Unlock a World of Free Content: Books, Music, Videos & More Await!

Maaddii Kitaaba fi Yaada

Description
Channeli maaddii kitaaba fi yaadaa jedhu kanarraati, yaadoonni gaggaarriin kitaaba keessa qoodamun isinif dhiyaatu. Join August 24, 2022
Yaadaf: @Golayaadaa_bot
Advertising
We recommend to visit

Official Telegram channel✔️

🔛Nutti dhihaatta 🚶
🔛Jaalalaan nurraa qabamta💓
🔛Garmalee Koflaan Fincaan ofirrati buusta😀
🔛asuman waliin taane Afaan fi artii keenya gudifanna.
Any comments or messages:- @Orosarca_commentobot

Last updated 2 years, 9 months ago

😍🥰Jaalalaafii ergaalee jaalalaan wal qabatan gaggabaaboo as jalaa argattu❣😘🤩🥰😍😜❣️❤️‍🔥
😁😅🤣😂Dabalataan Qoosaa Bohaarsoo😇😋

Last updated 1 month, 2 weeks ago

Supporters of the greatest President of our lifetimes, @real_DonaldJTrump!

Last updated 1 month, 2 weeks ago

3 months, 3 weeks ago

10 lessons from Akkaataa Mindaa Ofii Itti Kaasu irraa Napoleon Hill:

  1. Gatii kee beeku. Kaffaltii kaffaltii gaafachuu kee dura gatii maal akka qabdu beekuu qabda. Qorannoo tokko tokko gochuun namoonni biroo muuxannoo kee qaban bakka kee jiran maal hojjechaa akka jiran barbaadi.

  2. Mariidhaaf qophaa’uu. Hogganaan kee kaffaltii dabalataa qofa siif kenna jettee hin eegin. Marii gochuuf qophaa'aa, yoo waan barbaadde hin arganne ta'e irraa fagaachuuf fedhii qabaadhu.

  3. Bu’aa ba’ii kee irratti xiyyeeffadhu. Yeroo kaffaltii dabaluudhaaf mari'attu, bu'aa ba'ii kee irratti xiyyeeffadhu. Maaltu hojjettee dhaabbaticha irratti dhiibbaa gaarii uume?

  4. Ofitti amanamummaa qabaachuu. Ofii fi gatii keetti amani. Yoo ofitti hin amanne namni biraa hin amanu.

  5. Itti cichuu. Yeroo jalqabaaf gaafattan kaffaltii yoo hin arganne abdii hin kutatin. Cimtee hojjechuu itti fufi dhumarratti badhaafamta.

  6. Obsa qabaadhu. Mindaa kee ol kaasuun yeroo fi carraaqqii gaafata. Halkan tokkotti ta'a jettanii hin eeginaa.

  7. Balaa fudhachuuf fedhii qabaachuu. Maallaqa dabalataa argachuu yoo barbaadde, balaadhaaf fedhii qabaachuu si barbaachisa taʼa. Kunis guddina sadarkaa gaafachuu, daldala mataa keetii jalqabuu ykn hojii irratti itti gaafatamummaa dabalataa fudhachuu jechuu ta’uu danda’a.

  8. Wantoota haaraa barachuuf fedhii qabaadhu. Addunyaan hojii yeroo hunda jijjiiramaa waan jiruuf, qaxxaamuraa dursitee turuuf waan haaraa barachuuf fedhii qabaachuu qabda.

  9. Neetwork gochuuf fedhii qabaachuu. Networking waa'ee carraa haaraa baruu fi namoota mindaa kee ol kaasuuf si gargaaruu danda'an waliin wal baruuf karaa gaarii dha.

