Jeet ek Nasha hai aur is Nashe ki Factory ka mai ek lauta Baadshah hoon !
My Channel Link
https://t.me/Baadshah
For Any Query Contact
My Username - @RehanBaadshah
Last updated 1 month, 1 week ago
Chaanaalli kun yeroo hundumaa Walaloowwan filatamoo fi ergaa guddaa qaban kan siniif dhiyeesaudha.
Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot
https://telega.io/?r=l9NDCHx-
Last updated 3 months, 3 weeks ago
Kaayyoon chanali kanaa faarfannaa haaraa fi kan durii isin biraan ga'uudhaafi
Dabalataan seenaalee garaa garaa isin biraan ga'uf
@Burqaa43
Last updated 1 year, 2 months ago
Dhaabbatni raadiyoo kaanaadaa keessa jiran hundumti sirba kaanaadaan ala kan lammii biyya alaa sirbisiisuun seeraan kan dhoorkamedha!! 🔇
Warri kan keenyaa sa'atii 24.........🙃
🔊@Ajaaibsiisoo_Telegram_channel🎩
Denmark keessatti alaabaa biyya biraa gubuun seeraan nama adabsiisa,alaabaa Denmarkiin gubuun garuu, hayyemamaadha!! 😕
Kooriyaa Kaabaa keessatti namni tokko yoo yakka raawwate maatiin,warri fi ijoolleen namichaa hundi mana hidhaa 🇰🇵 seenu.🧐
#Addunyaa_haara_kanaan_wal-baraa 👀
🌟Fiinlaand biyyoota sirna barnootaa addaa qaban keessaa tokkodha.
🌟Fiinlaanditti yuunivarsitii seenuuf waggaa 9 qofa baratta. Waggoota 9 kana keessatti yeroo 1 qofa qormaata qoramta;innis Seensa yuunivarsiitif qofadha.
🌟Hojii manaa wanti jedhamu hin jiru, hunduu daree barnootaa keessatti xumurama. Sadarkaan barnootaa 1ffaa, 2ffaa...jedhamu hin jiru.
🌟Barnootni bilisa. Manni barumsaa dureeyyii fi hiyyeessaa jedhamu hin jiru, sirni barnootaa wal qixa ta'e bakka hundatti kennama.
🌟Barsiisaan tokko sa'aatii 4 ol hin barsiisu.🔥
Show me your reaction 🤩
#Wantoota_Afirikaa_qofa_ibsan:???
●Mana fincaanii qarqaratti qulqullaa'uu.
●Haati manaan gara dagalee(girgiddaatti) aantee rafti.
●Yeroo ati sooromtu, hawwaasni JAWWEE qaba siin jedha.
●Foon gaafa qalamu(qircaa), tokko tokkoon diddiriirsanii lakkaa'uu.
●Afirikaa keessatti du'i uumamaa hin jiru, yoo ati duute diinakee sababeessu.
●ATM keessaa qarshii baasanii lakka'uu.
●Ittoo foonii keessaa isa gaarii ta'e Abbaa manaa nyaachisuu.
●Yeroo ayyaanni waggaa ga'u wayyaa haaraa bitachuu.
●Yeroo karaa kallattii tokkoo qaxxaamuran, bitaaf mirga ilaallachuu.
●Pilaastikii fayyadamamee gatamu keessaa dhuganii, waan biroof itti fayyadamamuuf ol kaawwachuu.
●Gaafa baasii keessa nama adii(faranjiitti) aananii ta'an boonuu.
●Teessuma isa bareedaa abbaa manaaf filuu.
●Muka jalatti bobbaa bobba'uu.
●Yeroo haasa'aaf maayikiin itti laatamu afuufanii ykn qubaan rurrukutanii dura cheekii gochuu yaaluu.
●Yoo shamarreen dureessatti heerumte, qabeenya isaaf jetteeti jechuu. Yoo dhiirri dubartii dureettii fuudhe, qabeenya qabdi kanaaf gowwomsee fuudhe jechuu. fi k.k.f
KENNAA UUMAMAA
▬▬▬▬▬▬▬▬
➲ Uumaan, uumama adda addaaf kennaa addaa arjoomeera;
Adurreef qeensa kenne; ittiin moccorti! Gafarsaaf gaafa kenne; diina ittiin horfa! Kennaa isaa, hundumaaf hin waakkanne. Kaan, yeroo gaabaabaa keessatti fageenya ajaa'ibaa kaata. Kaanis, uffata malee cabbii keessa jiraata; kaan immoo, xiyyaara mataa isaatiin samii irra barrisa; sanuu boba'aa osoo hin bitiin! Kaaniif jagnummaa; kaaniif gamnummaa; kaaniif humna..... kaman himee fixa?
