Unlock a World of Free Content: Books, Music, Videos & More Await!

DHANGAA WALALOO

Description
Live for your purpose and die for your purpose!
Advertising
We recommend to visit

Jeet ek Nasha hai aur is Nashe ki Factory ka mai ek lauta Baadshah hoon !

My Telegram Channel Link
https://t.me/+S9lLIcfDkRrhG-VZ

For Any Query Contact
My Username - @RehanBaadshah

Last updated 3 weeks, 1 day ago

Youtube Irraattis nu Argattu

https://www.youtube.com/c/KaachuuEntertainment

Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot

Last updated 1 month, 3 weeks ago

𝗝𝗶𝗿𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮 𝗺𝗶𝗹𝗸𝗮𝗮'𝗮𝗮 𝗷𝗶𝗿𝗮𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳 𝗸𝗮𝗸𝗮'𝘂𝘂𝗺𝘀𝗮 𝗬𝗔𝗔𝗗𝗔𝗔 𝗳𝗶 𝗗𝗔𝗡𝗗𝗘𝗘𝗧𝗧𝗜𝗜 𝗱𝗵𝗼𝗸𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗼𝗳𝗶𝗶𝘁𝘁𝗶 𝗳𝗮𝘆𝘆𝗮𝗱𝗮𝗺𝘂𝘂𝗳 𝗾𝗼𝗽𝗵𝗶𝗶 𝘁𝗮'𝘂𝘂 𝗯𝗮𝗿𝗯𝗮𝗮𝗰𝗵𝗶𝘀𝗮!
💥 @Oromoo_Inspire_YaadaafBot 💥

Last updated 3 weeks, 2 days ago

1 week, 1 day ago

***Gatii kee hin dhabinii

Dhooqqee isaa borciitee
Galanatti yaaftee
Ilkaanin kolfitee
Afaan natti laaftee

Miiraan tasgabbooftee
Anaan naasiifattee
Cubbuu narratti oltee
Damma afaan dibaattee

Suphuuf garaa yaabdee
Waan hundeen isaa citee
Mutaa ijatti of dhaabdee
Dura koo ijaajjitee

Kutaa haa uffatuu
Yaa ayyaana jootee
Waaqni haa dubbatuu
Wan ati na gootee!

Warra abootee gamaa
Maaf daftee hin dhaqinii
Wan naa goote sanaaf
Gatii kee hin dhabinii!***

1 month ago

"Gaafa roobee hin qiqqichuu"jedha oromoon arfaan walisoo yeroo muraasan booda madda @artistootaa ***ta'uuf jirti.

Waa malee hin jenne ijoollee qaqqaliin reefu lafaa dhufaa jiran dhuguma nama jechisisa artistoota gameeyyii hedduu qabna kan hamma ilaallu warra reefu gara hojii artitti dhufaa jirudha.

Shubbisaafi leenjisaa wellisaa biniyam lammaa torbeewwan darbaan keessa marsaa lamaaf shubbistoota eebbisisee ture akkasuma welluu tokkos qabatee akka dhufaa jiru gurran nu gahee nagaan koottu jedhan

Wellisaa biqilaa gizawuu marsaa lamaaf weelluu ebbisisee ture

Haacaaluu Likkiisaa gaafa guyyaa19/8/2016 ebbisisuuf qophii xumurera nagaan koottu!

Seenaa Intala Oromticha (seenaa tamam) kitaaba mata dureen Isaa madaa kaayyoo jedhu barreesitee ummata biraan gahuf jirti gaafa guyyaa11/9/2016 irratti hirmaadha. Nagaan koottu

Oliqaa gaarradaa weelluu haaraa qabatee dhufaa akka jiruu gurra naa bu'ee jira gaafa guyyaa 18/9/2016 nagaan koottu

Artiistoonni keenya gameeyyiin karaa nutti agarsiiftaan gootonni keenya gameeyyiin ofiif duutanii nuu jiraachiftan galatoomaa!***

1 month ago

***Eyyeen akkumaan yeroo darbee dubbachuuf yaale seenaa nama jabduu tokkoo isiniif dhiyeessa jedhee waadaa galeen ture kunoo itti dhiyaadhaa.

Seenaa tamam jedhamti nama oromummaa isheef bakka laattu,
Nama oromummaa ishee guddisuuf kallattii argamee maratti fayyadamtee oromummaa ishee calaqqisistudha.

