TV LATTUU

Description
Advertising
We recommend to visit

Jeet ek Nasha hai aur is Nashe ki Factory ka mai ek lauta Baadshah hoon !

My Channel Link
https://t.me/Baadshah

For Any Query Contact
My Username - @RehanBaadshah

Last updated hace 3 semanas, 5 días

Telegram irraa qarshii argachuuf link kana fayyadamaa.

https://telega.io/?r=l9NDCHx-

Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot

Last updated hace 2 días, 3 horas

Kaayyoon chanali kanaa faarfannaa haaraa fi kan durii isin biraan ga'uudhaafi
Dabalataan seenaalee garaa garaa isin biraan ga'uf
@Burqaa43

Last updated hace 10 meses, 3 semanas

1 month, 2 weeks ago

Oduu Gammachiisaa waldaan kiristaanaa LATTUU Hafuura Waaqayyoo Addunyaa Sagantaa Conference Guddaa qophesitee jirtii Hirmatuu Ebbichaa Akka tatanif kabajafii Jaalalala waqayyoon aferamtanii Jirtuu

@Tv_LATTUU
@Tv_LATTUU

1 month, 3 weeks ago

#Eebba Bara Baraa Isa Samii Irraa Dhaaluu
1. Biyya mootummaa bara baraa dhaaluu (Mul. 21:1-4; Mat. 25:31-36);
2. Jireenya bara baraa argachuu (Yoh. 3:16; 17:1-3);
3. Bara baraan gooftaa waliin jiraachuu (Yoh. 17:24; 1Tas. 4:15-18);
4. Mana dhaalmaa bara baraa argachuu (Yoh. 14:1-3; 2Qor. 5:1-5; Fil. 3:20-21);
5. Abdii isa jiraataa dhaaluu (1Phe. 1:3-5);
6. Gooftaa isaanii fakkaachuu (Rom. 8:29-30; 1Yoh. 3:1-2);
7. Mootummaa abbaa isaanii keessatti akka biiftuu ifuu (Mat. 13:43)
8. Badhaasa garaa garaa argachuu; isaanis akka armaan gadiitti tarreeffamaniiru.
I. Eebbaa fi badhaasa garaa garaa mootummaa Waaqayyoo keessatti (Mul. 22:12):

𝆺𝅥 Mootummaan Waaqayyoo mootummaa bara baraan hin sochoonedha. (Dan. 2:34, 35,44-45)
» Qajeelonni bara baraan hin socho’ani (Fak. 10:25,30).
» Qajeelonni samii irratti bara baraan kabajamu. (Dan. 12:3).
» Namni qajelaan rakkina jalaa ni ba’a (Fak. 11:8-9; 21:18).
» Boqonnaa bara baraa argatu (2Tas. 1:6-7).
» Kan wayyuu fi kan caalutti darbuudha (Ibr. 11:39-40).
» Iji, gurri fi yaadi namaa kan bira hin ga’iin dhaalu. (1Qor. 2:9).
» Arjummaa Waaqayyo irraa qooddachuu (Mul. 7:13-17).
» Muka jireenyaa irraa nyaachuu, uffata adii, beekamtii fi damee meexxii argachuu (Mul. 2:7; 7:9).
» Maannaa fi dhagaa calaqqisaa maqaan haaraan irratti caafame fudhachuu (Mul. 2:17).
» Aboo, siiqqee sibiilaa fi bakkalcha bariitiin muudamuu (Mul. 2:26-28).
» Samii fi lafa haaraa dhaalu (Mul. 21:1-4).
» Yerusaalem Magaalaa haraa fi miidhagduu dhaalu (Mul. 21:9-29; 22:14).
» Magaalaa Waaqayyoo keessa isaa wajjin jiraatu (Ibr. 12:22)

Gooftaan Wantoota Haaraa Gochuuf Dhufa (Mul. 21:5)

  • Haaraa jechuun maal jechuudha?

