Why Pay for Entertainment? Access Thousands of Free Downloads Now!

Gola Oromootaa Official Channel

Description
Gola Oromootaa Official keessatti Kitaabota xiinsammuu, Walaloo, Asoosamoota, Seenaawan gaggabaaboofi Haasawan Onnachiisoo hedduu argattu.

Yaada keessaniif ✍️ @Traveller_1022

January 27, 2023
Advertising
We recommend to visit

Jeet ek Nasha hai aur is Nashe ki Factory ka mai ek lauta Baadshah hoon !

My Telegram Channel Link
https://t.me/+S9lLIcfDkRrhG-VZ

For Any Query Contact
My Username - @RehanBaadshah

Last updated 3 weeks, 1 day ago

Youtube Irraattis nu Argattu

https://www.youtube.com/c/KaachuuEntertainment

Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot

Last updated 1 month, 3 weeks ago

𝗝𝗶𝗿𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮 𝗺𝗶𝗹𝗸𝗮𝗮'𝗮𝗮 𝗷𝗶𝗿𝗮𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳 𝗸𝗮𝗸𝗮'𝘂𝘂𝗺𝘀𝗮 𝗬𝗔𝗔𝗗𝗔𝗔 𝗳𝗶 𝗗𝗔𝗡𝗗𝗘𝗘𝗧𝗧𝗜𝗜 𝗱𝗵𝗼𝗸𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗼𝗳𝗶𝗶𝘁𝘁𝗶 𝗳𝗮𝘆𝘆𝗮𝗱𝗮𝗺𝘂𝘂𝗳 𝗾𝗼𝗽𝗵𝗶𝗶 𝘁𝗮'𝘂𝘂 𝗯𝗮𝗿𝗯𝗮𝗮𝗰𝗵𝗶𝘀𝗮!
💥 @Oromoo_Inspire_YaadaafBot 💥

Last updated 3 weeks, 2 days ago

3 weeks, 2 days ago

#HAADHA_MARSII_KUTAA_11FFAA **Yeroon bilbila kaasee "Heloo" jedhu sagalee jabaa tokkon dhaga'e. Maqaa kootiin na waame. Jalaa qabeen haasaa keenya itti fufne. "Sagalee bilbila kee gadi qabi yookiin immoo yoo dandeesse Hawwii irraa siqi ni haasofna" naan jedhe.

Anis sagalee bilbila koo gadi qabeen haasaa keenya itti fufne. "Bakka isin jirtan kanatti dhufee dubbiin biraa uumamuu moo daftanii baatu?" Naan jedhe. Anis ammas bakka jirru argitee bilbilte mitii? Yoo barbaadde olseeni si keessummeessinan jedheeni. Kolfa irra keessaa tokko qasa'ee kolfe. "Tuffiin kee gatii guddaa akka si kanfalchiisu beeki" naan jedhe.

Anis qasa'ee itti kolfaan; gatiin tuffiidhaaf kanfalamu yoo jiraateef atis na gargaartee kanfaltan jedheeni. "Tole maalumaafuu bal'inaan ni haasofna" jedhee bilbila isaa cufate. Kan bilbila Haadha Marsii irratti bilbilee ture immoo "Hoteela kana keessa bultu yoo ta'ee malee nu harkaa baatanii hin galtan" jedhee message barreesseef.

Yaadni jara kanaa bitaa nutti gale. Inni tokko "hin baatan" jedha. Inni biraan "baatan malee" jedha. Kan eenyuu dhageenyee kan eenyuu haa dhiisnu? Ani ba'een isa dhaadatu kanaaf deebii kennan jedha. Haati Marsii "hin ba'iin callisnee asuma bulla" naan jetti. Callisee dhiisuuf dhiira ta'ee akkamittin doorsisaf gadi jedha jedheen ofiin lola.

Osoo akkanaan jirruu guyyaan sun dhi'e. Ka'i ni galla jennaan Haati Marsii na didde. "Ni bulla" jette. Nan rifadhe. Gidduu kanatti namichi inni dura naaf bilbilee ture sun "Akkuma na tuffatte kanatti nama Abbaa manaa qabu wajjiin kan oolte irra buluufikaa?" Jedhee message naaf barreesse.

