ÃL~Fãlâh Dãwã grøúp

Description
👈"لانريدمنكم جزآءولاشكورا"👉
Kootta Diinii Faaya Kana Wal Haa Barsiifnuu Galata Walirraa Barbaaduun Maletti.

"Aayaata tokkollee yoonif tahe narraa geeysaa" Dhaamsa rasuulati(Sallallaahu Aleeyhi wa sallam)
Advertising
We recommend to visit

https://t.me/+RSRVlLKGs5J_-PJg

Last updated 2 Wochen, 1 Tag her

Waliin kufnee
Waliin kaana
Osoo jirruu
Waliif taana
Yaadaaf??
? @Michuu_Fayisaa
---------------//---------------

Chaanaalaaf?
✍️ @Michuu_ko

Last updated 2 Monate, 3 Wochen her

Soo dhowoow is ku day inaad cid nagusoo biiriso hal qofna ha ahaatee adiga oo linkiga zhere gareynaya halkaan waxaad ka helaysaa fikrado ku cajabiya♥️

Wixii talo ah halkan igalasoo xidhiidh💚👇 @Maymuuncali

https://t.me/Audiobook2s

2021-5-24

Last updated 1 Monat, 1 Woche her

4 months, 4 weeks ago

Hagam takka galmaafii fadhii waan gaggaarii kan qabnu caalaa, hangam takka fadhii teenya irratti akka moohuu dandeenyuutu gargar nu godha.

Namni 100 irraa 100tti fadhii isaa moohu hin jiru, garuu namni 100 irraa 100tti fadhii isaatiif hin kufin hedduutu jira.

Akkaataa fadhii keenya itti moonuun garaagarummaa Uumna. Hangam takka fadhii tee mootaatu Hagam takka tarkaanfattaa murteessa !

@AlfalahDawagrp ?

5 months ago

[☆Dhukkuba Rabbiin dallansuu isaatiin namatti fidu mala ittisaa kamillee fayyadamuun namarraa hin deebistu.♡]
Zinaa Eeggadhaa !

@AlfalahDawagrp ?

5 months, 1 week ago

Amantaa tee irratti nama jabaa tahi, amrii duniyaa irrattiis nama tattaafatu (ka waan irra jiru san bareechee hojjatu) tahi, nama cufa biraa kabaja argatta. Dhooyfatee ykn immoo ifa baafatees tahu nama hedduutu jireenya akka keetii san hawwa.

@alfalahdawagrp ?

7 months, 1 week ago

Waaniin arra dubbise

Callisiituma deem !

Addunyaa tana irratti fadhiifii hawwiin keenya akkuma garaa garaatti daandiin nuti ittiin furmaata argannuus garaa gara.
?Namni tokko yeroo dhukkubsatee harka namaatti gale namni isa gaafachuuf dhufe cufti dawaa himaaf, kaaniis "abaluufii abalu bira yoo deemte isa biraa dawaa ni argatta, nama dhibee akka kheetii kanaan qabame hedduutu isa bira deemee fayyee" ja'aniin. Dhuguma nama hedduutu isa san bira fayye taha, ati garuu isaan dhageessee yoo deemtees dawaan isaa san inuma humaa takkallee waa sirraa hin taru taha, akka carraa gaaf takka bakka namni tokko itti si hin qaceelchin takka deemtee Rabbiin bakka sanitti dawaa siif mullisee fayyuu malta.
?Atiis bakka kanaatu bakka sirriiti jatteeti kana booda nama san bira akka deemaniif dhukkubsataa hundaafuu dhaamsa gootaaf......

Kallattiin ittiin furmaata argannu wal adda. Kallaattiin ittiin guddannuus wal adda. Karaan isaaniitiis sirrii keetiis sirrii tahuu mala. Tokko asumatti daandii barnootaa irratti milkaahee jireenya gaarii keessa jiraata. Tokko asumatti daandii barnootaa kana keessa dabree waan harkaaf afaan malee isa gahu dhaba. Tokko asuma daldala keessa milkaaha, tokko asuma daldala keessaa odoo jiruu waan harkaafii afaan malee isa hin geenye qofa argata.