1. Bantii Samii Haaraa - (Mul. 21:1) - Samiin fi macci isa keessaa kanaan duraa marti uumamee jiru baraa fi humna tajaajila isaani xummuruuf barrii fi dandeettiin isaanii akka dhumu gooftaan dubbateera. Kanaaf samii haaraa, isa hafuurotiin xuraa'oon keessatti hin hojjennee, hojjechuu hin dandeenye, keessa jiraachuu hin dandeenye, isa ilmaan namootaa qofaaf qopheessetuu achii as ba'a. Isa kana gooftaan deebi'ee dhufuu isaatiin ni mirkaneessa. Kunis iddoo ofii isaa jiraatu akka jiraannu isa waadaa seenee deemedha. (Yoh. 14:1-3). Samii roobaan nama hin mancaafne, qilleensa gubaa yookiin qorraan nama hin dhiphifne samii haaraa anaa fi siif kan qophaa'eef kan qophaa'e dhaqee ni dhaala.

2. Lafa Haaraa (Mul. 21:3) - laftis akkuma samii ilmaan namaaf kan hin mijanne: dhukkubaan, jibbaan, dhiiga dhangalaasuu, dadhabbii fi raata'uun kan nama rakkiftu, balaan uumamaa fi nam-tolchee kana balleessee lafa haaraa, gooftaa kan eenyu iyyuu irratti hin moone, sobduu fi goomattuun, paartiileen kan keessatti hin argamne, salphachuu fi rakkachuun kan keessa hin jirre, nuuf laachuuf gooftaan deebi'ee ni dhufa. Hiddi wal caalmaa tokko malee gammachuu guutuutiin waliin jiraannu, mootummaa nagaa fi qajeelummaan keessatti "perfect" ta'e akka dhaalluuf gooftaan koo deebi'ee dhufa. Lafti nuti hanga ammaatti irra jiraanne waan dulloomteef, waan nu dadhabdeef gooftaan haaressuuf dhufa. Ameen!

3. Jireenya Haaraa (Mul. 3:4-6; 21:22-27)
Egaa jireenyi ammaa fi kanaan duraa akka nuuf haaressan mootota hedduu walitti furree moosifannee ture. Garuu amma ijaan agarretti, akkuma amma ta'ee fi ta'aa jirutti, hin haarofne. Haa ta'u malee gooftaan du'a mo'ee ka'e hundumaa haaraan godha waan jedheef, kun foormulaa biraa hin barbaadu; amantiin simachuu qofadha malee. Egaa jireenya isa lafa kana irratti hawwinee dhabne quufuuf akka jirru dhugaa Wangeelaatti warri amanneef gooftaan deebi'ee dhufa.

@Tv_LATTUU
@Tv_LATTUU

1 month, 3 weeks ago

Sadaffaan killa warqee maannaa baatu yoo ta'u, nyaata Waaqayyo isaaniif kenne waan tuffataniif killi warqee maannaa baatu dhi'eessii Waaqayyoo irratti diddaa kaasuu isaanii dhalootaa dhalootatti ragaa irratti ba'a. Haaluma sana fakkaatuun dhalli namaa dhi'eessii Waaqayyoo kan Kakuu Haaraa Yesusitti amanuun waa'ummaa itti fakkaatee du'a bara baraaf kaadhimamanii kan jiran kumaaf kitila dha.

Adeemsa ayyaanaan guute Israa’elootni adeemaa turan keessatti haalli jijjiiramaan kan uumame erga Museen tulluu Siinaatti ol ba'ee seera yookiin abboommii sabni ittiin bulu fidee dha. Utuu Museen seericha hin fidin dura Bau 19:8 keessatti sabni sun yaada of tuulummaatiin akka waan seera Waaqayyoo eeguu danda'aniitti, "Wanta Waaqayyo jedhe hundumaa in goona" jedhan. Dubbannaan jaraa tokkoo tokkoo irra-daddarbaa namaatiif adabbiin du'aa akka hordofsiisu hin beekne turan. Kanaaf tulluu Siinaa irratti wal jijjiirraan ayyaanaa fi seeraa waan uumame fakkaata. Dhagoota kakuu lamaan irratti harki Waaqayyoo barreessee Museetti kenne keessaa yommuu inni deebi'u kakuu isa jalqabaa yookiin abboommii 1ffaa cabsanii isa eegan.