Naasuu kan duraa irratti dabalamee dha'annaan onneekoo garmalee dabale. Nan hoolladhe. Message sana irra deddeebi'een dubbise. Nama abbaa manaa qabuu? Jedheen of gaafadha. Haati Marsii silaa abbaa manaa qabdii? Jedheen quba koo nyaadha.

Lamaan keenya iyyuu filannoo biraa waan dhabneef hoteelicha siree qabannee buluuf murteessine. Kutaa lama kan walitti aanu kireeffannee hirribaaf kuticha galle. Ani uffata koo illee hin baafanne. Hin rafneef kutaa ciisichaa keessan jira. Kan Haadha Marsii garuu hin beeku. Anaan yaada garagaraatu dhufee hirriba na irraa fuudhe.

Hin ooliiniif gara barii jala gadin ciise. Rafuuf dhiisuu koo iyyuu osoo adda hin baafatiin lafti bariitee; warri kutaa qulqulleessan dhufanii kutaa ani keessa jiru reebanii na dammaqsan. Anis ka'ee yeroon kutaa Haati Marsii keesa bultee ishee waamuuf jedhu; isheen ala teessee na eegaa turte.

Hoteelichuma sanaa ciree nyaannee gara bakka hojii isheetti qajeelle. Haati Marsii maatii isheen "Mana hiriyoota koon bule hin yaadda'iinaa jedhee itti himeen ture" jetteetti galgala.

Nuyis taaksii qabannee gara Birbirsa Gooroo deemne. Gaafa nuyi achi geenyee karaa ijaarsa Yaadannoo injifannoo Aduwaa geenyu namootni Haadha Marsiin wal beekan bakka kanaa hojii hin qabne baay'een walitti qabamanii jiru. "Itti siqee hamman wanta uumame adda baasutti asuma dhaabbadhuu na eegi" jettee na biraa kutte. Maaltu akka uumame hin barre. Dhaabbadheen jira.......#Kutaa_12ffaan_itti_fufa Olbaanaa Caalaa Hirphasaati.

Share 👇
Share 👉@golaorobook
Share 👉**@golaorobook

3 weeks, 3 days ago

#HAADHA_MARSII_KUTAA_10FFAA

Haadha Marsii wajjiin guyyoota muraasaaf yookiin hanga beellamni keenya ga'utti osoo wal hin argiin turre. Gaafa beellama keenyaas wal arginee haasaa eegalle. Bakki itti waliin haasaa eegalles Kaampaasii kiiloo 4fi Masaraa Mootummaa gidduu kan jiru mana dubbisaa (library) guddicha sana; biqiltuu baay'ee miidhagaafi foolii gaarii namaaf kennu tokko jala teenyeetu.

Bakkichi baay'ee miidhagaadha. Gamoowan gurguddaa kan baay'ee miidhagina qabantu jiru. Eenyumtuu seenee Gamicha keessatti dubbisuu akka danda'u dhaga'eera. Keessa isaa yoon seenuu baadhes; foddaa isaan gaafan ilaalu kitaabota baay'eetu keessatti argamu.

Anaaf Haati Marsii haasaa keenya itti fufnee haasa'uu eegalle. "Gaaffii sin gaafadha naan jettee turte mee amma na gaafadhu" naan jette. Anis osooman sodaadhuun maal iyyuu yoon ishee gaafadhe akka isheen natti hin aarreef waadaan galchisiifadhe. Isheenis "waadaadha" naan jettee gaaffii koon itti fufe.

Gaaffii koo jalqabaan hiriyaa dhiiraa qabdaa? jedheen gaafadhe. "Lakki ani ammaaf hiriyaa dhiiraa hin qabu garuu yeroo dhihootti baafachuufan jedha" naan jette. Amanuun dadhabe. Fuula koo irraa gammachuun ifee mul'achuu eegale. Hiriyaa dhiiraa isheen baafachuuf jettu kun anuma jedheen of amansiise.