Waa daldala keessa jiraataniif qofa hin guddatan, waa daandii barnootaa qofa irra jiraataniifiis hin hiyyooman. Bakka rizqiifii hireen namaa itti toltu Rabbumaatu beekha, ati imala hireen irra si keesse keessatti waan harkaa qabdu qulqullinaan qabuuf yaali, kajeellaafii Rahmata Rabbii qalbii cabuufii kufaatii farrifachuu irra guddifadhu. Insha'Allaah guyyaa tokko bakka namni irraa milkaahuu dhabe irraa milkaahuu malta, Abalu karaa kana deemeeti kasaare jattee if keessatti hin cabin, karaan isaaf Tahuu dhabe Rahmata Rabbiitiin siif guddina tahuu malaa.

@alfalahdawagrp ?

7 months, 1 week ago

Don’t forget to read surah al kahf ??

Wanti akka Qur'aanaa maaltu jirasa garuu ardii tana irra??
Jacha Rahmaan❤️‍?

@alfalahdawagrp ?

7 months, 2 weeks ago

**Jajjabaatanii carraaqaniif qofaa miti. Horiifii hiree gaariis, ilmoo qalbii qabduufi faxinaas, tasgabbii qalbiitiifii jireenya nagiyaatiis Rabbumaatu namaaf kanna, Rabbumaatu nama dhoorkataasi. Ifaajee godhuun dirqama nama muslimaati, ifaajee ifiirratti irkatanii tahii Rabbii mormuun, anaatu beekkumsa kiyyaan argate, anaatu ifaajee kiyyaan argate ja'anii yaaduun jallina gararreetiifii galata Rabbii dagachutti nama geessa.

Dafqanii nyaatuufii waan harkaa qaban tirfeeysuuf fiiguun ibaadaadha. Nyaatuufii dhuguunuu yoo niyyaa teenya tolchine ibaadaadha. Ifaajuun gaariidha, ifaajee ifii irratti irkatuun garuu kasaaraadha.

Namni dafquu isaatti gammadu, Kan dafquu isaa san Rabbiitu naaf mijjeesse ja'ee galata galchuufii Rabbiif if gad qabutti lubbuu isaa leenjisu, Rabbiin hojii isaa milkiin, qalbii isaa tasgabbiin guuta. Malaafii beekkumsa qabnuun waan arkanne nutti fakkeessuun waan arkannu keessaahillee barkaa fuuti, qalbii teenya irraahiis boqonnaa Oofti.

"Wanti naaf tahe kun Rahmata Rabbiitiin naaf argame" jachuu haa amaleeyfannuu.

Takkalleenuu ajaja Rabbiitiini.**

@alfalahdawagrp ?

9 months, 1 week ago
My wallpaper 4ever***❣***

My wallpaper 4ever

Nama akka isarraa jijjiiru barbaadaaf jacha karaa isaa keessatti jijjiirama lubbuu isaarratti fide cufa Rabbiin irraa jijjiiree jira, irraa jijjiiruttillee jira, irraa jijjiiruufiis jira. Baallamni Rabbii dhugaadha, lubbuuma teetirratti lubbuu tee diina hin godhin, jijjiiramaaf karaa seeni !

Jijjiiramni nuti karaa Allaahaa keessatti goonu waa hedduu nurraa jijjiiru malee hin taane.

Fageenya Rabbirraa fagaannee jirru gara isatti dhiyaachuutti, talisummaa nu marsee jiru gara nashaaxa hojiirratti fidachuutti, qisaasama yeroo isa social media fi waan biraa irratti itti jirru kana gara yero fayyadamuutti jijjiirree jijjiirama dhugaa san jireenya Kenya keessatti haa barbaannu !
Irraan deebi'a?
"#Baallamni_Rabbii_dhugaadh"

@AlfalahDawagrp ?

9 months, 1 week ago

Mee Rabbi Karadhu. Oduma wanti amma dura kadhattee turte Karaa ati eegaa turteen siif hin qeebalaminihillee, Oduma yaa Rabbi jachuun Haalaan sitti ulfaateehillee if dirqiituma Rabbi dandahaa waa Hundaa kana karadhumee.

Dhimma irra kadhachuu barbaaddu San irratti deddeebi'iitii karadhu, akka nama wanti kadhatee ture cufti isaaf awwaatamee jiruutti galata galchuus heddummeessi....

