Why Pay for Entertainment? Access Thousands of Free Downloads Now!

π™†π™π™π™Žπ˜Όπ˜Ό π™’π˜Όπ™‡π˜Όπ™‡π™Šπ™Š!

Description
Of bari!
Eessaa akka kaate
Seenaa fi eelaakee
Keessaas isa baate
Gidiraaf beelakee

Walaloo hunda argattuu
Share fi Join godhaa waliif qoodaa
Yaadaaf πŸ‘‡
@baahar_Umar
Advertising
We recommend to visit

Waa mareeg lagu aruuriyo duruusta culimada soomaaliyeed.

Waxa ka masuul ah:
https://t.me/IshraqCenter

Kala xidhiidh maamulka halkan:
@Turaasculimobot

Waxaad ka heleysaa buugaag ku qoran Luqadaada Hooyo ee Af-Soomaaliga oo ka liyah

Fadlan wixii Su'alaha la xariir

@liibaanwaasuge
@Mfaratoon

Hoyga Aflaanta Hindiga & Musalsalda Afsomali ah Gaar ahaan Kuwii Hore ee 70aad Kii ilaa 2024 Jaceyl Waali @ALFAGHISTUDIO Halkan Ka Daawo

9Β months, 3Β weeks ago
Gootonni keenya kaleessa

Gootonni keenya kaleessa
Gandaaf Mana hin baane
Oromummaadhaf malee
Kutaadhaaf arsaa hin taane.

Gatiin tiiksanii olnuqabaan
Nuuf dhangalaasan dhiiga
Dhugaan nu tokkoomsaan
Yaadadhume  shinniiggaa,

Akka alaagan nun dignee
Cimsani ijaraan keellaa
Mogoolees nun buufneee
Gandummaaf yoom gallaa,

Hawwiin keessa isaani
Sabaaf bilisummaadha
Nuus olkaafna dhugaani
Falli jiru Tokkummaadhaa,

Haqaa sabaaf jiraataani
Takkaa hin yadnee badii
Irbuus hin sharaafaan
Nuun dhabsiifnee gatii,

Xurree isaani tirraa jirra
Olfuune kilaashi qawwee
Nuutu dhugoomsaa jiraa
Gatii gootoonni hawwee,

Ajaandan Kan hin jijjirree
Ana biraatti warqeen Koo
Kan daandirraan gorree
Anaaf dhiiga WBOn koo!

Tokkummaan furmaata!.

✍️..by @bahar_umar
Guddaa galatoomaa!
https://t.me/baharOrotelegram

9Β months, 3Β weeks ago

Hordoftoota koo! Yaada keessan waan Walaloo feetan Ajajachuuf Rakkoo channali kun sirran gahe ibsachuuf,

Username: (2) lamaan kana keessaa kan feetan Qunnama Dubbisaa..
πŸ‘‡
Username:. @baharumarm
πŸ‘‡
Username:. @Bahar_Umar

Dubbisuun yaada keessan bahadhaa!..πŸ₯°πŸ‘ŒβœŒοΈ

9Β months, 3Β weeks ago
π™†π™π™π™Žπ˜Όπ˜Ό π™’π˜Όπ™‡π˜Όπ™‡π™Šπ™Š!
9Β months, 3Β weeks ago
π™Žπ™žπ™©π™©π™ž 𝙝𝙖𝙖 𝙏𝙀𝙑π™ͺπ™ͺ!..

π™Žπ™žπ™©π™©π™ž 𝙝𝙖𝙖 𝙏𝙀𝙑π™ͺπ™ͺ!..

Nama jiru mararraa
Hundarra si caalchisee
Onneen tokkittii qabu
Suma qofa dhaalchisee

Miira jaalala dhugaa
An siif qabu tuffattee
Huccuu cite na gootee
Haaraa narrati uffattee

Karaatti kan na gatte
Akka meeshaa cabaattii
Irbuu koo nyaatte jedhees
Sin himadhu  gabaatti

Funyoo jaalala keenyaa
Murtee akka maqasii
Erga diddee adeemte
Sin eebbisaa caqasii

Abaqiin kee baayyatee
Sin baqatin fireenii
Gammadii naaf jiraadhu
Siif haa tolu hireenii

Gaddi mana keen seenin
Gayyaa mara ililchii
Isa jaallatte woliin
Ga'ii harrii biqilchii

Andoodee korma ta'ii
Bonaaf gannalee margii
Dhalchii ilmoo dhungadhuu
Ija kee ijaan argii

Gammachuu kan kee malee
Gadda kee arguun fedhuu ..
Hireen qooda rabbiti
Na miite siin hin jedhuu

Osoon nu tokko jedhuu
Kan nu baafte lamatti
Eebbaanan si gaggeessa
Sin himadhu namattii ..

Erga garaan kee didee
Jabaatee akka dhagaatti
Gufuuf qoreen sin argin
Sitti haa tolu nagaatti

✍️..by @Bahar_Umar
Guddaa galatoomaa!
πŸ‘‡
@baharOrotelegram

9Β months, 3Β weeks ago

Maali #badiin koo ?

