Unlock a World of Free Content: Books, Music, Videos & More Await!

NAN BARADHA

Description
❏ Barnoota walii galaa
❏ Odeeffannoo dinqisiisoo
❏ Seenaa Beektota Addunyaa
❏ Affeerraa Keessummaa Kabajaa

✍️ @YaadafiGaaffii_bot
Advertising
We recommend to visit

Jeet ek Nasha hai aur is Nashe ki Factory ka mai ek lauta Baadshah hoon !

My Telegram Channel Link
https://t.me/+S9lLIcfDkRrhG-VZ

For Any Query Contact
My Username - @RehanBaadshah

Last updated 1 week, 4 days ago

Youtube Irraattis nu Argattu

https://www.youtube.com/c/KaachuuEntertainment

Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot

Last updated 1 month, 2 weeks ago

𝗝𝗶𝗿𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮 𝗺𝗶𝗹𝗸𝗮𝗮'𝗮𝗮 𝗷𝗶𝗿𝗮𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳 𝗸𝗮𝗸𝗮'𝘂𝘂𝗺𝘀𝗮 𝗬𝗔𝗔𝗗𝗔𝗔 𝗳𝗶 𝗗𝗔𝗡𝗗𝗘𝗘𝗧𝗧𝗜𝗜 𝗱𝗵𝗼𝗸𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗼𝗳𝗶𝗶𝘁𝘁𝗶 𝗳𝗮𝘆𝘆𝗮𝗱𝗮𝗺𝘂𝘂𝗳 𝗾𝗼𝗽𝗵𝗶𝗶 𝘁𝗮'𝘂𝘂 𝗯𝗮𝗿𝗯𝗮𝗮𝗰𝗵𝗶𝘀𝗮!
💥 @Oromoo_Inspire_YaadaafBot 💥

Last updated 1 week, 5 days ago

9 Monate, 1 Woche her

[💎 Baga nagaan gara chaanaalii keenyaa dhuftan! እንኳን ወደ ቻናላችን በሰላም መጡ! Chaanaaliin keenya namoota profile, logo, banner fi kan kana fakkaatan channel isaanitiif hojjechiifachuu barbaadaniif miidhagsee hojjeta!

💎 Yoo jaalattan barreeffama kana irratti si'a tokko gadi tuquun channel isiniif dhufu «JOIN» gochuun maatii keenya ta'aa! Galatoomaa!](https://t.me/+NKvAzG6dU5IxNWM8)
HOPE PROMOTION
Advertising Telegram
Channels/Groups
@Hope_Promo
@Getpostbot

9 Monate, 1 Woche her

QABANNAA JIREENYA KEETII BEEKI! | @Nan_Baradha

✪ Namicha hiyyeessa tokkotu sangaa tokko qaba ture jireenyi itti ulfaannan sangaa isaa gabaa geessee gurguratee utuu deebi'uu mana dhugaatiitti goree isa booda dhugee machaa'ee manatti galuuf karaa irra bu'e, utuu deemuu waan mana ga'e itti fakkaatee karaa irra ciise. Achitti saamtun itti dhufanii qabeenya isaa hunda harkaa fudhatanii rifeensa isaa irraa haadanii sokkan.

✪ Machiin irraa galee gaafa ka'u qarshiin isaa harka hin jiru. Iyyuuf gaafa mataa qabatu, rifeensi irra hin jiru. Isa booda kun ana miti jedhee deebi'ee rafe!!!

→→→→↓↓↓↓↓

⩩ Qabaa jireenya keetii beeki! Akkamitti akka bobbaatee galtuu fi daandiin filannoo keetii gara kamitti akka si geessu hubadhu! Kufaatitti akka si hin geessine eeggadhu! Hiriyaa keetiif share godhi!

@Nan_Baradha
@Nan_Baradha

9 Monate, 1 Woche her

Jireenyi na Barsiifte
👤 Guutuu Amsaaluu

📆 BARA 2006

📚Afaan Oromoo PDF
Fuula-72║Hanga-789KB
sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
@Nan_Baradha
@Nan_Baradha
━━━ ⸙ ━━━
@Reading_pdf
@Reading_pdf
🔺JOIN🔺

10 Monate her

[𝖡𝖺𝗀𝖺 𝖭𝖺𝗀𝖺𝖺𝗇 𝖣𝗁𝗎𝖿𝗍𝖺𝗇! 🤝
⫸ Kun iddoo jijjiirama dhuunfaadhaa hanga maatii akkasumas kan tajaajilaa itti fidnuudha. Koottaa Nutti dabalamaa!

