IFA DHALOOTAA MINISTIRII

Description
√Addaam bakka mijataa jannata keessa utuu jiraatuu seexanaan mo'ame;Yesuus garuu bakka mijataa hin taane,lafa onaa keessatti seexana moo'ate.eeyyee yoomiyyuu Yesuus hundumaa in caala!

√Barumsaawwan gaggabaaboon chaanali kanaan ni kennamu,itti fayyadamaa!
Advertising
We recommend to visit

Jeet ek Nasha hai aur is Nashe ki Factory ka mai ek lauta Baadshah hoon !

My Channel Link
https://t.me/Baadshah

For Any Query Contact
My Username - @RehanBaadshah

Last updated 1 month, 2 weeks ago

Chaanaalli kun yeroo hundumaa Walaloowwan filatamoo fi ergaa guddaa qaban kan siniif dhiyeesaudha.

Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot


https://telega.io/?r=l9NDCHx-

Last updated 4 months ago

Kaayyoon chanali kanaa faarfannaa haaraa fi kan durii isin biraan ga'uudhaafi
Dabalataan seenaalee garaa garaa isin biraan ga'uf

@Burqaa43

Last updated 1 year, 2 months ago

6 months, 2 weeks ago

CHANNEL BARNOOTA GUDDAA DABARSAA JIRU ISIN AFFEERRE JIRRA JOIN GODHACHUUN ITTI FAYYADAMAA.
?????

6 months, 2 weeks ago

Of Gaggeessuu (Self leadership)
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
Jireenya keessatti gaggeessuummaan gosa hedduu jira. Kanneen keessaa tokkoo fi isa jalqabaa kan tahe of gaggeessuu dha. Kun immoo gosoota gaggeessummaa keessaa ulfaataa kan ta'edha. Ogeeyyiin gaggeessummaa hedduun of gaggeessuun gaggeessummaa isa jalqabaa akka ta'ee fi salphaatti kan hin ilaalamne akka ta'e ibsu.
Of gaggeessuun imaammata mataa ofii danda'e qaba. Isaan kana gabbifachuun immoo dandeetti of gaggeessuu ni dabalu. Isaanis:
1. Of beekuu/ self awareness/ Inni kun akka nama dhunfaatti sonawwan jireenya ofi beekuu, ciiminaa fi dadhabina ofii beekuu, of madaalaa deemuu fi namoota irraa dubdeebbii fudhachaa deemuu of keessatti qabate.
2. Of hoggannuu/ self management/ inni kun ammoo dandeetti yeroo ofii bulchuu fi miira ofi bulchuu of keessatti qabata. Kana guddisuuf ammoo akka toftaatti kan nu fayyadan: waan gaarii ofitti himu/positive self talk/, hiriyaa irraa dubdeebbii fudhachuu, waan tahu barbaadnu fakkiin kaa'uu/ visual board/ qabaachuu fa'adha.
3. Of sissi'eessuu/ self motivation/
Si'aa'iinaaf wanti barbaachisaan tokko fi guddaan galma ofii beekuudha.
Si'aa'iinni= Galma + Humna(energy)+ Xiqqaa irraa eegalani hojjachuu dha.
4. Of guddisuu ykn of barsisuu / self development/: akka nama of gaggeessuu tokkotti guyyuu dubbisuu, leenjii adda addaa fudhachuu fi namoota nu gorsan yookiin mentor godhachu barbaachisa.
5. Of gamaagamuu/ self reflection/: guyyuu waan keessa ole of gaafachuu fi ciiminaa fi laafina keenya adda baasaa deemuu fi jireenyi keenya haala kamiin akka deemaa jiru beekuu barbaachisa.

Akka walii galaatti dandeetti #of_gaggeessuu kana guddisuuf #tooftaaleen fayyadan
1. Mul'ataa fi galma ofii haala SMART ta'een kaa'achuu
2. Yeroo keenya #matrix_of urgent and important fayyadamuun sirnaan hogganuu
3. Bilchina miiraa ofii guddisuu
4. Nama har'aa irra dhaabbatanii boritti eessa gahuuf akka deemnuu fi addunyaan garam deemaa jirti beekuu/proactive/ fa'adha.

@Gaggeessummaa
@Ifa_dhalootaa

8 months, 3 weeks ago

Akkuma nyaanni foon keenya irraa waantota baayyee ittisu, nyaanni sammuu keenya waantota baayyee ittisa. Kanaaf nyaata sammuu keef ta'u argachuuf channalii kana join godhachuun sammuukeef soorata taasisi.
?????

8 months, 3 weeks ago

Umurii waggaa 14tti kan heerumte yeroo taʼu, umurii waggaa 20tti haadha mucaa tokkoo taate. Dubartii miliyeenara yeroo jalqabaaf quba ishee 10n qabeenya horattedha. Dubartii jalqabaa dhaala maatii ishee malee hojjettee galmee dinqisiisoo (Guinness Book of Records) irratti galmooftedha.

Sara Breedlove jedhamti. Bara 1867 kibba USA, kutaa Louisiana keessatti dhalatte. Maatiin ishee, obboloonni ishee angafaa fi obboleettiin ishee garboota maasii jirbiii keessaa hojjetan turan. Saaraan garuu bilisumaan dhalatte. Yeroo umuriin ishee waggaa 7 turetti maatii ishee dhabde. Maatiin ishee erga du'anii booda obboleettii ishee fi abbaa warraa ishee bira jiraachuu eegalte. Saaraan ijoollummaa isheetti hojii mana keessaa kan hojjettu siʼa taʼu, yeroo mana barumsaa itti galtu hin qabdu turte. Boodarra yeroo mana barumsaa sanbataa (weekend) barattu barnoota idilee ji'a 3 qofa akka qabdu dubbatti.

