Unlock a World of Free Content: Books, Music, Videos & More Await!

ÃL~Fãlâh Dãwã grøúp

Description
👈"لانريدمنكم جزآءولاشكورا"👉
Kootta Diinii Faaya Kana Wal Haa Barsiifnuu Galata Walirraa Barbaaduun Maletti.

"Aayaata tokkollee yoonif tahe narraa geeysaa" Dhaamsa rasuulati(Sallallaahu Aleeyhi wa sallam)
We recommend to visit

ᅟᅟᅟ 𝗔𝗜𝗡'𝗧 𝗡𝗢𝗕𝗢𝗗𝗬 𝗚𝗜𝗩𝗘 𝗔 𝗙𝗨𝗖𝗞 𝗔𝗕𝗢𝗨𝗧 𝗔 𝗥𝗨𝗟𝗘˖ with the tazos in my side.

OFC CHANNEL :
@OFCTAZOS

SHITPOST :
@HRSSHITPOST

CONTACT US : @ofctazosbot

Last updated 1 year, 10 months ago

Chaanaalli Kun Chaanala walaloo gaggabaaboo Fi ergaalee garagaraa of keessaa qabdudha!

Siyaasa ❌
Amantaa❌
Jibbinsa❌
Sanyummaa❌

Yaadaaf👇👇
👉 @Michuu_Fayisaa
---------------//---------------

Chaanaalaaf👇
✍️ @Michuu_ko

Last updated 2 days, 12 hours ago

Soo dhowoow is ku day inaad cid nagusoo biiriso hal qofna ha ahaatee adiga oo linkiga zhere gareynaya halkaan waxaad ka helaysaa fikrado ku cajabiya♥️

Wixii talo ah halkan igalasoo xidhiidh💚👇 @Maymuuncali

https://t.me/Audiobook2s

2021-5-24

Last updated 1 month ago

1 month, 1 week ago
My wallpaper 4ever***❣***

My wallpaper 4ever

Nama akka isarraa jijjiiru barbaadaaf jacha karaa isaa keessatti jijjiirama lubbuu isaarratti fide cufa Rabbiin irraa jijjiiree jira, irraa jijjiiruttillee jira, irraa jijjiiruufiis jira. Baallamni Rabbii dhugaadha, lubbuuma teetirratti lubbuu tee diina hin godhin, jijjiiramaaf karaa seeni !

Jijjiiramni nuti karaa Allaahaa keessatti goonu waa hedduu nurraa jijjiiru malee hin taane.

Fageenya Rabbirraa fagaannee jirru gara isatti dhiyaachuutti, talisummaa nu marsee jiru gara nashaaxa hojiirratti fidachuutti, qisaasama yeroo isa social media fi waan biraa irratti itti jirru kana gara yero fayyadamuutti jijjiirree jijjiirama dhugaa san jireenya Kenya keessatti haa barbaannu !
Irraan deebi'a👇
"#Baallamni_Rabbii_dhugaadh"

@AlfalahDawagrp 🥀

1 month, 2 weeks ago

Mee Rabbi Karadhu. Oduma wanti amma dura kadhattee turte Karaa ati eegaa turteen siif hin qeebalaminihillee, Oduma yaa Rabbi jachuun Haalaan sitti ulfaateehillee if dirqiituma Rabbi dandahaa waa Hundaa kana karadhumee.

Dhimma irra kadhachuu barbaaddu San irratti deddeebi'iitii karadhu, akka nama wanti kadhatee ture cufti isaaf awwaatamee jiruutti galata galchuus heddummeessi....

Lakkii Du'aa'ii jabeessi, qalbii abdiin guuttamteen Rabbi kadhatuu kana cimsi, lakkisii kadhaa Rabbii irratti dammaqi Nafsee, lakkii lakkii.....!

@alfalahDawagrp

1 month, 2 weeks ago

Laaffistee laaluu keessatti boqonnaatu jira.
Yeroo namaan wal dhabdee dhimma irratti wal dhabdeen san dagattee waan gaarii takka yaaduu irratti xiyyeeyfattu muuxachaa deemta, "energy" keetillee ni qusatta.

