Jeet ek Nasha hai aur is Nashe ki Factory ka mai ek lauta Baadshah hoon !
My Channel Link
https://t.me/Baadshah
For Any Query Contact
My Username - @RehanBaadshah
Last updated 1 month, 1 week ago
Chaanaalli kun yeroo hundumaa Walaloowwan filatamoo fi ergaa guddaa qaban kan siniif dhiyeesaudha.
Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot
https://telega.io/?r=l9NDCHx-
Last updated 3 months, 3 weeks ago
Kaayyoon chanali kanaa faarfannaa haaraa fi kan durii isin biraan ga'uudhaafi
Dabalataan seenaalee garaa garaa isin biraan ga'uf
@Burqaa43
Last updated 1 year, 2 months ago
Lallabni
#lallaba kan fakkaatan garuu kan lallaba hin taane armaan gaditti haa ilaallu.
#Kun kutaa tokko dubbifanna jedhee dubbisee, kutaa dubbifame sanaa wajjin kan wal hinfakkaanne dubbatee xumuruu jechuu dha.
#Lallabdoonni baay’een Macaafa Qulqulluu akka ka’umsaa qofatti itti fayydamu, ergasii
booda yaada mataa isaanii dubbatanii xumuru.
#Sagaleen tokko waan dubbifameef qofa lallabni lallabameeraa jechuu miti. Sababni isaa xumura lallabaa irratti yoo jireenyi namootaa hin jijjiiramne, sagalechi hin lallabamne jechuu dha.
2) #Dhugaa bahumsa dhuunfaa qofa kennuun lallaba miti.
Yeroo tokko tokkoodeeffannoo waa’ee tajaajilaa haa ta’u lallaba adda baasuun hanga
nama dhibutti waa’ee ofii isaanii seenessu.
#Jalqabaa hanga dhumaatti waa’ee ofii isaanii qofa dubbatanii bu’uun ofii isaanii of
beeksisuudha malee lallaba miti.
#Waa’ee waan biyya lafaa argannee yoo dubbannuuf laphee namootaa in kakkaasina ta’a, haata’u malee jijjiirama lubbuu ykn jireenya hafuura hin fidne.
3) Baay’ina kutaa Macaafa Qulqulluu dubbisuus miti .
#Fakkeenyaaf: Waa’ee “sodaan” lallaba jedhee Kakuu Moofaa keessaa kutaa 5 Kakuu Haaraa keessaa kutaa 5 kanneen hafan immoo mana keessanitti dubbifadhaa jedhee dabalee yoo kenne, kun lallaba miti.
#Yeroo baay’ee akkanatti wanti dhiyaatu hir’ina qophii irraa kan dhufu dha.
Itti fufa...
Grace_be_with_you ?
?Ani Wangeelatti hin yeella'u!
#Iddoo_Boqonnaako_Gaariidha
Faarfannaa kanan Eebbifamaa!!!
Far. Nigaatuu Asaffaa
"YAADA GARAA ISA KRISTOS YESUS QABA TURE QABAADHAA!"
— Filp. 2:5
YESUS KRISTOS:
1. Gadi of deebise (Filp. 2:8)
2. Dhiifama godhe (Qol. 3:13)
3. Jaalala argisiise (Yoh. 3:16
4. Miila Bartootaa dhiqe (Yoh. 13:5)
5. Utuma isatti tufanii, utuma isa miidhanii, utuma fannisaniiyyuu, "Yaa abbaa, waan godhan hin beekani'o isaaniif dhiisi!" jedhe; (Luq. 23:34)
┈┈┈┈┈
⁶ Inni bifa waaqayyummaatiin utuma jiruu, ulfina waaqayyummaa isa abbaa isaa wajjin wal isa qixxeessu wanta qabatanii itti hafanitti hin lakkoofne.
⁷ Inni ulfina sana gad dhiisee, akka waan, waan tokkotti hin galle of godhe; bifa garbummaa in fudhate; fakkaattii namummaatiin in dhalate, waan hundumaanis nama ta'ee argame.
⁸ Inni gad of deebisee, hamma du'aatti,hamma fannifamee du'utti iyyuu abboomamaa ta'e.
⁹ Kanaafis Waaqayyo waan hundumaa irra caalchisee guddaa ol isa qabe; maqaa isa maqaa kam irraiyyuu caalu kenneeraaf.