  10. Deebisee kennuudhaaf fedhii qabaadhu. Yeroo milkaa'u namoota biroof deebisee kennuu hin dagatin. Kunis nama tokko gorsuu, yeroo kee tola ooltummaadhaan kennuu ykn dhaabbilee tola ooltummaaf arjooma jechuu taʼuu fa'i
    Kanan dubbise irraati

Kiyyaa Ofii Kiyyaa

Join @Maaddii_kitaaba

5 months, 1 week ago

Dandeetti hubannaa(Intelligence) gosa Afur haa ilaallu:  namni GAHAA jedhaamu tokko waantoota arfan armaan gadi kana kan wal qabudha. Mee arfanu haa ilaallu:

1 Intelligence Quotint(IO)
2  Emotional intelligence(EI)
3  Social  Intelligence(SI)
4  Conventional Intelligence(CI)

1 Intelligence Quotient(IO): intelligence quotient kun hamma hubanna nuti qabnufi dandeetti nu Waan tokko hubachuuf si'aayina nut qabnus kan safaarudha. Dandeetti kun waa yaadachuufi waa baruuf si barbaachiisa.

Conventional Intelligence: Conventional Intelligence kun Beekumsaa nuti kutaa gadi (KG, high school) kaane hamma  Yuuniveersiititti barachuun arganne, kitaaboota dubbisuun arganneedha. Walumaagalatti, inni kun hamma beekumsa nutii qabnudha.

Emotional Intelligence: EO kun immoo dandeetti miiroota keenya adda baafne baruufi miiroota keenyas bulchu(manage) gochuuti. Emotional intelligence kun haala nutii ittin miira keenya too'annufi   miira keenyas Nama bira hubachiisu dandeenyurrati xiyyeeffaata. Inni kun gahumsaa miira ofii keenyafi namoota biroo hubachuu danda'u of keessatti haammata.

Social Intelligence: dandeetti hubanna nutii walitti dhufeenya namoota wajjiin qabnu bulchinufi too'annu, akkasumaas dandeetti hubanna nuti namoota wajjiin walitti dhufeenya uumnufi jiraannudha.
  -Social Intelligence kun gahumsaa miira, yaada, amaalafi akkata jireenya Nama biraa hubachuu danda'u of keessatti haammata.

Namoonni tokko tokko CI isaanitin cimoodha. Beekumsaa gurguddaa argaattaniiru. Garuu immoo SI irraati, EI irraati gahumsi isaan qaban gadi bu'aadha. Warri kaan immo Beekumsaa gurguddaa dhaabanis, SI fi EI cimoodha.
   ATI garuu waa'ee isaani dhiisi!
Beekumsaa yero gara yerooti kuufachun Conventional Intelligence'n nama cima of godhi!
Beekumsaanis erga guddaatte, miirootakee adda baafte  hubachuun, miirootakeetis bulchuufi too'achu danda'un Emotional Intelligenceke gaabbiisi! Guddiisi! Qabaadhu!
   Beekumsaa erga kuufattefi miirakees baruun too'achufi bulchuu erga dandeesse, Social Intelligence qabaachun sin raakkisu. Ofiisaa namni beekufi hooggaanu namoota biroo wajjin waliigaluf hin raakkatu. Kanaafu Social Intelligence kee irraattis Nama jabaa ta'i! Dandeetti namoota wajjin waligaaluu qabaachufi gaabbiffaachu qabda. Namni Nama wajjin walii hin gallee, seexanamoo bineensa wajjin jiraata? Eenyu waajjinu. Namni kan uumame namumaa wajjin jiraachuufi. Kanaafu amalaa namoota waajjin waliigaluu danda'u qabaachu qabna. Jireenyi waliin jireenya namoota malee haadhoftudha. Raakkistudha. Garuu namoota fana taanaan Waan jireenya keessa jiru waliin Waan qoodaannuf jireenyi hammam yoo ta'eyyu haadha'e haadha'e nuti hin haadha'u. Namoonni lafa nu gargaaru qabanitti Waan nu gargaaranif raakkon jireenya keenya kaan isaanin kan nuuf hiikamu ta'a.