Maaliif akka siin ja'ameefii maaliif akka gatii si gad buusuu barbaadan yaaduu keessatti yaaddoo, cinqiifii dhiphachuutu waan si fayyadu yaaduu irraa si hidha.
☆Ni ja'an! Ati immoo waan ja'amu san hin qabdu yoo tahe dhiifama godhiif, lubbuu tee isaan irraa fageessi, isaanumaafi gocha isaaniituu waliin dagadhu boqonnaa argatta, waan ol si kaasu yaaduu qofa irratti xiyyeyfatta...

❤️Warra dhoqqee keessa taa'ee harka horofaatiin uffata adii sirratti xureessuuf deemuu waliin qabsoo hin qabin.

NB:- Dhiifama godhi, lubbuu tee isaan irraa fageessi, madaa isaanii yaaddee isaanii gaditti if hin hidhin, akka nama madaa hin qabneetti seeqii liqimsi. Haqa qabda taanaan yeroo eega malee abbaan duursu atuma.
●Baatii gaarii tana wanta namoonni sirratti hojjataniin zannii hamtuu qabattee if hin jeeqin, wanti namootaa kun yoo yaadaa oolaniis hin dhumuu. Galma kee irratti xiyyeeyfadhuu Rabbii keetiin wal argatuuf yaali !

@alfalahdawagrp 🌾

2 months, 2 weeks ago

Namni yeroo gara firaasha isaatti dhufe if qoratu yoom akka Iimaanni isaa irrateefii eessatti akka gammachuun isaa jalaa badde hundaahuu tolcheeti beeka.  Odoo social media fayyadamnuu hirriibni nu fudhata, akka hirriibaa kaaneen isarratti bariisifanna.

Laafuu, kufuufi gammachuun nurraa mulqamuu malee eessatti kun hundi akka nurraa gahe hin yaadannu.  Iimaanni laafuu ni argita, Yoom akka si harkatti akkana tahe, maalirratti akkana si harkaa akka tahe yoo if gaafatte garuu fagoo takka dura akkatti laafaa dhufuu kee malee sababa isaa hin beeytu.

Waan guyyaarraa if qorachuun nu bira hin jirreef eessatti akka kasaaraa jirru beekuu dadhabne. Maal akka ida'u jirruufii maal akka Irrisu jirru waan if gaafachaa hin jirreef gammachuun nurraa fagaattee. Waswaasamuufii jeeqama maal irraa akka taate hin beeyne jeeqamuun tanaaf akkanatti nutti baayyatte...!

Namni yeroo hunda hirriiba isaatiin duratti if toohatee Rafu jireenya addunyaatii fi jireenya aakhiraatiif dabarfachuu keessatti yeroo hunda tarkaanfii takka fuul duratti deemu jira.
Eessatti laafte ni yaadattaa?

@alfalahdawagrp 🌿

2 months, 4 weeks ago

Bifaanii?

Nama babbareedaa hedduutu jira kan hireen isaa hin bareedin, nama hagas mara hin tahin hedduutu jira ammaas kan hireen isaa isaaf tolte.  Nama hedduu qabeenya qabu kan hireen hin tolin, akkasuma ammaas nama hagas mara qabeenya hin qabne kan hireen isaa tolte dila tokkootu jira.

Kanaas tahu saniis, bareedina keessatti caalmaya qabaatuufii qabeenya hedduu qabaachuun ulaagaa hireen namaaf bareeduutii miti.

"Bifa bareedaan qaba, abaluufii abalu irraas niin caala, haalaan fadhettiin namaan fadhe filadhee jireenya kiyya jiraadha, isaanii olitti malee isaanii wajjiin haala wal fakkaatu irrattillee hin jiraadhu" jattee sammuu tee keessattillee yaadaa jirta yoo tahe yaada kana irraa deebi'i.  Dachii dhiittee ol utaaltuus mataa buuftee gadi jattuus tolinni hiree haala uumamaatiifii qabeenyaatiin odoo hin tahin qoodaafii godhii Allaahaan namaaf godhe irratti. Hedduus baxraantee hin dhaadatin, ifiis tuffaattee mataa gad hin qabatin, jiddu jireessatti tahi.  Ammoo haala hunda keessattuu Allaahaa kadhachuufii isatti irkachuu irraa hin laafin, jireenyi Rahmanni Rabbii keessatti tahe cufti gammaachuun guuttama waan taheef !

@alfalahdawagrp

3 months ago

Hedduu takka abdii kutuun haalaan baayyate, hedduuu takka Iiimaanaan laafuuniis akkasuma.
Waluma keessa yaana, waluma keessa jirra, yeroo uffatee deemu nama hundaafuu wanti hundi guutee jiruun tun nu qofatti waan jallatte nutti fakkaata. Kuniis akkas saha, saniis akkas taha. 

