Infinite Entertainment, Zero Cost: Get Your Free Books, Music, and Videos Today!

KENNAA

Description
KENNAA Dhaloota Qubeetiif!!
Walbarsiisaa wal bashannansiisuuf
Chaanaalii keenyaaf miseensa tahaa!!


Chaanaalii kana irraa👇
👉DA'AWAA
👉ODEEYFANNOO
👉WALALOO
👉ASOOSAMA
👉SEENAA fi kkf argachuu dandeessu!!
✍yaadaaf👇
@AbdiiBiyyaa iraan nu biraan gahaa!!
Advertising
We recommend to visit

Jeet ek Nasha hai aur is Nashe ki Factory ka mai ek lauta Baadshah hoon !

My Telegram Channel Link
https://t.me/+S9lLIcfDkRrhG-VZ

For Any Query Contact
My Username - @RehanBaadshah

Last updated 1 week, 4 days ago

Youtube Irraattis nu Argattu

https://www.youtube.com/c/KaachuuEntertainment

Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot

Last updated 1 month, 2 weeks ago

𝗝𝗶𝗿𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮 𝗺𝗶𝗹𝗸𝗮𝗮'𝗮𝗮 𝗷𝗶𝗿𝗮𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳 𝗸𝗮𝗸𝗮'𝘂𝘂𝗺𝘀𝗮 𝗬𝗔𝗔𝗗𝗔𝗔 𝗳𝗶 𝗗𝗔𝗡𝗗𝗘𝗘𝗧𝗧𝗜𝗜 𝗱𝗵𝗼𝗸𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗼𝗳𝗶𝗶𝘁𝘁𝗶 𝗳𝗮𝘆𝘆𝗮𝗱𝗮𝗺𝘂𝘂𝗳 𝗾𝗼𝗽𝗵𝗶𝗶 𝘁𝗮'𝘂𝘂 𝗯𝗮𝗿𝗯𝗮𝗮𝗰𝗵𝗶𝘀𝗮!
💥 @Oromoo_Inspire_YaadaafBot 💥

Last updated 1 week, 5 days ago

5 days, 21 hours ago

Assalaamu Aleeykum Warahmatullaahi Wabarakaatuhu

Obboloota koo mee

Alhamdulillaah jedhaa mee

Har'a Jumu'aa kana jarri kaafiraa Rabbiin keenya ni du'e(ni fannifame) jedhanii sanuu ayyaana godhatanii kabajachaa jiru(Subhanaka yaa Allaah).

Akka yaada jaraatti Rabbiin isaanii har'a qabrii keeysa bula jechuudha.

Subhaanaka yaa Allaah.

Alhamdulillaah, Rabbiin nuti gabbarru kan hin tumamne, kan hin kittaanamne, kan hin beelofne, kan hin fannifamne, kan hin garafamne, ......Rabbiin keenya hanqinoota hunda irraa qulqullaa'aadha.

Rabbiin garafamee fannifamee ajjeefame yemmuu jedhan xiqqomallee hin qaana'anii jarri kun?.

Kan ofiifuu du'aa fi garaffii, fannifamuu jalaa of hin baraarin akkamiin dhala namaa baraaraa?. Eenyutu immoo aanguu Rabbi reebuu fi fannisuu qabaa?. Yeroo inni du'ee qabrii seenu immoo eenyutu bakka bu'ee uumama kana bulchaa turee?.

Ammas guyyaa Rabbiin isaanii tumamee fannifamee ajjeefame akkamitti ayyaana godhatanii gammadanii nyaataa fi dhugaatii quufanii burraaqaa ooluu?. Du'a isaatti gammadaa isa jaalanna jechuun hoo wal hin faalleeysuu?.

Walumaagalatti Rabbiin jallinatti nama hin naqin, Rabbiin fahmii nuuf haa kennu. Dhugaa baay'ee nama gaddisiisa. Namni hamma kana jallinatti wal-naqee wal fixaa jira. Dharri ifa bahee lallabama.

Nuti Muslimoonni immoo Rabbii waan hanqinoota jedhame irraa qulqullaa'e Allah qabna. Rabbiin keenya hunda dand'aadha.

