Why Pay for Entertainment? Access Thousands of Free Downloads Now!

Burqaa Beekkumsaa

Description
Advertising
We recommend to visit

Waa mareeg lagu aruuriyo duruusta culimada soomaaliyeed.

Waxa ka masuul ah:
https://t.me/IshraqCenter

Kala xidhiidh maamulka halkan:
@Turaasculimobot

Waxaad ka heleysaa buugaag ku qoran Luqadaada Hooyo ee Af-Soomaaliga oo ka liyah

Fadlan wixii Su'alaha la xariir

@liibaanwaasuge
@Mfaratoon

Hoyga Aflaanta Hindiga & Musalsalda Afsomali ah Gaar ahaan Kuwii Hore ee 70aad Kii ilaa 2024 Jaceyl Waali @ALFAGHISTUDIO Halkan Ka Daawo

6 days, 21 hours ago

Lubbuun maal jetti.?
kaan darbii kaan cabsii jiraadhu jetti, kaan sobii itti kijibii fudhadhu jetti, kaan dhugii kaan nyaadhu jetti, daangaa darbii yeroo kee argi jetti, waan itti aanuu dhiisii dagadhu jetti.

Ati hoo maal jettaan.?

1 week, 4 days ago

Namni nuti irra caaluuf carraaquu qabnu nu isa kaleessaati. Mudannoo, dogoggoraafi balleessawwaan keenya kaleessaa irraa barannee sammuu keenyaafis dhiifama gochuun haala, ilaalchaa fi amala keenya fooyyessuun gaariidha.

Kaleessa irraa baratama malee; kaleessa keessa hin jiraatamu! Kaleessa ofiirraa baratanii jireenya ofii gara fuulduraa bareeffachuun immoo gamnummaadha.

Mudannoowwan irraa barachuun immoo gara argannoo haaraatti nama geessa. Akka of argannu nu taasisas. Akkasumas daandii jireenya haaraa, jireenya isa boqonnaafi aara galfiin guutamettis nu geessuu danda'a!

📢JOIN & 🔗SHARE

2 weeks, 3 days ago

"Ejjennaa tolfatan darbatanii fageessu." Oromootu jedhe.

👉Amma lafa kanarra jirtutti dhiibbaa karaa garaa garaa sitti dhufu hambisuu hin dandeessu. Garuu dhiibbaan dhiibbamtee dhidhimuu irraa of hambisuun harkakee keessa jira. Innis ejjennoo cimaa haalotaafi namootaan hin raafamne qabaachuudha.
👉Dambalii galaanaa hambisuu hin dandeessu. Garuu dooniikee iddoo itti ooftuufi akka itti ooftu beeknaan ce'uunkee beekkamaadha.
👉Qilleensi muka akka hin raasne dhorkuu hin dandeessu. Muka ati dhaabde akka hin jiksine gochuu ni dandeessa. Innis hundee isaa gadi fageessuun dhaabuudhaani.
👉Namni waa'ee kee gaaris ta'ee badaa akka yaaduus ta'ee, hin yaadne dhorkuu hin dandeessu. Garuu waa'ee kee ilaalcha sirrii qabaachuuf ati mataakee abboomuu ni dandeessa. Kan si milkeessu akka ati itti of ilaaltu malee akka namni biraa itti si ilaalu miti.
👉Wantoota gadhee naannookee marsan caalaa ejjennoo sirrii ati jireenya keetiif qabdutu milkaa'ina keetiif utubaadha.
👉Haalotaafi wantoota ilaaltee ejjennoo kee hin sharafin! Osuma dambaliin nama raasuu danda'u jiruu deemsakee itti fufi!

Halkan gari!
https://www.facebook.com/Galataaduulaa1

Facebook

Log in to Facebook

Log in to Facebook to start sharing and connecting with your friends, family and people you know.

2 weeks, 6 days ago

Namootni danuun waan tokko gochuuf ka'anii, yeroo dadhabaniimmoo of duuba deebi'an sitti mul'atuu? Ati yeroo teessee ilaaltu jara kana akkamitti ilaalta? Akka natti fakkaatutti waan sitti tolu miti. Atis egaa yeroo waan tokko yaaltee osoo fiixaan hinbaasiin ofduuba deebitu kanuma fakkaatta.

