Abdisa Ejeta Official Channel

Description
Chaanaalii kana keessaan:- Kitaaboleefi barreeffamoota barsiisoo garagaraatu argama. Itti goraa!👇
@Orobook
Advertising
We recommend to visit

بســــــــــــم الله الرحمن الرحيــــــــــــم
Ku Dhawaad 3000 Buug-Somali
Free Ah
Youtube:
https://shorturl.at/auGJZ
Diclamer:
https://telegra.ph/HA-DEG-DEGIN-AKHRI-11-15
© Somalibooks Pro Inc
- All Rights Reserved-⤵️
@Cabasho_Bot
@Tusmobook

Last updated 5 months, 1 week ago

Somali National Television is the principal public service broadcaster in Somalia.

Headquartered in Mogadishu.

Last updated 1 month ago

Kala soco Xikmad iyo Qormooyin Markasta Io Meelkasta.

Last updated 1 month, 3 weeks ago

1 month, 1 week ago

Kitaaba seenaa Hundeeffa Waldaa Maccaafi Tuulamaa akkasumas taateewwan bara 1950fi 1960 keessaa sirriitti qindeessedha.

Dubbisaa🙏

1 month, 2 weeks ago
1 month, 2 weeks ago

#Sumatu_siif_sidha
Daandiin imala nama biraa kankee miti; kankees immoo kan nama biraa ta'uu dhiisuu mala. Kanaafuu ofumaan bir-qaba qabadhu malee, kan isa biraa kufinsatti si affeera. Maarree, imalakee kan nama biraan hin madaalchisiin. Daandiin fiixaan bahinsaatti si geessu isuma kankee sanadha; kan ergisaa yookaan kan ormaa miti. Sumatu siif sidha!

Sansakkaa Sakaalame  irraati

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa
Abdiisaa Ejjetaati

@Orobook

3 months ago
Abdisa Ejeta Official Channel
3 months, 1 week ago

#Waan_lama
Jireenya kee keessatti goonkumaa abdii hin kutin, ta'iin hunduu waan jireenya keetti qabee dhufuu hin beektu waan ta'eef!
Akka lakkoofsa warra Awuroopotaatti baatii Adooleessaa, bara 2022 guyyuu keessa oduu jabduun, amanuuf rakkistu gurra buute. Dargaggeessa ganna 28tii kan ta'ee, taphatta garee biyyaalessaa #Ivory Coast fi kilabii biyya Jaarmanii, #Borussia Dortmund kan ta'ee, #Sébastien Haller dhukkubbii yeroo sochii ispoortii taasifamuu itti dhaga'amurraa kan ka'e gara mana yaalaa of-ilaalchisuuf qajeele. Qorannoo jabduu takka erga taasisee booda Doktorrisaas bu'aa qorannoo jabduu, himuuf ulfaattu takka qabatee itti gadi bahe. Dubbii akkanaa himuun heddu namatti ulfaatus, akkuma Oromoon "Du'a dhoksanii awwaalcha eessan dhaqu?" jedhu sana, bu'aa qorannicha himuun osoo itti ulfaatuu, gammeessaa ganna 28 tii kanan kaansarii cidhaanii(testicular cancer) qabda oduu jedhu gurra buuse. #Sebastian Haller'f, bu'aan qorannichaa hedduu ulfaata ta'us, amanee fudhachuuf dirqame. Kana nama ajaa'ibu garuu bu'aa qorannichaa amananii fudhachuun taphaticha caalaa deegartootafi jaalatoota isaatti waan ulfaate fakkaata.....hunduu mala malee, waan qabu erga darbatee booda, #Sebastian Haller, dawwaa keemooteeraapii (#chemotherapy) jedhamu jalqabuuf murteesse. Haa ta'u malee tapha kubbaa miilaa akkas jaalatu irraa fagaatee jiraachuun tabba hin sochanne dhiibuu ta'e itti mul'atus, boodarra garuu, xiyyeeffannoon isaa daawwaa ofii sirnaan fayyadamuun dhukkubicharraa akkamitti akka fayyuu danda'uti jijjirame. Kananis erga marsaa 4f #chemotherapy irra ture booda yaala baqaasanii yaaluu akka isa barbaachisuu Doktorrisaa himef. Yeroo inni yaalii kanaaf gara hospital deemee jedhamee himamuu, deegartoonni isaafi leenjisan isaa xalayaa jajjabinaa, "kanaan booda nutti lubbuun jiratte si arguu barbaanna, addunyaa kubbaa miilarras fedhe kee malee akka baate si hubanna, kadhanaan keenya kanan booda umurii dheeraa siif hawwuudha" jechuun gara miidiya hawaasna dabarsafii turan. Haaluma kana keessa taa'ee taphatichi garuu ani hawwiin koo Dirree kubbaa miilatti deebi'ee isin arguudha jechaanii ture. "Kinoo yeroon geeesse har'a hunda keesanuu argeen jira" waan jechaa jiruu fakkata, Sebastien Haller.
Dawwaa dhukkuba kaansarii cidhaanii, #chemotherapy, marsaa 4 fi yaala baqaasanii yaaluu marsaa 2 booda gara kubbaa miilatti deebi'uun, #Ivory Coast'f, dhiira gaafa xiiqii ta' ee biyyatti fiixee waancaa Afrikaatti olbaase💪💪. Lammiileen Iyivoorii koostiis, "Har'an tana alaaban nutti addunyaarratti ittin beekamnu kana booda #Sebastien Haller" jedhanii dhaadachaa jiru! 💪💪
Kilaba jarmanii keessatti ammoo utubaa ta'ee dandeetti addaa agarsiise.......

