Fursaan Media

Description
« وَمَنْ أَحْسَنُ قَوْلًا مِمَّنْ دَعَا إِلَى اللَّهِ وَعَمِلَ صَالِحًا وَقَالَ إِنَّنِي مِنَ الْمُسْلِمِينَ »
Da'awaa, barumsa gara garaa argachuuf chaaynaalii keenna hordofaa.
Advertising
We recommend to visit

ارسلو حصرياتكم ⬅️ ‏ @kalfnn

للأعلانات للتواصل ⬅️ @kalfnn

Last updated 1 week ago


محامي ومحلل سياسي ومستشار قانوني وباحث بالشأن العبري
القدس

Last updated 11 months, 2 weeks ago

السرعة والموضوعية في نقل الحدث

Last updated 2 months, 1 week ago

1 month, 4 weeks ago

Mudawwara/Tooba Uffatuun Aadaa Arabaa osoo hin taane #SUNNAA ergamaa keennaati ﷺ

عن أم سلمة رضي الله عنها قالت: "كان أحب الثياب إلى رسول الله صلى الله عليه وسلم القميص". رواه أبو داود والترمذي
Ummu Salamaan akkana jette:- "Irra jaalatamaan uffataa Gama rasuulatti ﷺ Qamiisa/Mudawwara"

Akkasuma Ergamaan Rabbii ﷺ Uffata adii akka uffannu nu ajajanii Jiran.

Akka Aadaa biyya teennaatti yoo as deebine uffannaan ummata keennaa maal fakkaata !?
✔️Nuti warri gara Baalee kuni uffanni keenna ka Aadaa Mudawwaraaf Imaamaadha.
✔️Uffannaan aadaa jimmaa Mudawwaraaf Koofiyyaadha.
✔️Uffannaan aadaa Harargeefii walloo Marxoo dha.

Uffannaan kunniin hundi Aadaa arabaa qofa osoo hin taane uffannaa aadaa ummata Oromoo keessaa isa tokko jechaa dha.

Nuti hudhannoon keenna Ergamaa keenna Jaalatamaa Nabi Muhammadiin waan taheef haala hunda keessatti isaanitti hidhanna.
(( لَّقَدْ كَانَ لَكُمْ فِي رَسُولِ اللَّهِ أُسْوَةٌ حَسَنَةٌ ))

Kanaaf mudawwarri Aadaa Arabaa osoo hin taane uffannaa Ergamaa keennaati, uffata kanaan qoosuun sunnaa ergamaatiin qoosuufii xiqqeessuu dha.

Ammoo Gamanumaan Obboleeyyan tiyya lamaan tana Rabbiif jecha isin jaaladha. Isin mataa dhiiraati

Https://t.me/Fursaan_media

Telegram

Fursaan Media

« وَمَنْ أَحْسَنُ قَوْلًا مِمَّنْ دَعَا إِلَى اللَّهِ وَعَمِلَ صَالِحًا وَقَالَ إِنَّنِي مِنَ الْمُسْلِمِينَ » Da'awaa, barumsa gara garaa argachuuf chaaynaalii keenna hordofaa.

Mudawwara/Tooba Uffatuun Aadaa Arabaa osoo hin taane [#SUNNAA](?q=%23SUNNAA) ergamaa keennaati ﷺ
1 month, 4 weeks ago

Sahaabaa Nabiyyii keennaa ﷺ jaalatuun Aqiidaa teenna irraayyi

Sheykul islaam Ibnu Teymiyyaan manzuumaa isaanii keessatti akkana jedhan
ولكلهم قدر وفضل ساطع --- لكنما الصديق منهم أفضل
Sahaabonni hundi sadarkaa guddoo qaban garuu isaan keessaa Abu bakrituu irra sadarkaa guddaa qaba.

Abuu bakri Siddiiq sadarkaan isaa Anbiyoota rabbiitti aaneeti sahaabaa ergamaa rabbii keessaa inni hangafa...

Ergamaan Rabbii ﷺ akkana jedhan Nama hundaafuu harka isaa deebineefii Jirra harkaa Abuu bakri Siddiiq malee.

Ergamaan Rabbii ﷺ Sahaabaa isaanii Arrabsuu isaan xiqqeessuu irraa nu dhoorganii Jiran.