๏ Walumaa galatti kan lubbuu qabu kamuu, yoo of jalaa dhokseen achi, kennaa dhabe hin qabu!
➲ Namaaf hoo? kan jedhu gaaffii hundaa ta'uu qaba.
๏ Namaaf, meeshaa hunda caalu, kan uumama hundaayyuu ittiin to'atu, sammuu kenne.
๏ Sammuun namaa kun neuroonii Biliyoona dhibba (100,000,000,000) akkasumas
๏ Narvii gargaartuu (glial cells) Tiriliyoona kudhan (10,000,000,000,000) kan qabuu fi
๏ Diyaamenshiinii 1450cm³ qabaachuun, uumama "uggum" nama jechisiisudha; Uggum!
๏ Ammas baay'ee isin hin ajaa'ibiin malee, sammuun namaa gurra lamaan gidduu jiru sun, yaadannoo (memory) miliyoona 2.5GB ol kuusuu kan danda'uu fi aangoon isaa (power) 20W dha.
➲ Kun ta'ee osoo jiruu, haa ta'u malee, namni meeshaa isaa kana walqixa itti hin fayyadamne; gareen tokko sammuu isaatti fayyadamuun argannoo addaa uumee, waan amanuufuu nama rakkisu kalaqee, addunyaan kun namaaf mijattuu akka taatuuf gahee isaa bahe; biyya isaas jijjiire.
๏ Faallaa kanaan, gareen biraa immoo kutaa sammuu isaa kana keessatti maal akka hojjetu erga taa'ee xinxalee booda, yaadaa fi qaamaan olii gadi gulufee, jibba, tuffii, hinaaffaa gadaantummaa, haaloo, hin danda'uu, dhibaa'ummaa, dhiphina, tuffii, hamii fi kan kana fakkaatan walitti funaanuun gara sammuu isaa geessee, mana hidhaa guddaa tokko ittiin ijaare. Balbalas itti tolchuun, ol seenee marmaratee keessa taa'e.
Kutaa mana hidhichaa keessa barreeffamni inni barreesse, baay'eetu jiru. Barreeffamoota sana keessaa gariin akkana jedhu:
๏ ..." Maafan gabaabadhee?/ dheeradhee?
๏ ... har'a abalu maal naan jedhee?
๏ ... Nama hundumaa gammachiisuu wayyaa?
๏ ... Har'a sa'aatii koo eessattan gubaa?
๏ ... Ciisi, ka'i, nyaadhu;
kanuma sadan irra deddeebi'aa jiraadhu"...
kan jedhuu fi kan kana fakkaatan argitu!
➲ Mee of haa ilaallu! meeshaa Waaqni nuuf kenne kana, mana hidhaa gochuu dhiisnee, mana kalaqaa haa taasisnu;
Ilaamee,
➲ Bakkuma jirtu irraa ka'ii kutannoo horadhu; kutannoo dhaabbataa! Beekumsa dheebodhu; Dubbisii dhugi! dhugi, ammas hin quufin dhugi;
karoorsi hojiitti hiiki; yoo kufe irra deebi'ii yaali; irra deddeebi'ii yaali! Yoo kufte awwaara kee hurgufadhuu ka'i; fuulduratti deemi! Mudannoon kee muuxannoo malee gaabbii akka siif hin taane dursii toobbadhu!
๏ Na amani! Ati shaakaluu hin nuffin malee, guyyaa tokko isa sitti ulfaate sana, qullaa dhaabda! Yoom akka kuftu beektaa? Gaafa yaaluu dhiistedha.
๏ Kutannoon kaanan, bakka hin yaadamne ni geessa!
Eeyyeen, ni dandeessa!
Jeet ek Nasha hai aur is Nashe ki Factory ka mai ek lauta Baadshah hoon !
My Channel Link
https://t.me/Baadshah
For Any Query Contact
My Username - @RehanBaadshah
Last updated 1 month, 1 week ago
Chaanaalli kun yeroo hundumaa Walaloowwan filatamoo fi ergaa guddaa qaban kan siniif dhiyeesaudha.
Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot
https://telega.io/?r=l9NDCHx-
Last updated 3 months, 3 weeks ago
Kaayyoon chanali kanaa faarfannaa haaraa fi kan durii isin biraan ga'uudhaafi
Dabalataan seenaalee garaa garaa isin biraan ga'uf
@Burqaa43
Last updated 1 year, 2 months ago