KRISTOS NAGAA KEENYA

Description
Channel kanarratti baruumsawwan
=>Amantii cimsannaa
=>Dhufaatii gooftaa
=>Dhuga ba'umsaa
=>Jajjabina hafuuraa
Akkasumas baruumsawwaan hafuuraa addaa addaa ni barsiifamu
Advertising
We recommend to visit

Jeet ek Nasha hai aur is Nashe ki Factory ka mai ek lauta Baadshah hoon !

My Channel Link
https://t.me/Baadshah

For Any Query Contact
My Username - @RehanBaadshah

Last updated 2 months, 2 weeks ago

Telegram irraa qarshii argachuuf link kana fayyadamaa.

https://telega.io/?r=l9NDCHx-

Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot

Last updated 1 month, 1 week ago

Kaayyoon chanali kanaa faarfannaa haaraa fi kan durii isin biraan ga'uudhaafi
Dabalataan seenaalee garaa garaa isin biraan ga'uf
@Burqaa43

Last updated 1 year ago

1 month, 3 weeks ago

DAWIT GIRMA  : NAN GOCCA
✝️JOIN: @galaanafaarfannaa

9 months ago

QORONTOOS ISA DURAA 3:1-9 Qo’achaa jirra
Kutaa 11ffaa fi 12 ffaa

Warra Maasii Waaqayyoo Keessa Hojjetan
1 Ani yaa obboloota ko, akka warra yaada foonii duukaa bu'anii, Kristositti immoo xobbee akka mucoolii ta'aniittan isinitti dubbadhe malee, akka warra yaada hafuuraa duukaa bu'aniitti isinitti dubbachuu hin dandeenye. 2 Ani aannan akka dhugdaniif isiniif kenneera; isin nyaata jabaadhaaf hin geenye turtan, ammuma iyyuu hin ga'in jirtu. 3 Isinoo amma iyyuu akka warra yaada foonii duukaa bu'anii ti; hinaafuunii fi wal qoccoluun erga isin gidduu jiraatee, isin warra yaada foonii duukaa buutan mitii ree? Akka yaada namaatti jiraattu mitii ree? 4 Isin keessaa inni tokko, “Ani kan Phaawulos” jedhee, inni kaan immoo, “Ani kan Apholos” yommuu jedhu, warra akka yaada namaatti hojjetan ta'uu keessan mitii ree?

5 Egaa Apholos kun maali? Phaawulos kunis maali? Inni, anis hojjetoota warra gara amantiitti isin waamanii dha; nus adduma addaan akka gooftaan nuuf kennetti in hojjenna. 6 Ani nan dhaabe, Apholos bishaan obaase, Waaqayyo garuu in guddise. 7 Waaqayyo isa guddisu sana malee, inni dhaabu, inni bishaan obaasus homaa miti. 8 Inni dhaabe isa bishaan obaasee wajjin tokko; adduma addaanis akka dadhabbii isaatti miindaa ofii isaatii in fudhata. 9 Nuyi hojii Waaqayyoo keessatti hidhata walii ti, isin maasii Waaqayyoo ti; mana Waaqayyo ijaaruu dhas*.

10 Akka ayyaana Waaqayyo biraa anaaf kennameetti, akka nama mana ijaaruu beekuuttis hundee manni irratti ijaaramu kaa'eera, namni kan biraa immoo isa irratti in ijaara; adduma addaan attamitti akka irratti ijaaru garuu haa akeekkatu. 11 Isuma dur kaa'ame sana malee homtinuu hundee biraa kaa'uu hin danda'u; hundeen dur kaa'ame sunis Yesus Kristos. 12 Namni warqeedhaan, meetiidhaan, dhagaa gati-jabeessaan, yookiis mukaan, citaadhaan, hoffaadhaanis hundicha irratti in ijaara. 13 Hojiin namaa adduma addaan ibiddaan mul'ifamee in beekama, guyyaan firdii bakkeetti in baasa; hojiin namaa adduma addaan maal akka ta'e, ibiddi qoree in mul'isa. 14 Hojiin namicha isa irratti ijaaree, utuu hin gubatin yoo hafe, namichi gatii isaa in fudhata. 15 Hojiin namichaa yoo duraa gubate garuu inni gatii isaa in dhaba; haa ta'u iyyuu malee ofii isaatii akka nama ibidda keessaa ba'eetti in oola.

@christ_our_peace
✍️ Kristos nagaa keenya

9 months ago

DUBBII WAAQAYYOO
Yoh 16: 12-14

12 “Ani waan baay'ee kanan isinitti himu illee qaba, ammaaf garuu baachuu hin dandeessan . 13 Hafuurri dhugaa sun yommuu dhufu, gara dhugaa hundumaa keessatti isin in geessa; inni waan dhaga'u dubbata malee, of keessaa fuudhee hin dubbatu; waan dhufuuf jirus isinitti in mul'isa. 14 Dubbii koo keessaa fuudhee waan isinitti mul'isuuf, inni anaaf ulfina in kenna. 15 Waan abbaan qabu hundinuu kan koo ti; kanaafan inni dubbii koo keessaa fuudhee isinitti in mul'isa, jedhee isinitti dubbadhe” jedhe.