Yeroo Moses McWilliams tti heerumte umuriin ishee waggaa 14 qofa ture. Isheenis waan isa jaallatuuf waan kana hin goone. Dhugaan jiru abbaan manaa obboleettii ishee nama naamusa hin qabne siʼa taʼu, Saaraan maatii sana jalaa miliquuf karaan tokkicha gaaʼela qofa ture. Waggaa afur booda Saaraa fi Musee intala Haleeluyaa jedhamtu godhatan. Waggaa lama booda abbaan manaa Saaraa duʼe. Kanaaf Saaraan umrii waggaa digdamaatti haadha daa'imaa dubartii abbaan manaa irraa duʼe taate.

Bara 1888tti Saaraan gara Seent Luwiisitti deemte. Obbolaan ishee achitti mana rifeensaa hojjetu turan. Qarshii mana barumsaa intala iseef ta'u argachuuf uffata namaa miiccuu fi nyaata bilcheessituu ta'uun hojjechuu eegalte. Saaraan guyyaatti gara doolaara 1.50 argatti turte.

Akkuma hojjettoota uffata miiccaan hunda, Saaraan keemikaala irraa kan kaʼe dhukkubsattee turte, dhukkuba gogaa, hanqinni bishaanii fi hoʼi mana keessaa Saaraan rifeensa ishee akka dhabdu godhe. Obboleewwanisheetiif galanni haa galatooman... Leenjii bu'uuraalee kunuunsa rifeensa mataa baratte. Yeroo Xiqqoo booda Saaraan waa'ee oomishaalee rifeensa 'Eni Malon series' bartee boodarra Eni waliin qaamaan wal argiti. Oomisha ishee daandii irratti gurguruus jalqaba.

Ammallee 'Malon' f kan hojjettu Saaraan, amma umuriin ishee waggaa 37 yoo ta'u, intala ishee waliin gara Denver deemtee waa'ee meeshaalee miidhaginaa dubartoota Afriikaa-Ameerikaa mataa isheetti hojjechuuf yaaduu jalqabdi. Yaalii hedduu booda milkoofti. Daldala mataa ishee jalqabdi.

Bara 1906tti Saaraan nama Chaarlis J. Woolkar jedhamutti kan heerumte yoo ta'u, boodarra maqaa maatii isaatiin beekamtii argatte. Chaarlis michuu daldalaa ishee ta'e, Beeksisa hojjeta, haadha manaa isaas beeksisuun ishee gargaara. Saaraan oomisha ishee gurguruuf manaa manatti deemti, dubartoonni akkaataa itti rifeensa isaanii kunuunsanii fi akkaataa itti hojjetan barsiisuuf jalqabdi.

Waggaa sanatti Saaraan daldalashee babalʼisuuf waan murteessiteef, abbaan manaashee wajjin Ameerikaa Kibbaa fi Bahaa keessa naannaʼan. Intalli ishee guddattee mana barumsaa waan xumurteef, meeshaa Denver irraa ergamu hunda irratti haadha ishee gargaarti.

Waggaa lama booda Saaraan gara Piittsbarg deemte. Maatiin ishee mana miidhagina Rifeensaa kan banani. Akkasuma illee mana barumsaa waa'ee kunuunsa rifeensa leenjisu banu. Dabalatan akka isaan oomisha Saaraa fayyadaman hubannas kennu.

Bara 1910tti Saaraan gara Indiyaanaapoolis kan deemte siʼa taʼu, achitti waajjira muummee dhaabbata Madam C. J. Walker jedhamu bante. Warshaa laaboraatoorii, mana rifeensa mataa fi mana barumsaa miidhaginaa bakka bu'insa gurgurtaa isaa itti barsiisu qabu ijaaran. Bara 1917tti Aadde Walker dubartoota gara 20,000 qacaratte. Bakka bu'onni ishee guyyaatti doolaara 5 hanga 15 argatu turan. Saaraan dubartoonni Afriikaa-Ameerikaa maallaqan akka of danda'an barbaadde, ubartoonni daldala mataa isaanii akka banan jajjabeessitee akkaataa maallaqa itti argatan barsiifte.

9 months ago

Channel keessaan akka gara 2k,3k,4k,5k tti akka isiniif guddaatu yoo barbaaddan
?  Na Quunnami
? @BrakeIt
? @BrakeIt

9 months, 1 week ago

CHANNALII WAA'EE FAYYAA NI ARGATTU, NAMNI TOKKO MALLATTOO DHUKKUBA ISAA IBSACHUUN MAALUMMAA ISAA BARUU NI DANDA'A. KANAAF NAMOONNI FAYYAA ISAANIIF HAA DUBBISAN.

?????

We recommend to visit

Jeet ek Nasha hai aur is Nashe ki Factory ka mai ek lauta Baadshah hoon !

My Channel Link
https://t.me/Baadshah

For Any Query Contact
My Username - @RehanBaadshah

Last updated 1 month, 2 weeks ago

Chaanaalli kun yeroo hundumaa Walaloowwan filatamoo fi ergaa guddaa qaban kan siniif dhiyeesaudha.

Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot


https://telega.io/?r=l9NDCHx-

Last updated 4 months ago

Kaayyoon chanali kanaa faarfannaa haaraa fi kan durii isin biraan ga'uudhaafi
Dabalataan seenaalee garaa garaa isin biraan ga'uf

@Burqaa43

Last updated 1 year, 2 months ago