Duraan, “Waan Waaqayyo jedhe hundumaa in goona” kan jedhanii turan Museen gaaricha irra guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama waan tureef faallaa yaada duraa "Waaqayyo hin jiru" akka jechuutti waaqa tolfamaa—dibicha warqee hojjetatanii waaqeffannaa ciiggaasisaa jalqabanii eegan. Akka duraa irra darbuufiin waan hin jirreef adabbiin du'aa gaaricha jalatti jalqabe. Tarkaanfiin seeraa gaaricha jalatti jalqabe sun hamma gaafa Yesus Inni ayyaanaa fi dhugaan guute saba Isaa gidduu buufatetti kan itti fufe yoo ta'ellee, garuu baroota seeraa dheeraa sana keessatti utuu Waaqayyo ayyaanaa fi araara Isaa isa dhuma hin qabne sanaan saba Isaaf ho'ee hambaa hin hambifne ta'ee maaltu irraa hafa? Kanaafuu ayyaanni Waaqayyoo Kakuu Haaraa qofa keessa jira utuu hin taane Kakuu Moofaattis haala ajaa'ibsiisaan saba Waaqayyoo keessatti mul'ateera.

WANGEELA FAYYINAA

@Tv_LATTUU
@Tv_LATTUU

1 month, 3 weeks ago

haaraa guungummii isaanii haaraaf kenneefii faara itti tolaa ture malee nama tokkollee adabbii ajjechaa irratti hin fudhanne. Kun ayyaana Waaqayyoo deemsa Israa'elootaa keessatti mul'ataa turee dha.

Fakkeenyotaa fi taateewwan Kakuu Moofaa hundi gaaddidduu Yesus turan: Yoseef mana abbaa isaatii ba'ee obboloota isaaf galaa geesseefii ilaaluu dhaqnaan isaan immoo isa balleessuuf harka irratti ol fudhachuun isaanii, isa Yesus gara saba dhuunfaa Isaatii dhufnaan isaan qooda Isa simachuu Isa ajjeesan kan mul’isu; akkasumas Yoseef bara beelaa sanatti ormootaaf buddeena jireenyaa akka ta'ee fi intala ormaa fuudhuun isaa, isa nuyi warri ormootni Gooftaa Fayyinaa arganne yookiin kaadhimamuu waldaa kristiyaanaa kan agarsiisuu dha. Dhiigni hoolaa Faasikaa michichila mana isaaniitti Israa’elootni dibatanii baraaraman, maannaa lafa onaatti nyaatanii akka nyaata waa'ummaatti lakkaa'uun saba Israa’el, Yesus buddeena jireenyaa waaqa irraa dhufe—dhagaa golee qajeelchu ijaartotni tuffatan kan akeeku, aarsaan beelladootaa, mi'ootni mana qulqullummaa, godoo qulqullaa'aan, kakuu jaalalaa Daawitii fi Yoonaattaan waliif kakatan, gaarummaa Mefi-Boshetiif ta’ee fi lafti Kana'aan inni badhaadhummaa hundumaa of keessatti qabate Kristos Isa waan hundumaa keenya ta'e kan agarsiisuu dha.

Kattaan guddichi sabichi lafa onaa keessatti ittii dhuganis Kristos dha. Akkasumas bofni sibiila boorrajjii irraa hojjetame hundi kallattiidhaan gara Yesus agarsiisu. Inni Museen bofa sibiila boorrajjii irraa hojjetee rarraase gaaddidduu fannifamuu Yesus dha. Kallattiidhumaan bofa rarraasuu dhiisee bif-fakkii bofaa sibiila irraa bocuun isaa, Yesus mudaa fi cubbuu tokko illee kan hin qabne ta'uu isaa ibsa. Sibiilli boorrajjii murtii (firdii) agarsiisa. ‘Bofni sibiilli’ isa Yesus Inni qajeelaan qooda keenya cubbuu ta'e agarsiisa. Kanaaf cubbuun hundi fannoo Yesusiin murtii fudhate.