-Gooftaan bartootaaf waan kenne deeme tokko dubbii Waaqayyoo ti.
- Yesuus gaafa deeme bartootaaf kan inni kenne dubbii waaqayyoo abbaa kenneefii deeme. Yoh17:14
- dubbii Waaqayyoo nuuf kenname
- Dubbiin Waaqayyoo mataan isaa Kiristoosuma dha.
- Dubbiin kee dhugaadha dubbichumaan jiraachisa.
- Ibr4:2
Dubbiin misiraachoo gara keenya inni dhufe isa nu gargaaredha.
- Dubbicha amantiidhaan guutumaatti fudhatamuun ta’aaf.
-waa’een kee caaffata qulqullaa’aa keessatti caafameera. Dubbicha dubbifadhu.
- dubbi nu keessatti nuuf hin ifne hin qabnu dubbii Waaqayyoo hafuura qulqulluun nu keessatti kan ibsu qabna.

- Bara isa dhumaa kanatti Waaqayyo karaa ilma isaa dubbata malee karaawwan biraa dubbachuu dhaabeera.
- Waaqayyo nama keessa darbee nama gargaaruu dhabeera.
- Waaqayyo karaa ilma isaa keessaan dubbataa jira.

Ibr1:1-3 “Bara duriitti Waaqayyo si'a baay'ee karaa garaa garaatiin, raajotaan abboota keenyatti dubbateera. 2 Guyyoota bara isa dhumaa kanatti immoo ilma isaatiin nutti dubbate; Waaqayyo ilma isaa kanaan waaqaa fi lafa uume; waan hundumaas harka isaatti kennuuf isa dhaabe. 3 Ifni ulfina Waaqayyoo isa irraa in calaqqisa, Waaqayyo akkuma jirutti isaan in mul'ata; dubbii isaa isa humna-qabeessaanis waan uumame hundumaa in baata. Inni cubbuuttii qulleeffamuu erga argachiisee booddee, ol gubbaa mirga isa surra-qabeessaa dhaqee in taa'e

- Dubbii Waaqayyoo dhaga’uu duwwaan hin fayyadu, dubbicha alanfatanii yaaduu barbaada.
- Dubbiin Waaqayyoo namaaf dhaggeeffatama utuu hin ta’iin mataa ofiif dhaggeeffatama.
- Sagaleen Waaqayyoo irra deddeebiin waa’ee isaa yaaduu barbaada.
- Dubbiin Waaqayyoo irraa deddeebi’anii isa caafame yaaduudhaanidha.
- Dubbiin Waaqayyoo jiraataadha humna hojjetus qaba.
-Dubbiin Waaqayyoo dubbii ijoo mata duree keenyadha. Dubbii Waaqayyoo ta’ee gara keenya kan dhufe bara dhumaa kanatti Kiristoosidha.
Iya1:1-
- Dubbiin jiraataan kun si keessa cal jedhee akka ta’uuf hin iyyamiin.
- Dubbii jiraataaa nu jiraachisu malee dubbii nu hin jiraachifne hin qabnu.
- Dubbii jiraachisu kan jijjiiree dhaabudha.
- Dubbiin Waaqayyoo jajjabbeessaa miti. Kan jireenyaa kan jiraachisudha.
- Dubbii jireenyatti jiraachisutu nuuf kenname malee dubbii gadabbeessu miti.
- Dubbiin Waaqayyoo boqonnaa haaraatti kan jiraachisudha.
- Dubbiin Waaqayyoo kun kan ulfinaa ulfinatti nama jiraachisudha.
- Dubbiin Waaqayyoo jireenya dha. Dubbiin Waaqayyoo jireenya keeti.
- Namni dubbii Waaqayyoo isa sanyii jiraataa irraa dhalate haalotaan lephoo hin ta’u.
- Dubbiin Waaqayyoo Kiristoos isa jiraataadha. Kiristoos kan jiraachisu dha.

Holy Spirit Qoutes!
Via Abdii Dabala
Waan dubbistaniif galatoomaa!