Alhamdulillaah Alhamdulillaah

Alhamdulillaah. Alhamdulillaah

@Kennaapost @Kennaapost

T.me/Kennaapost

Telegram

KENNAA

KENNAA Dhaloota Qubeetiif!! Walbarsiisaa wal bashannansiisuuf Chaanaalii keenyaaf miseensa tahaa!! Chaanaalii kana irraa***👇*** ***👉***DA'AWAA ***👉***ODEEYFANNOO ***👉***WALALOO ***👉***ASOOSAMA ***👉***SEENAA fi kkf argachuu dandeessu!! ***✍***yaadaaf***👇*** @AbdiiBiyyaa iraan nu biraan gahaa!!

Assalaamu Aleeykum Warahmatullaahi Wabarakaatuhu
6 days, 23 hours ago
***♥️******🍇***JUMU'AA MILKAA'INAA***🍇******🍇***

♥️🍇JUMU'AA MILKAA'INAA🍇🍇
💗💗💗💗💗💗💗💗💗💗💗💗💗

Kabajamtootaa fi jaalatamtoota hordoftoota chaanaalii keenyaa baga guyyaa kabajamaa fi jaalatamaa guyyaa Jumu'aa guyyaa kheeyrii kanaan isin gahe.

Sunnaawwan guyyaa jumu'aa
• Qaama dhiqachuu
• Qeensa qorachuu
• Shittoo(Urgooftuu) fayyadamuu👉dhiira qofaaf
• Yeroon gara masjiidaa deemuu
• Suuraa Alkhahaf qara'uu
• Ergamaa Rabbii(Sa Al Ws) irratti salawaata heddummeessuu
• Uffata babbareedaa uffachuu
• Du'aa'II heddumeessuu
• Sadaqaa(Kennaa) heddummeessuu

Walumaa galatti wantoota kheeyrii heddumeessuu wantoota hamoo(sharrii) irraa fagaachuun jumu'aa keenya haadabarsinuu!!!!!!!!!

Guyyaa jumu'aa kanaan Rabbiin biyya keenyaa fi ummata keenyaaf nagaa nuuf haa buusu jedhaatoo Du'aa'II godhaa!!!
♥️Nagaa♥️Peace ♥️Salam♥️

صلی الله علیه وسلم

😊 اللَّهُمَّ صَلِّ وَ سَلِّمْ عَلَى نَبِيِّنَا مُحَمَّدٍ ﷺ 😍

@Kennaapost
t.me/Kennaapost

1 week, 1 day ago
● Allaamatu Ibnul Qayyim (Rahiimahullaah) akkana …

● Allaamatu Ibnul Qayyim (Rahiimahullaah) akkana je'e:-

👉 Teessoon Ummata Gaarii waan Jaha (6) irraa gara waan Jahatti (6) si jijjiira:

  1. Shakkii irraa gama Yaqiinaa.
  2. Na Arkaa irraa gama Ikhlaasaa
  3. Ghaflaa (Daguu) irraa gama Zikrii.
  4. Duniyaa Kajeeluu irraa gama Aakhiraa Kajeeluu.
  5. Boona irra gama Of Gad Qabuu.
  6. Niyyaa Hamtuu irraa gama Niyyaa Tolchutti si jijjiira. #Khalaas