⫸ This is a home where you make a difference in your personal life, family life and ministerial sphere. Join us!

💞 Akkasumas Gaaffilee dhuunfaa kan hariiroo jaalalaa fi maatii wajjiin wal qabataniif deebii gorsaa ni argattu! 💞

«𝗝𝗢𝗜𝗡 𝗨𝗦 𝗡𝗢𝗪»
👉✪🄹🄾🄸🄽✪👈
👉✪🄹🄾🄸🄽✪👈
👉✪🄹🄾🄸🄽✪👈
👉✪🄹🄾🄸🄽✪👈
𝖣𝗁𝗎𝗀𝗎𝗆𝖺𝗍𝗍𝗂 𝗇𝗎 𝗐𝖺𝗅𝗂𝗂𝗇 𝗒𝗈𝗈 𝗍𝗎𝗋𝗍𝖺𝗇 𝗍𝖺𝗃𝖺𝖺𝗃𝗂𝗅𝖺 𝗄𝖾𝖾𝗇𝗒𝖺𝗍𝗍𝗂 𝖻𝖺𝖺𝗒'𝖾𝖾 𝗀𝖺𝗆𝗆𝖺𝖽𝖽𝗎!
꧁𝗚𝗮𝗹𝗮𝘁𝗼𝗼𝗺𝗮𝗮!꧁](https://t.me/+V1glBwIbvAZ9NF_2)
𝗛𝗢𝗣𝗘 𝗣𝗥𝗢𝗠𝗢𝗧𝗜𝗢𝗡
𝐀𝐝𝐯𝐞𝐫𝐭𝐢𝐬𝐢𝐧𝐠 𝐓𝐞𝐥𝐞𝐠𝐫𝐚𝐦
   𝐂𝐡𝐚𝐧𝐧𝐞𝐥𝐬/𝐆𝐫𝐨𝐮𝐩𝐬

10 Monate her

DEEBI'ANII KA'UU | @Nan_Baradha
— Nick Vujicic
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
❒ "Daa'ima waggaa saddeetii ta'een of ajjeesuun anarra jira jedheen yaade. Sababiin isaa abdii hin qabun ture. Kanaaf harka kennuun yaale, abdii kutachuu. Yennaa umuriin koo waggaa kudhanii, bishaan mana keessa jiruun of ukkaamsee of ajjeesuuf yaaliin godhe. Abbaa kootti, "bashannanuu barbaadeenii"n jedheenii. Garuu dhugaa dhaan jiraachuu dhaabuun barbaade. Na gaheera ture. Namoonni waan gadi na qabaniif baay'ee natti ulfaate. Ani nama guutuu fi gahaa akkan hin taane amanuun eegale. Nama dadhabaa fi nama kufe akkan ta'e amanuun eegale. Nama namoonni jaalatan yookiin sifeeffatan tasa ta'uu akkan hin dandeenyen amanuu eegale. Haalan keessa ture jijjiiruu hin dandeenye, guyyaa tokko ganama ka'ee, 'harkaaf lukan barbaada, harkaaf luka naa kenni!' jechuu hin dandeenye. Gaaffiiwwan qaba ture, garuu deebii hin qabu ture. Abbaa koof haadha koo "maalif kun ta'e?" Jedheen gaafadhe. Ogeeyyii fayyaadhaan "maalif kun ta'e?" Jedheen gaafadhe. Hin beekani.

» Jireenya keessatti wantoonni to'annoo kee ala ta'anii ati jijjiiruu hin dandeenye, kan waliin jiraachuuf dirqamtu jiru. Filannoon nu qabnu lama:
➀. Harka laachuu (abdii kutachuu) yookiin
➁. Deemsa keenya itti fufuu.

