Unlock a World of Free Content: Books, Music, Videos & More Await!

Addis Standard Afaan Oromoo

Description
Advertising
We recommend to visit

بســــــــــــم الله الرحمن الرحيــــــــــــم
Ku Dhawaad 3000 Buug-Somali
Free Ah
Youtube:
https://shorturl.at/auGJZ
Diclamer:
https://telegra.ph/HA-DEG-DEGIN-AKHRI-11-15
© Somalibooks Pro Inc
- All Rights Reserved-⤵️
@Cabasho_Bot
@Tusmobook

Last updated 6 months, 1 week ago

Somali National Television is the principal public service broadcaster in Somalia.

Headquartered in Mogadishu.

Last updated 2 months ago

Kala soco Xikmad iyo Qormooyin Markasta Io Meelkasta.

Last updated 6 days, 12 hours ago

1 month, 3 weeks ago

Oduu: Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii balaan lolaa rooba gannaa namoota 1,000,000 ol buqqisuu danda'a jedhe

Roobni ganna dhufu namoota 1,000,000 tokkoo ol qe’eerraa buqqisuu akka danda’u Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti qindeessaan gargaarsa namoomaa (#UNOCHA) beeksise.

Dhaabbatichi gabaasa baaseen, namoonni miliyoona 1.9 ta’an balaa lolaatiif kan saaxilaman yoo ta’uu kanneen keesaa miliyoona tokko kan ta’an qe’eerraa buqqa’uu mala jedheera.

Komishiniin bulchiinsa balaa tasaafi dhaabbileen gargaarsa namoomaa rakkoo kanaaf gargaarsa hatattamaa taasisuuf karoora baafatee qophaa’uu biirichi beeksiseera.

Naannoo #Oromiyaa'tii namoonni 104,000 ta’an qe’eerraa buqqa’uu danda’u jedheera.

Gabaasa guutuu https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=3912

Addis Standard

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii balaan lolaa rooba gannaa namoota 1,000,000 ol buqqisuu danda'a jedhe - Addis Standard

Finfinnee, Ebla 27, 2024 – Roobni gannaa dhufu namoota 1,000,000 tokkoo ol qe’eerraa buqqisuu akka danda’u Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti qindeessaan gargaarsa namoomaa (UNOCHA) beeksise. Dhaabbatichi gabaasa baaseen, namoonni miliyoona 1.9 ta’an balaa…

**Oduu: Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii balaan lolaa rooba gannaa namoota 1,000,000 ol buqqisuu danda'a jedhe**
1 month, 3 weeks ago
Addis Standard Afaan Oromoo
1 month, 3 weeks ago
Oduu: Aadde Adaanach Abeebee ijaarsi mana …

Oduu: Aadde Adaanach Abeebee ijaarsi mana jireenyaa 4,000 eegalchiisan

Kantiibaan magaala Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee ijaarsa mana jireenyaa 4,000 marsaa tokkoffaatiin naannoo Laga Harreetti ijaaramaniif dhagaan bu'uuraa kaa'ame.

Ijaarsi mana jireenyaa mootummaa qofaan waan hin furamneef abbootii qabeenyaa dhuunfaa waliin ta'uun rakkoo jiru furuuf karoorfachuu Adde Adaanach himteerti. Manneen kunneen Riil Isteetii Giift waliin ta'uun kan ijaaraman ta'uu himaniiru.

Manneen marsaa tokkoffaa kunneen hatattamaan yeroo karoorfmetti xumuramus jedhan.
Madda: FBC
https://www.facebook.com/100072136776579/posts/pfbid02WskEppTXdoUJBQvHGZuscdKKgT2vDUcjioFia9KdtDJRydeuShoCm9q47kC8ycacl/

1 month, 4 weeks ago
**Oduu: Eritraan biyyoota addunyaa balfa pilaastikii …

Oduu: Eritraan biyyoota addunyaa balfa pilaastikii seeraan hin dhabamsiifne keessaa tokkoffaa taate

#Eritiraan addunyaa keessaa biyya balfa pilaastikii seeraan hin dhabamsiifne keessaa keessaa tokkoffaa ta’uu gabaasni Guyyaa Pilaastikii Too’achuu agarsiise.