Oromoon yeroo mammaaku “Qeerransa eegee inqaban, qabnaan ingadhiisan!” jedha. Akkuma kana jabinni namaas kan beekamu gaafa waan dadhabe deebisee irbaata dandeettii isaa taasifatudha. Gootummaan nama tokkoos kan beekamu yeroo waan salphaa fiixaan baasu osoo hintaane, yeroo waan maqaa qabuufi sammuu namaa gararraa tahe hojjatee agarsiisudha. Akka beektonni jedhanitti waan fiixaan baasuu indandeenye jalqabuurra waan fixuu danda'an jalqabuu yookaanimmoo dhiisuu wayya jedhu. Namoonni nuti jaboodha jennee waamaa oolluufi namoonni Addunyaa kanaaf fakkeenya ta'anii waantota adda addaa hojjatanii lafa kaa'an baay'een isaanii namoota kufaatiin michuu taasifatee turedha. Hammuma kufan dogoggora ofiirraa barataa adeemu. Jireenyimmoo mana barnootaa gaariidha waan ta'eef, haala gaariidhaan nama barsiifti. Osoo kufaatiin hinjirree jireenyi hinjiru. Qorteetu nama qoraafti. Qoraaftees gaara nama baafti. Qormaanni qoraasuma milkiiti. Kufaatiinimmoo yaaliirraa dhufa. Sammuun teessu gidiraa qofa yaaddi. Namni taa'uu guddisus huuba lafaa fuudhee ka'a jedhama mitiiree?

Akka dhaabbilee barnootaafi dhaabbilee hojii adda addaatti qoramaniitu qormaaticha darbu yookaan kufu. Akka yaaliifi boqonnaalee Addunyaa jireenyaattimmoo kufaniitu baratu; kufaatiirraas baratu. Namoonni tokko tokko yoo waan irra deebiin yaaluu kaafteef abdii kutannaa sitti himu. Sanaafimmoo furmaanni irra deebiin yaaduufi irra deebiin yaaluu qofadha
Gorsa xinsammuu
Fi seenaa ajaa'ibsiisoo

3 weeks, 1 day ago

Namoonni rakkina har'aa isaan irra jiru caalaa milkaa'ina boruutiif tattaafatannu injifatoodha.
Boruu kee ilaali adeemi.

👉https://www.facebook.com/Galataaduulaa1

Facebook

Log in to Facebook

Log in to Facebook to start sharing and connecting with your friends, family and people you know.

3 weeks, 2 days ago

**seera bu’uura jireenyaa

❶Kan darbee wajjin nagaa buufadhu akka inni egeree kee hin jeeqneef.
❷Namoonni biroo waa'ee kee wanti yaadan dhimma kee miti.
❸Gammachuu keetiif itti gaafatamaan si qofa.
❹Jireenya kee namoota biroo wajjin wal hin madaalin, wal bira qabuun hattuu gammachuuti.
❺Yeroon waan hunda jechuun ni danda'ama fayyisa. Yeroo itti kenni.
❻Garmalee yaaduu dhiisi.Deebii hunda beekuu dhiisuun homaa miti.
❼Kolfi.Sababni isaa,Abbaan rakkoo addunyaa kanaa si qofa miti.**

2 months, 2 weeks ago

Channelota Filatamoo Bara kanaa 😍
Isins itti dabalamaa. Ittiin Booharaa irraa barattu.

Yeroo Gaarii 🙏

4 months, 4 weeks ago

ANI SIIF ║ ATI ANAAF

▬▬▬▬▬▬▬▬▬
❏ Yeroo tokko mootii tokkotu dorgommii qopheesse. Abbaan dorgee kana injifate badhaasa argata. Akkasumas bulchiinsa mootichaa keessaa teessoon ni kennamaaf ture.

❏ Dorgichi immoo dorgee marqaati. Nama lama lamaanis gaggeeffama. Akka dambii dorgommichaatti, nama marqaa kana nyaachuu danda'etu badhaafamaa ta'a. Fal'aanni ittiin marqicha afaan godhatanis itti kenname. Asirratti egaa gufuu guddaan, Fal'aanichi baay'ee dheeraa ture. Kana irraa kan ka'e, afaan isaaniirra darbee gurra isaaniitti jalaa diddibama, marqichi! Dorgomtoonni hedduun waan falaa dhabuun dorgeen ala ta'ani! Dhumarratti, dorgomtoonni lama gara fuulduraatti dhufani. Akkana waliin jedhani; "Ani siif, ati anaaf!" Walii walii isaanii afaan kaa'uuf qophaa'uu isaaniiti.

❏ Akkuma jedhan kanaan wal nyaachisaa nyaatanii injifattoota badhaasichaa ta'ani! Guddaas ajaa'ibsifatamani.
Akkas malee! 👏

As haa deebinu! Anaaf atis walumaaf jirra. Waan bira gahuu fi qabachuun nutti ulfaateef falli guddaan:
➛ Waliin ta'uu!
➛ Wal tumsuu!
➛ Harka wal qabachuu!
➛ Wal jajjabeessuu!
➛ Wal gargaaruu ta'a.

❏ Kaayyoon wal bira jiraachuu keenyaa inni guddaanis, waliinii fi waliif jiraachuudha. Hamma kana hintaanetti hiika dhabeessa ta'a. Warra wal ta'ee waliif ta'u haa taanu! Yoos, ani siif, atis anaafi!