Kessattuu yeroo hamma tana shammarran baay'een gara heerumanii mana godhachuu malee waa'een oromummaa dagatamee fakkata.

Ta'uus seenaan yeroo hammaan tanaa kitaaba quuqqaa saba ishee, aadaa saba ishee, afaan saba ishee
Eenyummaa saba ishee ibsuu addunyatti mul'isuuf kitaaba tokkoo hojjattee sadarkaa hunda xumurtee jirti.

Eegaa guyyaa murta'een booda ummata biraan gahuuf jirti.anis yeroo murta'een booda qola kitabaa fi mata duree kitabaa nan maxxansaa obsan naa eegaa.
share gochun wal bukkee haa dhabbannu!***

2 months ago

***Quba hin qabuu

Ano hin beekuu,
Ati akkamiin baafte gabaa
Silaa gotee,
Yoo natti himtee maal siif qabaa?

Kanan argee,
Suuta jettee qaxxisuu kee
Kanan shakkee
Suuran kaatee fannisuu kee

Anoo hin beekuu,
Quba hin qabuu garbichii kee
Naa ganuuf moo,
Maal yaadelaa garichi kee

Maalan beeka,
Hawwuu malee Damma afaan kee
Dhugaa waaqa
Daba hin beekuu jalataan kee

Ballessa kee qumbii godhee
Osoon uladhuu
Kan darbeefu mar'imaan
Kootii gubadhuu

Ati hammas ati har'as

Naa tuttuquu hin dhiiftuu
Madaa qubaa
Inni darbees inni har'as
Lachuu sumaa

Qaccee hamminaan naa garaftee
Naa guggubdee naa waxaltaa
Onnee kooti maaf taphatta
Feetu baate feetu galtaa

Gocha keeti hin dheekkamuu
Kana booda sin eeyyamuu!

Kalaas!!***t.me/nafipoemforall

Telegram

DHANGAA WALALOO

Nafii poem

***Quba hin qabuu
2 months ago

***Tokkoo har'aa ganamaa gaafan gibbii saqqadhee gadii bahuu bajajii qulqullessaa jira

Anis isuma birattii gadi jedheen kophee koo qulqullefachuuf gaafan jedhu, akkas naan jedhe

Namichaa👇👇

ittumaan deemta hoo maaf qulqullesitaa naan jedhee

Ana👇

Maal ati bajaj battee deemufi moo maaf qulqullesitaan jedheeni😂🤣
🤛🤛🤛kana nyattaat.me/nafipoemforall join naaf godhaa***

Telegram

DHANGAA WALALOO

Nafii poem

***Tokkoo har'aa ganamaa gaafan gibbii saqqadhee gadii bahuu bajajii qulqullessaa jira
2 months ago

***Dhiisi maaloo

Of urguftee ofii hin raasiin
Naa dubbisu jettee yaaddee
Handuraa kee qullaa hin dhaabiin
Safuu qabnaa nyaara aaddee

Maaf ol baatee mukaa hin yaabiin
Kiyya qalbiin siin ilaaluu
Handuura kee qullaa hin dhaabin
"Muu" siin jedhuu sii abaaruu

Abbaan gadaa sii arrabsaa
Malkaa bu'ee marga ciree
Ayyaanni isaa sii gombisaa
Falaxaa isaa sitti diree

Dhiisi maaloo🤲 naa dhaga'ii👂
Fayyaa keetin suga ta'ii

Boca rabbiin uumee jibbaaf
Halluu laaqxee ofiin dhoobdee
Maal siin jedhaa uumaa keetu
Hojii harka isatti maaf loogdee?

Safuu gattee intallii ebeluu
Jamaan bahee safuu jedhaa
Abbaan keemmoo, qaanii keetif
Lagaa bu'ee du'uu fedhaa

Kun hundumtuu maalif garuu?
👉Hidhii laqqachuun
👉Waliin dhannachuun
👉Jilbaan kutaachuun
👉Funyaan uraachuun
👉Boroo dallaquun
👉Sarbaa lallaquun
👉Nyaara cirachuun
👉Surree dirachuun

Maluum siin jedhaa
Garaan haadha kee
Mormii kee lakkuu
Tokkoo eessa dhaqee?***t.me/nafipoemforall