Walumaagalatti:
1. Haalli sitti ulfaatus abdii hin kutin, yeroon ni darbe, atumti jabaadhu.
2. Kaansariirras fayyuun ni danda'ama, dawwaadhuma qofa argadhuun, erga kooti.
Waan dubbistaniif galatooma🙏

🌱 Discipline, dedication and determination for ever ✔️

#Abdii_Addunyaa🙏🏻

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!

@Orobook

3 months, 1 week ago

#Dursii_hubadhu!
Bara durii namicha duuti mootii biyya bulchu tokkootiin itti murtaa’etu ture. Guyyaaf halkan dabaree wal jijjiiruun guyyaan du’a isaa itti dhiyaate. Guyyichi gaafa gahu, bakka jiruutii barbaadamee akka dhiyaatee murtoo isaa fudhatuuf ajajni bahe. Namichis qabamee dhiyaate. Ta’us, mootichi filannoo biraa kennuufii jaalate. Akkana jedheenii, “Yoo ati bishaan biikerii guutuu sitti kennamu kana saffisa siin jedhamuun, hanga bakka murtaa’e geessee deebitutti dhangalaasuudhaa baatte, du’a ni oolta. Garuu, dhangalaafte taanaan dachaa dhiphifamuun ajjeefamta.”

Namichis gammachuu guddaadhaan, “Naaf ta’a yaa mootii!” jechuun deebiseefii. Filannoon namicha kanaa, mooticha dabalatee namoota gamaafi gamanaan isa ilaalan ajaa’ibsiisee ture. Kanarraan kan ka’e, tutni namoota sanaa iddoo lamatti hiramee ture. Gareen tokko ni deeggaru, nikolfuufii; gareen biraan immoo, itti kolfuu ittis qoosuun mogoleefi haamilee isa buusaa turani. Deeggartoonni isaa, “Yaa namicha gamna nanaa, filannoonkee akkam gaariidha!
Dhugumatti, kana gochuunis lubbuukee ni oolchatta…jabaadhu!” jechuun harka isaanii walitti reebuun isa jajjabeessuuf wacu turani. Faallaa kanaan, kanneen mogolee isa buusan immoo, “Wayi yaa namicha isa filannoo isaan dhiphifamanii du’uu bitachuuf dhama’u nanaa! Maaliif wanta hin taaneef fiigda? Silaahoo bishaan biikerii keessaa kun yommuu baattee deemtu dhangala’uu hinhafuuti, ammuma murtookee hin fudhattuu?…lakkii siif wayya!” jechuun dabaree isaanii itti wacu. Osooma tutni kun bitaaf mirgaan itti marsanii jiranii, akka deeggartoota kubbaa miillaa, namichi kun bakka jedhame kana gahee deebi’e.
Bishaanichi biikerii keessaa guutuudha…hindhangalaane.