#Ustaaz_Hakiim_Hassan

@Kennaapost @Kennaapost

T.me/Kennaapost

2 weeks, 1 day ago
Abadan na mo'achuu hin danda'an

Abadan na mo'achuu hin danda'an
~~~
Osoo warri dhihaa sirratti duulanii akkamitti Da'awaa itti fufte? Lubbuu keetiif hin sodaattuu? Kan jedhu ture gaaffiin isaaf dhihaate.

Hayyuun kun gaaffii kana jacha Ibnu Teeymiyaan (Rahimahullaah) jedhe tokko fayyadamee deebii kenneef. "Warri na jibban maal na gochuu danda'u?

Yoo na hidhan mana hidhaa keessa taa'een ibaadaa godha. Yoo biyya irraa na baasan dachii keessa deemeen Rabbi gabbara. Yoo lubbuu kiyya baasan Shahiideen ta'a. Gonkumaa waan tokkollee na gochuu hin danda'an jedhe daa'iin adduunyaa kanaa, manni kitaabaa guddichi jaarraa 21ffaa, mataa dhukkubbiin warreen dhihaa Dr Zakir Naik Rabbi si haa tiksu kan akka keetii nuuf haa baay'isu.

© Amar Temam

@Kennaapost @Kennaapost

T.me/Kennaapost

2 weeks, 4 days ago
SALAATA

SALAATA
••••••••••

Hin hifatinii Obsaan naaf dubbisi si fayyadaa

==> Dirqama RABBII kiyyaa.
==> Dhaamsa nabiyyii kiyyaa S A W.
==> Mullistuu amantii tiyyaa.
==> Mirkaneeysituu eenyummaa kiyyaa.
==> Dasii ija tiyyaa.
==> Gammachuu lubbuu tiyyaa.
==> Dhiiyxuu dilii tiyyaa.
==> Ibsituu qabrii tiyyaa.
==> Raahaa lahdii tiyyaa.
==> Nuura qalbii tiyyaa.

==> Bareechituu fuula kiyyaa.
==> Fayyaa qaama kiyyaa.
==> Toolchituu haalaa fi amala kiyyaa.
==> Tasgabbeeysituu sammuu tiyyaa.
==> Eyduu nagaya kiyyaa.
==> Faaya jiruuf jireenya kiyyaa.
==> Ballistuu rizqii tiyyaa.
==> Qulqulleeysituu Qaama kiyyaa.
==> Hariiroo anaa fi RABBII kiyyaa.
==> Qulfii jannataa.
==> Rakkataaf furmaata.
==> Gammachiiftuu cinqataa.
==> Laaffiftuu waan jabaataa.

HIN LAAFFISIN, HIN XIQQEYSIN,
HIN LAKKISIN, HIN DHIISIN,
HIN TUFFATIN, HIN DAGATIN,
HIN HIFATIN, HIN JIBBIN,
BOODATTI HIN AANSIN,

YAROON SALAATI, JABEEYSI, JABEEYSI !!!

Habiibii kiyya !! Obboleeyyan keetiif SHARE Gootu malee bira hin dabrin !!

T.me/Kennaapost

3 weeks ago
Mee murteessaa

Mee murteessaa
~~~
Giifti duree Faransaay Brigiit Maakroon

Dambii uffannaa barattoota dhaabbilee barnootaa Faransaayiin uffannaan dubartoota Muslimaa hijaabni akka dhorkamu yeroo dhiibbaa gootu akkas jette:-

''Kanneen hijaaba uffatan barattoota isaan kaaniif haara galfii hin kennanu, madda sodaafi dhiphinaa isaanitti ta'u'' jette.

Suuraa irratti kan argitan kun isiifi muslimoonni akka hin balaaleffatamne, hijaabni akka hin dhorkamne biyya Faransaay keessatti qabsoo guddaa gaggeessuun kan beekamtu Saalwaadha.

Mee Rabbiif jedhaatii kan nama sodaachisu, barattoonni yeroo argan kan rifataniifi kan dhiphisee haara galfii nama dhabsiisu kami isaan kana keessaa?

© Amar Temam

@Kennaapost @Kennaapost

T.me/Kennaapost

2 months, 2 weeks ago

Kophaa herregamna

Namni hundi guyyaa qiyaamaa kophaa Rabbi duratti gaafatama. Paartiin hin jiru. Gareen hin jiru. Tuutni hin jiru. Firri hin jiru. Aanaan hin jiru. Biyyi hin jiru. Sabni hin jiru. Firqaan itti if irkisanilleen namaa wajjiin hin dhaabbattu.

﴿وَكُلُّهُم آتيهِ يَومَ القِيامَةِ فَردًا﴾ [Maryam: 95]

“Cufti isaanii Rabbitti dhufuuf taa’aan guyyaa qiyaamaa kophaa isaanii” Suuraa Maryam: 95

﴿وَلَقَد جِئتُمونا فُرادى كَما خَلَقناكُم أَوَّلَ مَرَّةٍ وَتَرَكتُم ما خَوَّلناكُم وَراءَ ظُهورِكُم وَما نَرى مَعَكُم شُفَعاءَكُمُ الَّذينَ زَعَمتُم أَنَّهُم فيكُم شُرَكاءُ لَقَد تَقَطَّعَ بَينَكُم وَضَلَّ عَنكُم ما كُنتُم تَزعُمونَ﴾ [Al-An‘ām: 94]

“ Dhugumatti nutti dhuftanii jirtan herregamuuf kophaa keeysan akkuma nuti jalqaba kophaa isin uumnetti, waan nuti isiniif kennine hunda of duubatti dhiiftanii dhuftan,….” An’aam: 94

Yaa Allaah warra suma sodaaf hamtuu irraa fagaatu, sumarra kheeyrii duniyaa fi aakhiraa kajeeluuf toltuu qofa dalagu nu taasisi!!!