?? عن أبي هريرة رضي الله عنه أن النبي صلى الله عليه وسلم قال: (( لا تسبوا أصحابي، لا تسبوا أصحابي، فوالذي نفسي بيده لو أن أحدكم أنفق مثل أحد ذهبا، ما أدرك مد أحدهم )) رواه مسلم

Sahaabota tiyya hin Arrabsinaa isa Lubbuun tiyya harkaa isaa jirtutti kakadhee osoo tokkoon keessan warqii hanga gaara uhud gahu kennee waan sahaabonni shanacha/muddi Kennan hin gahu.

قال ابن الجوزي رحمه الله:- " أن السلف كانوا يُعلمون أولادهم حب أبي بكر وعمر كما يعلمونهم السور من القرآن.
Ibnul Jawziin rabbiin isaaf haa araaramuu akkana jedhe:- " Salafoonni ilmaan isaanii akkuma suuraa Qur'aanaa barsiisanitti Jaalala Abuu Bakriifii Umar barsiisan "

Https://t.me/Fursaan_media

Telegram

Fursaan Media

« وَمَنْ أَحْسَنُ قَوْلًا مِمَّنْ دَعَا إِلَى اللَّهِ وَعَمِلَ صَالِحًا وَقَالَ إِنَّنِي مِنَ الْمُسْلِمِينَ » Da'awaa, barumsa gara garaa argachuuf chaaynaalii keenna hordofaa.

Sahaabaa Nabiyyii keennaa ﷺ jaalatuun Aqiidaa teenna irraayyi
2 months ago

#Dubbii_Jabduu

Don’t tell people your plans, Show
them your results.
ﻻ ﺗﺨﺒﺮ ﺍﻟﻨﺎﺱ ﺑﻤﺨﻄﻄﺎﺗﻚ، ﺃﻇﻬﺮ ﻟﻬﻢ ﻧﺘﺎﺋﺠﻚ.

Karoora kee namootatti hin himin, bu'aa kee isaanitti agarsiisi.

Guyyaa gaarii qabaadhaa...

Https://t.me/Fursaan_media

Telegram

Fursaan Media

« وَمَنْ أَحْسَنُ قَوْلًا مِمَّنْ دَعَا إِلَى اللَّهِ وَعَمِلَ صَالِحًا وَقَالَ إِنَّنِي مِنَ الْمُسْلِمِينَ » Da'awaa, barumsa gara garaa argachuuf chaaynaalii keenna hordofaa.

[#Dubbii\_Jabduu](?q=%23Dubbii_Jabduu)
2 months, 1 week ago

1.Umraa
2.Tikeetta Xiyyaaraa
3.Turizimii
Odeeffannoo garagaraa argatuuf toora Miidiyaa keenna armaan gadiitiin nuhordofaa isiniin jenna .
Facebook: https://www.facebook.com/biiftuu.Turkey
Telegram: https://t.me/+S4d9Ni8NZa9lZTI8
Website: https://www.biiftuu.com/
İnstagram: https://www.instagram.com/biiftuugroup/

  1. Umraa:Namoota Umraa barbaadaniif tajaajila visa ykn tajaajila guutuu kennuu.
  2. Tikeettii:-Tajaajila Tikeetta Xiyyaara biyya keessaa fi Biyya alaa .
    3.Turizimii:-Namoota biyya Turkii Expo/Bazaarii ,Daaw’ii fi Yaalamuu barbaadaniif haala mijjeessuu .

Teessoon keenna : Finfinnee Naannoo Boole Gamoo Selam City fooqii 4ffaa lakkoofsa biiroo 412
Lakk bilbilaa kallattiin ta'ee karaa WhatsApp fi Telegrama irraan
Lakk 1:- +905530033834 Lakk2:-0924323232 Lakk 3:- 0946233232 Lakk 4:- 0974787864 Lakk 5:- 0118360162

Facebook

Log in or sign up to view

See posts, photos and more on Facebook.

2 months, 2 weeks ago

#Oduu_Ajaaibaa

Ameerikaan dogongoraan Doolaara miliyoona 239 taalibaaniif dabarsite...

????

@Fursaan_media

2 months, 2 weeks ago

#Oduu_Ammee || Fursaan Media
#عاجل | حماس: السنوار رئيسا للحركة خلفا لهنية

Hamas Hogganaa haaraa Yahyaa sinwaar filatuun bakka Ismail haniyyaa buusee jira.