Sanduuqni Kakuu immoo haala adda ta'een namummaa fi waaqummaa Yesus calaqqisiise. Sanduuqni Kakuu laaftoo irraa kan hojjetamee fi warqeedhaan kan haguugame ture. Macaafa Qulqulluu keessatti mukti 'namummaa' warqeen 'waaqummaa’ kan agarsiisu yoo ta'u, Israa'el keessatti mukti laaftoo akka muka qulqulluutti ilaalama. Kanaaf kun 'Qulqulluu ta'uu namummaa Yesus' dubbata. Mukti warqeedhaan haguugame nama guutuu fi Waaqayyo guutuu ta'uu Yesus mul’isa.

Isaan sanduuqa kakuu dheerinni isaa dhundhuma lamaa fi walakkaa, bal’inni isaa dhundhuma tokkoo fi walakkaa, irraan oleen isaas dhundhuma tokkoo fi walakkaa ta’u muka laaftoo irraa haa tolchan! Keessa isaa fi duuba isaatti warqee qullaa’aa uffisi, qaalaa isaattis naannessii warqee kaa’i! (Bau 25:10-11)

Achi keessa immoo iddoo aarsaa isa warqee irraa hojjetamee ixaanni irratti aarfamu, akkasumas sanduuqa kakuu guutummaan isaa warqeedhaan uffifametu jira; killi warqee inni maannaa baatu, uleen Aaron inni late, akkasumas gabatoonni dhagaa lamaan warri abboommonni irratti caafaman, sanduuqa sana keessa in kaa’amu. (Ibr 9:4)

Wantoota sadiitu Sanduuqa Kakuu keessa kaa'ame: Inni jalqabaa dhagoota abboommii lamaan yoo ta'u, dhagichi fincilummaa fi seerota Waaqayyoo guutummaatti eeguu dadhabuu namootaa agarsiisa. Mat 4:3 irratti Seexanni yommuu Yesusiin qore, "Dhagoonni kun buddeena akka ta'aniif abboomi!" jedheen sanatti ajaa'iba dhagaan sun buddeena ta'uu arguu barbaadee utuu hin taane, abboommotni kurnan dhagoota lama irratti barreeffamanii waan turaniif 'dhagoota Seeraa' sanattii akka Yesus sooratu gaafachuu isaa ture. Kun immoo akkuma duraan goyyomsaan Addaam fi Hewwaaniin muka seeraattii—muka beekumsaatti soorachiisee isaan kuffise qorumsa sana fakkaatuun Yesusitti dhufe.

Waaqayyo, Addaam akka inni muka seeraattii hin sooranneef isa dhorke; garuu inni immoo abboommii Isaa cabsee kufe; Yesus Inni karaa hundumaan abboomamaa ta'e 'Dhagoota seeraa' sanattii qooddachuu diduudhaan abboommii Waaqayyoo fiixaan baase. Lammaffaan uleen Aaron late sun geggeessaa Waaqayyo muude irratti finciluu namaa fi mul'istuu du'aa ka'uu Yesus dha.

1 month, 3 weeks ago

GUUTUMMAAN MACAAFOTAA WAA'EE YESUS DUBBATU!

... Caaffattoonni sunis immoo Anaaf dhugaa in ba'u. (Yoh 5:39)

Bara Kakuu Haaraa kanatti yaaddan dogoggorsoo jiran keessaa tokko, "Kakuu Moofaan hafeera waan ta'eef Macaafa Kakuu Moofaa keessaa barsiisuu yookiin lallabuun sirrii miti" kan jedhuu dha. Barsiisni dogoggoraa kun beekumsa Caaffata Qulqullaa'aa dhabuu irraa kan dhufeedha malee, tokko tokkoo fuulota Macaafa Qulqulluu hundumaa irratti Yesus ni mul'ata. Akkuma duraan ilaallee turre Yesus Kakuu Moofaa keessa ulfaa'amee Kakuu Haaraa keessa dhalate. Adeemsa Isa beekuu keessatti Yesus Kristos akka namoonni dursanii Caaffata Qulqullaa'aa keessatti Isa argan barbaada.