Barreessan: WameranTolera Benti ti

Joinformore: @Maaddii_kitaaba

5 months, 3 weeks ago

YAADA HAARAA MADDISIISUU
👉Yaada haaraa maddisiisuun adeemsa jireenya dhala namaa keessatti baay'ee barbaachisaadha.
Dandeettii yaadota haaraa maddisiisuu gabbifachuudhaaf, hojjechuu fi jireenya kee fooyyeessuu akka dandeessu amani.
Jechi"Hin danda'amu!" jedhu gara kufaatiitti waan si oofuuf, dandeettii yaadota haaraa maddisiisuu gabbifachuudhaaf, jecha kana sammuu kee keessaa dhabamsiisuu qabda.
Hin rincicin.
👉Ilaalcha rincicummaa dhabamsiisuudhaaf, sammuunkée yaadota haaraa akka fudhatuu fi baratuuf banaa godhi. Guyyaa guyyaatti wantoota haaraa hojjedhu.
Guyyaa guyyaatti hojii kee fooyyeessuudhaaf tattaafadhu malee, bakkuma tokkoo lafa dhiitaa hin oolin.
👉Hojii tokko hojjechuudhaaf karaan filatamaan tokko qofa akka hin taane sammuu kee amansiisi.
Namootni biroon akka haasa'aniif onnachiisi.
Namoota ogummaan isaanii kankeen wal fakkaatu waliin yeroo yerootti wal argii haasa'i.
👉Wayita yaadotni haaraan sammuukee keessa dhufan akka si jalaa hin badneef jabeessii qabadhu.

@Maaddii_kitaaba

5 months, 3 weeks ago

Kanneen konkolaataa tolchanii iddoo nu barbaannetti nu fuudhanii deemanii fi warshaalee gurguddoo uumanii nama nyaachisanii obaasan dhaluma namaati.
Isaan teknoolojii ammayyaa kana kalaqanii sagaleen dhala namaa daangaa hanga daangaatti dhagahamuun akka namni wal qunnamtii taasisu tolchan namumaam! Nan danda'a warreen jedhan, danda'aniiru; atis ni dandeessa!
Tooftaan kan biraa ittiin abdii kutannaa mo'atan injifannoowwan naannoo ofiitti raawwataman irraa barachuu dha. Yeroo yaadni bal'dhaan tokko gara sammuu ofiitti dhufu naannoo jireenya ofiitti namoota waa dalaganii milkaa'ina gonfatan ilaaluun barbaachiisaa dha. Wantoota naannoo keenyatti arginu sana kan dalagan namootuma dha. Sochii xiqqaan nama tokkoon jalqabee guutuu biyyaa akka raasuu danda'u quba qabduu? Daldalli nama tokko qofaan eegalee kaampaaniiwwan hedduun namichumaan akka damee hedduu qabaate hinbeektu ta'aa?
||
milkaa'aa!
Kutaan itti aanu itti fufa

@Maaddi_kitaaba

5 months, 3 weeks ago

Abdii Hin kutatiinaa
(Never give up)
Gorsaa fi beekumsa xiinsammuu nama hundaaf tahu.
|
Jason Navallo.
kitaabni kun guutummaa guutuutti afaan ingiliziirraa gara afaan oromootti hiikamee maxxansarra kan jiru yoo tahu yeroo dhiyootti gidduu gala gurgurtaa kitaabaa biyya Jarman fi dameewwan isaa hedduu keessatti haala salphaan argachuu dandeessu.
Barreessaan: Jason Navalo
Amayu Tasisa akka hiiketti.
Yemmuu tahu yaada, qeeqaa fi jajjabina dubbistootaa barbaacha ergaa keessoo kitaabicharraa hanga tokko isin dhandhamsiisuun fedha.
|
Addunyaa Irra Jiraannu
(The World we live in)
Addunyaan irra jiraannu kun addunyaa wal'aansoo ti. Injifachuu fi injifatamuun walcinaa adeemti. Carraanis akkasuma. Takkaa ol nama baasti; takkammoo gadi nama buusti. Namoonni mul'ata isaanii bira dafanii kan hin geenyeef sababa dafanii abdii kutataniifi dha. Jireenya keessatti yeroon gara milkiitti ittiin tarkaanfatan yeroo qormaatni namatti heddummatudha. Jireenyi qormaataan guutuudha. Akkuma mana barumsaatti namni qormaata qoramee qabxii gaarii galmeessee badhaasa guddaa fi ramaddii sirrii argatu; dhalli namaa qormaata keessa darbee galma ga'insa mul'atasaa bira dafee gaha. Biyya lafaa kanarratti namoonni maqaan isaanii yeroo mara faarfamaa jiraatan warra utuu abdii hin kutiin jabaatanii hojjetani dha. Fknf.