@Fursaan_media

4 months, 4 weeks ago

Osoo mana nama biraatiif hin kabin dura,jalqaba mataa keetii,mana kee utubadhu.

ila
Aqliin nagaa hin qabne,waan feete gootuuf,qeeqa kee malee,faaruu kee irraa hin dhageettuu,waan argitu xiinxallii gadi taa’i.

Jaaloo
Barattu carraadha malee inni homaa hin beeku, qabaattu ni hate malee,yeroo gabaabaa kanatti qabeenya akkanaa hin horatu,fuutee heerumtu immoo,namatu gargaare malee,inni haqa hin godhatu,isiin hangana hin geettu,jaalala namaa horattu,na argaaf malee,namni dhugaaf itti hin, seeqatu jechuu irraa uf duuba hin garagalanii itti dhiisi.

Obbolaa
Mootummatti siqe malee,namatu gargaare malee, sobee achi gahe malee,hatee hinjifate malee,kijibee harkatti galfate malee,nama ganee duroome malee, arraba mi’aahee sassaabbate malee inni as gahuu hin dandahu,isiin humna isiitii miti jedhamuun kee hin ooluu kana eegaa socho’i.

Namana
Aqliin gurguddoon,waan haarawa oomishtii beeki,Aqliin jiddu jireettiin,hujii irraa dubbattii laali,Aqliin xixinnoon,dhimma namaa irraa dubbataa ooltii xiinxallii,bakka si madaaluufi nama si madaalu wajji imali.

Hey
Lubbuun bakka lamatti qoodamtu hinjirtuu beeki, yookaa sammuu kee jalatti buluu,yookaa sammuu nama biraa jalatti buluu malee,hiree hiramuu hin qabduu beeki.

Yes
It's great to stand up for yourself.
*©️Ustaaz Sufiyaan Usmaan*

Https://t.me/Fursaan_media

Telegram

Fursaan Media

« وَمَنْ أَحْسَنُ قَوْلًا مِمَّنْ دَعَا إِلَى اللَّهِ وَعَمِلَ صَالِحًا وَقَالَ إِنَّنِي مِنَ الْمُسْلِمِينَ » Da'awaa, barumsa gara garaa argachuuf chaaynaalii keenna hordofaa.

Osoo mana nama biraatiif hin kabin dura,jalqaba mataa keetii,mana kee utubadhu.
5 months ago

Ifaa Dhugaa tiin kan qophaa'e,

YESUUS EESSAAN WAAQA TA'A?

Yesuus "Waaqayyo" akka hin taane waan dhugaa ba'an keessaa inni guddaan Yesuus afaan isaatiin "#Ani_Waaqayyoon_qaba" jechuu isaati.

Keyyattoota armaan gadii dubbistanii, dhugaa ofuma keessanii murteessitu.

➊. (Wangeela Yohaannis 20:17)
“ኢየሱስም፦ ገና ወደ አባቴ አላረግሁምና አትንኪኝ፤ ነገር ግን ወደ ወንድሞቼ ሄደሽ፦ እኔ ወደ አባቴና ወደ አባታችሁ ወደ አምላኬና ወደ አምላካችሁ ዓርጋለሁ ብለሽ ንገሪአቸው አላት።”
“Yesus immoo, "Ana hin qabin! Ani amma iyyuu gara abbaatti ol hin baane; gara obboloota koo dhaqii, 'Ani gara abbaa kootii fi abbaa keessaniitti, gara Waaqayyo kootii fi Waaqayyo keessanitti ol nan ba'a' jedhii isaanitti anaaf himi!" jedhee ishee abboome.”

Yesuus Waaqayyo yoo ta'e akkamitti gara #Waaqayyoo kootti na deema" jedha? Yesuus Waaqayyo yoo ta’e, gara samiitti yeroo ol baafamu, akkamitti "Waaqayyo qaba" jechuu danda’a?

➋. (Maarqos 15:34)
“በዘጠኝ ሰዓትም ኢየሱስ፦ ኤሎሄ፥ ኤሎሄ፥ ላማ ሰበቅታኒ? ብሎ በታላቅ ድምፅ ጮኸ፤ ትርጓሜውም አምላኬ፥ አምላኬ፥ ለምን ተውኸኝ? ማለት ነው።”
“Sa'aatii sagalittis Yesus sagalee guddaadhaan, "Elo'ii, Elo'ii lamaa sabaktanii?" jedhee waammate; kunis, "Waaqayyo ko, Waaqayyo ko maaliif na dhiifte?" jechuutti in hiikama.”