Gama biraatiin lafa Yesus Kristos mul'ate hundatti ayyaanni mul'ateera; Kanaaf ayyaanni kan mul’ate dhalachuu Yesus irraa eegaleeti utuu hin taane, jalqaba Seera Uumamaa irraa hanga Mul’ata Yohannisitti argama. Ayyaanni Yesus dha; Yesus Wangeela dha. Wangeelli oduu gaarii dha. Kanaafuu Ayyaanni Waaqayyoo Kakuu Haaraa qofatti mul'ate utuu hin taane jalqabuma yeroo Addaam fi Hewwan cubbuutti kufan waan isaan qullaa isaanii dhokfachuuf baala harbuu marxifatan sana, Waaqayyo immoo bineelda ta'e dhiiga dhangalaasuun gogaa irraa uffata hojjeteefii itti uffisee qullaa isaanii waan wayyuun dhokseefii ayyaana Isaa mul’ise.

Yeroo jalqabaaf bakki dhiifamuu cubbuutiif dhiigni dhangala'uu akka qabu mul’isee fi Waaqayyo kaardii diimaa Seexanatti agarsiisee, gaaf-tokko immoo dhiiga Ilma Isaa Yesusiin guutummaatti bitaan biyya lafaa Seexanichi akka harka duwwaatti hafu itti mul’ise yommuu jarreen kana lamaaniif uffata hojjechuufiif beelladni qalamee dha. Addaam irraa dhaloota 7ffaa irratti kan argamu Henok Waaqayyo irraa ayyaana argateen fooniin ol butame; dhaloota 10ffaa irratti kan argamu Nohi ayyaana Waaqayyo irraa argateen markaba tolchee addunyaa bokkaa badiisaan baduun itti murtaa'e keessaa hambaa hambise. Markabichi gaaddidduu Yesus isa ittiin biyyi lafaa akka fayyaniif dhufe ibsa.

... Markaba kanaan namoonni muraasi, kana jechuun lubbuun saddeet bishaan keessaa oolan. Kunis fakkeenya cuuphaa isa isin amma ittiin ooltanii ti; … (1Phex 3:20-21)

Achumaan waamichi itti fufuun abbaa qomoo Yihudootaa kan ta'e Abrahaam filatamuudhaan amantiidhaan Waaqayyo duratti qajeelummaan lakkaa'ameef. Abrahaam nurraa fageenya baroota dheeraa hammana ga'u irra taa'ee Kakuu Haaraa fuulleetti argee, amantiidhaan itti jiraatees darbe—nama ayyaanome jechuun akkas kaa! Ilmaan Abrahaamis karaa Waaqayyo qopheesseen Gibxitti gad bu'uun hamma gaafa geggeessaa Museetiin Gibxii ba’aniitti adeemsichi haaluma wal fakkaatuun itti fufe. Fara'oon Israa'eloota kan gad dhiise dha'icha salgan duraaniitiin akkuma mataa jabaatetti kan ture yoo ta'u, garuu akkuma kaardii diimaan Waaqayyoo mul'ateen, kana jechuun dha'icha inni kurnaffaan angafa warra Misir ajjeesu raawwachuun dura Hoolaan Faasiikaa qalamuun dhiiga hoolichaa michichila balbala isaaniitti dibachuun manatti ol galanii foon isaa marxifatanii nyaatan; dha’icha kurnaffaa booda mootichi Israa’eloota gad lakkisuuf dirqame.

