gaggeessummaa.com

Description
We recommend to visit

Jeet ek Nasha hai aur is Nashe ki Factory ka mai ek lauta Baadshah hoon !

My Channel Link
https://t.me/Baadshah

For Any Query Contact
My Username - @RehanBaadshah

Last updated 2 months ago

Chaanaalli kun yeroo hundumaa Walaloowwan filatamoo fi ergaa guddaa qaban kan siniif dhiyeesaudha.

Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot


https://telega.io/?r=l9NDCHx-

Last updated 4 months, 3 weeks ago

Kaayyoon chanali kanaa faarfannaa haaraa fi kan durii isin biraan ga'uudhaafi
Dabalataan seenaalee garaa garaa isin biraan ga'uf

@Burqaa43

Last updated 1 year, 3 months ago

5 days, 9 hours ago
***🚩*** "Miira jaalalaatiin baay'ee miidhameen gorsa …

🚩 "Miira jaalalaatiin baay'ee miidhameen gorsa barbaada... See More

▶️"Ergaalee jaalalaa 5n kana dhiironni adda baafatanii beekuun irra kan irra jiraatu,...➡️ See More

👇👇👇
👉 See More  👈
👉 See More  👈
👆👆👆

🚨 Hariiroo Jaalala sirrii,..↪️ See More

5 days, 17 hours ago

Qophaa'aa Ta'i! | Ready YourSelf
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
❍ Jireenya jettee ati addunyaa kana irratti jiraattu kun yeroo hundaa akka ati feete siif hin taatu. Wanti ati har'a of harkaa qabdu guyyaa tokko akka dhabdu beekuu qabda.

Mee fakkeenya tokkon siif fudhadha: Nama ati hedduu jaalattu yeroo hundaa of biraa dhabuu hin feene yoo dhabdemmoo jireenyi kee hiika akka hin qabnetti fudhattee ija kee irraa buqqisuun illee si sassachiisu osoo of biraa du'aan dhabdehoo?? Ykn namni sun akka ati isa jaalatutti si jaalachuu dhiisee onneekee madeessee osoo deemehoo??

Argitee jireenya kana gaafa jiraattu dhiphinaaf, dhabaaf, gaddaaf, rakkinaaf qophaa'aa ta'uu qabda. Sababni isaas yeroo hundaa gammachuun hin jiru gaddi ni jiraata, jaalalli akkuma jiru jibbis ni jiraata, wal arguun akkuma jiru gargar bahuunis ni jiraata. Nama jaalatturraa gargar bahuu yaaduun ulfaataa ta'us guyyaa tokko dirqama nama sanarraa adda ni baata kun seera uumamaati! Kanaaf gammachuun yeroo hundaa waan hin jirreef gaddaaf of qopheessi!

Gaafa rakkinni sitti dhufu hin laafiin, jireenyi rakkina kanaa booda akka waan hin jirreetti fudhattee mataa hin cabiin jabaadhu. Bor guyyaa addaa ta'uusaa bari.

Jireenya addunyaa kanaa salphisuus ulfeessuus kan danda'u suma mataa keedha. Al tokko tokko rakkinoota nu quunnamanirra rakkinichaaf deebiin nuti kenninu hedduu nu miidhu kanaaf jireenya kee salphistee jiraachuu yoo feete wanta har'a argite boru akka hin jirre, akkasumas adda bahuu namni ati hin feene guyyaa tokko akka irraa adda baatu beektee yeroo hundumaa qophaa'aa ta'uu qabda

Halkan akkuma jiru bariin illee dhufee halkanicha akka seenaatti ni haasofta, hin darbu wanti ati jette darbee boqonnaa haaraatti ni ceeta, guyyichas seenaa jettee dubbatatta. Kan jaalatte si jibbus kan abdatte si ganus godoon ati ijaarratte si jalaa diigamus guyyaa tokko hunduu darbee galmee seenaa kee irratti ni galmaa'a.

❍ Kanaaf yeroo hundumaa ati nama jabaa akka taateefi rakkinni si moo'uu akka hin dandeenye ofiiti dubbadhu! Gochi ati gootu firii yaada kee waan ta'eef waan gaarii yaaduu shaakali yeroos waan gaarii hojjetta jireenya kees salphistee jiraatta.