⌲ Kanaaf yommuu kuftu maal goota? Deebitee kaata. Kana namni hundi beeka. Sababiin isaas yoon deemuu eegale bakka fedhe nan gaha. Garuu sittan hima, jireenya keessatti yeroon tokko tokko jira, yeroon ati kuftee deebitee ka'uuf garuu jabina itti dhabdu. Ani gajjallaa kanan jira, lafatti galagalee. Harkaaf luka hin qabu. Deebisee ka'uu dhaaf waan hin danda'amne ta'uu qaba, garuu miti. Argitee, deebisee ka'uu dhaaf si'a dhibba deddeebisee nan yaala, yennaa dhibba yoo naaf milkaa'uu baate, abdii yoon kute deebisee nan ka'a jettee yaaddaa? Lakki, garuu yoo naa milkaa'uu baate, irra deebi'ee yoon yaale, ammas ammas irra deddeebi'ee yoon yaale hamman yaaluu koo itti fufetti yennaa hunda carraa deebisee ka'uu nan qaba.

⌲ Hamma abdii kuttee harka laattutti kun dhuma miti, ammallee abdii qabda. Arrabsamuun, mana caccabaa qabaachuun akkam akka ulfaatu hin beeku, garuu laphee cabe qabaachuun akkam akka ta'e beeka. Kophaa ta'uun maal akka ta'e beeka. Garuu kun dhuma akka hin taane akka beektun barbaada. Haalli ati itti xumurtu murteessaadha. Ciminaan xumurtaa? Yoos cimina itti deebitee kaatu argatta,.... akka ani ka'e kana."

Haasaa 'Nick Vujicic' walgajjii irratti taasise. Akkan irraa baradhe, irraa baratta jedhee abdiin qaba.

» Aniif ati ciminaan xumurraa laata? Namoota jaalattuuf share godhi!

JoinUs | @Nan_Baradha
JoinUs | @Nan_Baradha

10 Monate her

Leenca Irraa Maal Baranna | @Nan_Baradha

❏ Cimina amala Leencaa keessaa waanan hiriyootaaf qooduu jaalladhu tokko:

Leenci kuruphee qabachuudhaaf lafa 100km yoo ari'e, kurupheen inni lafa dheeraa fiigsise sun lafa dheeraa jalaa baqattee, kan biraan haaraan turuf jettee yoo miilluma isaa jalaa itti baate, ishee lafa dheeraa ari'aa ture sana dhiisee, ishee haaraa faana hin fiigu! Sababni ishee lafa dheeraa ari'ee fide sana, adeemsa wal fakkaataa, dadhabbii wal fakkaataa keessummeessaniiru waan ta'eef, ishee fiigicha wajjin jalqabe sanatti xumura godhe malee kan biraa wajjin dorgee hin jalqabu. Milkaa'umsi leencaa dhoksaan isaa inni guddaan kanadha. Yoo harkaa baatellee, ciisee tasgabbaa'ee, qaama isaa haareffatee akkaataa itti kan biraa adamsee nyaatu irratti xiyyeeffata. Akkaataa itti harka keessa galfatu hunda dursee qophii xumura!

༄ Amala namaa keessaa dadhabaan immoo: Namoonni baay'een waan tokkicha irratti xiyyeeffatanii, sana galmaan ga'achuu irratti hin xiyyeeffatan. Mana shiroo tokko yoo banate, tokko immoo ollaatti dhufee yoo mana kompiyuuteraa banate, kana wayya fakkaata jedhee sana itti dhiisee, bifuma wal fakkaatuun innis mana kompiyuuteraa banata. Sana qabee kana qaba. Miilla lamaan bakka lama altokkotti fiiguu barbaada. Mul'ata dhuunfaa cichee hin qabu, yaada namaa jiraata! Yoo akka yaade ta'uufii didellee taa'ee fala irratti hin xiyyeeffatu. Taa'ee of hooqa. "Ani fala hin qabu!" jedhee lallaba bututaa ofitti lallaba.

