Unlock a World of Free Content: Books, Music, Videos & More Await!

DAWIT (GURREE) POEM !

Description
@Penclure
https://youtube.com/@DawitMiresa-zi1nt?si=JIxp3QrrUgkaG-s1


Walaloo Feetan Ajajachuu dandeessu !!!

✍️✍️Itti beekna !!!

Waaqa keetti Amani
Namarraa waan eegiin
Hin jirree hin dhaalani
Abdiidhaan hin Seeqiin !!!





GALATOOMAA❤️💚❤️
Advertising
We recommend to visit

buy ad: https://telega.io/c/BurqaaIspoortii

CEO @Obsamilli


Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii

Last updated 1 week ago

Chaanaalii kana irratti Faarsaa Kanneen Bara Durii,akkasuma Haaraa Qilleensarra kan Oolan @full Album,,, argachuu dandeessu #faarfannaa qabdan kara kana nuu ergu dandesu @Faarfannaahaaraa_bot
#group_keenya @faaruutuubee
#Channel keenya @OboroMedia
🙏🙏🙏

Last updated 1 month, 1 week ago

📈 If stock market experts were so expert, they would be buying stock, not selling advice. 🤔
~Norman Ralph Augustine | @Stockbot

Contact: @Executive_Robot

Last updated 1 month, 4 weeks ago

1 week, 2 days ago

BAGAN HIN TA'IN!!
Ani bagan  hin ta'in
Bineensa bosona keessaa
Silaa gaafa hundumaa
Sokoksaa namaan dheessa
Ani bagan hin ta'in
Beelada manaa horii
Silaa waan har'aa malee
Hin abdadhu waan borii

Utuun biqilaa ta'ees
Kan daarii lagaaf bakkee
Silaa qottoon na mura
Akka waanin waa yakkee
Ani bagan hin ta'in
Cirracha bishaan biraa
Isa adda baasee hin beekne
Foolii alagaaf firaa

Ani bagan hin ta'in
Bubbee isa saafaa fiigu
Isa sababii malee
Godoo hiyyeessaa diigu
Ani bagan hin ta'in
Jirma isa karaa cufu
Kan dhaloonni gufatee
Bowwaa keessatti kufu

Ani bagan hin tain
Seenaa sobaan barraa'e
Isa haqni dhokatee
Yaanni namaa tarraa'e
Haqakoo ukkaamsanii
Na dhowwatanus hirbuu
An Baga nama ta'e
Nama ta'uukoo hin jibbu

Karaarratti hidhamus
Adeemsaaf manaa ba'ee
Lakkii ofitti hin gaabbuu
An bagan nama ta'ee
Moo'achuuu utuun qabuu
Gaafa haalli na moo'u
Gaafa obsi na dhumnaan
Gaddaa guutamee boo'u
Adeemuuf manaa ba'ee
Gaafan danqamee dhaabbu

Yaaddoon yoo natti hammaates
Nama ta'uukoo hin gaabbu
Bagan dhaladhee arge
Loogiif qoqqooddaa dachee
Baga na deesse aayyoon
Baga aabboon na dhalche
    -

1 week, 4 days ago

Miira kee kakkaasee
Dhippuu sirraa kaasee
Dheebu kee si baasee
Gurra keetti hasaasee
~
Osoon si haammadhe
Yaaddoon natti furee
Silaa akkuma duraanii
Har'as natti tola turee
~
Garuu....

Ati dhufuu didnaan
Garaa kan kees citnaan
~
Kunoo.....

Yaadni natti hammaatee
Qalbii koo fageessee
Gaddi hiree naaf taatee
Kolfimmoo na dheessee.....

2 weeks ago
***🚸*** Channel barattoota gargaaruuf qophaae kanatti …

🚸 Channel barattoota gargaaruuf qophaae kanatti dabalamaa,... Join here...

2 weeks ago

💌 [.... OPEN👇 kan jedhu tuquun affeerraa channel isiniif dhiyaatetti dabalamaa!

