Jeet ek Nasha hai aur is Nashe ki Factory ka mai ek lauta Baadshah hoon !
My Channel Link
https://t.me/Baadshah
For Any Query Contact
My Username - @RehanBaadshah
Last updated 1 week, 3 days ago
Telegram irraa qarshii argachuuf link kana fayyadamaa.
https://telega.io/?r=l9NDCHx-
Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot
Last updated 2 months, 3 weeks ago
Kaayyoon chanali kanaa faarfannaa haaraa fi kan durii isin biraan ga'uudhaafi
Dabalataan seenaalee garaa garaa isin biraan ga'uf
@Burqaa43
Last updated 1 year, 1 month ago
Deebii isa sirrii filadhaa badhaafamaa
6) IJA NAN BU’IIN kuusaa walaloo (Kanaa’ol Badhaadhaatiin) Kitaaba kuusaa walaloo kana dafee dubbisuu dhabuu kiyyaaf ofittin aara. Hamma garuu dubbisuu kiyyaaf nan gammada. Kanaa’ol ergaawwan babbareedoo kitaaba kana keessatti nuuf guduunfe. Kitaabni kunis hedduu natti tole.
7) BAKKALCHA MILKII Kitaaba Xiin-sammuu (Hinseenee Makuriyaatu hiike.) kitaaba Hinseenee hedduu ajaa’ibsiifachuukoo armaan olitti caqaseen jira. Kitaabni kunis kitaaba bareedadha. Dhaloota beekaafi jabaa isaa hin kabajne taaneetu malee, silaa Hinseenee Makuriyaa nama kununfachuu qabnu ture.
8) SEEDAA Kuusaa Asoogaawwan gaggabaaboo (Waldaa barreessitoota Oromiyaatiin) Kitaabni kun Asoogaawwan gaggabaaboo 13 kan of keessaa qabu yoo ta’u, Mata Dureen “Hirkoo” jedhu kan Siifan Biraanuun barreeffame, hedduu na gaddisiise. Mata dureen “Qeenxee” jedhu kan Yaasoo Kabbabaatiin barraa’emmoo dhugaa nuti argaa oolludha. Buraayyuu naannoon jiraadhullee taatee akkanaa hedduun beeka. Waan furmaata barbaadudha. Itti aansuudhaan immoo ani nama Amantaaf ajajamuu hin barbaanne ta’uu kiyya irraan kan ka’e, Mata dureen “Hamii Waaqaa” jedhu kan Firaa’ol Fiqiruutiin barreeffame keessatti falmiin dhimma amantii irratti taasifame natti toleera. Osoo haasofnuu garuu guutummaan guutuu na amansiisuu baatus Fredik Niichee falaasamni isaa natti tola. Keessumattuummoo jechamni isaa inni
“Hin injifatamu jechuun maalummaa namummaa isa sirriidha.”
Jedhu hedduu natti tola. Kitaaba kanas dubbisaa! Waldaan Barreessitoota Oromiyaa galatoomaa!
9) DUBARTII xiin-sammuufi Falaasama dhimma dubartootaaf ilaalcha namoonni waayee dubartii qabaniiti (Firoo Imaad’tiin) kitaaba kanammoo osoon kolfuun dubbisee xummure. Keessumattuu akkaataa uumama dubartii ilaalchisee yaada Falaasonni tokko tokko kennan na bohaarse. Garuummoo kitaaba bal’atee maxxanfamuu qabu xiqqaachuun isaa na mufachiise.
10) QOOXII Kuusaa Bartaphee Qof-dubbii (Haaftee Baqqalaatiin) Kana dura Tiyaatira ilaalee hin beeku. Kitaabni kun garuu fedhii Tiyaatira ilaaluu na keessatti uume. Addumatti immoo mata dureen “Ammahoo” jedhu kutaan lamaanuu na gaddisiise. Na boochises. Waan hundaafuu kitaabileen marsaa kana waliin ture hunda isaanii jaaladheen jira. Boqonnaa xiqqoon boodammoo kitaabilee biroo waliinan turtii gannaa dhandhama. Isaan marsaa itti aanuu keessatti ‘Veda’ kitaabni amantii buudizimii ni argamu.
Dhuma irratti…
Gaafan mufannaakoo dandamachuu dadhabee FB irraa bahuufi fayyadama FB dhiisuu murteesse sana waanan deebi’ee tasgabbii argadhu natti hin fakkaanne. Hamma garuu turtiikoofi oolmaakoo kitaabilee wajjin eergan taasifadhee nagaan qaba. Dhimmuman FB irraa qabutu hin jiruuf malee hamma yoon FBtti deebi’eyyuu nagaadha. Qaama daran na miidhe sanas akka balfa daandii cinaatti gatameettan ilaala. Namoonni biroonnillee akka aadaa dubbisaa horattanin isiniif dhaama.