Qubeellaa ishee kan gaafa Qaallittii wajjiin deemnu na dhoksitee turtes gadi baastee; "Qubeellaa kana dhiirotni baay'een na rakkisnaan bitadheen yeroon bakka hojii deemu quba kootti keewwadha" naan jette. "Kunis dhiirri bara kanaa hin amanamu waan ta'eef callisee jaalala wajjiin jalqabuu irra filadhee wajjiin jaalala jalqaba jedheeni" jette.

Egaa filannoo ishee jalqabaa ta'uu koo ofitti himeen of gammachiisa. Ofittin boona. Jaalachuu dhaqeen jaalatame. Jaalalli lamaanuma keenya mari'atee qabeeyii? jedheen of gaafadha. Amma wanti hundumtuu waan xummurame natti fakkaata. Kan nu hafu yoo jiraate; afaanii baafannee jaalalli si irraa na qabeera jechuu qofa.

Ani gammachuu koo ibsachuuf gara Hoteela ta'e tokkoo akka deemuu qabnun itti hime. Isheenis itti waliigaltee na wajjiin deemte. Hooteelicha seennee waan nyaatamuu ajajannee nyaannee; dhugaatiis dhugne. Baasii guyyaa kana kan danda'u anuma.

Nyaannee dhugnee teenyee wajjiin taphannuu yaadaanin fagaadhe. Isa dura walfuuldura teenyee haasofnu walitti siqnee teenye. Afaan dubbii nu dadhabe. Anaan garaatu na na'a. Isheenis ni hoollatti. Dafqi akka bishaanii nu irra yaa'uu eegale.

Battaluma kanatti bilbilli haaraan lama yeroo walfakkaataatti bilbila keenya lamaanitti bilbilame. Nuyis kaasuu sodaanne. Ni callisne. "Namni nu hordofaa turee?" Jennee yeroo tokkotti afaan tokkoon wal gaafanne. Gaafataa malee kan deebii deebisu hin jiru. Bilbilichi lammaffaa bilbilame. Isheen kaasuu ni sodaatte. Animmoo kan koo nan kaase.......

#Kutaa_11ffaan_itti_fufa *✍️*Olbaanaa Caalaa Hirphasaati.

Share 👉@golaorobook Share 👉**@golaorobook

3 weeks, 5 days ago

Sitti himeen ture!

Waraanni erga xumurameen booddee, loltuun tokko hiriyaa isaa bakka waraanatti kufe deemee barbaaduuf hoogganaa isaa heeyyama gaafate. Hoogganaan isaas "nama du'uun isaa shakkisiisuuf jettee iddoo waranichaa deemuun lubbuu Kee wareeguu hin qabdu anis siif hin heeyyamu" jechuun loltuu sana dide. Loltuun sun garuu hoogganaa isaatiin "lakki" jechuun hiriyaa isaa sana barbaacha gara dirree waraanatti qajeele.

Akkumaa achi ga'een hiriyaa isaa du'uuf seekondiin muraasni hafe sana arge. Loltichis bira ga'ee seekondii muraasa booda lubbuun isaa keessa ba'e/du'e. Innis reeffa hiriyaa isaa sana baatee gara hoogganaa isaa sana deeme.

Hoogganaan isaas..

"Du'eera jedhee sitti himee hin turree? nama du'uuf jettee gatii hamma kana gahu kaffaluun hin barbaachisu ture" ittiin jedhe. Loltuun sun garuu hojii isaatti baay'ee gammade. Loltuun sunis hoogganaa isaatiin "hoogganaa koo kun bar homaa miti; waan xiqqaadha. Hiriyaan Koo du'uuf qarqara du'aa irra ga'ee utuu jiruu waan naan jedhe utuu dhageessee naaf hubatta turte ittiin" jedhe.

Hoogganaan loltichaas maal sin jedhe? Jedhee gaafate. Loltuun sunis deebisee "#Akka_ati_dhuftu_nan_Beekan_ture" naan jedhe jedhee deebiseef!

Egaa hiriyaa dhugaa jechuun gaafa hunduu si gatu kan si bira dhaabatudha!

