Abdisa Ejeta Official Channel

Description
Chaanaalii kana keessaan:- Kitaaboleefi barreeffamoota barsiisoo garagaraatu argama. Itti goraa!?
@Orobook
We recommend to visit

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

@Abdii_Sabaa

💬NU QUNNAMUUF💬
@AbdiiSabaaDm

🎯BARNOOTAAF
@Abdiisabaa

🎯MARIIF
@Garee_Abdii_Sabaa

Last updated 4 days, 2 hours ago

https://t.me/joinchat/AAAAAFgrZgMjBcvdBf7YWg

Last updated 2 days, 17 hours ago

بســــــــــــم الله الرحمن الرحيــــــــــــم
Ku Dhawaad 3000 Buug-Somali
Free Ah
Youtube:
https://shorturl.at/auGJZ
Diclamer:
https://telegra.ph/HA-DEG-DEGIN-AKHRI-11-15
© Somalibooks Pro Inc
- All Rights Reserved-⤵️
@Cabasho_Bot
@Tusmobook

Last updated 2 months, 1 week ago

4 months ago

Wonderful Ethiopians of the Ancient Cushite Empire

Author:- Drusilla Dunjee Houston

Kitaaba bareedaadha. Dubbisaa

7 months, 3 weeks ago

#Waan_lama
Jireenya kee keessatti goonkumaa abdii hin kutin, ta'iin hunduu waan jireenya keetti qabee dhufuu hin beektu waan ta'eef!
Akka lakkoofsa warra Awuroopotaatti baatii Adooleessaa, bara 2022 guyyuu keessa oduu jabduun, amanuuf rakkistu gurra buute. Dargaggeessa ganna 28tii kan ta'ee, taphatta garee biyyaalessaa #Ivory Coast fi kilabii biyya Jaarmanii, #Borussia Dortmund kan ta'ee, #Sébastien Haller dhukkubbii yeroo sochii ispoortii taasifamuu itti dhaga'amurraa kan ka'e gara mana yaalaa of-ilaalchisuuf qajeele. Qorannoo jabduu takka erga taasisee booda Doktorrisaas bu'aa qorannoo jabduu, himuuf ulfaattu takka qabatee itti gadi bahe. Dubbii akkanaa himuun heddu namatti ulfaatus, akkuma Oromoon "Du'a dhoksanii awwaalcha eessan dhaqu?" jedhu sana, bu'aa qorannicha himuun osoo itti ulfaatuu, gammeessaa ganna 28 tii kanan kaansarii cidhaanii(testicular cancer) qabda oduu jedhu gurra buuse. #Sebastian Haller'f, bu'aan qorannichaa hedduu ulfaata ta'us, amanee fudhachuuf dirqame. Kana nama ajaa'ibu garuu bu'aa qorannichaa amananii fudhachuun taphaticha caalaa deegartootafi jaalatoota isaatti waan ulfaate fakkaata.....hunduu mala malee, waan qabu erga darbatee booda, #Sebastian Haller, dawwaa keemooteeraapii (#chemotherapy) jedhamu jalqabuuf murteesse. Haa ta'u malee tapha kubbaa miilaa akkas jaalatu irraa fagaatee jiraachuun tabba hin sochanne dhiibuu ta'e itti mul'atus, boodarra garuu, xiyyeeffannoon isaa daawwaa ofii sirnaan fayyadamuun dhukkubicharraa akkamitti akka fayyuu danda'uti jijjirame. Kananis erga marsaa 4f #chemotherapy irra ture booda yaala baqaasanii yaaluu akka isa barbaachisuu Doktorrisaa himef. Yeroo inni yaalii kanaaf gara hospital deemee jedhamee himamuu, deegartoonni isaafi leenjisan isaa xalayaa jajjabinaa, "kanaan booda nutti lubbuun jiratte si arguu barbaanna, addunyaa kubbaa miilarras fedhe kee malee akka baate si hubanna, kadhanaan keenya kanan booda umurii dheeraa siif hawwuudha" jechuun gara miidiya hawaasna dabarsafii turan. Haaluma kana keessa taa'ee taphatichi garuu ani hawwiin koo Dirree kubbaa miilatti deebi'ee isin arguudha jechaanii ture. "Kinoo yeroon geeesse har'a hunda keesanuu argeen jira" waan jechaa jiruu fakkata, Sebastien Haller.
Dawwaa dhukkuba kaansarii cidhaanii, #chemotherapy, marsaa 4 fi yaala baqaasanii yaaluu marsaa 2 booda gara kubbaa miilatti deebi'uun, #Ivory Coast'f, dhiira gaafa xiiqii ta' ee biyyatti fiixee waancaa Afrikaatti olbaase??. Lammiileen Iyivoorii koostiis, "Har'an tana alaaban nutti addunyaarratti ittin beekamnu kana booda #Sebastien Haller" jedhanii dhaadachaa jiru! ??
Kilaba jarmanii keessatti ammoo utubaa ta'ee dandeetti addaa agarsiise.......

Walumaagalatti:
1. Haalli sitti ulfaatus abdii hin kutin, yeroon ni darbe, atumti jabaadhu.
2. Kaansariirras fayyuun ni danda'ama, dawwaadhuma qofa argadhuun, erga kooti.
Waan dubbistaniif galatooma?

? Discipline, dedication and determination for ever ✔️

#Abdii_Addunyaa??

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!

@Orobook

We recommend to visit

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

@Abdii_Sabaa

💬NU QUNNAMUUF💬
@AbdiiSabaaDm

🎯BARNOOTAAF
@Abdiisabaa

🎯MARIIF
@Garee_Abdii_Sabaa

Last updated 4 days, 2 hours ago

https://t.me/joinchat/AAAAAFgrZgMjBcvdBf7YWg

Last updated 2 days, 17 hours ago

بســــــــــــم الله الرحمن الرحيــــــــــــم
Ku Dhawaad 3000 Buug-Somali
Free Ah
Youtube:
https://shorturl.at/auGJZ
Diclamer:
https://telegra.ph/HA-DEG-DEGIN-AKHRI-11-15
© Somalibooks Pro Inc
- All Rights Reserved-⤵️
@Cabasho_Bot
@Tusmobook

Last updated 2 months, 1 week ago