¹⁰ Kanaanis warri bantii waaqaa keessa jiran, warri lafa irraa, warri lafa jala jiranis hundinuu ulfina maqaa Yesusiif jilbeenfatanii akka sagadan godhe.
¹¹ Arrabni hundinuus,ulfina Waaqayyoo abbaatiif, Yesus Kristos gooftaa akka ta'e beeksisuuf jiru.
(Filp. 2:6-11)
"Namni kan Kristos yoo ta'e, uumama haaraa dha;...”
— 2Qor. 5:17
Ameeen?
Dubbii Sagalee Waaqayyoo
JIREENYA BARABARAA
“Abdiin inni nu abdachiise isa kana; innis jireenya bara baraa ti.”
— 1Yoh. 2:25
➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️✝️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️
Dubbistee hiriyoota keef akka #share gootu shakkii sirraa hin qabu.
Abdiin kiritaanotaa inni jalqabaa fi inni dhumaa,qabeenya qaalii argachuu fi biyya irraa gara biyya biraatti labuu otoo hin taane #jireenya_barbaraa_qabaachuu dha.
Hubadhaa:
Jireenyi barabaraa pheenxee(protestant) ta'u dhaan argamaa lakki,ortoodoksii ta'uudhaan argamaa lakki,Musiliima ta'uu dhaan argamaa lakki,waaqeffataa ta'uu argama lakki mana amantaa kam hordofuun jireenya barabaraa namaaf hin laatamu.
Akkamitti jireenya barabaraa qabaaturee?
Kunoo dubbisii...
??
“Namni ilma Waaqayyoo qabaatu jireenyicha qaba; namni ilma Waaqayyoo hin qabaanne, jireenyicha hin qabu.”
— 1Yoh. 5:12
“Namni ilma Waaqayyootti amanu, jireenya bara baraa qaba; ilma Waaqayyoof kan hin abboomamne garuu jireenya hin argatu, dheekkamsa Waaqayyootu isa irratti hafa malee" jedhe.”
— Yoh. 3:36
“Waaqayyo jireenya bara baraa nuuf kenne; egaa dhugaan isaa isa kana;# jireenyi_bara_baraa kunis #ilma_isaa_keessatti_argama.”
— 1Yoh. 5:11
Obboloota mana amantaa keessa deddeebi'un jireenya barabaraa namaaf hin laatu;jirreenyi bara baraa waan pheenxee ykn kiristaanaa taateef siif kenama miti kiristoositti amanun itti yoo jiraatte qofa dha.
Of gowwomsuun hin ta'u,dhalootni kun dhaga'uu duwwaan of gowwomsuu qabdan caqasa wangeelaa baay'ee sammuu keessaa waan qabduuf akkasumas,macaafa qulqulluu dubbisuu waan dandeessuuf jireenyi barabaraa argama miti,jireenyi barabaraa kiristoositti amanuu fi itti jiraachu keessan argama.
Dhaga'uu duwwaan,lallabuu,barsiisuu,deddeebi'u duwwaa,faarfachuu duwwaan,dhuga bahuu duwwaan of hin gowwomsiinaa.
“Warra dubbicha hojii irra oolchan ta'aa malee, warra dhaga'uu duwwaadhaan of gowwoomsan bin ta'inaa!”
— Yaq. 1:22
“Amantiinis akkasuma, hojii gaariidhaan hin argisiifamu yoo ta'e, inni ofii isaatii du'aa dha.”
— Yaq. 2:17
Waaqefannaa dhugaan isa kami?
“Waaqayyoon sodaachuun inni Waaqayyo keenyaa fi abbaa keenya duratti qullaa'ee fi xurii hin qabne garuu, ijoollota abbaa fi haadha hin qabne, dubartoota abbaan manaa irraa du'es rakkina isaanii ilaalanii gargaaruu dha; xuraa'ummaa biyya lafaa irraas of eeggachuu dha.”
— Yaq. 1:27
1. ijoollota abbaa fi haadha hin qabne gargaaruu
2. dubartoota abbaan manaa irraa du'es rakkina isaanii ilaalanii gargaaruu dha;
3. xuraa'ummaa biyya lafaa irraas of eeggachuu dha.”
Qajeelummaa yoo hojjenne ; Waaqayyo sababii keenyaaf kabajama.
