Jeet ek Nasha hai aur is Nashe ki Factory ka mai ek lauta Baadshah hoon !
My Channel Link
https://t.me/Baadshah
For Any Query Contact
My Username - @RehanBaadshah
Last updated 3 days, 11 hours ago
Telegram irraa qarshii argachuuf link kana fayyadamaa.
https://telega.io/?r=l9NDCHx-
Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot
Last updated 2 months, 2 weeks ago
Kaayyoon chanali kanaa faarfannaa haaraa fi kan durii isin biraan ga'uudhaafi
Dabalataan seenaalee garaa garaa isin biraan ga'uf
@Burqaa43
Last updated 1 year, 1 month ago
Guyyaa ati milkaa’uu eegaltu ........!
Yeroo ati waan haaraa jalqabdu, dhugaan ati beekuu qabdu, namni si deeggaru muraasa yookiin dhabamuu danda'a. Wanti kun hin fayyadu, ni ulfaataa, miidhaa qaba, karaan kun sirrii miti, siif hin milkaa'u jedhanii sitti iyyu. Sababni isaa ofiif sammuu waan ati hojjechuuf kaate hojiitti hiikuu miti yaada isaayyuu hin qabani.
» Inumaayyuu akka ofiitti waan si ilaalaniif waan isaaniif hin danda'amneef atillee waan hin dandeenye isaanitti fakkaata.
Ani abjuun qaba jettee yoo dammaqxee kaatu, namni hundi harka siif hin rukutu. Diinni kee inni jalqabaa sammuu keeti. Sammuun kee akka hin dandeenye haalan sitti hima.
Sammuu kee injifattee yommuu gadi baatu immoo, qaamonni hedduun ati hamileedhaan na simatu jettee eegdu waraana sitti banu. Sanuu nama sitti dhiyaatu irraa mormii guddaan si mudachuu mala. Maatii, hiriyaa, fira ta'uu danda'a.
Yeroo kanatti haalota abjuu keessanitti summii darbatamu irraa of eegaa! Fagaadhaa!
Faallaa isaatiin immoo namoota mul'ata keessan deeggaran waliin oolaa!
Abjuu kee, namoota si gatachiisan irraa hin tiksitu taanan, cabdee karaatti hafta.
Qaama duubatti si harkisu kamuu irraa citii deemi!
Hamma Abjuu fi Mul'ata kee galmaan geessutti kutannoo jabaadhan itti fufi! Yoo injifatte hunduu harka siif rukuta, suuraa si waliin ka'a.
? ʀᴇᴀᴅᴇʀ ɪs ʟᴇᴀᴅᴇʀ!
?ᴄʜᴀɴɴᴇʟ ᴋᴇᴇssᴀɴ @Oromoo_Inspire ᴀᴋᴋᴀ ɪʀʀᴀᴀ ʙᴀʀᴀᴄʜᴀᴀ ᴊɪʀᴛᴀɴ ʜᴏᴍᴀᴀ sʜᴀᴋᴋɪɪ ʜɪɴ ǫᴀʙɴᴜ.
♻️Ergaa dabalataa argachuuf?
@Oromoo_Inspire @Oromoo_Inspire
If you don't start ?
?40M level to 40?
????????????
Telegram star ⭐️
Telegram star ⭐️
Telegram star ⭐️
Telegram star ⭐️
Ofirratti Hojjechuuf Dursa Barbaadanii of Argachuun ni dursa!
Jecha "Of Barbaadi!" jedhu kana irra deddeebi'ee nan dubbadha! Of barbaaduun yaadolee armaan gadii of keessaa qaba.
Dandeettii ofii beekuu! Ani maal yoon hojjedhen milkaa'a jechuun of gaafachuu.
Mul'ata / Kaayyoo adeemaniif adda baafachuu fi irratti hojjechuu! Fiixan ba'iinsa ofiitiif yaada qulqulluu qabaachudha.
Wanta hojjetan yookiin gaarummaa isaa of amansiisuun jalqaban garaa guutudhaan hojjechuu dha.
