Oshoo Official

Description
kaayyoon chaanelii kanaa Sammuun dhaloota kanaa akka xiinxalu taasisuudha.Yaada keessaniif
@Wakjirabraham
link:https://t.me/+F29iJnDKops5Y2Fk
Facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=61557676583508
Advertising
We recommend to visit

Jeet ek Nasha hai aur is Nashe ki Factory ka mai ek lauta Baadshah hoon !

My Channel Link
https://t.me/Baadshah

For Any Query Contact
My Username - @RehanBaadshah

Last updated 2 months, 1 week ago

Telegram irraa qarshii argachuuf link kana fayyadamaa.

https://telega.io/?r=l9NDCHx-

Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot

Last updated 1 month, 1 week ago

Kaayyoon chanali kanaa faarfannaa haaraa fi kan durii isin biraan ga'uudhaafi
Dabalataan seenaalee garaa garaa isin biraan ga'uf
@Burqaa43

Last updated 1 year ago

2 months ago
**Namoonni baayyen "Ni maraatte" naan jedhu. …

**Namoonni baayyen "Ni maraatte" naan jedhu. Ani maraataa kanan jedhameef saanduqa isaan keessatti daangefamanii yaadan keessaa waanan ba'eefii dha.Kofoo isaanii keessa seenee waanan yaaduu dideef 'Maraataa' naan jedhu.

Akkuma jedhanis yoon maraadhee jira ta'e ejjannoo kootiin maraachuu kootiin nan boona.

Kumni maraatte waan naan jedheef ani hin maraadhu, fayyaadha waan naan jedhaniifis maraatummaa koo hin dhiisu.Maaliif akkan jiraadhu naman adda baasee beekuudha ani. Waanan uumameef maraachuun koo anaaf fayyina.**

2 months, 1 week ago

**Fakkeenya Pilaatoo holqarratti

Holqa keessatti namoonni achi keessa jiraatan kallattii ifni isaanii seenuun kan isaan argan gaaddidduu bineensotaa, namootaa fi wantootaa qofa argan. Gaaddidduun sun isaan saniif waan dhugaati.Sababni achi keessaa ba'aanii qaamaan wanta san hunda waan hin agarreefi.

Guyyaa tokko namni holqa sana keessa jiraatu tasa achi keessa bahe.Addunyaa holqaan alaa san mil'ate. Iji namicha kanaa humna ifaatiin itti addaattee jaamte. Akkanagaa, dhugaan ykn qabatamni lafa kanaa jaamaa itti taate jechuun ni danda'ama.

Yeroo booda gaaddidduun hanga ammaatti dhugaadha jedhee fudhataa ture sun dhugaa akka hin taanee fi balaqqeessa dukkanaa akka ta'e baraa dhufe.Dhugaa jireenyaa baruudhaan namni kun dhumarratti gara holqaa deebi'uun gaaddidduun nuti asitti dhugaa wantotaati jennee amannu kun soba akka taatee fi wanti qabatamaan jirtu achi gubbaarra akka jirtu itti himuu eegale.

Garuu ummanni sun, takka ala san waan hin arginiif waan jechaa jiruuhuu qalbifatuu dhabuudhaan lolaan isa morman.Pilatoon dandeettii dhabuu falaasotaa fakkeenyummaa holqaatiin namoonni akka waa hubatuu jalqaban taasise.Fakkeenyi kun ammallee addunyaa har'aa kanaafi tartiiba jireenya namootaa keessatti sirriidha.

Sababni, namoonni waan ofii hubatan malee waan hubannoo isaaniitiin alaa kan namoonni itti himan sana hin fudhatan. Kanaafidha kan hawaasa kamiyyuu keessatti namoonni dhugaa dubbatan cunqurfamoo ta'aaniif.