Dhaabbatichi gabaasa tibbana baaseen, biyyoonni 44 #Afrikaa fi #Hindii dabalatee biyyoonni 81 sababa hojimaata bulchiinsa balfaa gadhee ta’een faalama pilaastikiitiif gumaacha guddaa taasisaa jiraachuu ibse.

Balfi pilaastikii akka addunyaatti maddu akka dabalu kan tilmaamame yoo ta’u, bara 2024tti gara toonii miiliyoona 69.5tti kan dhiyaatu haala gaariin akka hin dhabamsiifamne ta’uu raagameera.

https://www.facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid0xeB4EzkgUrWvRwWuA3SqtYwNidcqEws55AkkXbrp3UmzA6sR4Rars5N3sm6kqMS9l

1 month, 4 weeks ago
**Oduu:** [**#IMF**](?q=%23IMF) **sagantaa liqii haaraa irratti** …

Oduu: #IMF sagantaa liqii haaraa irratti #Itoophiyaa waliin 'garaagarummaa' qabaachuu ibse

Fandiin Maallaqaa Idil-addunyaa (IMF) fi Itoophiyaa gidduutti ammallee paakeejii liqii fi haaromsaa irratti ''garaagarummaan'' jiraatus mariin itti fufee jiraachuu qondaalli olaanaa IMF Jimaata darbe ibsaniiru.

Itiyoophiyaan deeggarsa IMF argachuuf maallaqa ishee kan gabaa gurraacha irratti gara %50 gadi bu’ee doolaara Ameerikaatiin daldalamaa jiru #gatii akka hir'iftu IMF gaafatchuun ibsameera.

Itoophiyaatti Hogganaan Ergama IMF Alvaaroo Piris Chavaarii Walgahii Birraa IMF fi Baankii Addunyaa Waashingitanitti gaggeeffamerratti ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, ''mariin itti fufee jiraachuun ibsuun "hanga ammaatti garaagarummaatu jira,” jedhaniiru.

IMF sagantaa liqii haaraa irratti Itoophiyaa waliin ammallee 'garaagarummaan' akka jiru dubbata.

https://www.facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid02xk53SicMBZ5P7pvPZcQjSUd7EQci5gae7cEjuKA3afZ5XzFZC6bb4MayVH7TRgaDl

1 month, 4 weeks ago

Oduu: Kutaalee #Oromiyaa garaagaraatti walitti dhukaasa humnoota mootummaa fi #WBO gidduu itti fufeen lubbuun namoota nagaa darbe

Torban muraasa darban keessatti kutaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti walitti dhukaasa humnoota nageenyaa mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduu gaggeeffameen walqabatee namoota nagaa irratti ajjeechaan raawwatamuu jiraattoonni himan.

Godinaalee taatee akkanaa keessummeessaa jiru keessaa tokko kan ta’e godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Sulula Fincaa'aa gandoota garaagaraa keessatti “waraana jabaa” humnoota nageenyaa mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduu gaggeeffamaa jiruun walqabatee jiraattoonni dararamaa jiraachuu himan.

Jiraataan aanichaa Addis Standard dubbise tokko, “[qaamoleen mootummaa] meeshaalee kan akka hankaaksee fi eeboo nutti kennanii shanee barbaadaa jedhanii nu dirqisiisaa jiru,” jedhe.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=3737

Addis Standard

Kutaalee Oromiyaa garaagaraatti walitti dhukaasa humnoota mootummaa fi WBO gidduu itti fufeen lubbuun namoota nagaa darbe - Addis…

Finfinnee, Ebla 19/2024 – Torban muraasa darban keessatti kutaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti walitti dhukaasa humnoota nageenyaa mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduu gaggeeffameen walqabatee namoota nagaa irratti ajjeechaan raawwatamuu…