Telegram

DHANGAA WALALOO

Nafii poem

***Dhiisi maaloo
2 months ago

Dubartii bareedduu waliin jaalala yoo jalqabde,wanti beekuu qabdu
Yoo xiqqaate guyyaatti dhiironni 3 carraa isaanii ni yaalu,kana jechuun torbanitti dhiirota 21,waggaatti dhiirota 1095 ... ta'a jechuudha.
Amma egaa natti himi,jaalalleen kee si'a 1095 lakkii jechuu dandeessii??
😉**😃* #Robert Mugabe***t.me/nafipoemforall

Telegram

DHANGAA WALALOO

Nafii poem

***Dubartii bareedduu waliin jaalala yoo jalqabde,wanti beekuu qabdu
2 months ago

Hidhaa teephaa...!

Naa hidhan teephan
Waree qabamoo???
Sii jaaladheefan
🫶***
wareegama moo??

Na maraachisaa🙇‍♂🙇‍♂
Gaadee sii dhabnaan
Lakki hin gabbitaa🤦‍♀
Teephan hidhamnaan

Kottu natti hiqii
Naa baasii dharraa
Maloo🤲 naa olchii
Hidhaa teepharraat.me/nafipoemforall join godhaa***

Telegram

DHANGAA WALALOO

Nafii poem

***Hidhaa teephaa...!***
2 months ago
***Eebba ciidii weellisaa biqilaa gizawuu ilaalchisee …

***Eebba ciidii weellisaa biqilaa gizawuu ilaalchisee weellisaa Biqilaa Gizawuu mucaa dacheen haroo biqilchitee roorroofi dhibbaa Saba isaarraa gahaa jiruuf, sagalee ta'uufi wan yaadeef, hundumtii keessaan akka irrattii hirmattaan isiinin jennaa.

Biqilaa gizawuu sirba qeenxee "Harmee kootu iyyatee" jedhee ture dhugumaa oromiyaan namattii iyyitee dadhabnaan waaqatti iyyachuu jalqabdee jirti. Kanaf nattii fakkataa waloo Waadaa getaachoos IYYATA jedhee kan kitaaba ajaa'ibaa maxxanseef. Iyyanni ergaa guddaa qabdi jechudha. Walumaa galattii hammaa sirba haaran dhufaa wan jiruuf cinaa haa dhabanuu! Haa jajjabeessinuu.

Gaafa guyyaa 28/7/2016 sa'aati 4 irrattii bufaata konkolaataa magalaa walisoo cinaa Giroosaarii Addisuttii afeeramtaniittuu.***

2 months ago

Akkam oltaan hordooftoonnii dhangaa walaloo hunduumtii keessaan ani yaada kiyya isiin irraati him qusaadhu isiin garuu............... Hedduun isiin jaaladha hedduun isiin kabajaa naa waliin jiraachuu keessaniif galatoomaa! Yaadni keessaan galaa kooti narraa hin qusaatinaa

We recommend to visit

Jeet ek Nasha hai aur is Nashe ki Factory ka mai ek lauta Baadshah hoon !

My Telegram Channel Link
https://t.me/+S9lLIcfDkRrhG-VZ

For Any Query Contact
My Username - @RehanBaadshah

Last updated 3 weeks, 1 day ago

Youtube Irraattis nu Argattu

https://www.youtube.com/c/KaachuuEntertainment

Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot

Last updated 1 month, 3 weeks ago

𝗝𝗶𝗿𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮 𝗺𝗶𝗹𝗸𝗮𝗮'𝗮𝗮 𝗷𝗶𝗿𝗮𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳 𝗸𝗮𝗸𝗮'𝘂𝘂𝗺𝘀𝗮 𝗬𝗔𝗔𝗗𝗔𝗔 𝗳𝗶 𝗗𝗔𝗡𝗗𝗘𝗘𝗧𝗧𝗜𝗜 𝗱𝗵𝗼𝗸𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗼𝗳𝗶𝗶𝘁𝘁𝗶 𝗳𝗮𝘆𝘆𝗮𝗱𝗮𝗺𝘂𝘂𝗳 𝗾𝗼𝗽𝗵𝗶𝗶 𝘁𝗮'𝘂𝘂 𝗯𝗮𝗿𝗯𝗮𝗮𝗰𝗵𝗶𝘀𝗮!
💥 @Oromoo_Inspire_YaadaafBot 💥

Last updated 3 weeks, 2 days ago