Yaa Allaah Rahmata keetiin nu mil'adhu!!!

@Kennaapost @Kennaapost

T.me/Kennaapost

2 months, 2 weeks ago
DUBBII AJAA'IBAA

DUBBII AJAA'IBAA
♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡

Jaartiin Gosa afur (4) qabdi. Mee dubbisaa!

@Kennaapost

  1. Jaartii hamtuu:
    Jaartii ajaja jaarsa Isii hin goone, tan jaarsa Isii hin dhageenye. Jaartii azaaba Duniyaa jaarsa seensistu.

  2. Jaartii hifattuu;
    Jaartii waan Jaarsi itti ajaje hunda osoo jibbituu hojjattu, garuu ajaja jaarsaa hin diddu.

  3. Jaartii nagayaa:
    Qaalii jaarsaa hin diddu. Ajaja isaa nigooti. Waan inni ajaje hunda nihojjatti, garuu ajaja isaa malee ofii hin beeytu!

  4. Jaartii Raaziyaa:
    Jaartii osoo Jaarsi hin dubbatin, waan inni fadhuu fi waan inni jibbu fuula isaarraa qaraatu, tan osoo inni itti hin himne beeytu, tan ajaja jaarsaa malee isa gammachiistu.

Yaa Nama dhugumaan fuudha feetu Jaartii Raaziyaa tan akka lakkoofsa 4ffaa irra jirtuu tana Rabbi siif haa kennu!

Share waliif godhaa!!!

@Kennaapost @Kennaapost

T.me/Kennaapost

2 months, 2 weeks ago

𝗚𝗼𝗿𝘀𝗮 𝗡𝗮𝗺𝗼𝗼𝗺𝗮𝗮 𝗦𝗵𝗲𝗲𝗸𝗸𝗼𝘁𝗮𝗮 𝗙𝗶 𝗨𝘀𝘁𝗮𝗮𝘇𝗼𝘁𝗮𝗮 𝗛𝗮𝘄𝗮𝗮𝘀𝗮 𝗕𝗮𝗿𝘀𝗶𝗶𝘀𝗮𝗻𝗶𝗶𝗳…

𝙎𝙤𝙙𝙖𝙖 𝙍𝙖𝙗𝙗𝙞𝙞 𝙌𝙖𝙗𝙖𝙖𝙙𝙝𝙖𝙖.
Namni Sodaa Rabbii qabu ni bareeda. Qalbii sodaa rabbiitiin guuttamte wanti biroo sodaachisuuf ni rakkata.

𝘽𝙖𝙧𝙣𝙤𝙤𝙣𝙣𝙞 𝙆𝙚𝙚𝙨𝙨𝙖𝙣 𝙍𝙖𝙜𝙖𝙖 𝙒𝙖𝙟𝙟𝙞𝙞𝙣 𝙃𝙖𝙖 𝙏𝙖’𝙪.
Wanti ragaadhaan Hin deeggaramne oduu durii fakkaata.oduun immoo dhumni Isaa Hin bareedu.

𝙅𝙚𝙘𝙝𝙖𝙖 𝙁𝙞 𝙂𝙤𝙘𝙝𝙞 𝙆𝙚𝙚𝙨𝙨𝙖𝙣 𝘼𝙠𝙠𝙖 𝙒𝙖𝙡 𝙃𝙞𝙣 𝙁𝙖𝙖𝙡𝙡𝙚𝙨𝙨𝙞𝙣𝙚 𝙀𝙚𝙜𝙜𝙖𝙙𝙝𝙖𝙖.
Wanti nutti himtanii fi wanti isin gootan Yoo Wal faallesse nuti ni dhamaana. Doktoruma Sigaaraa Akka harma haadhaatti luugaa dhukkubsattootaan “Tamboo Xuuxuun miidhaa hamaa qaba” jedhu nutti Hin ta’inaa.

𝘿𝙖𝙡𝙖𝙜𝙖𝙙𝙝𝙖𝙖 𝘿𝙖𝙛𝙦𝙖 𝙆𝙚𝙚𝙨𝙨𝙖𝙣 𝙉𝙮𝙖𝙖𝙙𝙝𝙖𝙖.
Namni Rasuula Rabbii(Saw) Fi sahaabota Isaanii (R.a) caala rakkatee beela’e seenaa Keessatti Hin jiru. Dalaganii akka dafqa isaaniitiin bulan rasuulli rabbii (saw) barsiisan. Namni dafqa ofii nyaatu bilisa. Namni harka namaa eeggatu immoo arrabni isaa bilisummaa hin qabu.