@christ_our_peace

✍️Kristos nagaa keenya

9 months ago

JIREENYA DUBBII WAAQAYYOON ARGAME JIRAACHUU
Fil1:27 Amma garuu akka warri wangeela Kristos fudhatan jiraachuun ta'utti jiraadhaa malee, kan biraa isin hin dhibin! Hafuura tokkoon iddoo keessanii utuu hin socho'in dhaabattanii, yaada tokkoon amantii karaa wangeelaa argameef akka wal dorgomtan nan barbaada; ani yoon dhufe akkasitti isin arguu, yoon dhufuu dhabaadhes akkasitti jiraachuu keessan dhaga'uu nan fedha.
- jirenyi warri wangeela kiristoos fudhatan waan dhagaa’amuu fi waan qaqqabatamu dha.
jireenyi warri wangeela Kiristoos fudhatan akkaataa isaan itti jiraatan maali?
1. Waaqayyoo jireenya wal makaa hin barbaadu. Sababni isaas jireenyichi guutuudha.
2. Waanta inni nurraa barbaadu ofii keenyaan akka goonu hin barbaadu. Eenyummaa isa irraa arganneen akka raaawwatnu barbaada.
Fakkaattii nuyiif kenname kan isa irraa arganneen akkeessaa akka jiraannu fedha Waaqayyooti. Waaqayyo irraa utuu fakkaattii hin fudhatiin tajaajijiluun in dandaa’ama. Garuu Fakkaattii sirrii fi akkeessaa sirrii hin argatu. 1pex1:23 jireenyi nuti jiraannu jireenya waaqayyooti malee jireenya qabatamaa hin taane miti.
- Sanyii hin badnetti kan argame jireenya Waaqayyoo isa hin badne jiraata.
Qol1:10 Jireenya gooftaadhaaf ta'u jiraachuu, yeroo hundumaa waan isatti tolu gochuu, hojii gaarii ta'e hundumaatti ija godhachuu, Waaqayyoon beekuuttis guddachuu akka dandeessaniif kadhachuu keenya.
- jireenyi waaqayyoo yeroo nuti jiraannu jireenya waaqayyoon gammachiisudha.
- jireenyi Waaqayyoo hojji gaarii ta’e hundumaatti guddachuu
-Nuti sambata guddaa dhufnee Waaqayyoon gammachiifna Utuu hin ta’iin yeroo hundumaa jireenya Waaqayyoo itti gammaduu danda’u jiraanna.
- Sanyii Waaqayyoo si keessa jiruuf ija godhachuun sitti hin cimu, sanyii si
Keessa jiru qofa ilaali. Sanyichi kiristoosidha.
Efes4:1
Waamicha waamamnetti akka ta’utti akka jiraattaniif isin gorsina.
- jireenya mo’icha qabataamaan guute jiraachuun nuuf kennameera malee jireenya qilleensa irraa miti. Jireenyi waaqayyoonuti fudhatne jirenya oduudhaan guute miti.
Gal2:20
“Egaa si'achi Kristos isa ana keessaatu jiraata malee, anatu jiraata miti; jireenya ani amma fooniin jiraadhu immoo, ilma Waaqayyoo isa na jaallate, ofii isaas dabarsee isa anaaf kennetti amanuudhaan nan jiraadha
. 21 Ani ayyaana Waaqayyoo gatii hin dhabsiisu; namni qajeelaa ta'ee lakkaa'amuun seeraan utuu ta'ee, yoos Kristos akkasumaan du'e kaa!”
Jireenyi kiristiyaanummaa ofii du’anij Kiristoosiin of keessaa jiraachisuudha.

HOLY SPRIT QOUTES!
Feb23/2022 Sunday morning Service
By Pastor Gudina Asefa

9 months ago

Far103
11 Bantiiwwan waaqaa lafa irraa fagaachuun isaanii guddaa akka ta'e, gaarummaan Waaqayyoos akkasuma warra isa sodaataniif guddaa jabaa dha. 12 Ba'i-biiftuu lixa-biiftuutii akka fagaatu, innis irra-daddarbaa keenya nuttii in fageessa; 13 abbaan ijoollee isaatiif akka garaa laafu, Waaqayyos akkasuma
warra isa sodaataniif garaa in laafa
.
Rom3
22 Namni Yesus Kristositti amanuudhaan fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa in ta'a; kana irrattis warra amanan hundumaaf garaagarummaan hin jiru. 23 Hundinuu yakkaniiru, ulfinni Waaqayyoos isaanitti hir'ateera. 24 Isaanumti immoo ayyaana Waaqayyoo isa karaa furii Yesus Kristos tola isaaniif kennameen, qajeelota in ta'u. 25 Inni dhiiga isaa dhangalaasee du'uudhaan warra isatti amananiif mi'a araaraa haa ta'uuf, Waaqayyo isa dhaabe. Waaqayyo ofii isaa qajeelaa akka ta'e mul'isuudhaaf kana godhe; obsa isaatiinis cubbuu namoonni kanaan dura hojjetan irra darbeeraaf.

We recommend to visit

Jeet ek Nasha hai aur is Nashe ki Factory ka mai ek lauta Baadshah hoon !

My Channel Link
https://t.me/Baadshah

For Any Query Contact
My Username - @RehanBaadshah

Last updated 2 months, 2 weeks ago

Telegram irraa qarshii argachuuf link kana fayyadamaa.

https://telega.io/?r=l9NDCHx-

Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot

Last updated 1 month, 1 week ago

Kaayyoon chanali kanaa faarfannaa haaraa fi kan durii isin biraan ga'uudhaafi
Dabalataan seenaalee garaa garaa isin biraan ga'uf
@Burqaa43

Last updated 1 year ago