❍ Sababa malee namni kamuu addunyaa kana irratti hin uumamu, atis akkasuma sababa dhalatteef qabda; kanaaf gaafa rakkinni sitti dhufu guyyaa uumama kee hin abaarin! Dukkana booda ifni ni jira dukkanni har'aas darbee kaleessa ni ta'a isas borirra dhaabattee ni haasofta.... Ati uumama kaleessaa fi boru walitti araarsitee har'a gammachuudhaan jiraachuu danda'uudha; kanaaf ati yeroo hundaa nama addaati!! Jabaadhu jireenya moo'i malee jireenyi sin moo'in!

Jijjiiramni amma eegala.yeroo gaarrii qabadhaa

1 week, 2 days ago
***🗣️*** Hiriyaa gaaʼelaa kee wajjin hariiroo …

🗣️ Hiriyaa gaaʼelaa kee wajjin hariiroo cimaa qabaachuu yoo barbaadde, atii fi hiriyaan kee amaloota armaan gadii kana fudhachuu qabdu: 💔
👇👇

https://gaggeessummaa.com/hariiroo-cimaa-qabaachuu

1 week, 5 days ago
***⏰️*** **Yeroo Sirrii** ***❓***

⏰️ Yeroo Sirrii

🗣️ Jaalala jalqabuuf yeroo sirrii beekuun baay'ee barbaachisaadha. Hiriyummaan jaalalaa jaalalleewwan gaa'elaaf wal-abdatanii yeroo baay'ee kan addaan cituuf yeroo malee eegaluu isaa irraa kan ka'eenidha.
🔄 Guutummaan mata-duree kanaa fi barnoonni walfakkaatoon biroo bal'inaan karaa weebsitii keenyaa dhiyaatanii waan jiraniif seenuun argachuu dandeessu. Subscribe, Share gochuudhaan nu waliin turaa. Barnoota karaa web keenyaa dhiyaatutti baay'ee ni gammaddu jennee abdanna. Comment illee nuuf barreessuu ni dandeessu. Galatoomaa 🙏
👇👇

https://gaggeessummaa.com/yeroo-sirrii/

1 week, 6 days ago
***🗣️*** Dhiirri tokko gaa'elaaf gahaa erga …

🗣️ Dhiirri tokko gaa'elaaf gahaa erga ta'ee booda sababoota muraasaaf gaa'elatti galuu dhiisee turuu danda'a. Gaa'elli dhiibbaa alaatiin utuu hin taane karooraa fi dhiibbaa jaalala keessaan dhufuun kan ijaaramu ta'uutu irra jiraata. Guutummaa isaa website keenya seenuun dubbisaa👇👇

https://gaggeessummaa.com/qophii-gaaelaaf-barbaachisu-2/

1 month ago

...Yeroo har’aaf siif kenname deebitee boru argachuu hin dandeessu. Boru waan haaraa baatee dhufa. "
___

Namni yeroo isaaf kennametti fayyadamu nama hubataadha.

👉 Yerootti fayyadamuun dandeettii xiyyeeffannoo namaa guddisa.
👉 Xiyyeeffannoon fiixaan bahuumsa karoora keenyaaf  humna jalqabaati.

Namoonni gatii yeroo (times value) beekan yommuu dubbatan:

"Yakki guddaan akka yeroo balleessuu, addunyaa kanarra hin jiru." jedhu.
Yeroon kan akeekaati, akeeknis kan yeroooti.

"Time is life" yeroon jireenya jedhu, ogeeyyiin fayyaa! Sababni isaas lubbuu namaa darbuuf daqiiqaa muraasni hafe du’a oolchu waan ta’eef.

"Time is gold" yeroon warqiidha, jedhan warri fiigan. Sababni isaas yeroo isaaniif kenname sana keessatti fiiganii warqii argamsiisu waan ta’eef.

Qajeelfamoota Yeroo (Principle of time)

  1. Yeroon ni darba:
    👉 Yeroo har’aaf siif kenname deebitee boru argachuu hin dandeessu. Boru waan haaraa baatee dhufa.

  2. Yeroon akeekaaf namaaf kennama:
    👉 Karooraan yoo itti fayyadamne waan haaraa hojjachuu dandeessisa.

  3. Yeroon siif gaddee dhaabatee si hin eegu:
    👉 Wanti har’a utuu hin xumuuramin hafe, yeroo itti aanutti darba. Wanta har’a hojjachuu dandeessu har’uma xumuuri malee boriif hin olkaa’in!

  4. Yerootti fayyadamuuf ogummaa cimaa gaafata.
    👉 Uumamni xixiqqoon kan akka mixii yoo ilaalle halkanii fi guyyaa; wanta guddaa hojjatu.