Dhugaa ifaan arguu fi dhaga'uun nama jeeqa.Kanaafidha kan sammuun dukkanaa fi gabrummaa filattuuf.Wallaalummaan gammachuu yerooti. Dhugaa fuuldura dhaabbachuu fi bilisa ta'uuf ija jabinaan barbaaduu nama feesisa.**

2 months, 1 week ago

**Nama Waaqaa!

Barreeffama koo kana gaafidhaanan jelqaba!Nama Waaqaa jechuun nama akkami? Gara kootiin gaafii kana yeroo hedduun deddeebi'ee of gaafadhe.Akkuma koo namni waan kana adda baafachuu barbaadu jiraachuu danda'a jedheen amana.Yoo hin jiraanne ta'es dhimma isaati.Gara galaana yaada keenyaatti achi haa tarru.

Ilmaan namaa "NAMA WAAQAA" isa jedhamu kana adda baafachuuf salphaa hin dadhabne. Nama waaqaa kana nutti muldhisuuf jecha nama waaqaa hedduu ajjeesanii jiru.Namoonni kunniin Ulaagaan isaan Nama Waaqaa itti barbaadanii turan hedduudha.Isaan keessaa DHUGAA kan jedhu hangafa.Dhugaa fi Waaqa kan jedhu hiikka tokko yoo qabaatu,Namaa dhugaa kan jedhamu Nama Waaqaati jechuun murteessu.

Afaan oromoo salphaa ta'een yoo ilaallu.Namni dhugaa dubbatu,namni hin sobne NAMA Dhugaa, yookaan Nama Waaqaa jedhama jechuu isaaniiti. Gara kootiin yaada isaanii kana fudhachuun natti ulfaata.Nama Waaqaa jedhamuuf DHUGAA dubbachuun qofti ga'aa miti.Namni Waaqaa Kaaraaktera garagaraa qabaachuu kan qabuudha.

Namni Waaqaa kun Dhugaa dubbachuu qofaan nama waaqaa ta'uu hin qabaatu. Amaloota biroo ida'achuutu irra jiraata.Inumaa! Namni Waan Gaarii jedhaman hojjatu,Namni waan badaa jedhamu dhiisu,Nama Waaqaa osoo jenneen natti tola.Yoo dhiifnes hin mufadhu.**

2 months, 1 week ago

**MARAATUU TA'UU WAYYA!

Ofiisaa of sossobee
Ofiisaa of dheekkama
Ofiisaatti dubbatee
Ofiisaattis guunguma

Dhiphina namaa hin qabu
Ofii of ta'ee jiraata
Yaadaaf yaaddoo dagachuuf
Ka'ee MARAADHUU laata?

Keessaan summii hin qabu
Irraan fakkaatee fayyaa
Isa keessi isaa nagaa
MARAATU ta'uu wayya!

Eenyu mirgasaa hin xuqu!
MARAATUMMAAN walaba
Kolfa gaararraa kolfuuf
MARAATUU ta'uun qaba!**

2 months, 2 weeks ago

#Nikoolaas_Tesilaa: JABAA HARKI DAARAA HAMMAARE!
?
➲Gaafa ??????'dhaan bakkuma jirtu teessee Tv irraa waan feete jijjiirrattu argannoo isaa fayyadamaa jirta.
➲Gaafa ?????ℎ fayyadamtee ibsaa bantus argannoon isaa keessa jira.
➲Ogeessonni fayyaa dhukkubsattoota gaafa raajii kaasan (x-ray) argannoo isaa fayyadamu.
➲Sagale-guddiftuu, raadiyoo fi bilbilakee dabalatee, waan ????????'dhaan daddarbu kamuu gaafa fayyadamtu argannoo isaa fayyadamaa jirta.

Tesilaan wantoota nuti jireenya keenya guyyaa guyyaa keessatti itti fayyadamnu argannoolee dhibbootaan lakkaa'aman qaba. Garuu, nama oolmaa haga kanaa addunyaadhaaf oole kanaaf bakki kenname faallaadha.

Bara 1884 yeroo hojii argannoo isaaf bilchaatetti Toomaas Ediisan biratti qacaramee ture. Ta'us garuu yeroo muraasa booda waliif galuu hin dandeenye. Ediisan karaa daddarbiinsa kaarentii irratti DC wayya yoo jedhu, Teslaan ammoo argannoosaa kan ta'e AC filate.DC'n wantoota akka tirikkaafaa irratti nu fayyada. AC'n garuu fageenya dheeraa deemuu kan danda'uu fi warshaalee humna ibsaa guddaa gaafataniif kan fayyaduudha.