Kiristaanni tokko Waaqayyoon gammachiisuu yoo barbaade wantoota 3 gochuu qaba.
A. Yaada gaarii qabaachuu. ✍️Fakk 14:22
“Warri wanta hamaa koratan karaa irraa in kaatu mitii ree? Warri wanta gaarii yaadan garuu, gaarummaa fi amanamummaa in argatu.”
— Fak. 14:22
B. Jecha gaarii dubbachuu. ✍️Qolosaayis 4:6
“Haasaan keessan yeroo hundumaa gurratti kan tolu, akka soogiddaas miyaa'aa haa ta'u; namaaf immoo adduma addaan deebii isaaf deebisuun ta'u beekaa!”
Qol. 4:6
C. Gocha gaarii ta’e hojjechuu.
✍️Qolosaayis 3:12
“Isin warra fo'aman, warra Waaqayyoof qulqullaa'an, warra jaallatamanis erga taatanii, araara garaa keessaa dhufu, gaarummaa, gad of deebisuu, garraamummaa, obsas akka uffataatti uffadhaatii keessa jiraadhaa!”
— Qol. 3:12
Gochaa gaarii jechuun maal jechuudha?
Gochaa gaarii jechuun fuula Waaqayyoo duratti waan qajeelaa ta’e hojjechuu jechuudha. Gochawwan fuula Waaqayyoo duratti gaarii ta'an maal fa'i?
?1. ijoollota abbaa fi haadha hin qabne gargaaruu fi firdii qajeelaa keennuu. ✍️k.deebii 24:17
“Firdii nama galaa, kan ijoollee abbaan irra hin jirrees hin jal'isin! Uffata dubartii abbaan manaa irraa du'ees qabsiisaaf hin fuudhin!”
— Kes. 24:17
2. garaa laafina qabaachuu. ✍️Fak 19:17
“Namni hiyyeessaaf garaa laafu akka waan Waaqayyoof liqeessuu ti; Waaqayyos gatii isaa isaaf in deebisa;”
— Fak. 19:17
3. Yaada qajeelaa ta’e namaaf qabaachuu.✍️1Tas 5:15
“Yeroo hundumaa walii keessaniif, namoota hundumaafis gaarii gochuu yaadaa malee, namni tokko illee waan hamaadhaaf hamaa akka hin deebifne ilaalladhaa!”
— 1Tas. 5:15
Wanti gowwummaa Waaqayyoo fakkaatu ogummaa namaa irra in caala.
1Qor 1:25
Amantee Fayyita!
✓Dhukkuba namni kamuu qabutu jira. Xiqqaa hanga guddaatti ,wallaala hanga beekatti ,gad deebi'oota fi mootota ol kaafamoo dabalate dhukkuba hammaata, hundinuu jalaa bahuu hin dandeenyedha. Innis dhukkuba cubbuuti. Cubbuu dhaloota fixaa jira. Qorichi isaa Nama lafarraan hanga yoonaa hin argamne,argamuus immoo hin danda'amu. Garuu Sababii dhukkuba kanaa dhukkuboonni lafaa kana irratti baay'achaa jiran danuudha. Nagaa dhabuu, of jibbuu, Wal ajjeesuu, Wal diiguu, safuu dhabuu,gadhiisiitti jiraachuu,bineensummaa,ofittummaa, sassata, weennoo,xura'ummaan daangaa darbeera. Hundinu ofii isaa harkaa bahee sammuu isaa harka galeera. Of lolaa jiraachuu dhaloota jal'inoota kana humnoomseera. Hundaa ol immoo dhukkubichi qoricha hin argatu yoo ta'e Du'a bara baraatti nama erguuf aangoo qaba. Qorichi Cubbuu ajjeesse jireenyaatti ,bara baraan nama hanbisu argameera. Innis yesuus kristoos. Isatti kan amanu araara argatee jireenyicha fudhata.