Addunyaan kun nama waan jiraatuuf beekuun osoo hin taane, waan jiraatuuf nama hin beekneen guutuudha.
Osoo of hin barbaadiin, addunyaan ati keessatti of argattu dhibus, OF BARBAADUU DHABUU KEETIIN ADDUNYAAN ATI KEESSAA DHABAMTU JIRA!
Amma ati carraa guddaa tokko qabda. Namni baay'een guyyaa har'aa kana osoo hin argiin du'eera. Tarii atis guyyaa borii dhufaa jiru arguu dhabuu dandeessa. Namni hedduun nama borii ta'uu dadhabee nama kaleessaa ta'e. Namni nama kaleessaa ta'e nama biraa gargaaruu mitii ofii of hin gargaaru.
Namni kaleessaa nama borii akka hin taane beeknus, namni har'aa nama borii akka ta'u beekamaadha.
Of barbaaddee of argannaan carraa guddaan nama guyyaa har'aa fi borii kan ta'u si'i! Kana hin ta'u taanaan carraan si eeggatu tokko jira.
Wanta si eeggatu kana jalaa humnaa fi beekumsa qabdutti gargaaramtee guyyaa har'aa jalaa hin baatu taanaan, jalaa
ba'uuf humnaas ta'e jabina hin qabdu. Itti jabaadhuu amala isaa akka ati of hin barbaanne si taasisu jalaa of baasi! Dunkaana wallaalummaa ofitti hin xaxin! Godoo beekumsaa keessa of jiraachisi!
? ʀᴇᴀᴅᴇʀ ɪs ʟᴇᴀᴅᴇʀ!
✅ᴄʜᴀɴɴᴇʟ ᴋᴇᴇssᴀɴ @Oromoo_Inspire ᴀᴋᴋᴀ ɪʀʀᴀᴀ ʙᴀʀᴀᴄʜᴀᴀ ᴊɪʀᴛᴀɴ ʜᴏᴍᴀᴀ sʜᴀᴋᴋɪɪ ʜɪɴ ǫᴀʙɴᴜ.
♻️Ergaa dabalataa argachuuf?
@Oromoo_Inspire @Oromoo_Inspire
Wantoota (qabxilee) Torbaan
(7) akka atti hin milkoofne si dhorkaan;-
1.Ofitti Dhibaa'umma (Complacency):Kana jechuun haala of tuulummaatti.Miira ofitti quufinsa baayyee humna qabutti. Yeroon ati waan tokko ykn kan biraa hojjechuuf carraaqqii kee hunda gootu ni jira. Carraaqqii guddaa hojii kee irratti gootuun,guddachuu,of jajuu fi waan hojjettetti quufuun kee waanuma jiruudha garuu offtullummaan diina guddaadha jedha.
2.Amalaa gadii of busuu(low self-esteem):- .Ofitti amanamummaan gadi aanaan humna baayyee cimaa qaba, innis “xiqqeessuudha,Of xiqqeessuu itti fufaan jirachu,kunis gatii gadii ol qabamu kee akka dhabdu si taasisa.
3.Boonsaa(Pride Ego)
4.Daafummaa(Laziness)
5.Harkifachuu(Procrastination):
Harkifachuun waan namoonni hedduun carraa jireenya keessatti al tokko argatu akka dhaban taasisedha.
6.Sodaa fi Hanqina ofitti amanuu(Fear and Shortage of self-Belief).
7.Hawaasa negaatiivii(Negative society)
Mul'ataaf malee mul'achuuf hin hojjatin
Mul'anni kee bakka ati gahuu barbaaddu sitti mul'isa. Namni mul'ata qabu mul'ata isaa galmaan gahuuf jiraata. Namni mul'ata isaa galmaan gahuuf hojjatu galma ni ga'a. Namni mul'achuuf hojjatu galmi isaa mul'achuuf males mul'ata waan hin taanef galma gahu hin qabu.
Namni mul'ata qabuu fi mul'ataaf hojjatu akka Ifaa bara baraan hin dhaamnetti mul'anni isaa ol baasee isa mul'isa. Namni mul'achuuf hojjatu immoo yeroo ta'eef akka Ifaa billic jedhee takka ifee deebi'ee dhaamuu mul'atee bada. Yoomiyyuu yoo ta'e mul'achuuf osoo hin taane, mul'ata kee galmaan gahuuf hojjadhu.