Nagaan turaa!
Marsaa 3ffaan walitti deebina!
Bilisuummaa Shibbiruu
ADDUNYAA ‘FACE BOOK’ ALAA
Kutaa 2ffaa
Akkuman yeroo darbe caqasee ture FB irratti carraan namoota hedduu wajjin wal baruu ni uumama. Namoota kanneen wajjin milkaa’aa ta’anii itti fufuunis jira. Namoota sanarraa miidhama fudhatanii aadaa of duuba deebi’uunis jira. Balaawwan akkanaa kan isa mudatetu namaaf hubata. Hundaafuu isa kana biran darba.
Sagantaa kitaaba dubbisuu kanan marsaa kana baafadhee dubbisaa tureen kitaabilee 10 kanan dubbisee xummure muraasa haa kaasnu.
1) QURAANA (Afaan Oromootti kan hiikame) Quraana dubbisee xummuruuf carraa argadheen jira. Quraana Afaan Oromootti hiikame kan fuula 902 qabu baatii 6 dura Markaatoo Masgiida Anuwaariin bitadhee ture. Sana boodas immoo namoota amantii Musiliimaa keessatti jaboo ta’an hedduu bira geesseen quraana isa sirrii ta’uu isaan mirkaneeffadhe. Isaanis hiikkaa Afaan Arabiffaan fuuldura isaa jiru dubbisanii Quraana isa sirrii ta’uu isaa naaf mirkaneessani. Sana booda dubbisuudhaaf yeroo hin argannen ture. Ganna kana hojii malee waanan mana jiruuf dubbisuu isaaf carraan argadhetti fayyadameen naannoo guyyoota 8 fudhadheen dubbisee xummure. Ta’us garuu itti amanuuf dhiibbaa narratti uume hin qabu.
(….Osoo haasofnuu…..Kanaan dura bara 2009 keessa yeroon Barnoota Tiiyoolojii barachaa ture carraan Wangeela dubbisee xummuruu argadheen ture. Wangeela dubbisee xummuruudhaaf naannoo baatiilee 4 natti fudhatan. Namoonni tokko tokko “Wangeela dubbisanii xummuruun hin danda’amu.” Yeroo jedhaan dhagahaan ture. Gaafan Wangeela dubbisee xummure garuu namoota sanneen taajjabbiidhaanin ajjeese. Carraa kanaan namoonni Wangeela dubbisuu sodaattan jechama namoota ani armaan olitti eeree hin dhagahiinaa! Wangeellii dubbifamee ni xummurama. Inumaayyuu irra deebi’ee dubbisuun yaadaa jira. Yeroon itti wangeela dubbisaa ture Kutaalee kanneen akka seera keessa deebii, Seenaa baraa 1ffaa seenaa baraa 2ffaatu na nuffisiise malee kanneen biroon haala gaariin namaaf deemu. Itti aansuudhaan immoo Isqeel, Daani’elfi Mul’ata Yohaannis suuta dubbisuu nama gaafata. Walumaa galatti Kitaabilee Addunyaa kanarraa addadurummaan maqaan isaanii ol ka’u Wangeelaafi quraana Dubbisee xummuruu kiyyaaf ofittan boona. Garuu amantii namaa hin xiqqeessu; olis hin kaasu. Akkasumallee dhimmoota amantii daran dubbisuun jaaladha. Keessumaa kitaabilee bu’uura amantii ta’an dubbisee wal cina qabee ilaaluun filannoo kiyyadha. Falaasamoota dhimma amantii irratti barreeffamanis dubbisuu nan jaaladha. Garuummoo soogidda yookaan sukkaara amantii natti mi’eessu nan dhabe. Marsaa itti aanummoo Kitaaba amantii Buudizimii ‘VEDA’ dubbisuuf karoorfadheen jira. Hiriyaa kiyya Barisoo kan yuunivarsiitii Hindiitii baratutu bitee naaf fidee dhufe…)
2) SINGIGGOO kuusaa walaloo (Abrahaam Tarreessaatiin) kitaabni kun kitaaba walaloo daran namatti toludha. Kanaan dura kitaabilee Abrahaam Kudhaama Jaalalaafi Imaanaa Imaltuu dubbiseen ture. Dhugumatti kitaabonni Abrahaam kitaabota daran miidhagfamanii barreeffamanidha. Singiggoo hedduun jaaladhe.