# Waan tokkicha beeknu ,garuu nuuf hin galleen isin yaadachiisa. Yeroo kana booda Waan ta'u hin beeknu. Yeroon keenya Waaqayyoo harka Jira. Yeroo Amma itti jiraannee darbines isatu nuuf Kenne. Abba yeroo dhiifne jireenya nu jiraachuuf sirbinu Kun Maal akka ta'u itti haa yaadnu. Jaalalli Waaqayyoo guddaa Waan ta'eef jiraanneerra,malee gaariin nu jiraachisu nu biraa bahee miti. Ammas Waaqayyoo jaalala isaa guddaan jireenya keenya fayyisuun, ofitti dhiyeessu fedha. Waaqayyootti firoomuuf qulqulluu,qajeela ta'uutu nurraa eegama. Nuyi immoo ulaagaa kana guutuu hin dandeenyu. Waaqayyo qulqulluu fi qajeela Isa ta'e bakka keenya cubbama akka bu'u gochuun dabarsee waa'ee keenyaaf Ilma isaa yesuus nuuf Kenne. Isa nuuf Kenname yesuusitti kan amanu qajeelummaa argatee jireenya bara bara ni fudhata. Madda jireenyaa,madda boqonnaa,madda fayyinaa
Madda Jaalala Isa ta'e Yesuusitti amanuun lammaffaa dhalachuudhaanis jireenya haaraa jiraachudha.
Koottu gara yesuus
Koottaa gara yesuus
Haa dhaqnu garaa yesuus. Yeroon isaa amma! Yesuus akkas nuun jedheera.“Dhuguma, dhuguman isinitti hima, namni amanu jireenya, bara baraa qaba.”Yoh. 6:47
# Har'as akkuma kaleessaa Lubbuun baay'een wangeela dhaga'uun, baay'eenis fayyaniiru. Dhugichaaf dhugaa bahuun itti fufa.
"Daqiiqaa 30 Waldaa Kiristaanaa keessa turuu kan hin dandeenye akkamitti Mootummaa Waaqayyootti Galuuf Hawwitaa?" ?****
➠ Guyyaatti umuriin namaa ni hir'ata garuu namni umuriin isaa hir'achuun kun isa hin yaachisu hin yaadatus. Qabeenyi isaa yoo hir'ate ni rifata. Qabeenyi ni argama kan deebi'ee hin argamne umurii ture.
Mee Sirriitti Dubbisi!
➛ Yoo kubbaa miilaa ilaaluu ta'e daqiiqaa 60 rakkoo hin qabu.
➛ Yoo fiilmii ilaaluu ta'e daqiiqaa 250 rakkoo hin qabu.
➛ Yoo facebook goroggoruu
ta'es sa'aatii 24 rakkoo hin qabu.
➛ Yoo barreeffama waatsaappii ta'e 60 ol dubbisuu danda'a.
● Garuu nama baay'eetti karaa jireenya bara baraa galuuf ittiin of qopheessu shaakaluun, Waaqayyoon kadhachuun, Macaafa Qulqulluu dubbisuun baay'ee itti ulfaata.
● Mee akkuma jireenya foonii kee cimsachuuf fiigdu, jireenya hafuuraatiinis guddachuudhaaf of qopheessi!
"Namummaa foonii cimsuuf of qoqqopheessuun wanta muraasaaf nama gargaara; nama Waaqayyoo ta'uudhaaf of qoqqopheessuun garuu,wanta baayyeedhaaf nama gargaara; jireenya ammaaf, isa dhufuufis abdiin isuma keessa jira."
— 1Ximotewos. 4:8
➊. Kaleessa jiraannee dabarree jirra hin deebi'u.
➋. Har'i ni darba; garuu seenaadhaaf ta'a.
➌. Boru itti gahuu keenya hin beeknu.
Anis, atis, isaanis karaa jirra deemutti jirra. Daandii irra adeemnu ammuma irraa jalqabnee bareechinee haa hubannu.
Kanaafuu nama hundumaa waliin nagaa dhaan jiraadhu! Dhiifama namaa godhi! Waaqayyos dhiifama siif godha.
Telegram
DUBBII SAGALEE WAAQAYYOO
#Kayyoon\_Media\_Kana:- ☞ Dhugaawwan Bu'uura Kristiyaana Maraan Ga'udha.***💬*** ***✍️*** Sagalee Misirachoo hundaatti Lallaabudha.***✝️******📢*** ***✍️*** Kitaabota Hafuura isiniif Maxxaansina.***📖*** ***✉️*** Yaadaf: @Dhugiicha YESUUS DEEBI'EE NI DHUFA 𝐇𝐨𝐄 1:11
#"Yeroo qabdutti qajeelummaadhaan fayyadami!"
“... yeroo isiniif kenname utuu hin dabarsin itti hojjedhaa!”