Yesus dhuguma "Waaqayyo" yoo ta'e, akkamitti #Waaqayyoo_koo" jedha? Waaqa lama qabnaa?

➌. (Maarqos 12:29)
“ኢየሱስም መልሶ እንዲህ አለው፦ ከትእዛዛቱ ሁሉ ፊተኛይቱ፦ እስራኤል ሆይ፥ ስማ፤ ጌታ አምላካችን አንድ ጌታ ነው፥”
“Yesus deebisee, "Inni hundumaa irra caalu, 'Dhaga'i, yaa Israa'el! Gooftichi Waaqayyo keenya kophaa isaa gooftaa dha.”

Yesus "Waaqayyo" yoo ta'e, maaliif "Waaqayyo keenya" jedhe? Maaliif akka Waaqa qabu dubbata?

➍. (Wangeela Yohaannis 17:3)
“እውነተኛ አምላክ ብቻ የሆንህ አንተን የላክኸውንም ኢየሱስ ክርስቶስን ያውቁ ዘንድ ይህች የዘላለም ሕይወት ናት።”
“Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa, Yesus Kiristosin isa ati ergites beekuun isaanii jireenya bara baraa ti.”

Yesus "Waaqayyo tokkicha akka ta'e, akkasumas, Waaqayyo akka isa erge osoo dubbatuu, kiristaanonni maaliif ati "Waaqayyodha" malee "ergamaa" miti jedhu?

➎. (Wangeela Yohaannis 12:44)
“ኢየሱስም ጮኸ፥ እንዲህም አለ፦ በእኔ የሚያምን በላከኝ ማመኑ ነው እንጂ በእኔ አይደለም፤”
“Yesus sagalee isaa guddisee "Namni anatti amanu, isa ana erge sanatti amana malee, anatti amana miti;”

Yesus yemmuu dubbatu; na duukaa bu’uun keessan, Waaqayyo isa na erge duukaa bu’uudha malee, ana waaqeffachuuf miti jedhe. kiristaanonni maaliif bakka isaa malee ol fudhatanii Yesuusiin waaqeffatu?

➏. (Wangeela Yohaannis 5:30)
“እኔ ከራሴ አንዳች ላደርግ አይቻለኝም፤ እንደ ሰማሁ እፈርዳለሁ ፍርዴም ቅን ነው፥ የላከኝን ፈቃድ እንጂ ፈቃዴን አልሻምና።”
“Yesus itti dabalee, "Ani humna kootiin homaa gochuu hin danda'u; abbaa koo irraa akkan dhaga'etti nan farada; firdiin ani faradus qajeelaa dha. Anoo yaada koo duukaa bu'uu hin barbaadu, 'yaada isa ana ergee duukaan bu'a malee.”

Yesuus humna ofiitiin homaa gochuu hin dandeenye akkamitti Waaqa ta'a? Waaqayyo "Elshadaay" ta'e fi Yesuus humna isaatiin waan tokko illee gochuu hin dandeenye akkamitti tokko ta'u?

➐. (Yohaannis 13:16)
“እውነት እውነት እላችኋለሁ፥ ባሪያ ከጌታው አይበልጥም። መልእክተኛም ከላከው አይበልጥም።”
“Dhuguma, dhuguman isinitti hima, hojjetaan isa isa hojjechiifatu irra hin caalu, inni ergames isa ergate irra hin caalu.”

"Yesuus, ani ergamaa dha. ergamaan immoo Waaqa isa erge irra hin caalu" jechuun osoo dubbatuu, kiristaanonni akkamitti "ati Waaqa" jedhanii dirqamaan isa gabbaru? Bakka biraattis; "Abbaan ana caala" jechuun dubbateera. Waaqayyon isa hunda caalu dhiisanii ergamaa gabbaruun qalbii dhabuudha.

➑. (Maarqos 13:32)
“ስለዚያች ቀን ወይም ስለዚያች ሰዓት ግን የሰማይ መላእክትም ቢሆኑ ልጅም ቢሆን ከአባት በቀር የሚያውቅ የለም።”
“Yesus itti fufee, "Guyyicha sana yookiis yericha sana garuu abbaa koo duwwaatu beeka malee, ergamoonni waaqa irraa; ilmis, namni tokko illees kana hin beekan.”