Thomas Edson lammiin biyya Amerikaa kan humna ifaa har'a diinagdee fi wantoota hedduu ittiin argaa jirru kana kalaqe dha.

Steven Jobs kan jedhamu nama meeshaalee amma namni itti gargaaramaa jiru 'Apple' jedhamu kalaquun addunyaa kana ajaa'ibsisiise dha.
Bilget nama 'Mayicrosoft Word' jedhamu uumee yeroo ammaa kana sooressa beekamaa biyya lafaa keessaa tokko ta'edha.

Benjamin Franklin kan jedhamus nama siyaasaan beekamaa, barreessaa fi dhimmoota ifaa fi humna elektiriksiitiin beekamtii qabu dha.
Dubartiin beekamtuun 'Marie Curie' jedhamtu bara 1903 badhaasa addunyaa beekamaa argattee fi elementoota mataasheetii nama argatte dha.
Galalileo Galile nama biyya Xaliyaanii ti. Innis nama 'abbaa saayinsii ammayyaa' jedhamuun beekamu dha. Hayyoonni hojii isaaniitiin biyya lafaa kana ajaa'ibsiisan hedduutu turan. Dhimmi guddaan hayyoota kana wal fakkeessu abdii kutannaa tokko malee mul'ataa fi abjuu qaban sanatti cichuu isaanii ti.

Saayintistii beekamaan Albert Einstein jedhamu 'Jireenyi akka nama saayikilii oofuu ti' jedhe. Madaalakee eeggachuuf sochiikee itti fufuu qabda jechuusaatiim!
Jireenyi adeemuu dha. Jireenya keessatti nama jabaa tahuu osoo hin taane qorumsa dura dhaabachuutu hammam akka nuti geenyu ibsa. Namni waa guddaaf akeekamu waa xiqqoon danqamee booda hin deebi'u. Kufaatiin mallattoo injifatamuu miti. Kufaa ka'uun garuu abshaalummaa hayyummaa ti. Dogoggora keessatti kufuu otoo hin taane dogoggora ofiirraa baratanii fuulduratti adeemuutu kallattii injifannooti. Namni abdii kutatu kaayyoosaarraa fagoo jira. Waan qalbii ofiitti guutummaan abdatanii itti seenan akka yaadatanitti yoo milkaa'uu dadhaban gufannaa uuma. Gufannaa kanarra tarkaanfatanii kaayyoo qabatanii bahan ilaaluun abdii horannaa dha. Namni abdii qabu yeroo hedduu mo'ataa dha.
Fknf:
Daldala ta'e jalqabdee jalqabarratti kasaaraa jalqabaan dhaabachuun kee abdii kutachuu kee ibsa. Qormaata tokko qoramanii naasuu sanaan barumsa dhabuunis akkasuma. Dorgommii fiigichaa jalqabarratti injifatamuun itti deebuu dhabuun kee mallattoo kufaatii ti. Waraqaa iyyannoo dorgommii hojiitiif barnootaaf galfattee, calalliif darbuu dhabuukeen dudduuba kan deebitu taanaan ati milkaa'inarraa fagoo dha. Abdii kutannaan diina abjuu fi mul'ata namaa ti.

Abdii kutannaa injifachuu ni dandeessa. Dhibaa'ummaa fi abdii kutannaa injifachuuf malli guddaan "nan danda'a" jechuu dha. Sammuun dhala namaa waan hojjechiisan hojjeta. Namni kamuu bu'aa amantii yaada qalbiisaati. Nan hojjedha jennaan ni hojjeta. Namoonni yeroo ammaa kana xiyyaara hojjetanii qilleensarra nuun deemanis tahe doonii kalaqanii bishaanirra nuun deeman dhaluma namaa ti. Warreen lafa kanarra darbanii pilaaneetii biraarra qubatanii waan haaraa uumuuf qorannoorra jiranis dhaluma namaati.

5 months, 3 weeks ago

📗📚📖:

WAAN HUNDUMAA XUMUREEN JIRA

"Ani jireenya koo keessatti waan narraa eegamu xumureen jira," jedhee laphee dhiibee taa'uun haa hafuutii, waan akkanaa sammuu kootiyyuu yaadee waan hin beekneef baay'een ofitti gammada. An ammayyuu mul'atan qaba. Karoorfachaa waan haaraa baruuf, yaalaa walitti fufinsaan hojjechaa waanan jiraadhuuf jireenya koo gammachuun kan guutamedha.

