WAA'E KEENYA

Description
Join godhadhu tarii sifayyeduu dandaha
We recommend to visit

Jeet ek Nasha hai aur is Nashe ki Factory ka mai ek lauta Baadshah hoon !

My Channel Link
https://t.me/Baadshah

For Any Query Contact
My Username - @RehanBaadshah

Last updated 2 months ago

Chaanaalli kun yeroo hundumaa Walaloowwan filatamoo fi ergaa guddaa qaban kan siniif dhiyeesaudha.

Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot


https://telega.io/?r=l9NDCHx-

Last updated 7 months ago

Kaayyoon chanali kanaa faarfannaa haaraa fi kan durii isin biraan ga'uudhaafi
Dabalataan seenaalee garaa garaa isin biraan ga'uf


@Burqaa43

Last updated 1 year, 5 months ago

1 month, 4 weeks ago

Wanti ati qabdu qabaa barbaada!!!

📌 Ilaalchi gaariin dhalootaaf riqicha ta'u, namoota gaarii qabaa qabeenya isaanii eeggatan keessa jira.

📌 Qabeenyi guddaan kan mootummaan hin beekne ati duwwaan beekuu qabdu si keessa jira.

📌 Bara namni jireenya dhiisee bara lakkaa'aa jiru kanaatti amala qabeenya keef eegdu ta'u kudhaammattee kaayyoo
uumamteef jiraachuun gatii jabeessa guddaadha.

📌 Amalli ati qabdu qabeenya keef orma ta'uu danda'a. Amala qabeenya keef orma ta'e keessaa ba'i!

📌 Bara namni waan qabu miti ofiisaa of qabu dadhabe kanatti atimmoo of qabii waan gaarii si keessa dhokatee jiru achi baafadhu!

📌 Yoo qabaa isaa beekteef albuudni guddaan karaa kee duwwaa gara addunyaatti bahuuf qophaa'e tokko sii keessa jira; innis eeyyaama kee malee gara dhalootaatti achi bahuu hin danda'u.

📌 Beekumsa si keessa jiru gara hojiitti fiduuf bilchinni ati eenyummaa qabeenya kee baachuu danda'uuf aarsaa ta'uuf qabdu murtessaadha.

📌 Qabeenya guddaa si keessa jiru qabachuu dadhabuu keetiin ajjeessuu keerraa ofii kee lubbuun darbuu wayya.

📌 Jiraa du'aa baatee deemu hin ta'iin! Akka awwaalcha keessa isaatti du'aa baatu, alaan bifa qabu hin ta'in. waan qabdu sirriitti qabaachuu dadhabuun salphina.

📌 Karaa namni hunduu deemu irra nan deema yoo jette waan gaarii si keessa jiru ajjeessuu dandeessa.

📌 Jireenyaa fi adeemsa albuuda si keessa jiruuf karaa ta'u qabaadhu!

📌 Namoonni baay'een jireenya namaa akkeessuuf jedhanii harka duwwaatti hafan, baay'een immoo utuu hin bilchaatiin eenyummaa isaanii agarsiisuuf jedhanii namummaa isaanii gatan.

📌 Namni miira isaaf garbicha ta'e qabeenya keessa isaa jiru eeggachuu hin danda'u.

📌 Egaa ati qabeenya guddaa duuka uumamte. Qabeenya guddaa kana qabattee immoo maasii qabeenya kee balleessuu keessa hin taa'in.

📌 Addunyaa kana irratti namni qofaa isaa bakka guddaa gahe hin jiru. kanaafuu nama duukaa jiraachuu bari! Kunis ati mataan kee qabeenya dha.

📌 Amala waan qabdu siif qabu qabaadhu!!
Yeroo Gaari.
®A.G
@xinsammuuf

2 months ago

Akkuma qaamni keenya guyyaa guyyaan nyaata gaarii barbaadu,sammuun keenyas guyyaa guyyaan yaada gaarii barbaada.Qaama keenya nyaata faalamaa fi sammuu keenya yaada badaa yoo nyaachifne,qaama dhukkubsataa fi sammuu dhukkubsataa qabaachuu dandeenya.Kanaaf waa'ee keetiif Ogeessi jalqabaasuma waan ta'eef qaama kee nyaata gaarii akkasumas Sammuu kee yaada gaarii nyaachisuu hin dagatin!