Mootichi baay’ee ajaa’ibsiifachuun itti marmee, “Baga gammadde….baga du’a oolte!” ittiin jedhe. Dhumarratti, mootichi namicha kana gaaffii gaafate, “Namoonni hedduun sitti marsuun kaan siif, kaan immoo sitti wacaa turani. Sagaleen waca isaaniifi sosochiin dhiichisa isaanii asiifi achi, garanaaf garas sin ilaalchifnee? Akkamittis fuuldurakee qofaa ilaaluun haala kanaan dorgee kee xumurte?

Namichis, “Yaa mootii barri mootummaakee haadheeratu! Edaa namoonni na marsanii turanii? Ani nama tokkoyyuu hin argine. Sagalee nama tokkoos hin dhageenye. Sababiin isaas, ijjikoo sochii dambalii bishaan biikerii sana irra waan jiruufi.
Dhageettiin gurra koos asuma kanarra jira. Kunis, filannookoo osoo hintaane dirqama jiraachuukooti; lubbuunkoo biikerii bishaan baatu sanarra waan jiruufi. Gurrakoo gara biraaf yoon ergise, gara sana ilaaluun koo hinhafu. Akkas taanaan, bishaan kun dhangala’uun isaa nama hins hakkisiisu. Bishaan dhangalaanaan, nan du’a. Kanaaf, dhageettiin gurrakoofi agartuun ijakoo, akkasumas yaaduun sammuukoofi dhahannaan onneekoo, iddoo barbaachisaa isa ta’e lubbuukoo oolfachuu danda’urra waan ta’eefi” jechuun mootii sanaaf deebise. Kanaanis du’a oolee jedhama.

•~>Gaafa sochii eegaltu sirrattis sochiitu eegalama. Waa'eenkee karaa lamaan odeeffamuu itti fufa. Kaan sababa malee si jibba, sirratti odeessa, maqaakee faalee dhiisuu dida, dhagaa filee sitti darbata. Kaanimmoo ofitti si waama, harka walitti siif rukuta, dibbee siif reeba! Kan sitti wacu gargaartee sagalee wacaa ol kaasuun, gurra gara kaayyoo kee hinbutuchiin; dhagaa sitti darbamuu walitti qabi, riqicha ce'umsaafi mana galmaa ittiin ijaarratta; jechoota sin ilaalle sitti maxxanan immoo akka dubbii waa'ee hinbaafneefi balfa gatamaatti fageenyatti ofirraa eegi. Akkanuma, kan si faarsu faana of hinfaarsiin; gaafa si arrabsu faana of arrabsuu malta. Sagalee weedduu iddoo siif hinmalletti miirri siif kennu dhageessee, weedduufi gonfoo gaara mo'ichaa irraa akka hinhafnetti of eegi.
Eeyyeen, kan siif laatu kennaa isaa dura, eenyummaa isaa adda baasi. Hubataa ta'i! Kan siif jibbu jaalattee, kan si jibbu hinjibbiin. Kan siif reebu ol kaastee, kan si reebu reebuuf yeroofi anniisaa kee hingubiin. Dursii hubadhu!

Madda: Kitaaba Sansakkaa Sakaalame

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!

Abdiisaa Ejjetaati

@Orobook

5 months ago

Ogummaaf beekumsa qabaniin saba ofii tajaajiluun jaalala isa guddaadha.
Afaan keenyaan waa'ee maalii dubbisuu barbaaddu?