Namoonni yeroo baay'ee "Dhuma irratti raawwadheen jira" wayita jedhan dhageenya. Namoota milkaa'an wayita arginummoo "Sadarkaa olaanaarra gahee jira ykn geessee jirti..... Namichi, dubartiin sun waan dhaban hin qaban; waan hundumaa qabu" jennee dubbanna.

Ani garuu waa'ee namoota yaadaa fi ilaalcha akkanaa qabanii waan baay'ee nama gaddisiisu tokko hubadheen jira. Namoonni akka waan waantota hundumaa xumuraniitti ykn akka waan hundumaa bakkaan gahaniitti of ilaalan, hafuurri ta'e tokko isaan keessaa godaanee jira. Kana jechuun namoonni akkanaa milkaa'ina biroo gonfachuuf hin onnatan ykn gara sadarkaa haaraatti guddachuuf hin carraaqan........

Garuu asirratti of eeggannoo gochuu qabda. Milkaa'ina olaanaa gonfadheen jira jettee laphee dhiibdee taa'uunkee kun milkaa'ina caalmaa qabdu kan biraa akka hin gonfanneef si takaala.
Akkasumas amalaa fi ilaalchi akkasii walitti fufinsaan akka ati hin guddanneef kaka'umsa kee mancaasuu danda'a.......

Gammachuun dhugaa kan namoota karoora hahaaraa yeroo yerootti baafatanii walitti fufinsaan hojjetaniiti malee, kan warra galma tokko qofa milkeessanii taa'anii miti.
Gammachuun dhugaa adeemsa walitti fufinsaan waa hojjechuu keessa jira malee, waan tokko milkeessanii achuma irrattu dhaabuu keessa hin jiru.

Madda: Hidda Milkaa'inaa.

6 months ago

:Mee Isinis yaada irraati kenname wan kana.

Muuddannoko har'a irra barachu dandeessan tokkon Isinif qooda; Dubbisuufan library seene. Utuun baayye hin turin obboleettin tokko immoo dhufun teesso kompiyuutera ana cina jiru qabaatte teesse. Utumaan dubbisaa jiru waanan dubbise itti yaaduf oljedhe, yoon akkas of cinaati ishee ilaalu, assignment waraaqatarrati print ta'e ishee harka jiru of dura goote, kompiyuuteran online google seente fuulla online tokko banaachun, deebi assignmenticha achiirra hojjeti. Assignmentichi gosa kam jettani yaaddu? Ykn yoo ta'e gaariidha?  Filannoo(Choose) dha. Sanu filanno gaaffiin isa gaggaababa ta'efi salphaa ture. Akka tasaa coursechi kanan baradhe darbeedha.
Anis Yoon kana argu dubbisu kiyya dhiisetuman ishee ilaale. Isheenis, hundumaasa iddo tokkoti waan argattef, gaaffi assignment ishee keessa barbaadde itti baafachun, deebiinsa A is ta'e A, B isa ta'e B, C isaa ta'e C, D isa ta'e immoo D jette guuttachun daqiiqa 20 hin turre baate sookkite.

Mee barattu shammaarre kanamoo barsiisa ishee gaafficha kennefiitu balleessa qaba jettu? Yaada keessan!

Anis yeroo kana WANTOOTA arman gadi kanan yaadu jalqaabe:
Innis, Maali barsiisan kun  akkamitti course barsiisu keessa gaaffi filannoof ta'u ofiisaati baasu dadhaba? Moo beekatumaa godhe? Intaalli Kunis maaliif qooda module barsiisa ishee dubbisun achirra hojjechuu, fiigde dhufte onlinerra hojjechuun of miiti. Sabaabinsa, osoo module irra teesse dubbisa hojjette ofumaa barattu cimtu taati.

