Jeet ek Nasha hai aur is Nashe ki Factory ka mai ek lauta Baadshah hoon !
My Channel Link
https://t.me/Baadshah
For Any Query Contact
My Username - @RehanBaadshah
Last updated 1 month, 1 week ago
Chaanaalli kun yeroo hundumaa Walaloowwan filatamoo fi ergaa guddaa qaban kan siniif dhiyeesaudha.
Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot
https://telega.io/?r=l9NDCHx-
Last updated 3 months, 3 weeks ago
Kaayyoon chanali kanaa faarfannaa haaraa fi kan durii isin biraan ga'uudhaafi
Dabalataan seenaalee garaa garaa isin biraan ga'uf
@Burqaa43
Last updated 1 year, 2 months ago
???????? ???????????? ???????????? ????? ????????? ??? ????? ???'????? ??? ??????? ????? ??? ???? ?????????? ??? ????????!!
﴿مِنْ أَجْلِ ذَٰلِكَ كَتَبْنَا عَلَىٰ بَنِىٓ إِسْرَٰٓءِيلَ أَنَّهُۥ مَن قَتَلَ نَفْسًۢا بِغَيْرِ نَفْسٍ أَوْ فَسَادٍۢ فِى ٱلْأَرْضِ فَكَأَنَّمَا قَتَلَ ٱلنَّاسَ جَمِيعًۭا وَمَنْ أَحْيَاهَا فَكَأَنَّمَآ أَحْيَا ٱلنَّاسَ جَمِيعًۭا ۚ وَلَقَدْ جَآءَتْهُمْ رُسُلُنَا بِٱلْبَيِّنَٰتِ ثُمَّ إِنَّ كَثِيرًۭا مِّنْهُم بَعْدَ ذَٰلِكَ فِى ٱلْأَرْضِ لَمُسْرِفُونَ﴾
Sababa kanaan Ilmaan Israa’iil irratti ’’namni lubbuu tokko lubbuu biraatiin yookiin dachii keessa balleessuun alatti ajjeese akka waan nama hunda ajjeeseti; namni ishee jiraachises akka waan nama hunda jiraachiseeti’’ jechuu murteessineDhugumatti, ergamoonni keenya ragaawwan ifa ta’aniin isaanitti dhuftee jirtiErgasii irra hedduun isaanii sana booda dachii keessatti daangaa dabroodha.
[ المائدة]-(32 : 5)
“Iddoo koo isa qulqullaa'aatti jalqabaatii, jaarsa, dubartii, dargaggeessa, durba, ijoollee xixinnoo, ajjeesaa! Haa ta'u iyyuu malee, warra milikkita of irraa qaban keessaa nama tokkotti illee hin dhi'aatinaa!" jedhe; isaanis jaarsolii mana qulqullummaa dura turanitti in jalqaban.”
— His. 9:6
“"Isin kan abbaa isa tokkoo, kan Seexanaa ti; kajeellaa hamaa isa kan abbaa keessaniis gochuu in feetu. Jalqabumaa jalqabee inni sun nama ajjeesaa ture; dhugaan isa keessa waan hin jirreef, inni dhugaa irra hin dhaabanne. Inni sobaa dha, abbaa sobaa tis; kanaaf yommuu sobu isa garaa isaa keessa jiru in dubbata.”
— Yoh. 8:44
“Egaa yaada keessan wanta lafa irra jirutti isa hidhu, halalummaa fi xuraa'ummaa, kajeellaa fi hawwa hamaa, sassata isa waaqayyolii tolfaman waaqessuutti lakkaa'amus, of keessaa ajjeesaa.”
— Qol. 3:5
“Yoyaadaan lubichi isheen mana qulqullummaa keessatti akka ajjeefamtu waan hin barbaanneef, "Tarree keessan gidduudhaa gad ishee baasaa! Nama ishee duukaa bu'uu barbaadus billaadhaan ajjeesaa!" jedhee, angafoota dhibbaa in abboome.”