@timevalue24

1 month, 2 weeks ago

QAJEELFAMOOTA YEROO (PRINCIPLE OF TIME)

➊. Yeroon ni darba:
Yeroo har’aaf siif kenname deebitee boru argachuu hin dandeessu. Boru waan haaraa baatee dhufa.

➋. Yeroon akeekaaf namaaf kennama:
Karooraan yoo itti fayyadamne waan haaraa hojjachuu dandeessisa.

➌. Yeroon siif gaddee dhaabatee si hin eegu:
Wanti har’a utuu hin xumuramin hafe, yeroo itti aanutti darba. Wanta har’a hojjachuu dandeessu har’uma xumuri malee boriif hin olkaa’in!

❏ Moo'attoonni hojii boru hojjetan har'a hojjetu!
❏ Giddu-galeessonni hojii har'a hojjetan har'uma hojjetu!
❏ Namoonni kufan hojii kaleessaa har'a hojjetu!
➲ Kanaafuu, yeroo hundumaa MOO'ATAA ta'i!

➍. Yerootti fayyadamuuf ogummaa cimaa gaafata.
Uumamni xixiqqoon kan akka mixii yoo ilaalle halkanii fi guyyaa; wanta guddaa hojjatu.

"Until you value yourself, you won't value your time! Until you value your time, you will not fit anything with it"
(M. Scott Pek)

⁃ "Hanga bu'aa jireenyaa kee hubattutti bu'aa yeroo hin hubattu, hanga bu'aa yeroo hubattutti waan tokkollee hojjechuu hin dandeessu" jedha.

❍ Yeroon jireenya, jireenyi yeroo dhaan murtaa'a. Yeroon akkaataa jireenyi keenya bu'a qabeessa ta'u murteessa. Yeroo qusachuun nama hundatti ulfaachuu ni danda'a. Garuu ammoo hamma danda'ameen yeroo qusachuun gaariidha. Yeroon qabeenya qabeenya caaluudha. Yeroo qusachuu jechuun ofiif yaaduu jechuudha. Ammas yeroo qusachuun jireenya keenya gaggeessuuf murtoo jalqabaati.

@timevalue24

1 month, 2 weeks ago

❏ “Yeroon kee daangeeffamee jira; kanaafuu jireenya namni biraa jiraatuun yeroo kee hin
qisaasessin!

(Your time is limited, so don’t waste it living someone else’s life)”
─ Steve Jobs

@timevalue24

1 month, 2 weeks ago

Namoonni GATII YEROO (times value) beekan yommuu dubbatan:

🕖 "Yakki guddaan akka yeroo balleessuu, addunyaa kana irra hin jiru." jedhu. "Yeroon kan akeekaati, akeeknis kan yerooti."
🕖 Ogeeyyiin fayyaa maaliif "time is life" yookiin yeroon jireenya jedhu beektaa?? Sababni isaa lubbuu namaa darbuuf daqiiqaa muraasni hafe du’a oolchu waan ta’eef.
🕖 Atileetiin yookiin warri fiigan "Time is gold" yookiin yeroon warqiidha maaliif jedhu itti yaaddee jirtaa? Sababni isaa yeroo isaaniif kenname sana keessatti fiiganii maayikiroo sekondiidhaan dursanii mo'achuun warqii argatu waan ta’eef.

@timevalue24 ⏰️

1 month, 2 weeks ago

"Yerootti fayyadamuun dandeettii xiyyeeffannoo namaa guddisa. Xiyyeeffannoon fiixaan ba'uumsa karoora keenyaaf humna jalqabaati."

"የጊዜ አያያዝ የአንድን ሰው ትኩረት የማተኮር ችሎታን ይጨምራል። ትኩረት ለዕቅዶቻችን አፈጻጸም ቀዳሚ ኃይል ነው።"

@timevalue24 ⏰️

We recommend to visit

Jeet ek Nasha hai aur is Nashe ki Factory ka mai ek lauta Baadshah hoon !

My Channel Link
https://t.me/Baadshah

For Any Query Contact
My Username - @RehanBaadshah

Last updated 2 months ago

Chaanaalli kun yeroo hundumaa Walaloowwan filatamoo fi ergaa guddaa qaban kan siniif dhiyeesaudha.

Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot


https://telega.io/?r=l9NDCHx-

Last updated 4 months, 3 weeks ago

Kaayyoon chanali kanaa faarfannaa haaraa fi kan durii isin biraan ga'uudhaafi
Dabalataan seenaalee garaa garaa isin biraan ga'uf

@Burqaa43

Last updated 1 year, 3 months ago