Ergamaan angafa ajjeesu namni mana keessaa qomoon isaa eenyu akka ta'ee fi qajeelummaa nama sanaa irratti hundaa'ee utuu hin taane, dhiiga hoolaa Faasikaa qofa yoo balbala irratti arge, ooluu jarreeniif dhiigichi quubsaa ta'uu mirkaneessee darbe. Aangoo dhiigichaatiin Israa'eloonni garbummaa jalaa gad dhiifaman. Egaa kun Kakuu Haaraa isa nuyi cubbuuwwan keenya hundumaaf ittiin dhiifama argannee ayyaanaan oolle ifaa ifatti hin mul'isuu ree? Waaqayyo abbaan, dhiiga Yesusitti quufee cubbuuwwan keenya haxaa'ee balleesse malee eenyummaa keenya irratti hundaa'ee miti'o. Ittuma fufuun Israa'elootni Gibxii kaasanii hanga tulluu Siinaatti ayyaana Waaqayyoo isa ho’aan guute keessa deemaa turan.

Deemsa ji'oota sadii hanga tulluu Siinaatti deeman keessatti: galaana diimaa biratti Waaqayyotti guungumuu—Bau 14:1-31, galaanicha ce'anii ji'a lama booda nyaata dhabanii guungumuu—Bau 16:1-36, yeroo bishaan dhaban guungumuu—Bau 17:1-7, guungumuu...guungumuu....deemsa guungummiin guute sana keessatti Waaqayyo ayyaana Isaatiin dhi'eessii

1 month, 3 weeks ago

⛪️ Abdii Jiraataatti qabamanii jiraachuu: ከሕያው ተስፋ ጋር መጣበቅ: Clinging to the Living Hope ⛪️
📖1Phe. 1 ³ Waaqayyo abbaa gooftaa keenyaa Yesus Kristosiif galanni haa ta'u! Inni araara isaa isa guddaadhaan, Yesus Kristos warra du'an keessaa ka'uu isaatiin, abdii isa jiraataa kanatti qabamnee akka jiraannuuf haaraa godhee nu dhalachiiseera. ⁴ Waan hin badne, waan xurii hin qabne, waan gad deebi'aa hin adeemnes, isa waaqa keessatti isiniif eegamee jirutti darbitanii akka fudhattan godheera.
▶️Inni araara isaatiin Yesuus Kiristoosiin warra du’an keessaa kaasuudhaan abdii jiraataa kanatti qabamnee akka jiraannuuf haaraa godhee nu dhalcheera.
▶️Warra biyya lafaa fi Kiristiyaanota gidduu garaagarummaan jiru yoo ilaalle, waa’ee abdiiti.
▶️Namoonni biyya lafaa kun, wanta ija foonitiin argamu yeroo of harkaa qabaatan abdii godhatu; nuyi Kiristiyaanonni garuu wanta ijaan hin argamnee yookin wanta harkaan hin qaqqabatamne ilaalleetu in amananna, amanannaan keenya kun immoo abdii nuuf kenna.
▶️Abdiin nuyi Waaqayyoo irraa qabnu kun immoo nu hin yellaasisu; wanti ijaan argamu kan yeroo muraasaati; abdiin ija fooniitiin argamu wanta college, tortoree baduudha.
▶️Wanti ijaan hin argamne kan barabaraati; inni kunis abdii jiraataadha.
📖2Qor. 4 ¹⁷ Rakkinni salphaan inni nuyi yeroodhaaf baannu kun, ulfina bara baraa isa safara malee guddaa sana baachuudhaaf nu qopheessa. ¹⁸ Nuyi gara wanta ijaan hin argamnee ilaalla malee, gara wanta ijaan argamuu hin ilaallu; wanti ijaan argamu yeroodhumaaf ta'a, wanti ijaan hin argamne garuu kan bara baraa ti.
📖 2Qor. 5:7 “Nuyi amantiidhaan jiraanna malee, waan hundumaa ijaan arguudhaan jiraanna miti.”
Abdiin Kiristiyaanotaaf kenname kun maalidha?
⓵Waan hin badne
▶️Abdii namni namaaf kennu horii yookiin mana yoo ta’e, wanti biiftuu kanaa gaditti namni namaaf kennu hunduu wanta badu, wanta samu, wanta harca’uudha.
▶️Abdiin Waaqayyoo nuuf enne kun garuu, abdii lafa irraa utuu hin taane, jireenya barabaraa isa ta'e abdii Waaqarraati; abdiin kunis nama hin leeyyaasisu.
📖“Abdiin inni nu abdachiise isa kana; innis jireenya bara baraa ti.”
▶️Abdiin Waaqayyoo nuuf gale, abdiin jireenya barabaraa kun, qabee nu dhaaba; nu jabeessa.
📖 Ibr. 6:19 “Akka qofoon sibiilaa markaba qabee dhaabu, nuyis abdii amanamaadhaa fi cimaa lubbuun qabatee dhaabatu qabna; inni iddoo hundumaa irra caalaa qulqulluu gara isa keessaa iyyuu in ga'a.”
⓶Waan xurii hin qabne.
▶️Abdii qulqullaa’aa isa mudaa hin qabane jechuudha.
▶️Abdii namni namaaf kennu mudaa fi hir'ina kan qabuudha malee abdii guutuu miti. Abdiin Waaqayyoo namaaf kennu garuu abdii qullaa’aa fi mudaa hin qabneedha.
▶️Abdiin kun isa Waaqarraa waan ta’eef, abdii qullaa’adha; xurii fi mudaa hin qabu.
▶️Abdii gadi deebi’aa hin adeemnedha.
▶️Abdiin kun yeroo hundumaa ibsaa (shine) gochaa kan adeemuudha. Isa fuula duratti ibsaa adeemuudha malee, isa gadi-deebi’aa adeemu miti.
▶️Abdiin Waaqayyoo warra isa jaallatan itti waame kun, ibsaa adeema malee, dukkana’aa hin adeemu.
📖Dan. 12:3 “Warri ogummaadhaan nama geggeessan akka ifa bantii waaqaa, warri namoota baay'ee gara qajeelinaatti deebisanis akka urjootaa, yeroo hundumaaf bara baraan calaqqisuuf jiru.”
📖Fak 4:18 “Daandiin qajeelotaa akka ifa barii ganamaa, isa yeroo biiftuun baatee ol adeemtu, ittumaa ifaa ol adeemuu ti.”