@Burqaa_beekkumsaa

4 months, 4 weeks ago

Wantoota Dhala Namaa Milkeessan Sadan (#C3)

✪ Competence (Dandeettii)
✪ Character (Amala)
✪ Chemistry (Keemistirii)

➛ Namni tokko dirree ogummaa isaatti barbaadamummaa, fudhatamummaa akkasumas nageenyummaa isaa mirkaneessuuf wantoota armaan olitti eeraman sadan walfaana horachuu qaba jedhama.

⓵. Dandeettii: Dandeettii qabda taanaan bakka hundatti barbaadamta. Furmaata tokkoof situ furtuu waan ta'eef hanga ati bakkicha geessutti namni hunduu balbala furmaataa ta'ee siin eega. Situ dhaqee banee hiika kennaaf.

Dandeettii kee kanaan:
➛ Addunyaatu si mararsiifata;
➛ Kan rakkatetu si iyyaafata;
➛ Halkan hirriibaa si kaafata;
➛ Rakkoo isaaf fala si gaafata;
Eeyyeen, dandeetticha keetu kanaan si gahe.
Qabda taanaan ittumaa jabeeffadhu; hin qabdu taanaan hulaa isaa irra gori! Dandeetticha horadhu!

⓶. Character/Amala: Amalli kee namoota biratti kabaja akka qabaattu si gargaara. Fudhatamummaa keefis utubaadha. Amala hin qabdu taanaan garuu dandeettii hangamuu qabaattu gateettiin namootaa danda'ee si hin baatu.

⓷. Chemistry/Keemistirii:
Keemistirii yeroo jennu wal nyaatinsa, yaa'a fi jijjiiramummaa ati naannoo kee waliin taasiftudha. Kunis jijjiirama fudhachuu, ilaalchaa fi ejjennoo ofii irra deebi'anii ilaaluun kan warra kaanii waliin walitti araarsuudha. Kana yeroon jedhu, "bakka hundatti amala gaararraa qabaachuu qabda" jechuu osoo hin taane, yaadaa fi ilaalcha tokko kanuma koo qofatu sirriidha jettee rincicaa ta'uu dhiistee, yaada haaraa fudhachuufis qophaa'oo ta'iidha. Kun yoo hin taane nageenyi kee yaaddessaa dha. Umuriin naannoo sana turuu kees ni xiqqaata.

➛ Walumaa galatti dandeettiin kee barbaadamummaa kee murteessa. Amalli kee fudhatamummaa kee murteessa. Keemistiriin kee nageenya kee murteessa.

@Burqaa_beekkumsaa

4 months, 4 weeks ago

➛ “Eegalteerta kan jedhamu, yommuu odeessuu dhaabdee hojjechuu eegalte.” — Walt Disney

➛ “Beekumsi jalqabaa wallaalummaa ofii amanuu; beekuun immoo yaaduu irraa eegala.” — Socrates

➛ “Rakkooleen addunyaa kana irra jiran kan dhufan wallaalummaa irraa, kanaafuu malli jiru immoo beekumsa qofa.” — Socrates

➛ “ Waraana injifachuu ni dandeenya; garuu nagaa hin injifannu malee.” — Aayinistaayin

➛ “Ana kan na kolfisiisu, nama beekaa ati naan jedhu.” — Aayinistaayin

➛ “Dubbattee amansiisuu yoo hin dandeenye hin dubbatin.” “Jireenyi koo akka kitaaba banamee dha.” — Mahatahama Gandhi

➛ ‘Hojii amantaa irraa hin qabne yeroo hojjettu dhuma irraattii boolla bira hin gahamnetti akka kufuutti laakka’ama.” — Mahatama Gandhi

➛ “Yaadaan walii galuu dhabuun jibbiinsa miti; osoo akkas ta’ee haadha manaa koo caalaa dinni koo hin jiru ture.” — Mahatama Gandhi

➛ “Dhalli namaa nyaachuu fi dhuguu ni beeka garuu dhandhamuu kan beekan muraasa.’ — Konfishiyaas

@Burqaa_beekkumsaa

We recommend to visit

Waa mareeg lagu aruuriyo duruusta culimada soomaaliyeed.

Waxa ka masuul ah:
https://t.me/IshraqCenter

Kala xidhiidh maamulka halkan:
@Turaasculimobot

Waxaad ka heleysaa buugaag ku qoran Luqadaada Hooyo ee Af-Soomaaliga oo ka liyah

Fadlan wixii Su'alaha la xariir

@liibaanwaasuge
@Mfaratoon

Hoyga Aflaanta Hindiga & Musalsalda Afsomali ah Gaar ahaan Kuwii Hore ee 70aad Kii ilaa 2024 Jaceyl Waali @ALFAGHISTUDIO Halkan Ka Daawo