Jeet ek Nasha hai aur is Nashe ki Factory ka mai ek lauta Baadshah hoon !
My Channel Link
https://t.me/Baadshah
For Any Query Contact
My Username - @RehanBaadshah
Last updated 2 months ago
Chaanaalli kun yeroo hundumaa Walaloowwan filatamoo fi ergaa guddaa qaban kan siniif dhiyeesaudha.
Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot
https://telega.io/?r=l9NDCHx-
Last updated 4 months, 2 weeks ago
Kaayyoon chanali kanaa faarfannaa haaraa fi kan durii isin biraan ga'uudhaafi
Dabalataan seenaalee garaa garaa isin biraan ga'uf
@Burqaa43
Last updated 1 year, 3 months ago
Dhiifama yaa lubbuu too!??
Dhiifama hunda keessaa dhiifamni akkaan ulfaataa tehe yoo jiraate lubbuu ifiitiif dhiifama godhuudha. Badiin kanaan dura hojjanne ifuma keenya akka komannu nu taasifti. “Ani balleeyseetiin jira, bakkaan yaade dhiisee bakkaan hin yaannetti arkkamee, waaniin godhuu qabu dhiiseetiin waan hin malle godhe" jannee ifuma if komanna!
Ee! Dur hundi keenya dogoggora beekkaan tatee wallaalaan hedduu hojjanne turre ta'a; arra garuu guyyaa haaraya waan ta'eef waan dabarsine yaadannee yeroo teenya waan hin taaneen gubuu fi qisaaseeysuu dhiifnee, muuxannoo jireenya keessatti dogoggoraan hojjanne sanirraa fudhannee fuuldura keenyatti hojii gaggaarii hojjachuu qofa nu barbaachisa.
Wanni nuti osoo hin beekin hojjanne hundi kaleessa keenya akka dhabnu nu godhe. Arra keenya garuu lammaffaa akka nu jalaa dabree gubatuuf goonee badii biraa akka hin ida'anne, kan dabre hundaaf dhiifama haa goonu!!??
Miira hundarra gaariitirraahi karoorri khee gara hojiitti jijjiramuun?
Al-hamdu-lillah✨️
Barnoota...!!
Barnoota jechuun bu'ura ykn ka'umsa jalqaba jireenya ilma namaa jechuun ni danda'ama. Ilmi namaa barnootaan malee jireenya isaa fooyyeeysuus tehee if arkkachuufiis karaan waan jiru natti hin fakkaatu.
Barnoota jechuun maqaa walii galaa kan gosa muuxannoo garagaraa if keessaa qabuyoo tahu, akkaataan arkkama isaa karaalee adda addaatiin arkama. San keessa tokkoof lama haa laallu.
1ffaa..
Barnoonni jalqabaa maatii biraa ka'a. Barnoonni maatii amala ilmoo isaa muuxee baasuuf gahee guddaa kan qabuudha. Namoonni tokko tokko ilmoo teenya qananiin guddifna yaada ja'urraa kan ka'e ilmaan isaani guddisaa balleeysantu jira. Kun garuu deebi'e hanqina maatirraa kan ka'e dhiibbaa ilmaan isaani irratti fida.
Rakkoolee akkanaa kanarraa kan ka'e dhaloonni boodaa kun maqaa qananiin guddifna ja'u kanarraa badaa kan dhufu agarta.
2ffaa..
Barnoonni inni khaan kan namoota ganda jiran ( jireenya hawaasummaa) irraa muuxannoo horataniidha. Hiriyaas tahee jaarsoolii ykn manguddoota buleeyyi tahan kan ganda San keessaa irraa barnoota guddaatu bakka kana keessatti argama. Ati nama ilmaan qabu yoo taate ilmaan kee qartee baasuudhaaf gahee sirra jirtu hunda roga dandahameen bahi.
Tanaaf ati sammuu barnootaaf qopheeysuun hedduu barbaachisaadha. Barnoonni namummaa kee kan ibsu yoo waa baratte qofaa.
Barnoonni fincila diddaa wallaalummaati!!?
Jireenya keetti gammadi jiraadhu.
Hiraartuus, rakkattuus, gaddituus, gammaduus jireenyi duniyaa numa dhumti. Waan teheefuu jireenya keetti gammadi jiraadhu. Jireenyaan gammaduun namoota hedduu biratti wal dhaba. Gariin jireenyaan gammaduu kana qabeenyafaa sirritti qabaachuu, makinaa fi manneen babbareeddaa qabaachuu, haadha (abbaa) manaa gaarii, ilmaan fi kkfaadha itti fakkaata, siif san tahullee osoo qabeenya hin qabaatin jireenya kee keessatti gammachuu arkachuu ni dandeeysa. Akkana jechuun koo qabeenyi hin barbaachisu jechuu miti. Qabeenyi gammachuu jireenya addunyaa sani hin binne malee.