3) KAAYYOOKOO GATEE HIN GALU kitaaba kuusaa seenaawwan barsiisoo (Eebbisaa Baay’isaatiin) Kanan dura kitaabilee Eebbisaa Baay’isaa muraasa dubbiseen ture. Addumattimmoo Miiltoon daran kan jaalatamudha. Yeroo hammaa kanammoo Kitaaba kuusaa seenaawwan barsiisoo ta’anii Kaayyookoo Gatee Hin Galu jedhu dubbisee xummureen jira. Hedduu irraa baradheera. Jaaladheeras. Nama biyya Oromoo kabajami!
4) ILMA KAAYYOO Kuusaa walaloo (Taarikuu Tafarraatiin) kitaaba kana hiriyaakoo tokkotu kennaa naaf kenne. Kennaa hiriyoota kiyyaatiif nama dursa kennu waanan ta’eef dubbisee xummureen jira. Kitaabni kunis kuusaa walaloo bareedadha. Garuu xiqqaachuun isaa na mufachiise.
5) GONFOO MO’ICHAA kitaaba Xiin-sammu (Hinseenee Makuriyaatu hiike) Anaan durumaaniyyuu kitaabota Hinseenee Makuriyaa hiike filannookoo turani. Kitaaba kanas dubbisee hedduun jaaladhe. Kitaaba ilaalcha ofii sirreeffachuuf daran nama gargaarudha. Isinillee dubbisaa!
Gaaffiin kun sin ilaallata taanaan deebisaa. Yoo sin hin ilaallatu ta'es hiriyaa fi maatii isaan ilaallatu hin dhabdan waan ta'eef share godhaafii.
Hojii barbaadduu?
Telegiraamiin kaffaltii xiqqaa irraa kaasee hanga ji'aan qarshii 10,000 galii argachuu barbaaddan qofaaf carraa gaarii. Hojii guddaa hin gaafatu. Tap Tap gochuun sinirra osoo hin jiraatin nama affeeruu qofaan qarshii argadhaa. Join godhaa guyyaa guyyaan hanga qarshii 1000 argadhaa.
EEBBA KITAABA FAYYAA SAMMUU
Kitaabni Kun kitaaba saayinsii fayyaa, ogeessota ogummicha keessa jiraniin kan barreeffame yoo ta'u; Ogeessota fayyaa sammuu gita gara garaa irra jiran 30 oliin ilaalameera. Dabalataanis Hospitaala Ispeeshaalayizdii Sammuu Amaanu’eel dabalatee Hospitaalota tajaajila fayyaa sammuu kennan gara garaa, waldaa fayyaa sammuu Itoophiyaafi Ogeessota Yuunivarsiitiiwwan buleeyyin kan gulaalamedha.
Kana malees, gama ogbarruutin Waldaa Barreessitoota Oromiyaatiin seecca'amee, Deeggarsa Yuunivarsiitii Jimmaa, abbootii qabeenyaafi Hospitaala Ispeeshalayizdii Sammuu Amaanu’eelitiin maxxanee Hagayya 12, 2016 Hoteela Internaashinii Ililliitti eebbaaf qophaa'ee jira.
Kitaabni kun qabxiiwwan gurguddoo armaan gadii irratti xiyyeeffatee barreeffame.
1. Waa’ee fayyaa sammuu irratti hubannoo hawaasa keenyaaf uumuuf.
2. Yaadotaafi ilaalchota dogoggoraa waa’ee dhibeewwan sammuu hir'isuuf.
3. Dhibeewwan sammuu beekamoo, rakkoowwan araadan walqabatanifi dhibeewwan gaggabdoo irratti ibsa baldhaa kennuuf.
4. Maqaa balleessiifi loogii akkasumas qoolliffannaa namoota dhibee sammuu qaban irratti taasifamu falmee sirreessufi
5. Tarkaanfiwwan qaamonni garagaraa tajaajila fayyaa sammuu kennuuf taasisan jajjabeessuufi tajajilamtoonni gara yaalaatti akka dhufan onnachisuu dabalata.
Irratti hirmaadha.
Gurmuu ogeessota yaala sammuutin
Jeet ek Nasha hai aur is Nashe ki Factory ka mai ek lauta Baadshah hoon !
My Channel Link
https://t.me/Baadshah
For Any Query Contact
My Username - @RehanBaadshah
Last updated 1 week, 3 days ago
Telegram irraa qarshii argachuuf link kana fayyadamaa.
https://telega.io/?r=l9NDCHx-
Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot
Last updated 2 months, 3 weeks ago
Kaayyoon chanali kanaa faarfannaa haaraa fi kan durii isin biraan ga'uudhaafi
Dabalataan seenaalee garaa garaa isin biraan ga'uf
@Burqaa43
Last updated 1 year, 1 month ago