— 2Mot. 11:15
“Ahaaziyaan mootiin Yihudaa wanta ta'e kana yommuu arge, karaa Bet-Haagan irra ol in baqate; Yehuun garuu sagalee guddaadhaan, "Isas immoo ajjeesaa!" jechaa, isa in ari'e; ol ba'a Guuritti mandara Yible'aam bukkeetti konkolaataa isaa keessatti isa in madeessan; inni garuu Megidootti baqatee achitti in du'e.”
— 2Mot. 9:27
“Namoota wayyi irraa hin bunne, 'Utuu inni Waaqayyoo fi mootii arrabsuu dhageenyeerra' jedhanii sobaan dhugaa irratti ba'an lama qopheessaatii fuullee isaa teessisaatii isa irratti dhugaa baasisaa! Kana booddees mandarattii keessaa gad baasaatii dhagaadhaan dha'aatii isa ajjeesaa!" kan jedhu ture.”
— 1Mot. 21:10
“Iizaabel yeroo raajota Waaqayyoo ajjeesaa turtetti, Obaadiyaan immoo raajota dhibba tokko jalaa fuudhee, shantama shantamaan holqa dhagaa keessa isaan dhoksee, achitti buddeenaa fi bishaan in kennisiisaaf ture.”
— 1Mot. 18:4
“Saa'ol kana irratti, "Daawitin ajjeesaa!" jedhee, ilma isaa Yonaataanitti, hojjetoota isaa hundumaattis in hime; Yonaataan garuu Daawitin baay'isee waan jaallatuuf,”
— 1Sam. 19:1
“Warra mandara sana keessa jiraatan hundumaa billaadhaan ajjeesaa! Saba sanaa fi horii isaanii hundumaa qara billaatiin raawwadhaa balleessaa!”
— Kes. 13:15
“Museen kana irratti abboota firdii warra Israa'eliin, "Isin tokkon tokkon keessan nama keessan keessaa Ba'aal isa Phe'or nama waaqeffatu ajjeesaa!" jedhe.”
— Lak. 25:5
???????????: ???????? ??????
? 5. Yesus Kiristos, dinqii raawwateera
Qur’aanni kanaan wal qabatee akkuma Waadaa Haaraa keessatti dubbatamee jiruun ibse, dinqii baay’ee Yesus Kiristos, hayyama Waaqayyootiin raawwate ifaan ifatti dubbateera. ???????????, suphee irraa waan akka simbirroota uumee; isa keessatti afuufuudhaan eeyyama Rabbiitiin allaattii ta'uu. Dhukkubsattoota, jaamaa fayyisuu, warra du’an deebisee du'aa kaasuu. Haa ta’u malee, dinqiiwwan kun hundi akka mallattoo Nabiyyummaatti kennameef.
???; Dinqiiwwan kun hundi Namoota Yesus Kiristos Ergamaa Waaqayyoo ta’uu isaa shakkii qaban amansiisuuf kan kennameefii dha malee, mallattoo waaqummaa hin turre.
● Yesus Kiristos, dinqii fi milikkata hojjate hunda walitti qabee kaayyoo isii yoo ibsu akkana jedha:
" Isa Yohannis cuuphaan dhugaa ba’e irra caalaa kan dhugaa anaaf ba’u qaba; hojiin abbaan koo akkan raawwadhuuf dabarsee anatti kenne baay’ee dha; ?????? ??? ???????? ????? ?????? ???? ??? ???? ?????? ????? ?? ??'?. Inni ana erge abbaanis immoo ofii isaatii anaaf
dhugaa ba’eera; isin utuu inni dubbatuu sagalee isaa takkaa hin dhageenye, bifa isaas argitanii hin beektan."