2 months, 1 week ago

✍️FURMAANNI DAMMAQUDHA
✓✓✓✓✓✓✓✓✓✓✓✓✓✓✓

"Namichatu abjuudhaan bosona guddaa keessa deemaa ture. Osoo bosona addaan kutee deemaa jiruu, hoomaan waraabessaa gaana kaase, itti dhufe.Rifatee gara fuulduraatti osoo fiiguu, of duratti haroo bal‟aa naachi keessaa mul‟atutti dhufe. Waan godhu dhabnaan, muka tokko koruuf yaadee, gara mukaatti fiige. Koruu eegale. Muka yaabbachaa osoo jiruu gara irraan jawwee muka irraa isa nyaachuuf itti deemu arge. Namichi kun jalaan waraabessa, fuulduraan haroofi naacha, gara irraan immoo jawweedhaan marfamee jira. Rakkoo hamaa isa muudhate kana keessaa bahuuf maal gochuu qabaa? Namni kun yoo fiiges, utaales, gara samii barrisees, nyaatamuu jalaa of oolchuu hin danda'u.

Rakkoo walxaxaa kana keessaa bahuuf fala tokko qofa qaba. Innis dammaquudha. Namichi kun hirriiba keessa jira. Kana jechuun gaafa dammaqe wanti inni akka rakkootti ilaalu kun rakkoo hin jirredha. Kana jechuun wanti namicha kana rakkise marti akka inni itti ilaalaa jiru irraa madda. Ilaalchi yoo jijjiirame rakkoon ni furama."
Hiriyoota kee lamaf forward godhif🙏🙏

Yeroo gaarii qabaadha. join. @xinsammuuf

4 months, 1 week ago

Gatii Kee Beeki! |@xinsammuuf
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
❍ Bishaan qaruura tokko suuqii guddaa keessa jiru gatiin isaa 10ETB dha. Bishaan qaruura wal fakkaatu mana dhugaatii tokko keessatti gatiin isaa 15ETB dha. Mana nyaataa yookiin hoteela keessatti hanga 20ETB ta'a. Buufata xiyyaaraa yookiin xiyyaara keessatti kaffaltiin isaa 50ETB ta'a. Qaruuraa fi maqaan isaa tokko dha, wanti jijjiirama fide iddoo argama bishaanichaati. Tokkoon tokkoon iddoo argama bishaanichaa gatii adda addaa bishaan qaruura walfakkaataaf kenna.

❍ Bakka jirtutti gatii akka qabdu sitti dhaga'amuu yoo baate akkasumas namni naannoo kee jiru hundi gatii kee xiqqeessu yoo ta'e, naannoo sana hin turin, adeemi! Jijjiiramuuf hamilee qabaadhu. Bakkeewwan gatiin siif malu itti siif kennamu dhaqi. Gatii kee beeki, of dinqisiifadhu! Gatii xiqqaadhaan of hin sharafin! https://t.me/xinsammuuf

4 months, 2 weeks ago

Gatii Jireenyaa | Gatii Yeroo
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
? Gatii Jireenyaa

⏰️ "Gatiin jireenyaa dheerina guyyootaa keessa utuu hin taane akkaataa itti fayyadama guyyoota sanaa keessa jira. Namni tokko waggaa dheeraa jiraatee jireenya xiqqoo jiraachuu danda'a." (Michel Montaigne)

? Dhugaan jiru jireenya kee akka feete gochuu dandeessa. Garuu si'a tokkoo ol jiraachuu hin dandeessu. Namootni guddaa yaadan jireenya isaanii guutummaatti jiraatu. Isaan muuxannoo isaanii guddifachuun addunyaa isaanii bal'ifatu. Kanaaf yeroo baay'ee namoota sammuu dhiphaa caalaa milkaa'odha.

? Gatii Yeroo

Yeroon jireenya, jireenyi yeroo dhaan murtaa'a. Yeroon akkaataa jireenyi keenya bu'a qabeessa ta'u murteessa. Yeroo hogganuu hin dandeessu, yeroo keessatti garuu jireenya kee hogganuu dandeessa. Yeroon qabeenya qabeenya caaluudha. Yerootti fayyadamuu jechuun ofiif yaaduu jechuudha. Ammas yerootti fayyadamuun jireenya kee gaggeessuuf murtoo jalqabaa fi olaanaadha. ?

4 months, 2 weeks ago

??????? | @xinsammuuf
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
❍ J??????? ??? ?????????? ????'????? ????? ??ℎ?? ????.
❍ K???'????? ???? ℎ???? ????????? ?? ????????.
❍ K???'????? ?????? ?ℎ?????????? ???? ℎ???? ?? ?ℎ?????.