Hiriyaa gaarii yoo barbaadde, ati dursii hiriyaa gaarii namaaf ta'i! Namni waan facaase haammata! Gaarii gochuun ammoo matuma keenyaafi!

"Akka ati dhuftu nan beekan ture, akka ati qofaatti nan dhiisne nan beekan ture" jedhee hanga hiriyaan Kee sitti boonutti, hiriyaa keef amanami!

Jireenya dhugaa amanamummaan guute jiraadhu; gammachuu dhugaatu gola jireenya kee oolaa!

**Madda: Waanan dubbise irraa!

Waan dubbiftaniif galatoomaa!

Share** @golaorobook

3 months, 1 week ago

JIREENYI MAALII?

Jireenyi hiikaa walxaxaafi hubannoo gadi fageenyaa kan gaafatudha. Jireenyi isa tokkoof tulluu kan koramuu hin dandeenye. Isa kaaniif immoo lafa walqixxaataa kan fiigichaaf toludha.
Namoonni lafa kana irra jiraatan hundinuu jireenyaaf yoo baay’ate hiikawan lamaan kana keessaa isa tokko kennu. Kunis sababoota of danda’oo mataa isaanii irra dhaabbataniitu.
Jireenyi kan itti ulfaate, dursa osoo jireenya ulfaataa hin argiin ulfeessee ilaale. Kan jireenyi itti salphates, osoo jireenya salphaa hin jiraatiin jireenyicha salphisee ilaale. Haalli kun kan inni nutti mul’isu jireenya mataa keenyaa jiraachuuf ka’umsi jalqabaa sammuu keenya keessatti waa’ee jireenyaa yaadudha. Hojiin hojjetamu tokko osoo hin hojjetamiin dura sammuu hojjetaa sanaa keessatti waan yaadamuufi. Hojjetaan sun hojii sana hojjechuun dura humnaafi dandeettii isaa keessatti haala kamiin hojjetee raawwachuu akka danda’u xiinxala. Xiinxalli isaas xiinxala dhuunfaati. Waa’ee hojii sanaaf namni biraan karoora isaaf baasuun irraa hin eegamu. Yookiin haala inni itti raawwatuuf yaada namichaa keessatti kan beeku hin jiru. Jireenyis akkasuma. Abbaa isaatu tattaafata. Itti milkaa’uunis kan namicha dhuunfaa sanaati. Milkaa’insaaf immoo namni biraan homaa namaaf hin godhu. Kan inni gochuu danda’u tokko yoo jiraates erga milkaa’anii gammachuu walii gammaduudha.
Jireenya keessatti abdii kutannaan hin barbaachisu. Abdii kutannaan diina milkaa’ina keenyaati. Haala rakkisaafi ulfaataa kam keessa yoo jiraanne iyyuu jireenyaaf abdii kutachuun nu hin barbaachisu. Hojii tokko dalagnee milkaa’uu waan dadhabneef jireenyi ulfaataadha jennee goolabuun nu irraa hin eegamu. Hamma adeemamuu qabu hundumaa deemnee jireenya salphisuun nu irraa eegama.

✍️✍️ Olbaanaa Caalaa Hirphasaati.
Maddi: kitaaba "ANI EENYUU?" Jedhu.

@golaorobook
@golaorobook

3 months, 2 weeks ago

"Namni madaallii uumamaa isaa eeguu kan danda'u yeroo gadi aantummaa fi olaantummaa irraa bilisa ta'uudha. Ol'aantummaa fi gadi aantummaa lamaan isaanii summiidha."

