5. Aggaammii keessaafi alaan Afaan Oromoo qoocarsu fashalsuufi kkf.
Kanaafuu, Giddugala Akkaadaamii Afaan Oromoo dhaabuun Afaan Oromoo guddisuun yeroonsaa amma! Mootummaan Naannoo Oromiyaas kana hubatee tumsa akka taasisu amantaa irraa qabna. Xalayaa kana dubbistanii qaama dhimmi ilaallatuun waan naaf geessaniifis durseen isin galateeffadha!
Horaa bulaa!
Fedhasaa Taaddasaati
Galagalcha
-Caffee Oromiyaatiif
Biiroo Barnootaa Oromiyaaf
-Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaaf
-Giddugala Aadaa Oromoof,
-Inistiitiyutii Qoranoo Oromoo
-Hayyoota Oromoo maraaf

@gumaat
@gumaat

3 months ago

Xalayaa Banaa

Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiif (Obbo Shimelis Abdisa)
Dhimmisaa: Akkaadamii Afaan Oromoo akka Hundaa'uuf Yaada kennachuu ta'a.
Afaan Oromoo Oromiyaa keessatti erga afaan hojii mootummaa, afaan barnootaa, barnoota afaanii, afaan qo'annoofi qorannoo, afaan barreeffamaafi afaan saayinsiifi teeknoloojii ta'ee waggoota 30 dabarsee jira. Manneen barnootaa sadarkaa gadii hanga oliittis baratamaa jira. Akka kanaan, ogeessonni afaan kanaa sadarkaa digirii lammataan (MA) hanga PhD eebbifaman hojii sektera adda addaa keessatti ramadamanii hojjechaa jiraachuunis beekamaadha. Afaanichaan hanga digirii sadaffaa (PhD) baratamaa jira. Deemsi jalqabame kun Afaan Oromootiif daandii guddinaati. Kana keessattis gumaachi gama mootummaatiin taasifame laayyoo miti. Afaan kanaan hojjechuufi ittiin barsiisuu dabalatee Oromiyaa qaariyuun naannoo biroo keessattillee akka baratamuuf hojii riqicha ijaaruu kan hojjete MNO namni mormu jira natti hinfakkaatu. Kanarraa kan hubatamu Afaan Kana guddisuuf MNO hojjechaa jiraachuudha. Waan jajjabeeffamuu qabu jabeessinee, waan guutamuu qabummoo yaboo kennachuun barbaachisaadha jedheen amana. Carraa kanaan hojii mootummaan Afaanicha guddisuuf hanga yoonaatti taasiseefi itti jiruuf galateeffachuu barbaada.

Ta'us, dhimmi afaan kanaa ammayyuu murtii siyaasaa barbaada. Sababnisaa, Afaan Oromoo qabeenya namoota miliyoona 50 oliiti. Akkuma dacheen Oromiyaa bal'oo taate dhimmi afaan kanaa bal'inaan ilaalamuu qaba. Hojiin qorannoos ta'e dhimmi guddina afaan kanaa Wiirtuu Tokkorraa hogganuu feesisa. Waan hundaayyuu, karaa saayinsawaa ta'een raawwachuuf qorannoo tumsanii hojjechuunis barbaachisaadha. Hojiin dagaagina Afaan Oromoof taasifamaa jiru kan hanga yoonaa hojjetameefi sichis itti jiramu akka dhugoomuufis giddugaleessi tokko jiraachuu qaba. Giddugaleessi afaan hogganummoo AKKAADAAMII AFAANII jedhama. Akkaadaamiin afaanii wiirtuu afaan hogganu, qoratee qorrachiisu, aangoo murtii seeraa dabarsuu caffaarraa argateenis sirreeffamas ta'e hojii kamiyyuu walabaan raawwachuuf itti gaafatamummaa kan fudhatuudha.

Dhimma qorannoo Afaan Oromoon walqabatuuf, dhaabbilee lama ol hundeessitanii hojii hojjechiisaa jiraachuun keessan beekamaadha. Dhaabbileen kunniin Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaatiin kan hogganamu Inistiityutiin Qorannoo Oromoofi Giddiugala Aadaa Oromooti. Dhaabbileen kunniin hojii qorannoon walqabaturratti hojii gurguddaa hojjetanii jiru. Haata'u malee, kan isaan hojjetan qorannoodha. Afaan kanaaf murtii seeraa fudhatanii sirreeffama kennuu hindandeenye. Rakkoon kanaa hojii AKKAADAAMII AFAANII sana hojjechuuf labsii seeraa waan hinqabneefiidha; qabaachuus hindanda'an.

Kanaafuu, AKKAADAAMIIN AFAAN OROMOO MNO jalatti hundaa'ee, caasaasaa Oromiyaa guutuu keessa diriirsuun dhimma Afaan Oromoo haahojjetu. Warri hundeeffamanii jiran immoo hojii qorannootiin haatumsan. Caasaan Akkaadaamii Afaan Oromoo Kun caasaasaa hanga aanaatti yoo diriirfate (akkuma Aadaafi Turizimii, Akkuma Eegumsa Fayyaafi kkf.) salphaatti jechoota Afaan Oromoo Oromiyaa keessa jiru kuusuun waaltessuu danda'a. Dhimma hundaas hawaasa afaanicha fayyadamu waliin hojjechuun afaanicha niguddisa. Kanaaf, Itti Waamamnisaa Bulchiinsa MNO ta'ee, Biiroo ofdanda'een haahundaa'u. Dhimmi afaanii hundis achitti haakurfaa'u.

