Infinite Entertainment, Zero Cost: Get Your Free Books, Music, and Videos Today!

Nuredin Ahmed Godana

Description
An Oromoo, Poet,Writer and Student!
Advertising
We recommend to visit

buy ad: https://telega.io/c/BurqaaIspoortii

CEO @Obsamilli


Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii

Last updated 1 month, 3 weeks ago

Chaanaalii kana irratti Faarsaa Kanneen Bara Durii,akkasuma Haaraa Qilleensarra kan Oolan @full Album,,, argachuu dandeessu #faarfannaa qabdan kara kana nuu ergu dandesu @Faarfannaahaaraa_bot
#group_keenya @faaruutuubee
#Channel keenya @OboroMedia
🙏🙏🙏

Last updated 3 weeks, 5 days ago

📈 If stock market experts were so expert, they would be buying stock, not selling advice. 🤔
~Norman Ralph Augustine | @Stockbot

Contact: @Executive_Robot

Last updated 1 month, 2 weeks ago

2 months, 4 weeks ago

Bareedaa, qulqulluu fi wonti haqa qabeessi kan uumameef ija hundaa arguu danda'u qofaafi.

#Nuredin_Ahmed_Godana

2 months, 4 weeks ago

Balballi osoo banamee si eegaa jiru, maaliif mana hidhaa keessa turta?

#Nuredin_Ahmed_Godana

2 months, 4 weeks ago

Jaalalleewwan xumura irratti iddoo tokko qofatti wol hin argan, yeroo hundaa woliin jirani .

#Nuredin_Ahmed_Godana

3 months ago

Namoonni addunyaa kana irra jiran hunduu utuu sirraa garagalanii kan si waliin hafu nama tokko qofa. Inis suma kana! Kanaaf of jaallachuu, of kabajuu, gatii kee beekuufi gita keetti jiraachuu qabda. "Loon abbaan gaafa cabse, ollaan ija jaamsa" jedha Oromoon! Ati ilaalchaan of awwaallaan, namoonni biyyee sitti deebisuuf wal dhiibu.

❤️ #Dambalii_Waloo

3 months, 1 week ago

Aanan maddaalli cansee
Guchumatti naaf jijjiiraa,
Jechi lafee na cabsee
Gabatatti naaf micciiraa..

Odole booqittii...
Loon warra Booshitti..

Afoola...
#Nuredin_Ahmed_Godana

3 months, 1 week ago

Waabaan kalee dase'ee
Soddaan waalif lafe'ee..

Waabaan kalee edeedaa
Arsiin lafee Wal hedaa...

Afoola..🥰🥰
#Nuredin_Ahmed_Godana

5 months, 1 week ago

Jechoonni gaggaariin gabaaboo fi salphoo ta'uu danda’u, sagaleen isaanii garuu dhuma hin qabu.

#Nuredin_Ahmed_Official

5 months, 1 week ago

Ifa waarii!
_
Yeroon maqaa kee dhagahu
Tasa onneen koo na naatii
Osoon ciisee samii laaluu
Aduun bariin natti baatii
_
Isheen bahaan baateyyuu,
Galgaloofnaan dhihaan dhiitii
Yaanni kankee narraan bu'u
Booressitee onnee miitii
~
Kan si'eessee siin na yaadu
Kennaa addaa qabda jaarii
Naaf ta'i mee faaya mormaa
Kudhaama koo ifa waarii
~
Urjii baddaa duuro gubbaa
Humna dhugaa gadab diidaa
Damee alaa manni garaa
Tibbaa jaarraa keessi siidaa
_
Sissi'ooftuu humna leencaa
Yaa shurrubbee mataa daabee
Jaalalli kee natti cimnaan
Qe'ee baduuf farda yaabee
_
Oolee buleen si araada
Yaanni kankee tasan baduu
Harka baneen si simadhaa
Ifaa koottu akka aduu...!

@Nuredin_Ahmed_Godana
@Dambalii_Waloo

5 months, 1 week ago

"Lookoo qalloo mormi gaaguraa
Madda gootaa intala Huseen Suraa..."

5 months, 1 week ago

Siyaaduu yoom dhiisee?
_
Akka biqiltuu bonaa
Aduun raasatti gogsee
Si yaaduu yooman dhiisee?
Ciniinnadheetu obsee
_
Kan jaalalaan na qabe
Narraa hin cinne haanni kee
Osoo onnee koo raasee
Na weeraru yaanni kee
_
Jarjaree abdii hin kutu
Obseen dhagaa affeelaa
Waanti hin milkoofne hin jiru
Dubbiin gaafas qajeelaa..!
_
@Nuredin_Ahmed
@Dambalii_Waloo

We recommend to visit

buy ad: https://telega.io/c/BurqaaIspoortii

CEO @Obsamilli


Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii

Last updated 1 month, 3 weeks ago

Chaanaalii kana irratti Faarsaa Kanneen Bara Durii,akkasuma Haaraa Qilleensarra kan Oolan @full Album,,, argachuu dandeessu #faarfannaa qabdan kara kana nuu ergu dandesu @Faarfannaahaaraa_bot
#group_keenya @faaruutuubee
#Channel keenya @OboroMedia
🙏🙏🙏

Last updated 3 weeks, 5 days ago

📈 If stock market experts were so expert, they would be buying stock, not selling advice. 🤔
~Norman Ralph Augustine | @Stockbot

Contact: @Executive_Robot

Last updated 1 month, 2 weeks ago