— Efe. 5:16
❏ Barri dargaggummaa bara yartuu dha. Yeroon dargaggummaa yeroo muraasa, dhaabbataa miti, ni darba. Bara dargaggummaa isa yartuu ta'e kana keessatti akka fedha Waaqayyootti jiraatanii, Waaqayyoon uumaa ofii gammachiisanii darbuun eebbifamuu fi carroomudha. Bara Waaqayyo namaaf kenne keessatti hojii mana Waaqayyoo, akkasumas hojiidhuma biyya lafaa kanaa irratti fooniin ittiin jiraatan dammaqinaan hojjechuun dargaggootaa fi namoota hundumaa irraa ni eegama. Warri barumsa irra jiranis cimsanii qayyabachuudhaan firii gaarii akka isaan fidan Waaqayyo isaan irraa barbaada.
Sagaleen Waaqayyoos akkas jedha, "...... yeroo isiniif kenname utuu hin dabarsin itti hojjedhaa!" (Efe. 5:16).
❏ Dargaggummaatti ogeessota ta'uu kan qabnu yeroo humni keenya dhume/yeroo dulloomne warra yaada hubatan taana! Kanaaf yeroo dargaggummaatti ogeessota ta'uudhaaf SAMMUU OFII MISOOMSUUN karaa milkaa'ina keenya isa jalqabaati.
❏ Yeroo dargaggummaa keenyaa kanatti bakka nuuf hin malle, bakka ogeessota nu hin taasifne, bakka kaayyoo fi galma keenyaan wal hin qabannetti humna keenya fixuu hin qabnu. Waanuma bara dargaggummaatti facaafne, bara dullumaatti haammanna. Eeyyeen, "Ijoollummaan lafa qotamee bullaa'e, dargaggummaan yeroo itti facaasanii, dullumni immoo yeroo itti haammatanii dha." Ogummaan jiraatanii darbuu caala, wanti nama gammachiisu hin jiru!
✧ Namoota dullooman irraa yaada fudhachuun immoo caalatti gaariidha, nama cimsas.
❏ Barri dargaggummaa yeroo itti gaa'ela filatanii dha. Haa ta'u malee dargaggoonni fedhiidhuma foonii raawwachuuf akkuma warri kaan fuudhan itti ariifachuun gaarii miti. Fuudhaa fi heerumni akka dallaa horii hin jijjiiramu. Har'a ijaaramee bor kan diigamee kan biraan immoo geeddaramu miti. Kanaaf dargaggoonni gaa'ela irrattis cimsanii itti yaaduun gaarii ta'a.
❏ Kiristaanonni fakkeenya biyya lafaa kanaa fudhatanii akka fedha biyya lafaatti jiraachuun isaan irra hin jiru. Keessumattuu dargaggoonni Kiristaanonni of eeggachuutu isaan irra jira. Barri kun bara itti Kiristaanonni of eeggachuun isaan irra jiru. Barri kun bara itti qaroomina fakkaatee faashiiniin gara garaa baay'achaa jiru dha. Dargaggoonni immoo waanuma haaraa dhufutti gammaduu barbaadu.
Sagaleen Waaqayyoo hundi keessan beektan (Rom. 12:2) kana dubbata. Barri dargaggummaa yeroo itti waan nama gammachiisu qofa itti hojjechuu barbaadani dha. Garuu inni amma gammachuu fakkaatu kun yeroo inni itti darbee gaabbii fi gadda bara baraa keessa nama buusu dhufuun isaa beekamaa dha.
Macaafni qulqulluun akkas jedha, "Yaa dargaggeessaa, dargaggummaa keetti gammadi! Bara dargaggummaa keettis garaan kee haa gammadu, gara yaadni kee si geessutti adeemi, wanta ijji kee argu duukaas bu'i! #Garuu Waaqayyo wanta kana hundumaaf gara firdiitti akka si dhiheessu beeki! " (Lal. 11:9)
❏ Barri dargaggummaa bara yartuu dha, dhaabbataas miti, ni darba. Inni kun dhugaa akka ta'e immoo sagaleen Waaqayyoo akka gaariitti nutti hima; " Mucummaanii fi dargaggummaan waan darbaniif...." jedha (Lal. 11:10). Garuu dargaggoota meeqatu isa kana hubatee beeka laata?