Wal morkiin kun isaan gidduutti yoo ka'u, Ediisan beekamtii guddaa waan qabuuf AC'n miidhaa fiduu akka danda'u agarsiisuuf arbii ibsaadhaan qabamee akka du'u godhee Tv'dhaan mul'isee ture; gama baay'eedhaanis irratti duule.Uummatis kanaaf isa balaaleffatanii turan. (Har'a addunyaan kan isheen fayyadamaa jirtu garuu caalmaatti AC'dha).

Tesilaan ilaalcha siyaasaa yeroo sana turerraa adda ta'e waan qabuuf kara mootummaa hacuucamaa ture; miiltoo wajjin hojjetu irraas qarshii guddaa haalamee ture; laaboraatoriin isaas boodarra jalaa waan gubateef argannoo baay'ee dhabe.Yaadotni argannoo isaa yeroo hatamanittis, "wanti guddaan argannoon dhala namaa fayyadu hojjetamuu isaati" jedhee dhiisaa ture.

Nama kallattii jireenya isaa hundumaan gufuun itti baay'ate ture. Xalayaa yeroo tokko haadha isaatiif barreesse irratti, "Waggaa hamma kanaa dhala namaa gargaaruuf hojii an hojjedhe galata hin arganne; arrabsoo fi tuffatamuu qofan buufadhe." Jedhee ture. Tesilaan yaada kalaqoota hedduudhaaf qabu baay'ee hojiitti hiikuuf danqamee, suuraa irraa akka mul'atutti waan nyaatullee hamma dhabuttis hiyyoomee bara 1943 qofaasaa hoteela keessatti du'ee argame. Argannoolee silaa har'a addunyaa kana fayyadan baay'eetu sammuu Tesilaa duukaa awwaalaman.

Yeroo sanatti dhiibbatamee haala nama gaddisiisuun du'us, har'a maqaansaa ol ka'ee haasa'ama.Waggaatti yeroo tokko jaalattootni isaa addunyaarra jiran baay'een guyyaa dhaloota isaa ni kabajuuf.Abbaa qabeenyaa 1'ffaa kan ta'e Iloon Maski illee maqaa dhaabbata isaa guddicha 'Teslaa' jedhee yaadannoo isaaf moggaase. Gaarummaan osoo bifa qabaattee Tesilaa fakkaatti!

Chaaneliin kun kan isinitti tolu yoo ta'e like ?mullisaa.Yaada keessan immoo kara comment fi @Wakjirabraham yaada nuuf kennaa isiniin jenna.**

2 months, 2 weeks ago

**Yeroo jalqaba ?????? ?? ?????????? ifoomse, Alberti Enisteyin af-gaaffii tokko irratti afeeramee, "waan ati jettu kana nama meeqatu hubachuu danda'a jettee yaadda?" Jedhamee gaafatamee, "addunyaa irraa namni 12 caalaan waan hubatan natti hin fakkaatu" jedhee ture jedhama. (Namoota yeroo sana turan). Atis siif galuu yoo dide hin komatamtu; anaafis hin gallewoo!

Qorannooleen hawaa baay'een isaanii tiyoorii isaa kana irratti waan hunda'aniif namni waa'ee hawaa hubachuu fedhu haga ta'e yoo dubbise gaariidha. Sanaaf kitaabilee wayya. Ammatti waan si'a baay'ee an raajeffadhu qofan keessaa gabaabsee barreessa. Akka tiyoorii kanaatti yeroo (time) irratti dhiibbaa kan qaban wantoota lama:saffisaa fi humna harkisaa (gravity).

Inni jalqabaa, wanti tokko hammuma saffisaan adeeme yeroon isa biratti suuta jedha isa jedhuudha.Akka isaan jedhanitti yeroon akka nutti fakkaatu san dhimma turtii (duration) qofa osoo hin taane, akkuma sochiilee kaanii 'relative' kan ta'eedha. Fakkeenyaaf, meeshaan saffisa guddaa kan saffisa ifaatti siquun adeemuu danda'u tokko hojjetamee, namni tokko ittiin osoo adeemee yeroon isaa fi kan namoota lafarra jiranii garaagara; isaaf suuta jedha. Namni sun yeroo inni ija isaa libsatee banatu, turtiin isaaf sekoondii tokko ta'e qofti nu warra lafa irraaf guyyaa tokko ta'uu danda'a.Osoo saffisa ifaatiin deemuun danda'amee ammoo (akka tiyoorichaatti hin danda'amu jedhaaf malee) yeroon nama sana biratti ni dhaabata.