Dugda koo si baachuufan
Dirra koo haxaawwadhee
Si waliin jiraachuufan
Onnee koo si kaawwadhee

Siifan aduun qaqame
Akka kalooytuu dibbee
Si'ifan lagatame
Firoonni koo na jibbee

Hunda danda'ee laalaa
Fuulduree kee mil'adhee
Quufa maatii koo caalaa
Beela keetin filadhee

Argaa koo hadiyoomsee
Maatii koo rifaasisee
Of irratti si aangoomsee
Mootii koon si taasisee

Tokkee koo yoom nat -goomta
Abdii keen ciisee rafaa
Dugda koo irra deemta
Siif ta'ee dirra lafaa

Siif jedheetan saroomee
Kan sareen didde nyaadhee
Siif jedheetan harroomee
Kan harreen didde baadhee

Asii fii achi jooree
Argadhes gaafan dhabu
Qoreen miila koo dhooree
Gufadhes gaafan cabu
Gammachuu keetiif malee
Hamaan siif yaade hin qabu.

Rakkoo keef boo'ee gaddee
Maal narraa taaten jedhaa
Yeroo hunda gammaddee
Kolfa kee arguun fedhaa

Anoo jiruu keetifan
Gad ciisee -n beeku takkaa
Ati immoo du'a kootiif
Albee qaratta lakkaa

Jiruu keefan gubadhe
Bifa koon daalachaa'e
Yoomin dursee hubadhe
Akkan qalmaaf qophaa'e

Furga'ee akka kubbaa
Dirreedhan alan ce'ee
Kolfa kee irra gubbaa
Waan keessaa dhufun se'ee

Dhokfattee keessa garaa
Irra keen fakkeessitee
Naaf keessee kiyyoo dharaa
Du'aaf na qopheessitee

Ayiiiiii

Lafeen afaanin nyaadheetu
Funyaan kootiin na ba'e
Oolmaa gaariin ooleetu
Deebiin hamaa naaf ta'e

Gubbaan isaa si fakkaatu
Ilmi namaa keessi bofa
Mootii zalaalam jiraatu
Amanamaan rabbi qofa.

πŸ˜₯😌😭Carraa nama
Gaarii jaalalaaf yaadeetiπŸ˜₯

✍️..by @bahar_umar
Guddaa galatoomaa!
https://t.me/baharOrotelegram

Telegram

π™†π™π™π™Žπ˜Όπ˜Ό π™’π˜Όπ™‡π˜Όπ™‡π™Šπ™Š!

Of bari! Eessaa akka kaate Seenaa fi eelaakee Keessaas isa baate Gidiraaf beelakee Walaloo hunda argattuu Share fi Join godhaa waliif qoodaa Yaadaaf ***πŸ‘‡*** @baharumarm

Maali [#badiin](?q=%23badiin) koo ?
9Β months, 3Β weeks ago
π™†π™π™π™Žπ˜Όπ˜Ό π™’π˜Όπ™‡π˜Όπ™‡π™Šπ™Š!
9Β months, 3Β weeks ago

Yaa Rassuula Rabbi
Gara-laafaa Namaa
Muknu isiniif booye
Maqaa keessan yaamaa ο·Ί
(S.A.W)
Jummaa Gaarii Qabaadha!

9Β months, 3Β weeks ago

Gaaffiin  Saba guddaa
Kan baraaf barootaa
Abjuu taheen hafu
Egereen dhalootaa
Afaan qawwee qofaan
Furmaata argataa
Saba cunqurfamaaf
WBOtu dirmataa
Alagaan siif kolfaa
Gara keessan gubataa
WBOkoo siitu injifataa!

β€οΈπŸ’šβ€οΈ
Wahiin sobee "Oro"koo!

✍️..By @bahar_Umar
Guddaa galatoomaa!!

9Β months, 4Β weeks ago
π™†π™π™π™Žπ˜Όπ˜Ό π™’π˜Όπ™‡π˜Όπ™‡π™Šπ™Š!
9Β months, 4Β weeks ago
π™†π™π™π™Žπ˜Όπ˜Ό π™’π˜Όπ™‡π˜Όπ™‡π™Šπ™Š!
We recommend to visit

Waa mareeg lagu aruuriyo duruusta culimada soomaaliyeed.

Waxa ka masuul ah:
https://t.me/IshraqCenter

Kala xidhiidh maamulka halkan:
@Turaasculimobot

Waxaad ka heleysaa buugaag ku qoran Luqadaada Hooyo ee Af-Soomaaliga oo ka liyah

Fadlan wixii Su'alaha la xariir

@liibaanwaasuge
@Mfaratoon

Hoyga Aflaanta Hindiga & Musalsalda Afsomali ah Gaar ahaan Kuwii Hore ee 70aad Kii ilaa 2024 Jaceyl Waali @ALFAGHISTUDIO Halkan Ka Daawo