Lakkii Du'aa'ii jabeessi, qalbii abdiin guuttamteen Rabbi kadhatuu kana cimsi, lakkisii kadhaa Rabbii irratti dammaqi Nafsee, lakkii lakkii.....!

@alfalahDawagrp

9 months, 2 weeks ago

Laaffistee laaluu keessatti boqonnaatu jira.
Yeroo namaan wal dhabdee dhimma irratti wal dhabdeen san dagattee waan gaarii takka yaaduu irratti xiyyeeyfattu muuxachaa deemta, "energy" keetillee ni qusatta.

Maaliif akka siin ja'ameefii maaliif akka gatii si gad buusuu barbaadan yaaduu keessatti yaaddoo, cinqiifii dhiphachuutu waan si fayyadu yaaduu irraa si hidha.
☆Ni ja'an! Ati immoo waan ja'amu san hin qabdu yoo tahe dhiifama godhiif, lubbuu tee isaan irraa fageessi, isaanumaafi gocha isaaniituu waliin dagadhu boqonnaa argatta, waan ol si kaasu yaaduu qofa irratti xiyyeyfatta...

❤️Warra dhoqqee keessa taa'ee harka horofaatiin uffata adii sirratti xureessuuf deemuu waliin qabsoo hin qabin.

NB:- Dhiifama godhi, lubbuu tee isaan irraa fageessi, madaa isaanii yaaddee isaanii gaditti if hin hidhin, akka nama madaa hin qabneetti seeqii liqimsi. Haqa qabda taanaan yeroo eega malee abbaan duursu atuma.
●Baatii gaarii tana wanta namoonni sirratti hojjataniin zannii hamtuu qabattee if hin jeeqin, wanti namootaa kun yoo yaadaa oolaniis hin dhumuu. Galma kee irratti xiyyeeyfadhuu Rabbii keetiin wal argatuuf yaali !

@alfalahdawagrp ?

10 months, 2 weeks ago

Namni yeroo gara firaasha isaatti dhufe if qoratu yoom akka Iimaanni isaa irrateefii eessatti akka gammachuun isaa jalaa badde hundaahuu tolcheeti beeka.  Odoo social media fayyadamnuu hirriibni nu fudhata, akka hirriibaa kaaneen isarratti bariisifanna.

Laafuu, kufuufi gammachuun nurraa mulqamuu malee eessatti kun hundi akka nurraa gahe hin yaadannu.  Iimaanni laafuu ni argita, Yoom akka si harkatti akkana tahe, maalirratti akkana si harkaa akka tahe yoo if gaafatte garuu fagoo takka dura akkatti laafaa dhufuu kee malee sababa isaa hin beeytu.

Waan guyyaarraa if qorachuun nu bira hin jirreef eessatti akka kasaaraa jirru beekuu dadhabne. Maal akka ida'u jirruufii maal akka Irrisu jirru waan if gaafachaa hin jirreef gammachuun nurraa fagaattee. Waswaasamuufii jeeqama maal irraa akka taate hin beeyne jeeqamuun tanaaf akkanatti nutti baayyatte...!

Namni yeroo hunda hirriiba isaatiin duratti if toohatee Rafu jireenya addunyaatii fi jireenya aakhiraatiif dabarfachuu keessatti yeroo hunda tarkaanfii takka fuul duratti deemu jira.
Eessatti laafte ni yaadattaa?

@alfalahdawagrp ?

We recommend to visit

https://t.me/+RSRVlLKGs5J_-PJg

Last updated 2 Wochen, 1 Tag her

Waliin kufnee
Waliin kaana
Osoo jirruu
Waliif taana
Yaadaaf??
? @Michuu_Fayisaa
---------------//---------------

Chaanaalaaf?
✍️ @Michuu_ko

Last updated 2 Monate, 3 Wochen her

Soo dhowoow is ku day inaad cid nagusoo biiriso hal qofna ha ahaatee adiga oo linkiga zhere gareynaya halkaan waxaad ka helaysaa fikrado ku cajabiya♥️

Wixii talo ah halkan igalasoo xidhiidh💚👇 @Maymuuncali

https://t.me/Audiobook2s

2021-5-24

Last updated 1 Monat, 1 Woche her