Join us

@golaorobook
@golaorobook

3 months, 2 weeks ago

Qoosaa😁****

Guyyaa tokko du'atu mana namicha tokkoo dhufee "Namichoo dabareen guyyaa har'aa kan keeti si fudhachuun dhufe" jedheen. Namichichis baay'ee
na'uudhaan, "Anoo hin qophoofnee akkam naaf
wayyaree?" jedheen sodaatee. Duutis, "Tartiiba galmee
kootii keessatti maqaa kee irra ga'een jira" jedheen. Namichis, "Haa ta'u garuu maaf teessee xiqqoo boqonnaa fudhattee, nyaata ani si affeeru hin nyaatturee na
fudhachuu keen dura" jedheen. Duutis, "Tole, natti tola" jedheen.
Namichi abbaa dabaree sunis, nyaata dhiyeessuuf keessatti
kiniinii hirriba nama qabsiisu dabalee du'aaf kenne. Duutis
akkuma kiniinii sana nyaata wajjin nyaateen hirribni isa
qabe. Namichi abbaa dabaree du'aa sunis gammadee galmee du'aa sanarraa maqaa isaa haqee dhuma tarree dabaree irratti barreeffate. Duutis amma rafu rafee yeroo hirribaa ka'utti namicha
sanaan, "namichoo gaarummaa guddaa ati natti agarsiifteef yaadakoo jijjiireera. Adeemsakoo tartiiba dhumaarraan asii olee eegala" jedheen.

Kana irraa maal akka hubattan #comment irra nuuf kaa'aa

@golaorobook
@golaorobook

5 months ago

#Jireenyi kennaadha!

Namni addunyaa kana irra jiraatu hundumtuu jireenya mataa isaa jiraata. Hangam wal jaalatus jireenya walii waliif jiraachuu hin danda'u. Yoo haasofnu garuu waliif jiraachuu waan dandeenyu nutti fakkaachuu mala. Dhugaan isaa garuu akkas miti. Erga jireenya mataa keenyaa jiraannee; namoota biroof furmaata taana. Kunis jireenya keessatti bu'uurri inni guddaan of ta'uu waan ta'eefidha.
Namni tokko yoo rakkate yookiin immoo yoo baay'ee itti tole maaliif yookiin immoo akkamitti akkas ta'e? Jechuu hin dandeenyu. Atis anis jaalanneetu jireenya garagaraa jiraanna osoo hin taane; akka carraan keenya nuuf qoodetti jiraanna. Namni tokko jireenya isaa keessatti yeroo tokkichaan milkaa'aa ta'uu danda'a. Inni tokko immoo yeroo kuma tokko yaalee iyyuu milkaa'uu dhiisuu mala. Inni tokko yoo gaddu, inni biraan immoo ni gammada. Kunis sababa mataa isaa qaba. Innis jireenyi kennaa uumamaa ta'uu isaati. Kanaaf  #Jireenyi Kennaadha. Kennaan immoo xiqqoo hin qabu. Kennaa kees hin tuffatiin, haalaan eeggadhu.

Yoom illee deemsi keenya hin dhaabbatu!

Olbaanaa Caalaa Hirphasaati.

@golaorobook @golaorobook

Share🙏🙏

5 months ago

Yaadadhu | Dubbiilee Hayyootaa •

➊. Abrahaam Liinken
— Namoonni hammuma gammaduuf sammuu isaanii qopheessan gammadu.
— Waan feete ta'i; garuu itti cimi!
— Suuta jedheen deema; garuu tasumaa booddeetti hin deebi'u.
— Kufaatii keef dhimma hin qabu; kanan dhimmu ka'uu keef!

➋. Beenjaamiin Firaankiliin
— Namni obsa qabaachuu danda’u waan barbaadu argachuu danda’a.
— Qophaa 'uu yoo dadhabde kufaatiif qophoofta.
— Yookiin waan dubbifamuuf malu barreessi!
— Yookiin waan barreeffamuuf malu hojjedhu!
— Investimentiin beekumsa irratti ta'u dhala hunda caalu namaaf kaffala.
— Foddaan mana kee fuullee yoo qabaate, ollaa keetti dhagaa hin darbatin!

➌. Guutamaa Budihaa
— Kan nuti taanee jirru bu'aa wanta nuti yaadneeti.
— Namni ogummaadhaan jiraatu du'ayyuu hin sodaatu.
— Yoo waa dubbachuu feete yeroo hundumaa dubbiin sun dhugaa, barbaachisaa fi gaarii ta'uu of gaafadhu!
— Okkoteen copha cophaan guutti!
— Gammachuun keessa keetii dhufa, alaa hin eegiin!
— Rakkoon kee maali seete? Yeroo qaba jettee yaadda.