Kana jechuun, namni sun bara-baraan jiraata jechuu miti; yeroon inni saffisa sanaan adeemu yeroon isaa kan warra lafaa waliin wal bira yoo qabamu tasuma hin adeemu. Namni sun saffisa ifaatiin adeemaa ija isaa yeroo inni itti libsatu qofti, nu biratti dhaloota meeqatu darba; yeroon isaaf dhaabbateera! ('Maal jechuudha?' Jettee? Maalan beeka an!).

Wanti sun saffisa ifaa caalaatti adeemuu osoo danda'ee ammoo namichi achi keessaa sun gara yeroo darbee (back in time)'tti deebi'uu danda'a jedhan.Yaadni fiilmiilee garaa garaa irraa ???? ?????? jedhamus asirraa dhufe.

Namni tokko waan saffisa ifaa caalaa imaluun yeroo murtaa'e adeemee osoo deebi'ee gara kaleessaatti deebi'uu danda'a jedhu.(Fiilmii ????????: ??? ???? ilaali).Wanta kana hojiitti hiikuun akkamitti akka danda'amu akka addunyaatti qorattoota baay'eedhaan qoratamaa jira. Yaada kanarratti wanti namaaf hin hubatamin jiru baay'eedha.

Fakkeenyaaf, ???? ?????? fayyadamtee waggoota torbaatama of-duuba deebitee akaakayyuukee ajjeefte haa jennu. Ati jiraachuu dandeessa akka hin jenneef akaakaakee kan abbaakee dhalchuuf jiru ajjeefteetta; hin jirtu akka hin jedhamneef ammoo jirta! Kun 'grandfather paradox' jedhama. Walumaa galatti, yaadonni ???? ?????? waliin wal qabatan baay'eensaanii ifa ta'uu baatanis, ammatti sadarkaa tiyooriitti gara yeroo darbeetti deebi'uun ni danda'ama jedhu.

Inni lammataa ammoo yeroo irraan dhiibbaa ga'uu kan danda'u humna harkisaa (gravity)'dha. Wanti tokko hanguma 'gravity' cimaa qabaate yeroon isa biratti suuta jedha jedhama. Wanta akka ????? ???? 'gravity' guddaa qabaachuu isaarraan kan ka'e ifti illee danda'ee harkisa isaa jalaa hin miliqne biratti ammoo yeroon ni dhaabata jedhu.Osoo ni danda'ama ta'ee namni tokko ????? ???? irratti umrii isaa dabarsee, warra lafarra jiran biratti umuriin darbu hagana hin jedhamu akka jechuuti. Nama Waaqawoo, in cima mitii??

Dabalataaf kitaabilee:
1) Brief Answers To Big Questions- Stephen Hawking
2) Physics Of The Impossible- Michio Kaku
Dubbisuu dandeessu.
Galatoomaa!!**

2 months, 2 weeks ago

**Hawaa keessa iddoo humni harkisaa (???????)n hin jirre jiraa?

Baay'een keenya Astironaatonni lafa keenyaa ala jiran saatalaayitoota garaagaraa keessa ulfaatina homaa malee gaafa qilleensarra bololi'an yoo arginu giraavitiin tasuma waan hin jirre nutti fakkaata; Garuu miti. Hawaa keessa bakki giraavitiin tasuma hin jirre hin jiru jedhama.Fakkeenyaaf, Astiroonaatonni yeroo ammaa kana lafa keenyaan ala jiran, kan ulfaatina qaama isaaniirraa walaboomanii qilleensarra abaqiin gaditti bololi'an kudhanii oltu jiru.(Osoo jennuu, Astironoomera jechuun nama lafarra taa'ee waa'ee hawaa qoratu jechuudha; Astironaatii jechuun garuu nama hawaarra dhaquun qoratu jechuudha.) Astiroonaatonni kunneen garuu humna harkisaa jala hin jiran hin jedhamu—humna harkisaa xiqqoo (????????????) jala jiru jedhama.