Garbichi Waaqayyoo yammuu Waaqayyoon kadhatu, " Nuyi ogummaa gaaritti akka galfannutti, ati guyyoota jireenya keenyaa lakkaa'uu nu barsiisi! " jedhee kadhate (Far.90:12).
Kadhannaan akkasii kun kadhata nama qajeelaati. Nuti hammam akka biyya lafaa kana irra jiraannu, barri nu hafee jirus meeqa akka ta'e hin beeknu. Isa kana kan sirriitti beeku Waaqayyo qofaa dha. Wanti nuti gochuu qabnu garuu, baraa fi yeroo nuuf kenname keessatti Waaqayyoon isa nu uume, isa nu jiraachisu sana beeknee isa tajaajiluu, akkasumas fedha isaa raawwachuu dha.
Telegram
DUBBII SAGALEE WAAQAYYOO
#Kayyoon\_Media\_Kana:- ☞ Dhugaawwan Bu'uura Kristiyaana Maraan Ga'udha.***💬*** ***✍️*** Sagalee Misirachoo hundaatti Lallaabudha.***✝️******📢*** ***✍️*** Kitaabota Hafuura isiniif Maxxaansina.***📖*** ***✉️*** Yaadaf: @Dhugiicha YESUUS DEEBI'EE NI DHUFA 𝐇𝐨𝐄 1:11
“Abbaan koo waan hundumaa dabarsee anatti kenneera; abbaa duwwaatu isa beeka malee, ilma kan beeku tokko illee hin jiru, ilma isaatii fi warra ilmi isaa itti mul'isuu barbaadetu abbaa beeka malee, abbaa kan beekus tokko illee hin jiru" jedhe.” — Mat. 11:27
Kanaaf Ilma beekneerra namoonni jedhan yoo jiraatan, eenyutu isaaniif mul"iseetu? Abbaatu isaaniif mul'ise jechuudha. Abbaan ala Ilmicha kan beeku hin jiru. Warra ilmicha beekan biroofis Abbaatu isaaniif mul'isa. Fakkeenyaaf; Abbaan Pheexrosiif mul'iseera
Kana qofas miti Abbaa beekuuf immoo yoo Ilmichi mul'ise malee namni beekuu danda'u hin jiru. Kanaafiidha Yesuus Yoh 14:6 irratti "anaan yoo ta'e malee eenyu iyyuu gara Abbaa hin dhufu" kan jedhuuf. “Yesus deebisee, "Karichi, dhugaan, jireenyis, ana; anaan yoo ta'e malee, eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu.” — Yoh. 14:6
Kanaaf abbaa beekuun furtuun isaa ilma bira jira. Ilma beekuuf immoo abbaan nuuf mul'isuu qaba. Hafuura qulqulluu beekuus kan barsiisu ilmadha. Inni na booddee dhufu jedhee kan dubbate, anaan na kabaja, anaafis dhugaa in ba'a jedhee waa'ee hafuura qulqulluu kan barsiise Ilmadha. Hafuura qulqulluu kan nu barsiise, kan nuuf mul'ise ammas ilmadha. Ilmicha isa gocha naasisaadhaan fannoo irratti fannifame sanaan gooftaadha jechuunis hafuura qulqulluudhaan malee hin danda'amu.
“Akkasumas namni hafuura Waaqayyootiin geggeeffamu, "Yesus abaaramaa dha" jechuu, namni tokko illees hafuura qulqulluutiin yoo ta'e malee, "Yesus gooftaa dha" jechuu, akka hin dandeenye cimsee isinittan beeksisa. — 1Qor. 12:3
Kanaaf…
Itti Fufa ?
Share for Others
Jeet ek Nasha hai aur is Nashe ki Factory ka mai ek lauta Baadshah hoon !
My Channel Link
https://t.me/Baadshah
For Any Query Contact
My Username - @RehanBaadshah
Last updated 1 month, 1 week ago
Chaanaalli kun yeroo hundumaa Walaloowwan filatamoo fi ergaa guddaa qaban kan siniif dhiyeesaudha.
Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot
https://telega.io/?r=l9NDCHx-
Last updated 3 months, 3 weeks ago
Kaayyoon chanali kanaa faarfannaa haaraa fi kan durii isin biraan ga'uudhaafi
Dabalataan seenaalee garaa garaa isin biraan ga'uf
@Burqaa43
Last updated 1 year, 2 months ago