Note: Assignmentin manati ykn ofbiraati fudhatte gaaffi siif kennamefi kitaaba/module irra barattu walbira qabun, teesse kan ati hojjetuudha. Tooftan Kunis, gaaffiille siif kennamanif deebi barbaacha keessa kitaaba/module barnootake achumaan akka dubbistufi. Dubbisunis yaadasas akka hubattufi. Qormaanni immo kan kennamu gahumsaa(conceptually) baratan sun gosa barnoota baratee sanarrati qabu karaa ittin madaalanidha. Qormaannis qaayyabanan kan hojjetamuudha. Naanna'ani laachan isaaniyu, waan barannefi barataa jirru xiyyeeffaanno akka hordoofnufi beekumsaa isaan kennanis yaadati akka qabannuufi. Sadarkaa barnoota degree keessati altokko tokko gaaffille modulerra hin jirre barreessifaa onlinerra barbaada jedhani ni kennu. Isaan beekumsaa dabaalataatif akka ati dubbiftuf akkas godhu. Isa nan beeka. Garuu gaaffii filannoo online irra kallaattin akkumaa jiruuti barataaf baasufi barataanis gaaffi sasalphaa module isarra dubbise itti baasu danda'u, salphumaati gaana dubbisu irra deebi qophaa'a itti baasuf fiigun kun sirriidha?
    Ega, amma barsiisa moo barattu shammaara kanatu dogoggoree jettu? Haalli barnoota kun akkami?

Yaada keessan karaa #bot channeli keenya: @Gorsa_jireenya_bot nun gaha:
    WameranTolera Benti

Joinformore: @Gorsa_jireenya

6 months ago

Nama Milkaa'ina ta'uf waantoota sadan kanatu si barbaachiisa:

1 Nama muldhaata ykn abjuu qabu ta'u. Nama abjuu qabu ta'unkee Kaayyoo milkeessuuf, galman gahunis ofiike hamma maatiikee, biyyaa ittin jijjjirtu jiraattuf tokko akka qabaattuf si gargaara. Namni Kaayyoo jiraatuf yoo qabaate malee jireenyasaa guddisuu hin danda'u. Ka'umsikee gahumsakee murtessa. Gahumsikee immoo hamma ka'umsakee Sana gaha.

2 Muldhaata ykn abjuu qabdu sanaf jabaatte, cimte, dhaamatefi nuuffi malee galmaan gahuf hojjechuu qabda. Kun immoo abjuu ykn Muldhaata si keessaati biqilee guddisuuf, yaada hojii si keessati argame gara hojiiti/gochaati geeddaruf, Akkasumaas abjuu galman gahuf Kaayyoo godhatte dhugumaan galman geesse akka argamtuf si gargaara.

3 Akkasumaas, amala gaarii namootan ittin walii galtu, hojiikee hojeettu, jireenya mataake ittin jiraattufi amala gaarii muldhaata si keessa jiru wajjiin waliigalu qabachuu qabda.

Abjuun yaadan argamaa. Hojiidhaan galma gaha. Cimaani hojjechuudhan dhugooma.

Jireenyi nama abjuu qabu hojjeeta abjuusaati. Nama guutuu ta'uf abjuu ofii dhugoomsutu barbaachiisa. Kanaafu, abjuukee dhugoomsi!

Namoota kaayyokeef hin malle karaakee irra maaqsi! Hiriyyaa abjuukee hin madaalle wajjiin hin michoomin! "Hiriyyaa gadhen amala gaarii mancaasa" jedha Macaafni Qulqulluun. Kanaafu, namoota abjuukee faalleessani wajjiin oolte nama abjuukee galmaan gahu taaate of arguuf him yaalin! Namni waliin jiraatu dhiibbaa wal irraati gochuun isa hin oolu. Atis immoo Nama dhiibbaa amala badaa Nama qabu jalati kufuu utuu hin taane, dandeessu Nama amala gaarii qabun amala badaa namni qabu geedarsiisuu ta'uf yaali! Kana yoo hin taane immoo, amalumaa gaarii qabdu sana amala badaa namoonni qabanin akka hin mancaanef eeggadhu! Milkaa'ina keenya keessaati amalli nuti qabnu gahe guddaa qaba. Jabaanne hojjechuun, abjuu qabachuunifi gargaarsa abjuu sanaf nu barbaachiisu argachuun keenya duwwaan, Nama abjuusaati dhugoomu nun taasisu. Amalli badaan xiqqoo nuti qabnu kana hundumaa altokkichan nu jala diiga. Wantoota qabnu kana biraatis amala gaarii yoo qabaanne immoo qabeenyaa qabnuti faayyadamne of milkeessinerra jechuudha. Kanaafu amala gaarii qabachuun milkaa'ina keessati Bakka guddaa qaba.