[Yohannis 5:36-38]
Dabalataan ????? Kiristos yeroo Namticha ???????? jedhamu du’aa kaasuu gara awwaalichaa deemes akkana jechuun Rabbii isaa kadhate:
“… Kana booddee isaan dhagicha awwaalichattii fuudhan; Yesus garuu ol ilaalee, “Yaa abbaa! Anaaf dhaga’uu keetiif sin galateeffadha. Akka ati yeroo hundumaa anaaf dhageessu, ani beekeera, garuu namoonni as dhaabatan kun, ???? ??? ??? ?????? ??? ??????????? ???? ????????” jedhe. Kana jedhee sagalee guddaadhaan, “Alaazaar as ba’i!” jedhee
waame. Kanaaf namichi du’ee ture sun awwaalicha keessaa gad ba’e; miilla isaa lamaanii fi harka isaa lamaanitti wayyaan hidhamee, fuula isaattis uffanni maramee ture. Yesus, “Irraa hiikaatii gad dhiisaa! Haa dhaqu! jedhee isaan abboome.” [Yohannis 11:41-44]
Haala kanaan yoo hin hubatin nabiyyoonni mu’jiizaa (raajii) hojjatan hundis waaqa ta’u.
? 6. Yesus Kiristositti, amanuun Muslima ta’uuf ulaagaa dha.
Namni tokko Muslima ta’uuf nabiyyootaa fi ergamtoota hundatti amanuudha qaba. Nabiyyitoota sana keessaa tokko ganuun ykn diduun hunda isaanii ganuu dha. Kanaaf Nabiyyummaa Iisaa (Yesus Kiristos) ganuun, namni tokko Muslima ta’uu dhabuu fida. Yesus Kiristositti amanuun Ulaagaa amantaa Islaamaati waan ta'eef.
? 7. Yesus Kiristos, dhufaatii Nabi Muhaammad (SAW) dursee dubbateera.
Qur’aanni Yesus Kiristos dhufaatii Muhaammad dursee akka dubbate ibsa:
وَإِذْ قَالَ عِيسَى ابْنُ مَرْيَمَ يَا بَنِي إِسْرَائِيلَ إِنِّي رَسُولُ اللَّهِ إِلَيْكُم مُّصَدِّقًا لِّمَا بَيْنَ يَدَيَّ مِنَ التَّوْرَاةِ وَمُبَشِّرًا بِرَسُولٍ يَأْتِي مِن بَعْدِي اسْمُهُ أَحْمَدُ ۖ فَلَمَّا جَاءَهُم بِالْبَيِّنَاتِ قَالُوا هَٰذَا سِحْرٌ مُّبِينٌ
“Yeroo Iisaa Ibni Maryam "yaa Banii Israa'iil! Ani Ergamaa Rabbii kan waan Tawraatiin keessatti na dura bu'e dhugoomsuufi ergamaa na booda dhufu kan maqaan isaa Ahmad ta'een (isin) gammachiisu ta'ee gara keessan ergame" jedhe [yaadadhaa] Yeroma inni ragaawwan ifaan isaanitti dhufes "kun 'sihrii' (falfala) ifa galaa dha" jedhan.” (Qur'aana 61:6)
Maqaan Ahmad fi Muhammad jedhu hundee jecha Arabaa tokko irraa kan dhufanii fi hundee isaa keessatti maqaa tokko.
? ...
Qabxiileen irraa hafe itti fufa ...
??????????:
© Ifaa Dhugaa
Dhugaa sakattaa'aa, qoradhaa... dhuma irratti eyyama Rabbiitiin haqa irra gahuun keessan hin hafu isniin jedha.
Namni dubbisee xumuree jiru ... ❤
https://t.me/Khaalid_Abdoo
Barruu tana walii qoodaa keeyrii tana facaasaa. Jzk ❤
Mata duree. “Qabxii 10n waa'ee Yesus Kiristos Islaamummaa keessaatti.”