𝙊𝙛𝙞𝙞 𝙆𝙚𝙚𝙨𝙨𝙖𝙣𝙞𝙞 𝙒𝙖𝙡 𝙌𝙪𝙗𝙖 𝙌𝙖𝙗𝙖𝙖𝙙𝙝𝙖𝙖.
Beekkumsii Fi barnoonni Keessan Wal caalus, waan hawaasaaf dabarsitan keessatti Wal quba qabaadhaa.

𝙎𝙖𝙜𝙖𝙡𝙚𝙚 𝘽𝙞𝙡𝙗𝙞𝙡𝙖𝙖 𝙆𝙖𝙡𝙡𝙖𝙩𝙩𝙞𝙞𝙣 𝙆𝙚𝙚𝙨𝙨𝙪𝙢𝙢𝙚𝙚𝙨𝙨𝙖𝙖:-
Namni bilbila keessaan kaasaa, sagalee gadi naa qabaa jedhu hedduun iccitii Fi sagalees akka itti gadi qabatan hin beeku waan ta’eef, ofirraa dhoorgaa.

𝙁𝙖𝙖𝙧𝙪𝙪 𝙁𝙞 𝙆𝙚𝙣𝙣𝙖𝙖 𝘿𝙖𝙖𝙣𝙜𝙖𝙖 𝘿𝙖𝙗𝙧𝙞𝙩𝙚 𝙊𝙛𝙞𝙧𝙧𝙖𝙖 𝘿𝙝𝙤𝙤𝙧𝙜𝙖𝙖:-
Gaafa Ummanni darsa mara fidaa kiisii keessanitti suuquu eegale, ATM miilaan hawaasa Keessa deemu taatan. Namni marti horii dafqa ofii namaaf hin kennu,Namni martis toltuuf jecha waa namatti Hin fidu.

𝘽𝙖𝙧𝙖𝙩𝙩𝙤𝙤𝙩𝙖𝙖 𝙛𝙞 𝙈𝙖𝙧𝙖𝙖𝙩𝙖𝙖 𝙆𝙚𝙚𝙨𝙨𝙖𝙣 𝙂𝙤𝙧𝙛𝙖𝙙𝙝𝙖𝙖:-
hardhaan tana hawaasni sababa namoota maqaa Ustaazaa himataniitiin booyaa fi dhukkubsataa jira. Darasaa markaza cabsitee cinaan barnoota osoo Hin xumurin Mic harkatti qabattus achumatti nurraa hidhaa.

𝙃𝙖𝙦𝙖 𝙍𝙖𝙗𝙗𝙞𝙞 𝘿𝙪𝙗𝙗𝙖𝙘𝙝𝙪𝙪 𝙄𝙧𝙧𝙖𝙩𝙩𝙞 𝙄𝙨𝙩𝙞𝙦𝙖𝙖𝙢𝙖𝙖 𝙌𝙖𝙗𝙖𝙖𝙙𝙝𝙖𝙖.
Dhugaa dubbachuun gatii nama kafalchiisa, dhugaa argitan hunda dubbachuuf sodaattanis, soba gargaaruu irraa fagaadhaa.

𝙂𝙖𝙖𝙧𝙖𝙧𝙧𝙖𝙖 𝙃𝙞𝙣 𝙏𝙖’𝙞𝙣𝙖𝙖:-
Gaararraan Bakka gahee fi itti irkate San fakkaata. wanti isin baadhattanii deemtan waan jijjiiramaa deemuu miti. amaanaa Osoo Hin sharafamin isin bira gahe akkuma jirutti bakkaan gahuuf yaalaa.

𝘼𝙛𝙬𝙖𝙣 𝙇𝙞𝙡𝙡𝙖𝙖𝙝. 𝙒𝙖𝙖𝙣 𝙄𝙟𝙖𝙖𝙣 𝘼𝙧𝙜𝙚𝙚 𝙛𝙞 𝙆𝙚𝙚𝙨𝙨𝙖 𝙉𝙖 𝙌𝙪𝙪𝙦𝙪 𝙄𝙧𝙧𝙖𝙖 𝘽𝙖𝙧𝙧𝙚𝙚𝙨𝙨𝙚.