➍. Maatamaa Gaandii
— Namni dadhabaan dhiifama hin godhu. Dhiifama gochuun amala nama jabaati.
— Gammachuun yeroo waan ati yaaddu, waan ati dubbattuu fi waan ati hojjettu tokko ta'aniidha.
— Namni gaariin michuu uumama hundumaati.
— Namni bu'aa yaadota isaati, waan yaadu ta'a.

➎. Maartiin Luuter Kiing
— Umurii qofaa lakkaa'uu dhaan dheerina yeroon namaa nyaatame caalaa kan nama gaddisiisu hin jiru.
— Humni diina ofi irratti jijjiiruu danda’u tokkichi jaalaladha.
— Namni dhiifama gochuuf humna dhabe, jaalachuuf humna hin qabu.
— Urjoota arguu kan dandeessu dukkana keessatti qofaadha.
— Fincilli sagalee warra hin dhaga'amneeti.

➏. Maazar Tereezaa
— Namootatti kan murteessitu yoo ta'e, isaan jaalachuuf yeroo hin qabaattu.
— Jechoonni gaggaariin gabaaboo fi salphoo ta'uu danda’u, sagaleen isaanii garuu dhuma hin qabu.
— Namoota dhibba nyaachisuu yoo dadhabde tokko qofa nyaachisi!
— Hojiin jaalala hin qabne garbummaadha.
— Jireenyi namoota kaaniif hin jiraatamin jireenya miti. via leadership
@tolaaf @tolaaf

5 months, 1 week ago

Share 'Miltoo_Jijjiiramaaf!.pdf'

6 months, 3 weeks ago

Namummaa gaarii......

Namummaan jireenya dhala namaa keessatti isa bu'uuraafi baay'ee murteessaadha. Namni tokko nama ta'uun isaa kan ittiin beekamu namummaa gaarii qabaachuuni. Nuyi uumama biroo irraa kan adda taanus kanumaani. Hundinuus nama ta'ee uumameef gaariidha jechuu hin dandeenyu. Gaarummaa nama tokkoos madaaluuf namummaa isaa dursinee ilaalla. Atis, anis, eenyumti illee namummaa keenyaan madaalamna. Namummaanis keessa ofii keenyaatii jalqaba. Kanaaf koottaa tokko haa taanu. Walii keenyaaf ilaalcha gaarii haa qabaannu. Hundeen tokkummaafi jaalalaa namummaa gaarii akka ta'es haa hubannu.
Namummaa gaarii qabaadhu!

Imalli keenya ittuma fufa!

Olbaanaa Caalaa Hirphasaati.

@golaorobook

We recommend to visit

Jeet ek Nasha hai aur is Nashe ki Factory ka mai ek lauta Baadshah hoon !

My Telegram Channel Link
https://t.me/+S9lLIcfDkRrhG-VZ

For Any Query Contact
My Username - @RehanBaadshah

Last updated 3 weeks, 1 day ago

Youtube Irraattis nu Argattu

https://www.youtube.com/c/KaachuuEntertainment

Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot

Last updated 1 month, 3 weeks ago

𝗝𝗶𝗿𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮 𝗺𝗶𝗹𝗸𝗮𝗮'𝗮𝗮 𝗷𝗶𝗿𝗮𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳 𝗸𝗮𝗸𝗮'𝘂𝘂𝗺𝘀𝗮 𝗬𝗔𝗔𝗗𝗔𝗔 𝗳𝗶 𝗗𝗔𝗡𝗗𝗘𝗘𝗧𝗧𝗜𝗜 𝗱𝗵𝗼𝗸𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗼𝗳𝗶𝗶𝘁𝘁𝗶 𝗳𝗮𝘆𝘆𝗮𝗱𝗮𝗺𝘂𝘂𝗳 𝗾𝗼𝗽𝗵𝗶𝗶 𝘁𝗮'𝘂𝘂 𝗯𝗮𝗿𝗯𝗮𝗮𝗰𝗵𝗶𝘀𝗮!
💥 @Oromoo_Inspire_YaadaafBot 💥

Last updated 3 weeks, 2 days ago