Muslimtoonni Yesusitti ni amanan yeroo jennu Namoota baay'ee ni ajaa'iba. Namni Qur’aana dubbisu Yesus eenyu akka ta’e qofa osoo hin taane, barsiisni isaas maal akka ta'e dafee hubata.
? 1. Yesus Kiristos, (nageenyi Rabbii isarra haa jiraatu) Nabiyyoota fi Ergamtoota gurguddoo Islaamaa keessatti argaman keessaa isa tokko.
● Muslimtoonni akka ilma Waaqayyootti osoo hin taane, akka Raajotaa fi Ergamtoota Waaqayyoo gurguddoo keessaa tokko ta’eetti Yesus Kiristositti amanu. Inni qaama sansalata Raajota akka Abrahaam, Nohi, Daawit, Muusaa, fi Muhammad (nageenyi hunda isaanii irratti haa jiraatu) keessaa tokko amanu.
? 2. Yesus Kiristos, abbaa malee dinqiidhaan haadha qofa irraa dhalate.
● Qur'aana Boqonnaa 19 keessatti dhalachuu Yesus Kiristos nu yaadachiisa. Dubroo Maariyaam irraa abbaa malee dhalate. Dinqiidhaan dhalachuun isaa mallattoo Waaqummaa isaa osoo hin taane, Raajota Waaqayyoo gurguddoo keessaa tokko ta’ee sadarkaa adda ta’e qabaachuu isaatiif ragaa dha malee.
Qur’aanni dhalachuu Yesus Kiristos uumama Aadam (Addaam) waliin wal bira qaba. Ija Waaqayyootti, Yesus akkuma Addaamti: Inni biyyoo irraa isa uume, “Ta’i” jedheen, innis ni ta’e [Qur'aana3:59].
Nabi Aadam (Addaam) abbaa fi haadha malee uumame Nabiyyii ta'ee hafeera. Haaluma wal fakkaatuun Muslimtootaaf, Yesus Kiristos abbaa malee dhalachuun isaa waaqummaa isaa kan agarsiisu miti.
? 3. Inni haala baattoo (daa'imummaa) keessa jiruun dubbate.
Yesus Kiristos, yommuu dhalate Namoonni yeroo sana turan haadha isaa Maariyaamiin ejja (sagaagalummaa) raawwatte jechuun dubbachuu eegalan, himata akkasii irraa ishee baraaruu fi qulqulleessuuf jecha dubbate. Qur’aanni bakka hedduutti akka ibsetti, Yesus Kiristos baattoo keessatti akka dubbatee dha.
{ إِذْ قَالَتِ الْمَلائِكَةُ يَامَرْيَمُ إِنَّ اللّهَ يُبَشِّرُكِ بِكَلِمَةٍ مِّنْهُ اسْمُهُ الْمَسِيحُ عِيسَى ابْنُ مَرْيَمَ وَجِيهًا فِي الدُّنْيَا وَالآخِرَةِ وَمِنَ الْمُقَرَّبِين وَيُكَلِّمُ النَّاسَ فِي الْمَهْدِ وَكَهْلًا وَمِنَ الصَّالِحِين.} [سورة آل عمران:45-46]،
“Yeroo malaa’ikoonni “yaa Maryam! dhugumatti Rabbiin jecha Isa biraa ta’e, kan maqaan isaa Al-Masiih Iisaa ilma Maryam jedhamu, kan addunyaafi Aakhiraattis kabajamaafi warra Rabbitti dhiheeffaman irraa ta’een si gammachiisa” jette [yaadadhu]. Daa’imummaafi erga guddateeyis namaan dubbataWarra gaggaarii irraayis ta’a.” [Qur'aana 3:45-46]
{ فَأَشَارَتْ إِلَيْهِ قَالُوا كَيْفَ نُكَلِّمُ مَن كَانَ فِي الْمَهْدِ صَبِيًّا قَالَ إِنِّي عَبْدُ اللَّهِ.} [سورة مريم: 29، 30]
“(Isiinis) gara isaatti akeekte [Isaan]: “Akkamitti daa’ima siree daa’imummaa keessa jiru dubbifna?” jedhan. Innis (daa’imichis) ni jedhe: “Dhugumatti, ani gabricha Rabbiiti. Inni kitaaba naaf kenneera; nabiyyiis na taasisee jira. Iddoo ani jiru hundattis barakeeffamaa na taasisee jira; salaataafi zakaas hangan lubbuun jiru naaf dhaamee jira.” (Qur'aana 19:29-31)
● Daa’ima xiqqaa siree keessa jiru ta’ee osoo jiruu dubbate. Durri jechi inni dubbates, “Dhugumatti, ??? ???????? ????????. Inni kitaaba naaf kenneera; ????????? ?? ???????? ????. Iddoo ani jiru hundattis barakeeffamaa na taasisee jira; salaataafi zakaas hangan lubbuun jiru naaf dhaamee jira.”