Ergaa:
༄ Ati leenca caalaa cimaadha! Ogummaadhaan jiraachuu baradhu! Namni dandeettii mataa ofiitti ogummaan fayyadamee milkaa'ina barbaadu bira gahuuf:

➊. Milkaa'inaaf hawwii cimaa qabaachuu qaba!
➋. Mul'ata isaa fageessee irratti yaaduu qaba!
➌. Fedhii olaanaa qabaachuu qaba!
➍. Kaayyoo isaatiif cimee/cichee hojjechuu qaba!
➎. Waan hojjetu jaalachuu qaba!
➏. Waan hojjechuu qabu beekuu qaba!
➐. Gargaarsa namoota ciccimoo irraa argatetti fayyadamuu danda'uun irra jiraata!
➑. Hunda caalatti ofirratti hojjechuu qaba!
➒. Fayyummaa isaas ni eeggata!"

@Nan_Baradha
@Nan_Baradha

10 Monate her

Seenaa Joe Biden Irraa Maal Baranna? | @Nan_Baradha

★️ Ijoollummaa isaatti seeraan dubbachuu waan hin dandeenyeef namoota biratti fudhatama dhabe.

★️ Guyyaa lammaffaa Nelia (haadha manaa isaa duraa) waliin restaurant tokkotti wal qacaree gatii nyaataaf waan kanfalu dhabee, Nelian teessoo jalaan $20 itti laattetti.

★️ Raayyaa waraanaa keessatti qacaramuuf jedhee dhukkubni ‘Asthma’ isa rakkisee utuu hin qacaramin hafe.

★️ Bara 1988 Biden yaalii baqaqsanii yaaluu ujummoo dhiigaa kan sammuu (surgery for a brain aneurysm) taasise. Ji’a sadii booddees irra deebi’ee surgery ta'e.

★️ Haadha manaa fi mucaa isaa balaa konkolaataan dhabe. Kana hordofee rakkoo sammuu godhachuudhaan hanga ajjeechaaf of saaxiluutti deemee ture.

★️ Joe Biden Pirezidaantii United States 46ffaa ta'ee filameera.

Namoota wantoota baay’ee rakkisoo ta'aniin wal'aansoo qabaa jiraniif dhaamsi isaa kanadha. Yaadadhaa! “Yeroon baay’ee cimee nama rakkisu hanga dhumaatti hin jiraatu, namni cimaan garuu ni jiraata.”

@Nan_Baradha
@Nan_Baradha

10 Monate, 1 Woche her

Jechoota Beektotaa 10 Kan Daandii Milkaa'inaa Irra Nama Buusan | @Nan_Baradha

➊. Injifachuuf keessa jiraachuu qabda.
- Tony Robbins

➋. "Milkaa'inni quuqama tokko malee kufaatii irraa gara kufaatiitti gufachuudha."
- Winston Churchill

➌. "Namoonni yeroo baay'ee kaka'umsi hin turu jedhu. Kanaafidha guyyaa guyyaan akka jajjabaataniif kan gorsuuf!"
- Zig Ziglar

➍. Abjuu kee dhugoomsuu yoo barbaadde wanti jalqaba gochuu qabdu dammaquudha.
- J.M.

➎. Aangoo boruu dhugoomsuu dhaaf daangaa shakkii keenya har'aa qofa ta'a. - Franklin D. Roosevelt

➏. Mo'amuun hedduu nu mudachuu danda'a garuu mo'amuu hin qabnu.
- Maya Angelou

➐. Jiladhu (waliin adeemi) malee abdii gonkumaa hin dhiisin!
- Joorji Luukaas

➑. "Daandiin milkaa'inaa yeroo hunda ijaaramaa jira."
- Lily Tomlin

➒. "Ani nama of tolche miti. Gargaarsa baay'ee argadheera."
- Stan Lee

➓. "Abjuu kee yoo hin ijaarre namni biraa akka isaan kan isaanii sin ijaaran gargaara."
- Tony Gaskins

