https://youtube.com/c/MusseSolomon
https://www.facebook.com/mussesolomonsisay/
https://www.tiktok.com/@mussesol?_t=8Uf4N5mSyaT&_r=1
Last updated 1 year, 3 months ago
https://zemfira.world
https://instagram.com/zemfiraworld
https://facebook.com/zemfiraworld
правила: t.me/zemfiraworld_chat/122668
18+ НАСТОЯЩИЙ МАТЕРИАЛ (ИНФОРМАЦИЯ) ПРОИЗВЕДЁН И (ИЛИ) РАСПРОСТРАНЁН ИНОСТРАННЫМ АГЕНТОМ РАМАЗАНОВОЙ ЗЕМФИРОЙ ТАЛГАТОВНОЙ
Last updated 2 months, 1 week ago
📍 Весь Подільський район у нас на сторінці 👉 t.me/podolskinfo
💬Міський чат : https://t.me/+rSRBeG1kG61jMjVi
❕Напишіть нам у TG BOT : https://t.me/PODOLSK_INFObot
⚠️Лінк на Instagram: instagram.com/podolsk.info
Last updated 2 weeks ago
Shamarreen Turkiyyee qaroo ijaa qabdu (arguu hin dandeenye) waggaa tokko keessatti Qur'aana guutuu haffazde
Burqaan ilmii har'a yoo goge borummoo ummataafi biyyatu goga
Sochiin akkanaa bakkoota biroottis itti fufuu qaba
~~~
Guyyaa har'aa jiilli Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Godina Buunnoo Beddelleefi Aanaa Dhidheessaa waliin ta'uun majlisa halaqaa ilmii Sheyik Muktaar Sheyik Huseen kan Aanaa Dhidheessaa Ganda Calloo jedhamu keessatti argamu daawwataniiru.
Giddu-galli Ilmii Islaamaa kun darasaa'otni kumaatamaan kan itti barataniifi dhaloonni beekumsaan ga'oome kan boriif abdannu itti nuuf oomishamaa jiruudha.
Wiirtuun ilmii Islaamaa akka kanaa kutaalee biyya keenyaa gara garaa keessa baay'inaan akka jiran beekamaadha. Garuu keessuummaa kanneen baadiyyaa keessaa barattoota kuma heddu kan barsiisan ta'ullee haala baruufi barsiisuu mijataa dhaabuun garuu gufuu galgalaa ganama isaan rakkisu ta'uu waliin quba qabna.
Rakkoo roga hedduu manneen barnootaa Ilmii kunneen qaban kana furuunuu hafee qaamaan bakkichatti argamanii mashaa'ikkan qabsoo guddaa irraa jiran isaan Rabbiif jecha obsanii biyya boruu ijaaraa jiraniifi darasaa garaa duwwaa aduufi qorra danda'ee haala rakkisaa sana keessatti mar'imaan hidhatee baratu dubbisanii jajjabeessuunuu waan tokko.
Keessuumaa sadarkaa dhaabbilee hawaasa muslimaa akka Majlisaattifaa gama kanaan qaawwa guddaatu jira. Dameenis haa ta'u koreen dhimma kana irratti hojjachuuf majlisa sadarkaan jiraniin mogga'ee jirus hagas mara waan kana irratti yoo hojjatu hin mul'atu.
Yoo har'a madda ilmii hin kunuunfatin boru dheebonnee madda irraa waraabbannuufi waan waraabbannee dhugnu hin qabnu. Dheebuun ulfaataadha. Kanaafuu Majlsinis haa ta'u dhaabbileen Islamaa biroo bakka jiranitti waan kana irratti cimanii hojjachuu qabu. Yoo kun ta'e faana isaanii hawaasni bakka ilmii ilmaan isaa itti barsiifatu quba qabaachuufi bira dhaabbachuus danda'a.
© Amar Temam
Spider Media
Allaahu Akbar
Gazzaatti miseensonni maatii guutuun Qur'aana haffazan
~~~
Dachee eebbifamtuu Filisxiin - Gz?*zaatti miseensonni maatii tokkoo guutuun Qur'aana haffazaniiru.
Maatiin kunneen magaalaa Gaz*zaa keessatti kan argamu Giddu-gala Hifzii Qur'aana Qulqulluu Khalil Al-Rahmaanitti Hifzii Qur'aanaa kan xumuran ta'uu odeffannoon Spider Media n Islaam Omroo'eep irraa argate ni ibsa.
Miseensoonni maatii kunneen Muhaammad, Ahmad, Ibraahim, Saaraa, Jaannaa, Salmaa, Hind, Xaariq, Aslim mannee jedhaman yoo ta'u biyyoota garaa garaatti barattoonni hedduun Hifzii Qur'aanaa xumuruun baramaa ta'ullee maatiin guutuun bifa kanaan waloon xiyyeeffannaa itti godhee yeroo tokkotti walfaana barachuufi xumuree eebbifamuun garuu darbee darbee jiraatullee taatee hagas mara baramaa waan hin taaneef odeeffannochi qalbii hawaasa muslimaa adduunyaa harkiseera.