? 4. Qur'aana keessatti boqonnaan guutuun maqaa Maariyaamiin moggaafame jira.
Dubartiin maqaan ifaan Qur’aana keessatti dubbatamte kan haadha Yesus Kiristos Mariyamiin qofaa dha. Qur'aana keessatti
yeroo 34 yoo dubbatamu Macaafa Qulqulluu (Bible) keessatti immoo yeroo 18 qofa dubbatame.
Kana qofa osoo hin taane dubartiin boqonnaan Qur'aanaa guutuun maqaa isheetiin moggaafame ishee qofaa dha. Garuu faallaa kanaa immoo kutaan Macaafa Kiristaanotaa tokkollee kan maqaa Maryamiin kan moggaafame hin jiru.
Seenaan ishee guutummaan Qur'aana keessatti caafameera, garuu boqonnaan 19 dinqiidhaan Yesus Kiristos akka deesse ibsa. Qur’aanni Yesusi ilma Maariyaam jechuun ishee kabajuudhaan waama.
❤️?
Mata-duree.
"????????????? ????? Kiristoosin Nama sobu taasisan"
Kiristaanota; Waaqayyo sadi-tokkodha jedhu, kana jechuun Yesus Kiristos, (Maarqos 12:29) irratti Waaqayyo addatti tokkoo fi tokkicha kan jedhe ni sobe jechuu dha.
Kiristaanota; Yesus ilma Waaqayyooti jedhu, kana jechuun Yesus Kiristos, Macaafa qulqulluu bakka 84 keessatti akka (Maatewos 8:20), (Yohaannis 3:13) Yesus Kiristos, ilma Namaa ofiin jedhetti ni sobe jechuu dha.
Kiristaanota; Yeus Kiristos, ofuma isaatiin waanuma fedhe hojjechuu danda'a jedhu, kana jechuun Yesus Kiristos, (Yohaannis 5:30) irratti ofuma isaatiin homaa gochuu hin danda'u kan jedhe ni sobe jechuu dha.
Kiristaanota; Yesus Kiristos, cubbuu isaaniitiif akka du'e dubbatu, kana jechuun Yesus Kiristos, (Yohaannis 8:21) irratti cubbuu ofii keetiin duuta Namni tokko cubbuu Namoota birootiif hin du'u kan jedhe ni sobe jechuu dha.
Kiristaanota; Yeus Kiristos, gara addunyaa guutuutti ergame jedhu, kana jedhuun Yesus Kiristos, (Maatewos 15:24) irratti Israa'eloota qofaaf ergame kan jedhe ni sobe jechuu dha.
Kiristaanota; Fayyina jechuun Yesus Kiristos, cubbuu isaaniitiif akka du'e amanuudha jedhu, kana jechuun Yesus Kiristos (Maatewos 19:27) irratti fayyinni kan argamuu danda'uun abboommii Waaqayyoof abboomamuu qofaani kan jedhe ni sobe jechuu dha.