**Oduu: Kutaalee** [**#Oromiyaa**](?q=%23Oromiyaa) **garaagaraatti walitti dhukaasa humnoota mootummaa fi** [**#WBO**](?q=%23WBO) **gidduu itti fufeen lubbuun namoota nagaa darbe**
2 months ago
[**#Eertiraan**](?q=%23Eertiraan) **dhalattoota** [**#Tigraay**](?q=%23Tigraay) **46 hidhaarraa gadhiiste**

#Eertiraan dhalattoota #Tigraay 46 hidhaarraa gadhiiste

Eertiraan dhalattoota Tigraay 46 bakkeewwan Naannoo Tigraay garaa garaa irraa fudhatamuun Eertiraa keessatti hidhamanii turan kaleessa gadhiiste. Hidhamtoonni hiikaman kunneen kaleessa Naannoo Tigraay, Shiraaroo galuu isaanii barameera.

Namoonni kunneen harki caalaan isaanii godina Kaaba Lixaa aanaa Taahtaay Adiyaaboo irraa kan fudhataman ta’uu bulchaan aanichaa Mabraahtoom Gazaa’i Addis Standarditti himaniiru.

Akka Mabraahtoom jedhanitti, namoonni 46 kunneen Eertiraa keessatti mana hidhaa Baarentuu jedhamu keessa yoo xiqqaate ji’a lamaa hanga waggaa tokkoo oliif hidhaatti dabarsaniiru.

Dhalattoonni Tigraay kaleessa gadi lakkifaman kunneen jalqaba Aanaa Taahtaay Adiyaaboo keessaa butamanii Eertiraatti hidhamuu bulchaan aanichaa himaniiru. Aanaan Taahtaay Adiyaaboo gama kaaba Tigraay irraan Eertiraa waliin daangaa qooddata. AS

2 months ago
Addis Standard Afaan Oromoo
2 months ago
**Lammiilee** [**#Itoophiyaa**](?q=%23Itoophiyaa) **Saa’ud Arabiyaatti haala rakkisaa …

Lammiilee #Itoophiyaa Saa’ud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa turan gara biyyatti deebisuun har’a eegale

Lammiilee Itoophiyaa #Saawud_Arabiyaatti haala rakkisaa keessa turan 70,000 gara biyyaatti deebisuu eegalamuu Ministeera Dhimma Alaa beeksise.

Haaluma kanaan torbanitti balaliiwwan 12 taasisuun baatiiwwan afran dhufan keessa lammiilee Saa’ud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa jiran gara biyyaatti deebisuu kan gaggeeffamu ta’uun eerameera.

Guyyaa har’as deebitoonni wayita Buufata Xiyyaara Idil Addunyaa Boolee ga’anitti aagan’oota garaa garaan simannaan taasifameera.

Dilbata darbe jilli Deetaa Ministira Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon durfamu Riyaaditti aanga'oota Saa'udi Arabiyaa waliin dhimma haala baqattoota Itoophiyaa haala rakkisaa keessa jiran gara biyyaa deebisuu danda’amu irratti mari’achuu ni yaadatama. AS

2 months, 1 week ago

Mariin Biyyaalessaa Mootummaan ittiin fiigaa jiru kuni furmaata hin fidu!

Marii Biyyaalessaa Ilaalchisuun Miseensa Korea Hojii raawwachiiftuu KFO Sulxaan Qaasim wajjin taasifame daawwadhaa!

https://youtu.be/lvtMOMPtvFU?si=scZ01edN72ZY5cPW

We recommend to visit

بســــــــــــم الله الرحمن الرحيــــــــــــم
Ku Dhawaad 3000 Buug-Somali
Free Ah
Youtube:
https://shorturl.at/auGJZ
Diclamer:
https://telegra.ph/HA-DEG-DEGIN-AKHRI-11-15
© Somalibooks Pro Inc
- All Rights Reserved-⤵️
@Cabasho_Bot
@Tusmobook

Last updated 6 months, 1 week ago

Somali National Television is the principal public service broadcaster in Somalia.

Headquartered in Mogadishu.

Last updated 2 months ago

Kala soco Xikmad iyo Qormooyin Markasta Io Meelkasta.

Last updated 6 days, 12 hours ago