Namni dilli kun abdii kutuufii namni dilli kun guyyaarraa iimaani keenya darree tahaa dhufuun sababani inni guddaan tokko "social media" kana.
#Social media kana irratti wantoota gad lakkifaman keessaa %n caale waan nama gammaachiisuufii waan jireenya gaariin guuttameedha. Daawwataan mana taa'ee laalu kanaan if madaalee guyyaarraa kufaafii boodatti Hafaan akka waan isa qofa taheetti itti dhagahama, lakkii si fakkaate malee namni hedduun akkuma kee Rakkamaadha, ifitti fafakkeessuuf achirraa bookkisa malee.

✌️2ffaa:- Iimaanni keenya akkatti laafuu kanaafiis tokko "social media" kana guyyaarraa yoo xiqqaate wantootaa haraamaatiifii Rabbi irraa nu fageessu 10 fi haga 15 agarra kun guyyaarraa waluma qabamaa waluma qabamaa odoo dhuftuuti qalbiin duutee akkatti darree taatee dhumte.

#Jireenya keenya jireenya biraatiiin madaaluufii irra caalaa yeroo teenya "social media" irratti gubuun abdi kutannaafii Rabbi irraa fagaachuu haalaan nutti qubsiisaa jira.

Jiruun ni ulfaatti kun immoo nama cufa biratti, namni cufti akkuma keetiitti Rakkamaadha Rakkoo isaa dhooyfachuuf sobee seeqa malee, yeroo tee haala gaariifii jireenya qabbanaatiin guuttameen jiraachuuf irra caalaa yeroo keetii "social media" malee dabarsuuf yaali, Waan Rabbitti si dhiheeysu cufa godhuuf yaali. Yeroo akkatti dargaggeessi guyyaarraa qalbiin isaa baddee maraataan baayyataa jiru kanatti wanti furmaata siif tahu wantoota haraaraa irraa bilisoomuufii Rabbitti dhiyaachuu qofa.

@alfalahdawagrp 😍

3 months, 2 weeks ago

Namni karaa isaa irra cinqiifii rokkoon hin jirre hin jiru. Wal haa dhabduu malee cufa keenyaahuu gufuu yeroo cufa isii buqqisuu feenu takkaatu nu mullata.

Namni Rakkinni isaa 100rra 100tti irraa guuttamee Rakkina kee siif furuuf yeroon gahaan isaaf kannamte hin jiru, walirra wayyaa qabna malee hundi keenya Rakkatoodha. Namni irratti if gatanii taa'anii furmaata irraa eeggatan hin jiru, guyyaa tokko Rakkoo waliitiif yoo furmaata barbaanne guyyaa itti aanu Rakkinni dhuufaa Rakkina waliitti furmaata barbaaduu irra nu qabee arkina...

Biyya keessa haa jiraatu fadhu biyya alaa, namni Rakkinni irraa cufamee yaada irraa bilisa tahe hin jiru.

Baqqaa ati qofaa miti hunda namaatu rakkamaadha obbaleessoo, waan Rabbiin siif laaffise mara godhi, Rakkina keetiif furmaata guutuu harka ilma namaa keessa hin barbaadin.

Rabbii haajaan tokkoo keenyaa haajaa tokkoo keenyaa irraa isa hin shaakalle irratti irkadhu, haalaan hariiroo isaa wajjiin tolchuu irratti xiyyeyfadhu, achi booda jiruu teetiif itti gaafatamummaa sirra jiru mara bahachuuf tattaafadhu, hedduu ulfaata mii? Ee hedduu ulfaata wlhi, garuu maal goota, nama irraa furmaata eeguutu irra ulfaataa !