5 months, 2 weeks ago

"Wanta jireenya nama kamiifiyyuu murteessaa ta'e tokkotu jira. Innis galma beekamaa ta'e tokko qabaachuu, waan ta'uu barbaadan adda baasanii beekuufi bakka yaadan sana ga'uudhaafis dharraa keessa ofiitii finiinu qabaachuudha." Nappooliyoon Hiil

@Orobook

5 months, 2 weeks ago

#Hawaasichumaaf_haa_dhiifnumee
Namni aartii tokko dalagaa wayii qabatee yommuu as bahu, dhimmi jaallatamummaa dalagaa isaa isa yaachisuu danda'a. Ta'us, edda bahee hawaasa gahee booda dalagichi akka jaallatamuuf waan inni gochuu qabu tokko hin jiraatu. Kanaafuu as bahee, "Dalagaan kiyya hangana fayyada yookaan hawwataadha" jedhee himuun fudhatamummaa dalagaasaa gad buusuurra darbee waan bu'aa buusu natti hin fakkaatu. Edda bahee booda, hawaasichaaf dhiisuudha. Kitaaba yoo ta'e, dubbisaaf dhiisuu. Sirba yookaan faarsaa yoo ta'es akkanuma warra isa eeggataniif dhiisuudha. Sanaan booda, waan hawwatamuu qabu inuma hawwatama. Kan tuffatamuu qabus akkanuma. Kana keessatti, murteen kan qooddattoota dalagaa sanaati malee, kan abbaa dalagaa sanaa miti. Isarraa kan eegamu, haalaan qopheessee ittiin gahuudha. Beeksifamee hunda akka qaqqabus gochuudha. Kanarra darbee, jajuu yookaan mimmi'eessee himuun irraa hin eegamu. Dhugaa dubbachuuf, dalagaan jaallatamuu qabu inuma jaallatama. Kan hin fudhatamne immoo, inuma calalamee hafa. Kunis loogii kamiinuu osoo hin taane, qulqullina dalagaa sanaa irratti hundaa'eetu.

Kanaafuu, waan ati irratti xiyyeeffachuu qabdu dhimma bilchina dalagaa qabattee baatuu ta'uu qaba. Yoos osoo ati hin jajiin siif jajama, osoo ati 'narraa fudhadhaa' jettee hin kadhatiin haalaan siif simatama. Eeyyeen akkana!

#Hawaasichumaaf_haa_dhiifnumee
Galatoomaa!🙏🏻
Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!
Abdiisaa Ejjetaati

@Orobook

7 months ago
"Kabajamoof jaallatamoo jaallattoota walaloo kooti hundi …

"Kabajamoof jaallatamoo jaallattoota walaloo kooti hundi keessan akkam jirtu ?

Ani ilmi keessan nagaadha, ta'us guutuu guutuutti gammachuu hin qabu. Sababni isaas waanumti qe'ee keenya mudatee jiru kunuu walqixa nu dhukkuba waan ta'eef isiniif gala.

Ammaan Album CD walaloo tokkoof kitaaba tokko uummata biraan ga'een ture. Isinuu quba qabdu. Walaloowwan hedduu suur-sagaleetiinis isin biraan ga'aa tureera.

Tibba darbe immoo walaloo gabaabaa SOOLANEE jedhuun foddaa Mo'aa Tv fi OBN Tv irratti na argitanii Soolaneen eenyu, eessa jirtiidhaan na gaafachaa turtan.

Egaa, animmoo gaaffii keessan deebisuudhaaf galgala walaloo SOOLANEE ( SOOLANEE POEM NIGHT ) jedhu qabadhee isiniif dhufeera.

Guyyaan qophii kootiis, Onkoloolessa 18, 2016 ( torbee dilbata dhufuutti).

Bakki sagantaan kootiis, Magaalaa Naqamtee Galma Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Naqamteetti. Naannoo Jiituu jechuudha. "

Wal agarra!
Badhaasaa Darajjee ti. NAQAMTEE

~~~
Hundinuu affeeramneerra!
Milkiin gali jennaanis!

@Orobook

We recommend to visit

بســــــــــــم الله الرحمن الرحيــــــــــــم
Ku Dhawaad 3000 Buug-Somali
Free Ah
Youtube:
https://shorturl.at/auGJZ
Diclamer:
https://telegra.ph/HA-DEG-DEGIN-AKHRI-11-15
© Somalibooks Pro Inc
- All Rights Reserved-⤵️
@Cabasho_Bot
@Tusmobook

Last updated 5 months, 1 week ago

Somali National Television is the principal public service broadcaster in Somalia.

Headquartered in Mogadishu.

Last updated 1 month ago

Kala soco Xikmad iyo Qormooyin Markasta Io Meelkasta.

Last updated 1 month, 3 weeks ago