. 📱📲 share
👍 Like
✍️ Comment
❤️Join

@Tv_Lattuu
@Megertu_Dhugasaa

1 month, 3 weeks ago

https://youtu.be/_-Bywskvv_Y?si=cedfrHO-tf2IAE84

YouTube

NAA GARGAARI YAA WAAQAYYOO//WORSHIP TIME// SINGER GUDETA XINNOO // TV LATTUU

Daawwattoota fi Hordoftoota Sagantaa keenyaa Yeroo hundumaa Ergaawwan keenya argachuuf Subscribe Like Share godhaa! #Aposteltariku #Tvlattuu #Tarikushifera #tvlattuu #Aposteltarikushifara #Ergamaataarikuushifarraa #Lattuutv

1 month, 3 weeks ago

#Apostle Tarikuu Shifarraa

Namni michuu wal baafatee😢

@Share
@ like
@Join
Gochuun jaalalaa Keessan nuuf ibbsa

Horaa bulaa

@Tv_Lattuu
@Tv_Lattuu

1 month, 4 weeks ago

https://youtu.be/8REdKyys0wQ?si=_Pofzmk55niGRRBO

YouTube

#New_Amazing_worship_WAAN_HAARAA_With_Yaadani_Shiferaw

#SUBSCRIBE\_TV\_LATTUU\_OFFICIAL\_YOUTUBE

We recommend to visit

Jeet ek Nasha hai aur is Nashe ki Factory ka mai ek lauta Baadshah hoon !

My Channel Link
https://t.me/Baadshah

For Any Query Contact
My Username - @RehanBaadshah

Last updated hace 3 semanas, 5 días

Telegram irraa qarshii argachuuf link kana fayyadamaa.

https://telega.io/?r=l9NDCHx-

Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot

Last updated hace 2 días, 3 horas

Kaayyoon chanali kanaa faarfannaa haaraa fi kan durii isin biraan ga'uudhaafi
Dabalataan seenaalee garaa garaa isin biraan ga'uf
@Burqaa43

Last updated hace 10 meses, 3 semanas