👇💐💏❤️❤️💐👇
⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️
⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️
⬜️⬜️⬜️OPEN⬜️⬜️⬜️⬜️
⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️
⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️

Dhugumatti Sagantaa keenyatti bohaaraa irraa ni barattu!🌟](https://t.me/addlist/4e8EfR1mqNFlY2E8)

.

AddToFreeWave: @Gech_Ab

2 weeks, 3 days ago

Geggeessaan jiruu keenyaa
Waaqa taanaan maleessaa
Osoo akka namaatii
Du'uun keenya kaleessaa
~
Ogummaaf dandeettiinkoo
Nan oolchineem miliqsee
Guddaatu na gargaaree
Uumaa kootuu na tiksee
~
Qajeelummaaf aaga koo
Miti anaan kan na tursee
Galatoomi waaqakoo
Sin waama hunda dursee!

2 weeks, 6 days ago

#Qotee_bulaa

Kun furmaata mitii
Maaf nagubda gubbaarraa
Uummatakoo nagaa
Akkamiin goota daaraa

Jiruusaatiif gugguufee
Innoo lafa dhiibaa
Dakkuu isaa Hurgufee
Mee Isa kamtu diinaa

Yaaddoon jireenya jeeqee
Gadadoon itti seeqee
Immimmaan citee bu'ee
Dafqi gargaarsaa gu'ee

Takkaa osoon Boqotiin
Du'aaree biyyoo ta'ee
Dhalchee hin barsiifannee
Meerreeree eessan ga'ee

Jedhee Dhalachuu gaabbee
Himatee sobee kolfaa
Maaliree Yaa firaa
Naan argituu golfaa

1 month ago

DHUFAAN JIRA

Haadhakoo fira namaa
Jiraachiftuu waa maraa
Sirraa haa qabu hamaa
Sumatu na mararaa

Ayyaanni waggaa ga'ee
Kaadhee sii dhufuufanii
Dideetan manaa ba'ee
Naaf qopheessi Aannanii

Yaanni Kee na huuqqisee
Afuura Keetan hawwee
Situ Anaan muldhisee
Siifan dhiichisa dawwee

Egaa dhufaan jiraa
Hangasittuu sin yaadaa
Walitti naa qabi firaa
Ta'uu didu Nan Aadaa
😆😆😆😆😆😆😆

1 month ago

#Jirra_jiruu_afaanii

Obbaafannee rakkoo mara
Jalaa bannee hin dhokanne
Rakkinaaf roorroo mara
Hurgufannee hin boqanne

Hafuuras hin baafanne
Marmaramnees boollan buune
Qalbii guutuun hin jiraanne
Garuu jirra hin duune

Hin jirruuf hin duune
Hin jiraanne jiruutti
Balbalfataa jiraannaa
Du'aaf jiruu hiruutti

✍️

2 months, 2 weeks ago

Filannoo keessan tuquudhaan ilaalladhaa!

[1--♥️♥️

2--💌💌

3--🙏🙏

4--🥀🥀

5--🎉🎉](https://t.me/+F29iJnDKops5Y2Fk)

𝙷𝙾𝙿𝙴 𝙿𝚁𝙾𝙼𝙾

We recommend to visit

buy ad: https://telega.io/c/BurqaaIspoortii

CEO @Obsamilli


Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii

Last updated 1 week ago

Chaanaalii kana irratti Faarsaa Kanneen Bara Durii,akkasuma Haaraa Qilleensarra kan Oolan @full Album,,, argachuu dandeessu #faarfannaa qabdan kara kana nuu ergu dandesu @Faarfannaahaaraa_bot
#group_keenya @faaruutuubee
#Channel keenya @OboroMedia
🙏🙏🙏

Last updated 1 month, 1 week ago

📈 If stock market experts were so expert, they would be buying stock, not selling advice. 🤔
~Norman Ralph Augustine | @Stockbot

Contact: @Executive_Robot

Last updated 1 month, 4 weeks ago