Kiristaanota: Karaan gara Waaqaatti Nama geessu Yesus Kiristos, akka Waaqayootti waaqeffachuu qofa akka ta'e himatu, kanajechuun Yesus Kiristos (Maatewos 15:9 fi Maatewos 7:21-23) irratti Guyyaa firdiitti Nama isa waaqeffatu ni gana kan jedhe ni sobe jedhuu dha. Narraa fagaadhaa...
“Ani immoo yeroo sanatti, ‘Matumaa ani isin hin beeku, isin yaa warra hamaa hojjettanii, ija koo duraa badaa!’ jedheen mul'inatti isaanitti hima” jedhe."
(Maatewos 7:23)
Kiristaanota; Yesus Kiristos, dinqii baay'ee ofumaan hojjete jedhu, kana jechuun Yesus Kiristos, (Maatewos 12:28 fi Luqaas 11:20) irratti Yeus Kiristos, dinqii kan raawwatu hayyama Waaqayyoo fi humna Waaqayyo qofaan akka ta'e ifatti ragaa kan ba'e ni sobe jedhuu dha.
Kiristaanota; Yesus Kiristos, Kiristaanummaa hundeesse jechuun amanu, kuni Yesus Kiristos irratti sobuu dha. Yesus Kiristos, amantaa Kiristaanummaa matumaa hin beeku, bara isaattis gonkumaa hin turre. Yesus jireenya isaa guutuu keessatti guyyama tokkos waa'ee Kiristaanummaa illee dubbatee hin beeku.
Kiristaanota; Yesus Kiristos, mootii nagaa yeroo jedhan, Yesus sobee Namoota gowwoome (Luqaas 19:27 fi Luqaas 12:49) keessatti nagaa tokkollee hin fidne jedhee jira. diinonni isaa hundi akka fuuldura isaatti dhiyaatanii ajjeefamana ajaje!
itti fufa...
Waliif qoodaa keeyrii tana facaasaa.
Jzk ❤
??????????;
© Ifaa Dhugaa
Hangafa kitaabotaa
___
Kitaaba kanatu qajeelfama haqaati. Dogoongora kamirraayyuu bilisa, Namoonni gurguddaan addunyaa hedduun dogoongora keessa barbaanna jedhanii gaafa lafaa ka'an, Qur’aanni ani dogoongora irraa bilisa jedheen. Ragaa kanaatiif Qur'aanni akkana jedheera:
ذَٰلِكَ ٱلْكِتَٰبُ لَا رَيْبَۛ فِيهِۛ هُدًى لِّلْمُتَّقِينَ
"Kun kitaaba [Rabbiin biraa ta’uu isaa ilaalchisee] mamiin isa keessa hin jirreedha. warra Rabbiin sodaataniif qajeelfama" (Suuraa Al-Baqarah 2:2)
Qur'aanni ani qajeelfama Warra Rabbiin sodaatuuti jedheera.
.Qur'aanni kitaabota dachee kanarra jiran keessaa; kitaaba dadhabsiisaa addunyaati. Ana keessa shakkii fi dogoongorri hin jiru, abdii kutadhaa, na hordofaa, narraa garagaltan taanaan, Rabbiin jireenya addunyaa cinqaan isin jiraachisee, qiyaamaa jahannamitti isin garagalcha jedhee isin akeekkachiisa jedha Qur'aanni.
Mee amma Aayatoota Qur'aanaa dadhabsiisoo jedhaman, kan hayyootan Qur'aana keessaa baafaman haa xiinxallinuu..