Uffata feete uffadhu, konkolaataa feete qabadhu, barbaaddu xiyyaara feete qabaadhu, qabeenyi kee ittiin mul'achuuf osoo hin taane mul'ata kee galmaan ga'uuf hojjadhu. Waan mul'ata ittiin galmaan geessu malee waan ittiin mul"attu barbaadutti yeroo kee hin gubin. Addunyaa kan jijjiiran namoota mul'achuuf dhama'an osoo hin taane, namoota mul'ata galmaan ga'uuf dhama'aniidha. Cr
"Biyyakoon nan jaalladha malee namoota biyya kootii hinjaalladhu!" Baayiran.
"Jiraachuu jechuun suuta suutaan dhalachuu jechuudha!" Antiwaansaant Ajizuppar.
"Akka Kootti malee akka Sheekispiritti hinbarreessu!" Seer Waaltar
"Balaan sin ajjeesne hundi sijabeessa!" Maarloon Braand.
"Namni tokko waan tokkoon akka nacaalu nan beeka; kanaafuu waan tokko isarraa nan baradha!" Emarsan.
"Maal naan jedhuu baqachuu yoo barbaadde homaa hin dalagiin, homaa hindubbatiin, homaa hinfakkaatiin!" Albart Huubard.
"Namootni gadheen utuu jiraachuu baatanii abukaatonni gaariin hin argaman ture!" Chaarlas Diikans.
"Diinnikoo ana mataa kooti!" Eliyat Giild.
"Kan agarsiistuu olittu qabaadhu; kan beektuu gaditti dubbadhu!" Sheekispeer.
"Yeroo barreessitu dogoggora hojjechuun si hiinsodaachisiin; eenyutu beeka dubbistootnikee siif jaallachuu danda'u" Wiiliyaam Raandoolf.
Kana yaadatti qabadhu.
Gonkumaa hin ariifatin❗
Gonkumaa hin dhiphatin❗
Gonkumaa abdii hin kutin❗
Gonkumaa wanta xiqqoon qabamtee hin dhaabbatin❗
— Miretuu Shaanqoo
@Oromoo_inspire
"Hanga bu'aa jireenyaa kee hubattutti bu'aa yeroo hin hubattu, hanga bu'aa yeroo hubattutti waan tokkollee hojjechuu hin dandeessu"
M. Scott Pek
@Oromoo_inspire
Namni gaafa barbaadee of argate, jireenya haarawaa jiraachuu jalqaba.
seera bu’uura jireenyaa
❶Kan darbee wajjin nagaa buufadhu akka inni egeree kee hin jeeqneef.
❷Namoonni biroo waa'ee kee wanti yaadan dhimma kee miti.
❸Gammachuu keetiif itti gaafatamaan si qofa.
❹Jireenya kee namoota biroo wajjin wal hin madaalin, wal bira qabuun hattuu gammachuuti.
❺Yeroon waan hunda jechuun ni danda'ama fayyisa. Yeroo itti kenni.
❻Garmalee yaaduu dhiisi.Deebii hunda beekuu dhiisuun homaa miti.
❼Kolfi.Sababni isaa,Abbaan rakkoo addunyaa kanaa si qofa miti.
? @Oromoo_inspire ?
Jeet ek Nasha hai aur is Nashe ki Factory ka mai ek lauta Baadshah hoon !
My Channel Link
https://t.me/Baadshah
For Any Query Contact
My Username - @RehanBaadshah
Last updated 3 days, 11 hours ago
Telegram irraa qarshii argachuuf link kana fayyadamaa.
https://telega.io/?r=l9NDCHx-
Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot
Last updated 2 months, 2 weeks ago
Kaayyoon chanali kanaa faarfannaa haaraa fi kan durii isin biraan ga'uudhaafi
Dabalataan seenaalee garaa garaa isin biraan ga'uf
@Burqaa43
Last updated 1 year, 1 month ago