Namoonni abjuu ykn Muldhaata gaarii malee amala gaarii hin qabne, baraan abjuusani milkeessuuf bu'ani bahani gatii kaaffalu. Garuu hin milkaa'an. Galma hin gahan. Sabaabinsa, amala badaa/ tasgaabbi hin qabne sanan waan si'a baayye itti dadhabani hojjeetan diigu. Namoonni abjuu ykn Muldhaata gaariifi amala gaarii wal simuu qaban immoo sadarkumaa sadarkaadhan abjuusani dhugoomsa adeemu. Sabaabinsa, bu'a yeroo hojjeetan argatan eeggachu danda'u waan ta'ef! Yeroo hundumaa namoonni jireenya keessaati gatii gurgudda kaaffalu malee milkaa'ina bira dafaani hin geenye, namoota amala dafaani aaru, murteessu, tarkaanfi fudhachuufi utuu itti hin yaadin waan tokko gochuu qofarraati xiyyeeffaatanidha. Atis, akka namoota akkasi kana ta'u hin qabdu. Nama amala gaarii, tasgaabba'a, obsufi suuta jechuun waan tokko keessumessu ta'u qabda. Eessattu, bara kana amala keetu si jiraachiisa.

Amalli gaariin jireenya keessaati firaa namaaf Baayisa!

Barreessaa; WameranTolera Benti

Yoo isiniti tole, like share comment godhaa! Galatoomaa!

Join

6 months ago
DUBBISUUN MAALIIF GORFAAMA?

DUBBISUUN MAALIIF GORFAAMA?

Karaan ittin beekumsaa argatan keessa tokko, Dubbisuudhan. Namni dubbisuu jecha, namni kadhatu ayyaana, namni gadi fageenyan yaadu(contemplation/yemiyesalsel) mala hin dhaabu jedhama. Namni dubbisuu, Nama yaadan bilchate Nama gaha of gochuuf tattaaffirra jirudha.

1 Dubbisuudhan beekumsaa argadhu!

2 Dubbisuudhan dandeetti waa qabachuu sammuuke gaabbiisi!

3 Dubbisuudhan dandeetti yaadu cimaafi dandeetti waa xinxaalu sammuuke guddiisi!

4 Dubbisuudhan dandeetti waa barreessuuke ykn dandeetti barreeffamaake gaabbiisi!

5 Dubbisuudhan dhiphinaafi yaaddo sammuuke xiqqeessi!

6 Dubbisuudhan itti baraadhu!

7 Dubbisuudhan dandeetti dubbii(communication)kee gaabbiisi!

Join @Maaddii_kitaaba

7 months, 2 weeks ago

Nama Milkaa'ina ta'uf waantoota sadan kanatu si barbaachiisa:

1 Nama muldhaata ykn abjuu qabu ta'u. Nama abjuu qabu ta'unkee Kaayyoo milkeessuuf, galman gahunis ofiike hamma maatiikee, biyyaa ittin jijjjirtu jiraattuf tokko akka qabaattuf si gargaara. Namni Kaayyoo jiraatuf yoo qabaate malee jireenyasaa guddisuu hin danda'u. Ka'umsikee gahumsakee murtessa. Gahumsikee immoo hamma ka'umsakee Sana gaha.

2 Muldhaata ykn abjuu qabdu sanaf jabaatte, cimte, dhaamatefi nuuffi malee galmaan gahuf hojjechuu qabda. Kun immoo abjuu ykn Muldhaata si keessaati biqilee guddisuuf, yaada hojii si keessati argame gara hojiiti/gochaati geeddaruf, Akkasumaas abjuu galman gahuf Kaayyoo godhatte dhugumaan galman geesse akka argamtuf si gargaara.

3 Akkasumaas, amala gaarii namootan ittin walii galtu, hojiikee hojeettu, jireenya mataake ittin jiraattufi amala gaarii muldhaata si keessa jiru wajjiin waliigalu qabachuu qabda.