Yesus guyyaan kaafamaa yoom akka ta’u hin beekne jedhee himaa jira. Waaqayyo tokko qofatu ishee beeka, ani hin beeku jedha. Kiristaanonni akkamitti Yesusiin akka Gooftaa waan hundumaa beekutti waaqeffatu? Kan waan hunda hin beekne, "Waaqayyo" ta’uu danda’aa? Mee itti yaadaa!

©️Awol Kasim Alo

Https://t.me/Fursaan_media

Telegram

Fursaan Media

« وَمَنْ أَحْسَنُ قَوْلًا مِمَّنْ دَعَا إِلَى اللَّهِ وَعَمِلَ صَالِحًا وَقَالَ إِنَّنِي مِنَ الْمُسْلِمِينَ » Da'awaa, barumsa gara garaa argachuuf chaaynaalii keenna hordofaa.

Ifaa Dhugaa tiin kan qophaa'e,
5 months ago

Gariin namaa argaa kee jibbaa beeki,sababni isaa immoo,eenyummaa kee balfee osoo hin taane,eddoo sanatti argamuun kee,kophaatti ol bahee mul’atuu isaa jalaa gaaddiseessaaf si jibbaa dafii hubadhuuf.

ila
Lafa baldhoofi diriirtuu tana akka namaan hin cinne, gaaraan utubanii laali,gaara guddaa kana,sibiiluma Xiqqaan diiganii argi,sibiila immoo,ibiddaan baqsanii taajjabi,ibidda gubaa kana bishaaniin dhaamsanii argi, bishaan kana immoo,dumessa keessaa roobsanii laali, duumessa furdaa kana,bubbeefi qilleensuma laafaan bittinneessanii laali,qilleensa namatu ijaarsaan ittisaa argi,namni jabaan kuni immoo,hirriba laafaan kufaa laali,hirriba immoo,sodaan ufirraa balleessanii argi.

Jaaloo
wanti sodaatamu hundi laafaa fakkaata malee,jajjabaa beeki,laafinaaf osoo hin taane,gaafa qabe,qabaan akka biraa harkaa nama baasuu hin dandeenneef, sodaan suni jibbatti jijjiiramtii hubadhuuf.

Obbolaa
Qabeenyaan,barnootaan,hayyummaan,beekkamtiin, gosaafi firaan hin boonin,kan ufitti boonuu qabdu,yoo jaalala namaa qabaatte,yoo jaalala Rabbii argatte,yoo namaaf nagaa yaadde,yoo sammuu qulqulluu taateefi keessaafi alaa nagaa labsaa jirtu horatte qofaa beeki.

Namana
Wanti dafee ol bahe dafee gadi deebi’aa uf eegi,wanti daangaa malee ol fuudhame,daangaa malee gadi buufamaa uf tiksi,wanti akka malee ol guddate akka maletti kufaa laalii uf qusadhu.

Hey
Laafinaafi bookeen jiruu hin dhabnee xiinxalli,jabinaaf leenci du’arraa hin hafnee hubadhu,nama namummaa isaatiin kabaji malee,kuni laafaa,suni jabaa,kuni laafaa suni mishaa jechuun,fagoodhaa sadarkaa mataa kee keessatti oomishame itti raabsaa hin oolinii dhiisi.

Ekaa
Sadarkaa nama hundaatuu,dubbii osoo hin taane,hujii isaattu ibsaa,itti dhiisii laali.

Ohhh
Respect humanity!namooma qabaadhu,namummaa kabaji.

Yes
People with integrity do what they say they are going to do.

*©️Ustaaz Sufiyaan Usmaan*

Https://t.me/Fursaan_media

Telegram

Fursaan Media

« وَمَنْ أَحْسَنُ قَوْلًا مِمَّنْ دَعَا إِلَى اللَّهِ وَعَمِلَ صَالِحًا وَقَالَ إِنَّنِي مِنَ الْمُسْلِمِينَ » Da'awaa, barumsa gara garaa argachuuf chaaynaalii keenna hordofaa.