@Alfalahdawagrp

3 months, 3 weeks ago

🌷🌷

@AlfalahDawagrp

3 months, 3 weeks ago

Yoo nama tokko maalummaa saa baruu feete dubbii isaa dhageefatta Waan inni post godhu laalta

Yoo maalummaa barreessaa tokkoo hubachuu feete kitaaba inni barreese dubbista

Akkasuma Rabbii khee qixa sirriitiin beekhufi maalummaa isaa hubachuu yoo barbaadde Kalaama isaati fi maqoolee isaa barachuurratti xiyyeefadhu ‼️ yeroo san wallaahi dhugumatti mi'aa Jaalalaa dhandhamta ❤️❤️❤️ beekhi jaalala goggooydu akka amma nuti Afaaniin Rabbi niin jaaladha jennuu tanaa mitii tan irraa dubbachu jirru 💔

Tanaafi Rabbiin Guddatee ol tehee Qur'aana isaa keessatti akkana nun je'a
" Gabroottan isaarraa Irra Allaaha (Rabbi) sodaatan kheessan Ulamaa'ota (beytoota) "

Ayaanni tuni Sodaan Rabbitu bakki isiin irraa burqitu isa beekurraa akka taate nuuf akheekhti
Namni rabbii isaa sodaate ammoo Asii fi Aakhirrattis milkaawuun isaa mamii takka hin qabu 🥰
Rabbi warra milkaawerra nuhaa taasisuu 🤲

@AlfalahDawagrp

5 months, 2 weeks ago

Waan harkaa qabnu irratti nuuf dabalama malee waan nuuf kannamu irratti nuuf dabalamaa miti.

Fknf namni tokko hiyyeessa humaa hin qabu, namni tokko wallalaadha humaa hin beeku, namni tokko dhukkubsataadha humaa taruu hin dandahu haa jannuu; namni kun wanta dhabe kana odoo argatee waan saniin maal akka godhu yoo if baruu fadhe waan dhabe ja'ee yaadu kana xiqqo isii takka if cinaa ni qaba yoo qalbii sirriitiin laale.

Fknf namni hiyyeessi humaa hin qabne san yeroo takkallee tahu waan xiqqo takka ni argata waan san waliin akkami tura, namni humaa hin baratin saniis waan xiqqo takkallee tahu waan beekhu qaba waan dhagahellee tahu, waan sanii waliin akkami jira? Namni fayyaa hin qabne ka humaa takkallee dadhabe san qaama isaa irraa waan hojjatu takkaatu jira, yoo qaamni isaa kulliin hojii dhaabe illee tarii sammuu yaadduutu isa keessa jira sammuu saniin maal yaadu jira.

"Waan akkanaa gaafaan argadhe waan akkanaatiin itti godhaatii naaf kanni" jattee yeroo Rabbiin kadhattu waan kadhachaa jirtu San irraa tarii xiqqo takkaatu si Cinaa jira tahaa waan saniin maal akka godhu jirtu if milladhu.

Waan yaadaafii hawwii gama fuul duraatti qabannee jirru mara fakkaataa akka waan sanii xiqqaa nu bira jiruun maal akka godhu jirru if haa gaafannuu !
🥰Insha'Allaah! xiqqo nu bira jirtuun  fakkii waan guddaan hojjachuu feenu hanga humna isii hojjataa yoo Jiraanne yeroo eega malee wanti San nuuf dhugoomuuf jira. Faallaa waan hawwinuu waan harkaa qabnuun hojjacha jirra yoo tahe waan saniis isaraafuun keenya hin hafu !

@alfalahdawagrp ❤️

We recommend to visit

ᅟᅟᅟ 𝗔𝗜𝗡'𝗧 𝗡𝗢𝗕𝗢𝗗𝗬 𝗚𝗜𝗩𝗘 𝗔 𝗙𝗨𝗖𝗞 𝗔𝗕𝗢𝗨𝗧 𝗔 𝗥𝗨𝗟𝗘˖ with the tazos in my side.

OFC CHANNEL :
@OFCTAZOS

SHITPOST :
@HRSSHITPOST

CONTACT US : @ofctazosbot

Last updated 1 year, 10 months ago

Chaanaalli Kun Chaanala walaloo gaggabaaboo Fi ergaalee garagaraa of keessaa qabdudha!

Siyaasa ❌
Amantaa❌
Jibbinsa❌
Sanyummaa❌

Yaadaaf👇👇
👉 @Michuu_Fayisaa
---------------//---------------

Chaanaalaaf👇
✍️ @Michuu_ko

Last updated 2 days, 12 hours ago

Soo dhowoow is ku day inaad cid nagusoo biiriso hal qofna ha ahaatee adiga oo linkiga zhere gareynaya halkaan waxaad ka helaysaa fikrado ku cajabiya♥️

Wixii talo ah halkan igalasoo xidhiidh💚👇 @Maymuuncali

https://t.me/Audiobook2s

2021-5-24

Last updated 1 month ago