Sababni isaa, lafa keenyaafi ji'a gidduu bakki itti humni harkisaa hir'achuusaarraan kan ka'e itti bololi'amu jiraatus, dagachuun kan nurra hin jirre ji'i mataan isheetuu sababa harkisa lafaan lafatti naanna'aa akka jirtuudha. Gaaffii guddichi Izaak Niwutoon muka Appilii jala osoo taa'uu, yeroo Appiliin citee adda isaa rukute gaafates kanadha: "Sababa humna harkisaatiif Appiliin kun mukarraa erga bu'ee, ji'is kufaa jira jechuudhaa?" Kan jedhuudha. Eeyyee, ariitii inni ittiin naanna'utu eegaaf malee, addeessis kufaa jira. Humni harkisa lafaa ji'a irrattis dalagaatuma jira.

Akkuma kana, lafaafi addeessa irraa fagaannee gaafa jirrus mul'achuu baatus humna harkisaa biiftuu jala jirra—Piluutoo dabalatee, ????? ???????'yyuu qabee kan jiru biiftuudha waan ta'eef. Biiftuun keenyas humna harkisaa gaalaaksii keenya milki-weyii keessa jiru ????? ???? ??????????? ? jedhamu jala jira. Osoo gaalaaksii keenyaan ala jirraannees ammatti bifa ifaa ta'een ibsamuu baatus Giraavitii ta'e jala ni jiraanna jedhama. Addeessi lafatti naanna'a, lafti biiftuutti naanna'a, biiftuun ????? ????'tti naanna'a, gaalaaksiin keenyas maalitti akka naanna'u baramuu baatus dhiibbaa karaa ???? ?????? fi ???? ?????? irra ga'uun sochiirra akka jiru dubbatu.Nutis naanna'aa jirra; sammuunis nu naanna'aa jira!?**

2 months, 2 weeks ago

Jalqaba ati maraadhu!

Hogganaa (manager) artistichaati. Waltajjii irratti akkamiin qalbii daawwataa akka hatu gaafa gorsu akkas jedheeni, "Yeroo waltajjiitti baatu dursii daqiiqaa shaniif maraadhu. Yeroo sana namni hundi rifatee si ilaaluun, 'kun xuuxee ykn qama'eetu dhufe. Maali maraataan kun?'jedhanii afaan qabatanii si ilaalu. "jedheen. Artistichis qalbiin isa caqasuu itti fufe.

"Daqiiqaa shan booda garuu haalli ni jijjiirama. Warri siin maraatuu jedhan hundi qalbii guutuun si ilaalu. Siif ajajamu. Waan ati jette hunda raawwatu. Dura si qofatu maraatee, amma garuu isaan hunduu maraataniiru. Mana sana keessaa si qofaatu fayyaadha. Isaan hunda irratti kan aangoo qabu si tokkicha." Jedhee gorse. Weellisaan sunis qajeelfama kana fudhatee waltajjii bahee itti milkaa'e. Hogganaa Artist Qamar Yuusuuf tu akkanaan gorsee ture.

Namni gaafa yaada haaraan hawwaasatti dhufu maraatuu ta'a. Amaluma namaa ta'ee, namni hedduun waan haaraa ni sodaata. Yaada haaraa, argannoofi beekumsa addaa gaafa dhaga'u naasuun kirkiruun baramaadha. Gaaf sana waltajjii sana irratti ati maraatuu taata. Yeroon booda muraasni si dhaga'u. Adaduma yaadnikee fudhatamaa, hedduu qalbii butaa deemu ati fayyaa taata. Isaanimmoo maraatuu kaleessa jedhan san ta'u.

Addunyaa kana irratti hayyoonni yaada haaraa, falaasonni, hundeessitoonni amantii, qorattoonnifi bu'uuressitoonni biyyaa gaafa yaada hawwaasni hin beekneen dhufan jalqaba maraataa, dhuma irratti goota jedhamu.