𝘼𝙖𝙡𝙞𝙢𝙢𝙖𝙣𝙞𝙞 𝙁𝙞 𝘿𝙖𝙖’𝙞iwwan 𝙂𝙪𝙧𝙜𝙪𝙙𝙙𝙖𝙖 𝙉𝙪 𝙆𝙚𝙚𝙨𝙨𝙖 𝙅𝙞𝙧𝙖𝙣 𝙀𝙚𝙜𝙪𝙪 𝙁𝙞 𝙠𝙖𝙗𝙖𝙟𝙪𝙪𝙣 𝙙𝙞𝙧𝙦𝙖𝙢𝙖 𝙠𝙚𝙚𝙣𝙮𝙖 𝙝𝙪𝙣𝙙𝙖.

@Kennaapost @Kennaapost

T.me/Kennaapost

Telegram

KENNAA

KENNAA Dhaloota Qubeetiif!! Walbarsiisaa wal bashannansiisuuf Chaanaalii keenyaaf miseensa tahaa!! Chaanaalii kana irraa***👇*** ***👉***DA'AWAA ***👉***ODEEYFANNOO ***👉***WALALOO ***👉***ASOOSAMA ***👉***SEENAA fi kkf argachuu dandeessu!! ***✍***yaadaaf***👇*** @AbdiiBiyyaa iraan nu biraan gahaa!!

𝗚𝗼𝗿𝘀𝗮 𝗡𝗮𝗺𝗼𝗼𝗺𝗮𝗮 𝗦𝗵𝗲𝗲𝗸𝗸𝗼𝘁𝗮𝗮 𝗙𝗶 𝗨𝘀𝘁𝗮𝗮𝘇𝗼𝘁𝗮𝗮 𝗛𝗮𝘄𝗮𝗮𝘀𝗮 𝗕𝗮𝗿𝘀𝗶𝗶𝘀𝗮𝗻𝗶𝗶𝗳…
2 months, 3 weeks ago
[#Oduu\_Gammachiisaa](?q=%23Oduu_Gammachiisaa)

#Oduu_Gammachiisaa
Waltajjii Afaan Oromootiin Yeroo Jalqabaatiif Handhuura Oromiyaa #Magaalaa_Finfinneetti

Sagantaa simannaa Ramadaanaa
Maqaa #Barii_1ffaa Mata
Duree #Dharraa Jedhuun
#Kebor_Multimedia fi #Arka_Multimedian Waliin Tahuun
Gaafa Guyyaa 23/06/2016 Sa'aatii 7:00 Irraa #Galma_Giddu_Gala_Aadaa _Oromoo tti
Bakka Ulamaa'onni, Du'aatonnii fi Hooggantoonni Hedduun Argamanitti Haala Adda taheen Ni adeemsifama.
#Ammuma_Itti_Qophaahaa

@Kennaapost @Kennaapost

T.me/Kennaapost

We recommend to visit

Jeet ek Nasha hai aur is Nashe ki Factory ka mai ek lauta Baadshah hoon !

My Telegram Channel Link
https://t.me/+S9lLIcfDkRrhG-VZ

For Any Query Contact
My Username - @RehanBaadshah

Last updated 1 week, 4 days ago

Youtube Irraattis nu Argattu

https://www.youtube.com/c/KaachuuEntertainment

Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot

Last updated 1 month, 2 weeks ago

𝗝𝗶𝗿𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮 𝗺𝗶𝗹𝗸𝗮𝗮'𝗮𝗮 𝗷𝗶𝗿𝗮𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳 𝗸𝗮𝗸𝗮'𝘂𝘂𝗺𝘀𝗮 𝗬𝗔𝗔𝗗𝗔𝗔 𝗳𝗶 𝗗𝗔𝗡𝗗𝗘𝗘𝗧𝗧𝗜𝗜 𝗱𝗵𝗼𝗸𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗼𝗳𝗶𝗶𝘁𝘁𝗶 𝗳𝗮𝘆𝘆𝗮𝗱𝗮𝗺𝘂𝘂𝗳 𝗾𝗼𝗽𝗵𝗶𝗶 𝘁𝗮'𝘂𝘂 𝗯𝗮𝗿𝗯𝗮𝗮𝗰𝗵𝗶𝘀𝗮!
💥 @Oromoo_Inspire_YaadaafBot 💥

Last updated 1 week, 5 days ago