Join | @Nan_Baradha
Join | @Nan_Baradha

10 Monate, 1 Woche her
NAN BARADHA
10 Monate, 1 Woche her
𝖧𝖨𝖱𝖤𝖤 𝖿𝗂 𝖪𝖤𝖭𝖭𝖠𝖠 | 𝖪𝗂𝗍𝖺𝖺𝖻𝖺 𝗑𝗂𝗇𝗌𝖺𝗆𝗆𝗎𝗎 …

𝖧𝖨𝖱𝖤𝖤 𝖿𝗂 𝖪𝖤𝖭𝖭𝖠𝖠 | 𝖪𝗂𝗍𝖺𝖺𝖻𝖺 𝗑𝗂𝗇𝗌𝖺𝗆𝗆𝗎𝗎 𝖻𝖺𝖺𝗒'𝖾𝖾 𝗇𝖺𝗆𝖺𝗍𝗍𝗂 𝗍𝗈𝗅𝗎𝗎 𝖿𝗂 𝖾𝗋𝗀𝖺𝖺 𝗄𝖺𝗄𝖺'𝗎𝗎𝗆𝗌𝖺𝖺 𝖼𝗂𝗆𝖺𝖺 𝗊𝖺𝖻𝗎!
👤 𝗛𝗮𝘄𝘄𝗶𝗶 𝗠𝗮𝗹𝗸𝗮𝗮𝗺𝘂𝘂 𝗍𝗂𝗂𝗇
@Hawi_melkamu
    ━━━━•═•═•━━━
🔖 "𝙹𝚒𝚛𝚎𝚎𝚗𝚢𝚊 𝚓𝚒𝚛𝚊𝚊𝚗𝚗𝚞 𝚔𝚎𝚎𝚜𝚜𝚊𝚝𝚝𝚒 𝙺𝙴𝙽𝙽𝙰𝙰 𝚗𝚞𝚞𝚏 𝚔𝚎𝚗𝚗𝚊𝚖𝚊𝚗 𝚋𝚎𝚎𝚔𝚞𝚞 𝚏𝚒 𝚒𝚝𝚝𝚒 𝚏𝚊𝚢𝚢𝚊𝚍𝚊𝚖𝚞𝚞𝚗 𝙳𝚄𝚁𝚂𝙰𝙰 𝚗𝚊𝚖𝚊 𝚝𝚊𝚊𝚜𝚒𝚜𝚊!"
    ━━━━•═•═•━━━
📚 𝖪𝗂𝗍𝖺𝖺𝖻𝖺 𝗑𝗂𝗇𝗌𝖺𝗆𝗆𝗎𝗎 | Afaan Oromoo
📆  𝖡𝗂𝗍𝗈𝗈𝗍𝖾𝗌𝗌𝖺 17, 2015

⌲ 𝖨𝖽𝖽𝗈𝗈𝗇 𝖺𝗋𝗀𝖺𝗆𝖺 kitaabaa: 𝖬ana Kitaabaa 𝖤rmiyaas 𝖬agaalaa 𝖭aqamtee 𝖭aannoo 𝖬arfata 2ffaa

👉 Obboloota keessaniif #share taasisaa!

@Reading_pdf
@Reading_pdf

@Nan_Baradha
@Nan_Baradha

We recommend to visit

Jeet ek Nasha hai aur is Nashe ki Factory ka mai ek lauta Baadshah hoon !

My Telegram Channel Link
https://t.me/+S9lLIcfDkRrhG-VZ

For Any Query Contact
My Username - @RehanBaadshah

Last updated 1 week, 4 days ago

Youtube Irraattis nu Argattu

https://www.youtube.com/c/KaachuuEntertainment

Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot

Last updated 1 month, 2 weeks ago

𝗝𝗶𝗿𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮 𝗺𝗶𝗹𝗸𝗮𝗮'𝗮𝗮 𝗷𝗶𝗿𝗮𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳 𝗸𝗮𝗸𝗮'𝘂𝘂𝗺𝘀𝗮 𝗬𝗔𝗔𝗗𝗔𝗔 𝗳𝗶 𝗗𝗔𝗡𝗗𝗘𝗘𝗧𝗧𝗜𝗜 𝗱𝗵𝗼𝗸𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗼𝗳𝗶𝗶𝘁𝘁𝗶 𝗳𝗮𝘆𝘆𝗮𝗱𝗮𝗺𝘂𝘂𝗳 𝗾𝗼𝗽𝗵𝗶𝗶 𝘁𝗮'𝘂𝘂 𝗯𝗮𝗿𝗯𝗮𝗮𝗰𝗵𝗶𝘀𝗮!
💥 @Oromoo_Inspire_YaadaafBot 💥

Last updated 1 week, 5 days ago