❍ A??? ???? ?????? ?? ??????'??? ??????? ?????????? ?????????? ?????!
❍ J??????? ?????? ??? ℎ????????? ?????????? ????????.

7 months, 1 week ago

Onnee koo ofitti fuudhii Sakatta'i
Anaafi si malee Nama biraa
keessatti hin Argitu. #Meof2 koo ?

7 months, 1 week ago

Miidhama kaleessaa dagadhu!

Guyyaan dhufu kamiyyuu haaraa dha. Waan haaraa qabatee dhufa. Hojiidhaaf of qopheessi!

Yeroon ati qabdu muraasa. Itti hojjedhu!

Waan gochuu dandeessu of amansiisii hojjedhu! Itti hin gaabbin!

Gaarii godhi! Gaarummaan gara jireenya kee dhufa.

Dogoggora sirreessi! Ariifadhuu dhiifama godhi!

Namoota hundumaa waliin nagaadhan jiraadhu!

Ciminaa fi hanqina kee adda baasii beeki!

Gorsa namoota gurguddoo irraa fudhadhu!

Waan darbe haasa'uu dhiisi! Mul'ata kee ofitti haasa'i!

Wanta darbe deebisuu hin dandeessu! Tokkicha darbe taanan, dhiisii adeemi! Wanti darbe jiruu fi jireenya kee har'aa akka hin miine eeggannoo godhi! "Wanta darbe hin darbatan" jedha Oromoon. Waan darbe hin haasa'in! Dhiisi! Waa'ee fuuldura kee haasa'i! Waa'ee mul'ata keetii ofirratti dubbadhu! Wanti darbe maaliif dhiibbaa hamaa sirratti uumaa? Maaliif si jeeqa?

Namoonni baay'een mudannoo isaanii darbe sababeeffachuun jireenya jiraachuu danda'an akka jiraachuu hin dandeenyetti, naaf dhumeera jedhanii abdii kutannaa cimaa keessa seenu! Lakki dhiisi! Baga ta'e, "once it is past let go!"

Yeroo baay'ee namoonni mudannoo isaanii darbeen dhiphachuun, akkasumas sammuu isaanii keessatti waan darbe irra deddeebi'anii ofitti hasaasuun, fuuldura isaanitti tarkaanfachuurraa duubatti of gototu! Namoonni akkasii milkaa'inaaf yookiin waan haaraa gochuuf ni rakkatu.

share?share
https://t.me/xinsammuuf

7 months, 1 week ago
7 months, 2 weeks ago

Oduu Gammachiisaa!?

Ammaa reefu bahu!

Hogganoonni, Qondaalonnii fi Miseensonni ABO bara 2020 irraa kaassanii kanneen mana hidhaa keessa turan: Jaal Abdii Raggaasaa, Jaal Mika’el Booran, Jaal Kennasaa Ayyaanaa, Jaal Lammii Beenyaa, Jaal Dr Gadaa Oljirraa, Jaal Gadaa Gabisaa fi Jaal Dawit Abdataa guyyaa har’aa (Fulbaana 05.2024) mana hidhaa buufata Poolisii Burraayyuu irraa mirga wabiidhaan gad lakkiiffamanii jiru. Ummatni Oromoo waliigalaa fi wahiillan Qabsoo Bilisummaa Oromoo marti haala rakkisaa keessatti Jaallan qabsaawota kanaaf sagalee ta'uu keessaniif ABOn isin galateeffata.

Mootummaan Itoophiyaas Jaallan kana akkuma gadhiise Miseensotaafi deggartoota ABO mana hidhaa Oromiyaa adda addaa keessa jiran hunda gad lakkisuun Wajjiroota ABOs banee akka dhaabni keenya gutummaattii socho’uuf akka karaa banu ni abdanna.

We recommend to visit

Jeet ek Nasha hai aur is Nashe ki Factory ka mai ek lauta Baadshah hoon !

My Channel Link
https://t.me/Baadshah

For Any Query Contact
My Username - @RehanBaadshah

Last updated 2 months ago

Chaanaalli kun yeroo hundumaa Walaloowwan filatamoo fi ergaa guddaa qaban kan siniif dhiyeesaudha.

Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot


https://telega.io/?r=l9NDCHx-

Last updated 7 months ago

Kaayyoon chanali kanaa faarfannaa haaraa fi kan durii isin biraan ga'uudhaafi
Dabalataan seenaalee garaa garaa isin biraan ga'uf


@Burqaa43

Last updated 1 year, 5 months ago