Gariin namaa argaa kee jibbaa beeki,sababni isaa immoo,eenyummaa kee balfee osoo hin taane,eddoo sanatti argamuun kee,kophaatti ol bahee mul’atuu isaa …
6 months, 4 weeks ago

#Ramadaaniyyaat...
#رمضانيات...
Kutaa 1⃣3⃣ ffaa
#LEEYLATUL_QADR
#ليلة_القدر

*1⃣Leeylatuqadrii maali?*
Leeylatulqadri jechuun halkan ji'a kuma tokko caalu kan rabbiin murtii waan waagga kana dalagamu hundaa isa keessa murteessuu dha.

*2⃣Leeylatul qadriin halkanoota kaawwan irraa maaltu adda godha?
Halkana kana keessa qur'aanni kabajamaan buufame.
Halkan kuni ji'a kuma tokko caalaa 1000÷12=waggaa 83.3 ol taha
Halkan rabbiin Ummatoota keessaa ummata nabi Muhammad (saw) qofa badhaasee dha.
Halkan maleeykonni Jibriiliin dabalatee isa keessa gama dachii gadi bu'anii dha.
*Halkan dalagaawwan/taateewwan waggaa kana keessa murteeffamtu.

*3⃣Leeylatul qadri eessa keessatti argamti*?
Akka ergamaan rabbii (saw) nuuf himanitti ji'a ramadaanaa irraa kurnan dhumaa keessatti argamti kurnan dhumaa keessaallee guyyoota qaraa keessatti argamti.

قال صلى الله عليه وسلم: «تحروا ليلة القدر في الوتر من العشر الأواخر من رمضان» [رواه مسلم]

Ergamaan rabbii (saw) Akkana jedhan 《Leeylatul qadriin barbadadhaa halkan qaraa keessa kurnan dhumaa ramadaanaa irraa》[Muslimtuu gaabaase]
《21, 23, 25, 27, 29》

4⃣Leylatul qadriin irraa akkamitti fayyadamna ?
Irra caalaa halkanii kana ibaada garagaraa hojjachuudhaan saamatuu qabna
Halkan salaataan dhaabbatuu
Qur'aana qara'uu.
Duu'aa'ii/Zikrii baay'isuu.
" اللهم إنك عفو تحب العفو فعف عنا"
Sadaqaa kennachuu.
Towbaa/Istigfaara heddemmeessuu.

5⃣Sadarkaan leylatul qadrii qabdu maalii?
Diliin wagga tartee irra namaaf dabramuu.
قال -صلى الله عليه وسلم- «من قام ليلة القدر إيمانًا واحتسابًا غفر له ما تقدم من ذنبه» [متفق عليه]
Ergamaan (saw) Akkana jedhan 《Namni leeylatul aadriin dhaabbate haala rabbii isaatti amanaa taheefii rabbii isaa irratti herreegataa tahen dilii isaa ta dabarte irra ni dabramaaf》
Halkan baatii kuma tokko caalu tahuu isaa.
قال الله تعالى (ليلة القدر خير من الف شهر)
Rabbiin ol'aanee akkana jedhe (Leeylatul qadrii irra caaltuu baatii kuma tokkoo oliiti.
Ibaadaan nuti dalaynu halkan kana keessa akka ji'a kumaa olii ykn waggaa 83.3 olitti nuuf lakkaahamti jechaa dha.

Itti fufa...

Obboleeyyan keetii share gochuu hin irraanfatin.

©️FURSAAN MEDIA
✍?Fares Muhammed

Kutaa 1⃣4⃣ ffaa
ZAKAA FIXRII

Mata duree jedhuun nu eegaa

@Fursaan_Media
https://t.me/Fursaan_Media

Telegram

Fursaan Media

« وَمَنْ أَحْسَنُ قَوْلًا مِمَّنْ دَعَا إِلَى اللَّهِ وَعَمِلَ صَالِحًا وَقَالَ إِنَّنِي مِنَ الْمُسْلِمِينَ » Da'awaa, barumsa gara garaa argachuuf chaaynaalii keenna hordofaa.

[#Ramadaaniyyaat](?q=%23Ramadaaniyyaat)...
We recommend to visit

ارسلو حصرياتكم ⬅️ ‏ @kalfnn

للأعلانات للتواصل ⬅️ @kalfnn

Last updated 1 week ago


محامي ومحلل سياسي ومستشار قانوني وباحث بالشأن العبري
القدس

Last updated 11 months, 2 weeks ago

السرعة والموضوعية في نقل الحدث

Last updated 2 months, 1 week ago