Akkanatti addunyaan beekumsa, wixinee fi ogummaa hedduutti madaqxe.

Gaafa waan haaraa qabattee as baatu hin raafamin. Namni hedduun hin beeku jechuun sirrii miti jechuu miti. Hedduun si mormuun yaadichatu kufaadha jechuun dura isaantu hin hubannes ta'uu mala.

Eeyyee! Yaada haaraan gaafa waltajjii hawwaasaatti baatu, jalqaba ati maraataadha. Booda garuu isaanis yaadakeen booji'amanii maraataa siin jedhan ta'u.Warruma santu maqaa kee jijjiiree goota sin jedha. Seenaa himtuun kees isaan ta'uu mala.Kanaafuu jalqaba ati maraadhu.Booda gaafa isaanis akkakee maraatan, qalbiin isaan gaggeessi.

2 months, 2 weeks ago

**HIREEN KEE HARKA KEE JIRA.

Tarii jireenya kee keessatti bakki ati amma jirtu filannoo keetiin malee akka tasaa qaama birootiin waan murtaa'e akka hin taane beektaa?

Ilmi namaa guyyuma uumamu bilisa ta'ee uumame,gaafa du'us bilisa ta'ee du'a.Garuu, waan nama gaddisiisu bilisa ta'ee hin jiraatu. Dhiibbaa qaamota adda addaa jalatti kufee hiree ofii fedha isaatiin dabarsee kenna.

Hireen kee filannoo fi murtee kee keessa jira.Filannoon ati beektees ta'ee osoo hin beekin guyyaa guyyaan filattuu fi murteessitu hiree keetiif ga'ee hangafummaa taphatu. Kanaafuu, qaamota adda addaatii hiree kee dabarsitee hin kennin.Waan ta'uu feetu seeraan filadhu...sana booda murtee jabaa kenni. Sana booda jireenya kee irratti bu'aa raajii argita. Waan har'a taatee jirtuuf eenyullee hin komatin.

Kun sadarkaa dhuunfatti qofa osoo hin taane akka biyyaattis ni hojjata.Hireen biyya takkaa bu'aa filannoo fi murtee lammiilee hundaati(tarii hammi isaa wal caaluu mala).

Urjii taanee mul'achuuf uumamne.**

2 months, 3 weeks ago

➡️ Telegram Stars ?

? 100 star = 112.99 birr ?

Akkuma beektan coin TikTok irraa argamuun jireenyi Namootaa heedduu jijjiiramuurratti argama.

TikTok hordofuun Telegram'n ammoo Gift Coin haaraa, Telegram Stars ? jedhamu, kan maamiltootni Telegram kennaa isaanii gara maallaqaatti jijjiiruuf dandeessisu dhiyeesseera.

Kana beeksisuuf Telegram'n waan Airdrop fakkaatu Major jedhamu kan namoota affeeruun salphaatti Telegram Star Coins argachuuf isin dandeessisu baasee jira.

Carraa kanas telegram'n ammaaf salphaamatti namoota afeeruun akka sin argachuu dandeessan godhee kan jiru yoo ta'u, yeroo gabaabduu booda garuu ? coin kana qarshii baasanii bitachuutu eegalama.

Ammarrattis Link major kanaan gaafa nama 1 afeertan coin 75-200 salphaamatti kan argattan ta'a.

Kanaafuu ammuma dafaa eegalaa?

https://t.me/major/start?startapp=6009905634

We recommend to visit

Jeet ek Nasha hai aur is Nashe ki Factory ka mai ek lauta Baadshah hoon !

My Channel Link
https://t.me/Baadshah

For Any Query Contact
My Username - @RehanBaadshah

Last updated 2 months, 1 week ago

Telegram irraa qarshii argachuuf link kana fayyadamaa.

https://telega.io/?r=l9NDCHx-

Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot

Last updated 1 month, 1 week ago

Kaayyoon chanali kanaa faarfannaa haaraa fi kan durii isin biraan ga'uudhaafi
Dabalataan seenaalee garaa garaa isin biraan ga'uf
@Burqaa43

Last updated 1 year ago