Abjuun yaadan argamaa. Hojiidhaan galma gaha. Cimaani hojjechuudhan dhugooma.

Jireenyi nama abjuu qabu hojjeeta abjuusaati. Nama guutuu ta'uf abjuu ofii dhugoomsutu barbaachiisa. Kanaafu, abjuukee dhugoomsi!

Namoota kaayyokeef hin malle karaakee irra maaqsi! Hiriyyaa abjuukee hin madaalle wajjiin hin michoomin! "Hiriyyaa gadhen amala gaarii mancaasa" jedha Macaafni Qulqulluun. Kanaafu, namoota abjuukee faalleessani wajjiin oolte nama abjuukee galmaan gahu taaate of arguuf him yaalin! Namni waliin jiraatu dhiibbaa wal irraati gochuun isa hin oolu. Atis immoo Nama dhiibbaa amala badaa Nama qabu jalati kufuu utuu hin taane, dandeessu Nama amala gaarii qabun amala badaa namni qabu geedarsiisuu ta'uf yaali! Kana yoo hin taane immoo, amalumaa gaarii qabdu sana amala badaa namoonni qabanin akka hin mancaanef eeggadhu! Milkaa'ina keenya keessaati amalli nuti qabnu gahe guddaa qaba. Jabaanne hojjechuun, abjuu qabachuunifi gargaarsa abjuu sanaf nu barbaachiisu argachuun keenya duwwaan, Nama abjuusaati dhugoomu nun taasisu. Amalli badaan xiqqoo nuti qabnu kana hundumaa altokkichan nu jala diiga. Wantoota qabnu kana biraatis amala gaarii yoo qabaanne immoo qabeenyaa qabnuti faayyadamne of milkeessinerra jechuudha. Kanaafu amala gaarii qabachuun milkaa'ina keessati Bakka guddaa qaba.

Namoonni abjuu ykn Muldhaata gaarii malee amala gaarii hin qabne, baraan abjuusani milkeessuuf bu'ani bahani gatii kaaffalu. Garuu hin milkaa'an. Galma hin gahan. Sabaabinsa, amala badaa/ tasgaabbi hin qabne sanan waan si'a baayye itti dadhabani hojjeetan diigu. Namoonni abjuu ykn Muldhaata gaariifi amala gaarii wal simuu qaban immoo sadarkumaa sadarkaadhan abjuusani dhugoomsa adeemu. Sabaabinsa, bu'a yeroo hojjeetan argatan eeggachu danda'u waan ta'ef! Yeroo hundumaa namoonni jireenya keessaati gatii gurgudda kaaffalu malee milkaa'ina bira dafaani hin geenye, namoota amala dafaani aaru, murteessu, tarkaanfi fudhachuufi utuu itti hin yaadin waan tokko gochuu qofarraati xiyyeeffaatanidha. Atis, akka namoota akkasi kana ta'u hin qabdu. Nama amala gaarii, tasgaabba'a, obsufi suuta jechuun waan tokko keessumessu ta'u qabda. Eessattu, bara kana amala keetu si jiraachiisa.

Amalli gaariin jireenya keessaati firaa namaaf Baayisa!

Barreessaa; WameranTolera Benti

Yoo isiniti tole, like share comment godhaa! Galatoomaa!

Join @Maaddii_kitaaba

We recommend to visit

Official Telegram channel✔️

🔛Nutti dhihaatta 🚶
🔛Jaalalaan nurraa qabamta💓
🔛Garmalee Koflaan Fincaan ofirrati buusta😀
🔛asuman waliin taane Afaan fi artii keenya gudifanna.
Any comments or messages:- @Orosarca_commentobot

Last updated 2 years, 9 months ago

😍🥰Jaalalaafii ergaalee jaalalaan wal qabatan gaggabaaboo as jalaa argattu❣😘🤩🥰😍😜❣️❤️‍🔥
😁😅🤣😂Dabalataan Qoosaa Bohaarsoo😇😋

Last updated 1 month, 2 weeks ago

Supporters of the greatest President of our lifetimes, @real_DonaldJTrump!

Last updated 1 month, 2 weeks ago