Dhagahi...
Gammachuun duraa jireenya keetti gammaduuf nama kaayyoo fi karoora qabu tahi. Gaafa kaayyoo qabaatte ammoo kaayyoo kee galmaan gayuuf laffa'ii, gaafa laffaate ammoo firii laffaati teetii yoo argitu bagaan jiraadhee guyyaa kana arkke jechuun kee waan hafuu miti.
Hubadhu...
Jireenya keetti gammaduun siif hiikkaa qaba dhugaan siin ja'a. Rakkoo fi rakkinni namoota hedduu kan arra addunyaa guutuu shoorarkeessaa jiru keessaa tokko kana; kanaaf ati nama taa'ee nama eegu hin ta'in. Nama bu'aa qabeessa akka taate addunyaa kanaaf bu'aa akka qabdu if amansiisi. Amani lafaa ka'i!! Gammadaa jiraachaa carraaqata kaayyoo irratti jabeeysi.
❤️ Ifii daddabanii Rabbi hin sakkabanii!?
Jechoota gammachu ibsu akkasuma khan gadda ibsu yeroo as gubatti laxxafnu waan miira kheenya irra dubbanne maxxansinu hin sahina namni icciti isaa yeroo hunda as gubatti ol baasu ni jira ja'ee hin yaadu wal jajjabessuf jechoota babbareda gammachuufi gadda ibsan ol baafna malee haala nuti irra jirru miti?
Gabaabumatti Abdii walitti horuufi wal jajjabeeysuf dubbana akkasuma miira waliitis eeguf?
Siif Galaa mii?
Nama madaala ifii beeku tahi!!
Jireenya addunyaa kan keessatti ilma namaati wajjiin jiraachaa jirtu kana keessatti nama madaala ifii beeku tahi. Jireenya nama tokkoo keessatti bakka tee yoo beeyte hedduu hin miidhamtu. Akkuma tiiticha waanuma arkke hunda keessa bu'uutti yaadaa fi ilaalcha sin laallanne hunda keessa seenaa hin deemin. Yoo dhiira taate dubbii dhiiraa haasawii. Bakkaa akka itti sirraa fakkaattu if madaalii nama madaala ifii beeku tahi!. Yoo dubartii taatees akkasumatti if madaalii madaala kan kee beeki. Bakkaaf akka si fakkaattu dhaabbadhu. Sababaa keenyaatiin maqaa namoota gaggaarii hojjatee fi gaarii dabarfatee meeqaantamii meeqa xuraawee ajeeyfamaa jira.
Dhagahi...
Sadarkaa nama biraa qabdu irratti nama tokko irraa waa eeyda. Nama jireenya isaa keessatti hedduu si gad buusee jiru irraa waan guddaa eeguutu hedduu si miidhee, gammachuu teetillee sirraa fageessaa jiraatii, sadarkaa nama biraa qabdu barii nama tokko tokko dantaa dhabi.
Nama si fakkaatu gaaritti si kakaasee hamturraa si dhoorkuu wajjiin ooluun kan kee akka ati boru fakkeenya gaarii dhalootaaf taatu si godha. Akka ati boru ol hiixxachaa deemtee sadarkaa guddoorra geeysu si taasisa. Miidhama ati silaa miidhamtee abdii kutannaa fi gammachuun sirraa deemtu san si daga. Dogoggora san hundarraa si ofkolchuu hawwaa.
Hubadhu...
Ati ilma namaati ni dogoggorata. Niis arrabaan mucucaachuu malta, garuu namni akkasittii si fudhatee si hubatu hin jiru. Gaarii fi gaarummaa ati umrii tee hamma dabarfatte keessatti hojjatte caalaa, dogoggora ati sekoondii takka keessatti dogoggorteetu fudhatama ilma namaa biratti qaba. Tanaaf ati an ilma namaati, ilmi namaa tokko madaala ifii beeku qabaa ji'i bakka madaala keetii if gaafadhuu if kaayi dhaabbadhu.
❤️Ifii daddabanii Rabbi hin sakkabanii!!?
Jeet ek Nasha hai aur is Nashe ki Factory ka mai ek lauta Baadshah hoon !
My Channel Link
https://t.me/Baadshah
For Any Query Contact
My Username - @RehanBaadshah
Last updated 2 months ago
Chaanaalli kun yeroo hundumaa Walaloowwan filatamoo fi ergaa guddaa qaban kan siniif dhiyeesaudha.
Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot
https://telega.io/?r=l9NDCHx-
Last updated 4 months, 2 weeks ago
Kaayyoon chanali kanaa faarfannaa haaraa fi kan durii isin biraan ga'uudhaafi
Dabalataan seenaalee garaa garaa isin biraan ga'uf
@Burqaa43
Last updated 1 year, 3 months ago