وَإِن كُنتُمْ فِى رَيْبٍ مِّمَّا نَزَّلْنَا عَلَىٰ عَبْدِنَا فَأْتُوا۟ بِسُورَةٍ مِّن مِّثْلِهِۦ وَٱدْعُوا۟ شُهَدَآءَكُم مِّن دُونِ ٱللَّهِ إِن كُنتُمْ صَٰدِقِينَ
Yoo waan Nuti gabricha keenya irratti buufne, Qur’aana irraa shakkii qabaattan, yoo kan dhugaa dubbattan taataniif, suuraa akka isaa tokko fidaa, ragoota (gargaartotaafi deeggartoota) keessan kan Rabbiin ala jiranis waamadhaa. (Suuraa Baqaraa 2:23)
Keewwanni itti aanu immoo, fakkii Qur'aanaa dhiheessuu akka hin dandeenye dubbata. Akkasumas akeekkachiisa cimaa of keessaa qaba.
Yoo [amma dura] hin dalagin; fuuldurattis hin dalagdan; kanaafuu ibidda qabsiisaan ishee namaafi dhagaa ta’e kan diddootaaf qopheeffamte sodaadhaa. (Suuraa Baqaraa 2:24)
Ammas ragaan kana fakkaatu keewwata suuraa Qur'aana biraa keessattis dubbatameera.
أَفَلَا يَتَدَبَّرُونَ ٱلْقُرْءَانَۚ وَلَوْ كَانَ مِنْ عِندِ غَيْرِ ٱللَّهِ لَوَجَدُوا۟ فِيهِ ٱخْتِلَٰفًا كَثِيرًا
Sila isaan Qur’aana hin xiinxalanii? Odoo Rabbiin biraa dhufuu baatee, silaa isa keessatti wal dhabbii baay’ee argu turan.(Suuraa An-Nisaa' 4:82)
Ibsi keewwata armaan olii tasuma Qur'aanni qaama biroo biraa akka hin taane dubbata. Kana jechuun Qur'aanni kalaama [jecha] Rabbii (s.w.t) isa dhugaa akka ta'e mirkaneessa.
Mee amma gara suuraa Hijriitti haa imalluu...
إِنَّا نَحْنُ نَزَّلْنَا ٱلذِّكْرَ وَإِنَّا لَهُۥ لَحَٰفِظُونَ
Dhugumatti, Nuti Zikrii [Qur'aana] Numatu buuse, Numatu isa tiksoodha. (Suuraa Al-Hijri 15:9)
Maaykiin H.Hartiin waan jedhe: "Sababbiin Qur'aanni akka buufameen odoo wanti tokko itti hin dabalamin hanga har'aatti addunyaa keessa turuu danda'eef, Eegumsa Rabbii guddaa qaba jedhe. Akkasumas kitaabota jiran keessaa kitaaba qulqulluu dha jedhee ragaa bahe. Hayyuun kun muslimaa miti, hordofaa Amantaa "Kiristaanaati..
.Ammas mee gara suuraa Israa'itti haa imalluu...
قُل لَّئِنِ ٱجْتَمَعَتِ ٱلْإِنسُ وَٱلْجِنُّ عَلَىٰٓ أَن يَأْتُوا۟ بِمِثْلِ هَٰذَا ٱلْقُرْءَانِ لَا يَأْتُونَ بِمِثْلِهِۦ وَلَوْ كَانَ بَعْضُهُمْ لِبَعْضٍ ظَهِيرًا
Jedhi: “odoo ilmi namaatii fi jinnoonnis, fakkaataa Qur’aana kanaatiin dhufuu irratti walitti qabamanii, odoo gariin isaanii gariif gargaaraa ta’anii fakkaataa isaatiin hin dhufan.”(Suuraa Al-Israa'a 17:88)
Baay'innu ummata addunyaa; akka qorannoo yeroo dhihootiin barametti, Biiliyoona 8.2 olitti tilmaamaman. Odoo guutuun isaanii fakkaataa Qur’aanaa dhiheessuu irratti waliif galanii, gonkumaa fakkaataa Qur'aana kanaa dhiheessuu hin danda’an.
Kitaaba kaaliqaa fi makluuqa walbarsiisuu keessatti dorgomaa hin qabneedha.
Qindeessaan: Xaahir Galatoo