Akkuma Isin quba qabdan, saboonni ollaa keenyaa akka Affaar, Tigiree, Adareefi kkf akkaadaamii afaan ofii qabu. Dhimmi afaan isaaniis achirraa hogganama waan ta'eef, waldhabdeen gidduu sabasaaniitti uumamu hinjiru. Afaan Oromoos akkaadaamii Afaan ofii yoo qabaate maal rakkoon? Amma hireen kun hakuma keessan jirtii irratti hojjedhaa. Tarii ibsa dabalataa yoo barbaaddan wixinee dhimma kanaaf qophaa'e isiniif dhiyeessuu nan danda'a. Dhimmichi dhimma hunda keenyaati waan ta'eef akka laayyootti ilaaluu hinbarbaachisu.

3 months ago
3 months ago

Wareegamuun Weellisaafi Barreessaa Daadhii Galaan Waggaa shanaffaan tibbana kutaalee hawaasaa garaagaraa biraatti yaadatamaa jira.

Weellisaafi Barreessaa Daadhii Galaan Godina Shawaa Bahaa Aanaa Liiban Cuqqaalaa bakka Ashuffee jedhamutti qabata sagantaa eebba hoteelaa jedhuun waamamee Guraandhala 4 bara 2011 A.L.I tti halkan naannoo sa'atii shanii keessa rasaasa itti dhukaafameen ajjeefame.

Daadhiin abbaa weelluuwwan qeenxee hedduufi kitaabota afurii yoo ta’u, hojiiwwan aartiisaa keessatti seenaa irratti xiyyeeffatee hojjechuun yaadatama.

Weellisaafi Barreessaa Daadhii Galaan Godina Shawaa Bahaa Aanaa Liiban Cuqqaalaa ganda Jaarraa Goorootti haadhasaa Aadde Likkee Damiseefi abbaa isaa Obbo Galaan Wadaajoo irraa bara 1973 A.L.I tti dhalate.

Mana barumsaa sadarkaa 1ffaa ganduma dhalootasaa mana barumsaa Gooroo Gussaafi sadarkaa 2ffaa mana barumsaa Moodeela Bishooftuutti barate.

Walleewwan warraqsaafi seenaa weellisuun kan beekame dararaafi saamicha lafaa qonnaan bultoota Oromoo irratti raawwatamaa ture walleen ibsaa tureera.

“Calanqootti lafee lafarraa harree, Aanoleetti harkaafi harmatu citee” jechuun wallee isaa keessaa kan jaallatamummaa guddaa gonfatedha.

Daadhii Galaan kitaabota afur; Boolla Nugusa Nyaatte, Aartiifi Artistoota, Doboqaa, Yaadannoo jaallanii (Liiban Liibiyaa taatee) fi Wallee Albeema sadii ; Oromiyaa Muummee, Warra Soddaa, Imimmaan Hiyyeechaa yoo ta'u, waliigala walleewwan qeenxee 37 caalan hojjetee seenaa gurguddaa kaa'ee darbe.

Walleewwan isaa Oromiyaa Muummee, Doboqaa, yaa ejersa mana duubaa, Jabaa maaltu jibba, jedhamuun uummata isaa biratti kabajaafi jaalala akkasumas dhageettii argateera.

Bara 2011 A.L.I tti baatii Guraandhalaa keessaa Aanaa Liiban Cuqqaalaa Aanaa dhuma dhaloota isaa keessa iddoo Ashuffee jedhamutti qabata Eebba Hoteelaa jedhuun Daadhiin Weellistoota biroo waliin affeeramee deeme.

Sagantaa kana irra turanii gaafa guyyaa 3ffaa rasaasni gammachuuf waan dhukaafamu fakkaatu heedduun dhuka’aa turuu kanneen itti dhiyeenyaan beekan himu.

Halkan keessaa naannoo sa’atii shanii rasaasaan laphee isaarra rukkutamuun Daadhii Galaan yeroo xumuraaf harka laate.

Lubbuu isaa oolchuuf gara mana yaalaa geessan illee lubbuu oolchuun hin danda’amne ture.

Abbaafi haatisaa wareegamuu ilma isaanii kanaan heedduu kan gaddan abbaan isaas waggaa sadii dura osoo gadda ilma isaan liqimfamee jiruu boqote.

Haati isaas gadda jabaa keessatti kan kufte rakkoo fayyaa addaa addaaf saaxilamtee jiraachuu namoonni itti dhiyeenyaan beekan himan jiru.

Weellisaafi Barreessaa Daadhii Galaan abbaa ilma tokkoo yoo ta’u, ilmi isaa Imaanaa Daadhii Galaan mootummaa kanaan hidhamee dararamaa turee mana hidhaatii ba’uun qabsoo hidhannootti makamee jira.

Maddi: OMN

@gumaat
@gumaat

We recommend to visit

Waa mareeg lagu aruuriyo duruusta culimada soomaaliyeed.

Waxa ka masuul ah:
https://t.me/IshraqCenter

Kala xidhiidh maamulka halkan:
@Turaasculimobot

Waxaad ka heleysaa buugaag ku qoran Luqadaada Hooyo ee Af-Soomaaliga oo ka liyah

Fadlan wixii Su'alaha la xariir

@liibaanwaasuge
@Mfaratoon

Hoyga Aflaanta Hindiga & Musalsalda Afsomali ah Gaar ahaan Kuwii Hore ee 70aad Kii ilaa 2024 Jaceyl Waali @ALFAGHISTUDIO Halkan Ka Daawo