Dachee Rabbiin eebbise Falas-xiin keessatti keessumaa gaaga'ama guddaa keessa kan jirtu Gaz?zaa keessatti lakkofsi Muslimoota Qur’aana haffazanii haalaan baay’achaa Spider gabaasaalee miidiyaa biyya keessaa irraa mirkaneeffateera.
Biyyattiitti akka bakkoota biroo hedduutti baay'inaan beekamu Hifzii Qur'aanaa xumuruun kan eebbifaman daa'immaniifi dargaggoota qofa osoo hin taane dhiuraafi gama dubartootaatiinis ga'eessotaafi manguddoota akka dabalatu gabaasaaleen kunneen ni mul'isa.
Rabbi obboloottan keenya nuuf haa tiksu, gootota qabsoorra jiran nuuf haa gargaaru, diina dachee keenyarraa nuuf haa ittisu.
© Amar Temam
Nu hordofaa:
YouTube https://youtube.com/@Spidermedia1
Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01
Telegram channel https://t.me/spidermediaa
Mana Barnoota Bultii Qaro-Dhabeeyyii Sheyikhaa Faaximaa Bint Mubaarakitti barattoonni muslimaa salaata dhoorkamuun ''barnoota yookaan salaata filadhaa'' jedhamuunii ibsan
Spider Media: Rabi Al Awwal 10/1446
Mana Barnoota Bultii Qaro-Dhabeeyyii Sheyikhaa Faaximaa Bint Mubaarak qindeessummaa giifti duree Aadde Zinnaash Taayyachootiin deeggarsa maallaqaa maatii mootummaa UAE irraa argameen magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Aqaaqii Qaallittiitti ijaaramee baatiiwwan afur dura kan eebbifame ta'uun ni beekama.
Manni barnootaa kun tibbana barattoota qaroo dhabeeyyii heddu simataas jira.
Barattoota mana barnootichaa seenan keessaa barattoonni qaro dhabeeyyiin Muslima ta'an salaata akka hin salaatne, akkasumas sochii amantaan ksaanii kamiyyuuakak hin raawwanne dhorkamuu ibsaniiru.
Barattoonni akka himanitti hoggantoota mana barumsichaa “mirgi amantaa keenyaa nuuf haa kabajamu’’ jennee yemmuu gaafannu, ‘’ajaja gubbaa irraa dhufeedha, kanaafuu hin dandeessan'' deebii jedhu arganne jechuun kan gabaase Haarun miidiyaan, mirgi isaanii sarabamuu eerani.
''Salaata yookaan barnoota filadhaa'' jedhamuunii kan ibsan barattoonni kunneen, musallaa irratti salaatan qabatanii barattoota gara mooraa mana barnootichaa seenan harkaa musallaan (wanti irratti salaatan) qaama hooggansaa mana barnootichaatiin isaan harkaa fuudhamuus himaniiru.
Booda fala dhabnee huccuu keenya irratti salaatuuf wayita jennullee humnaan dhorkamneerra kan jedhan barattoonni kunneen qaamni dhimmi ilaallatu sarabama mirgaa isaan irratti raawwatame kanaaf xiyyeeffannaa laachuun fala hatattaaamaa akka isaaniif kennus gaafataniiru.
© Amar Temam
Nu hordofaa:
YouTube https://youtube.com/@Spidermedia1
Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01
Telegram channel https://t.me/spidermediaa
Tik Tok https://www.tiktok.com/@spidermultimedia?_t=8bvc1u3btiv&_r=1
WhatsApp
https://whatsapp.com/channel/0029VaAgkUd8fewqlY5Jlb3I
Umma Life https://ummalife.com/Spidermedia
YouTube
Spider Media
Sacrifice of truth
https://youtube.com/c/MusseSolomon
https://www.facebook.com/mussesolomonsisay/
https://www.tiktok.com/@mussesol?_t=8Uf4N5mSyaT&_r=1
Last updated 1 year, 3 months ago
https://zemfira.world
https://instagram.com/zemfiraworld
https://facebook.com/zemfiraworld
правила: t.me/zemfiraworld_chat/122668
18+ НАСТОЯЩИЙ МАТЕРИАЛ (ИНФОРМАЦИЯ) ПРОИЗВЕДЁН И (ИЛИ) РАСПРОСТРАНЁН ИНОСТРАННЫМ АГЕНТОМ РАМАЗАНОВОЙ ЗЕМФИРОЙ ТАЛГАТОВНОЙ
Last updated 2 months, 1 week ago
📍 Весь Подільський район у нас на сторінці 👉 t.me/podolskinfo
💬Міський чат : https://t.me/+rSRBeG1kG61jMjVi
❕Напишіть нам у TG BOT : https://t.me/PODOLSK_INFObot
⚠️Лінк на Instagram: instagram.com/podolsk.info
Last updated 2 weeks ago