Jafarbayan

Description
Barnoota Islaamaa fii gorsa gaarii
Advertising
We recommend to visit

Waliin kufnee
Waliin kaana
Osoo jirruu
Waliif taana
Yaadaaf??
? @Michuu_Fayisaa
---------------//---------------

Chaanaalaaf?
✍️ @Michuu_ko

Last updated 1 month ago

Soo dhowoow is ku day inaad cid nagusoo biiriso hal qofna ha ahaatee adiga oo linkiga zhere gareynaya halkaan waxaad ka helaysaa fikrado ku cajabiya♥️

Wixii talo ah halkan igalasoo xidhiidh?? @Maymuuncali

https://t.me/Audiobook2s

2021-5-24

Last updated 3 months, 3 weeks ago

ᅟᅟᅟ ???'? ?????? ???? ? ???? ????? ? ????˖ with the tazos in my side.

OFC CHANNEL :
@OFCTAZOS

SHITPOST :
@HRSSHITPOST

CONTACT US : @ofctazosbot

Last updated 2 years, 3 months ago

1 month, 1 week ago

WAAQAYYOON GURRAACHI OROMOO HIN UUMNE

Waaqayyoo jechuun isa nama hin uumin, isa waan inni hin uumin argee rifate. Waaqayyoo jechuun waan hunda kan hin beeyne, waan inni hin uumin dachii inni uume keeysaa ka qabu, ka garagalee mil’atu malee waan isa duubaa hojjatamu hin agarreedha.

Akka doctoorri waaqeeyfataa Gammachuu magarsaa ja’utti.

Nuti muslimoonni Allaah waan hunda uume, waa hunda beekhu, waan inni hin uumin takkalleen duniyaa inni uume keeysa kan hin jirre, ilmaan namaa fii waan ilmaan namaa caalaa gurguddaa tahan hunda ka uume, ka jiraachisu, ka ajjeesu, ka kaasu jechuu amanna. Eega akkana tahe Allaah kophaa gabbaramuu haqa godhata jennee isa qofaaf ibaadaa goona. Isa qofa kadhanna waan hunda inni ka dandahu waan taheef.

Akka amantii Waaqeeyfataa Oromootti garuu waaqayyoon gurraachi ilma namaallee uumuu hin dandeenye. Ilmi namaa ofiif if uume. Kana ka jedhu anaa miti, doftor gammachuudha.

Eega ilmi namaa ofiif of uume waaqayyootti maaliif haajama? Maaliif waaqeeyfataa tahuun isa barbaachise? Waaqayyoonuu isa hin uumne! Ifiif of uume! Maaliif ofii isaaf waaqa isaa tahee hin jiraanne waaqeeyfataan oromoo?!

Rabbiin ol tahe akkana ja’a:

﴿وَلَقَد ذَرَأنا لِجَهَنَّمَ كَثيرًا مِنَ الجِنِّ وَالإِنسِ لَهُم قُلوبٌ لا يَفقَهونَ بِها وَلَهُم أَعيُنٌ لا يُبصِرونَ بِها وَلَهُم آذانٌ لا يَسمَعونَ بِها أُولئِكَ كَالأَنعامِ بَل هُم أَضَلُّ أُولئِكَ هُمُ الغافِلونَ﴾ [Al-A‘rāf: 179]

“Dhugumatti ibidda jahannamiif jinnii fii ilmaan namaatirraa hedduu uumnee jirra, isaan beeyladarra hammaatuu isaanirraa kan ka’e qalbii ni qaban garuu haqa ittiin hin hubatan, ija ni qaban garuu haqa itti hin argan, gurra qaban garuu haqa itti hin dhagayan. Ummanni suni akkuma beeyladaati, inumaa isaan beeyladaa caalaa jallattoodha, haqa didoodha. Isaan haqarraa didoo fii gargaloodha” Al-A’araaf: 179

Allaah Ar-Rahmaan muslimoonni gabbaran akkana ja’a:

﴿يا أَيُّهَا النّاسُ اعبُدوا رَبَّكُمُ الَّذي خَلَقَكُم وَالَّذينَ مِن قَبلِكُم لَعَلَّكُم تَتَّقونَ﴾ [Al-Baqarah: 21]

“Yaa ilmaan namaa! Rabbii keeysan isin uume, warra isin dura dabres uume gabbara. Isa gabbaruu saniin akka warra Rabbi sodaatu taataniif” Al-Baqaraa:21

Oromoon ilmaan namaati, Rabbiitu Oromoo fii warra biraatis uume. Waaqayyoo gurraachaa miti! Akka doctorri ja’utti waaqayyoon gurraachi surprised tahe hoggaa ilma namaa arge.

Allaah waan hunda uume akkana ja’a:

﴿لَخَلقُ السَّماواتِ وَالأَرضِ أَكبَرُ مِن خَلقِ النّاسِ وَلكِنَّ أَكثَرَ النّاسِ لا يَعلَمونَ﴾ [Ghāfir: 57]

“Samiiwwanii fii dachii uumuutu ilma namaa uumurra guddoodha, garuu irra hedduun namaa hin beekhan”

Al-ghaafir: 57

Inni alaabaa doofummaa fannifatee deemu kanas hin hubatu. Ilma namaatu waan uumame hundarra jabaa isa biratti. Kanaaf ilmi namaa oofif of uume ja’a. Muslima kanaan hayyuu ja’u jira. Na’uzubillaah!

Sheeyxaannilleen Rabbiin ilmaan namaa uumuu hin dinne sujuuduuf dide malee. Of tuulummaan sheeyxaanaa sadarkaa alaabaa doofummaa hin geenye!

Rabbiin ol tahe akkana ja’a:

﴿وَإِذ قُلنا لِلمَلائِكَةِ اسجُدوا لِآدَمَ فَسَجَدوا إِلّا إِبليسَ قالَ أَأَسجُدُ لِمَن خَلَقتَ طينًا﴾ [Al-Isrā’: 61]

“Hogga malaaykootaan abbaa ilmaan namaa Aadamiif sujuudaa jenneen hundi ni sujuudaniiif iblis abbaa sheeyxaanaa malee. Nama ati biyyerraa uumteef sujuudaa jechuuni dide” Al-Israa: 61

Iblis uumama ilma namaa Rabbiin tahuu hin didu, anaatu irra caala jechuu amanee of tuule. Alaabaan doofummaa ilmi namaa ofiif of uume ja’a!

1 month, 2 weeks ago

Islaamummaa tee jaalachuurraahi waan Islaamummaa tee faalleeysu jibbuu fii irraa fagaachuun hanga dandeeytii teetitti.

Hanga dandeeytii teetii deeemi! Rabbii waan dandeeytii teeti ol tahe isaatu siif gaha, isaatu siif araaramee siif guuta.

1 month, 2 weeks ago

Rasuulli ﷺ: “Irra jaalatamaan dalagaa Rabbi biratti salaata yeroo Isiirratti salaatuu, eegasii Haadhaa fii Abbaatti tola oluu, eegasii karaa Rabbii kheeysatti qabsoo godhuu”
Salaata
Haadhaa fii abbaa
Karaa Rabbii keeysatti carraaquu
Hojiilee boru Rabbi biratti nu fayyaddu!

1 month, 2 weeks ago

Iimaana akka gaaraa kan bubbee hundaaf hin sochoone qabaachuu nu barbaachisa.
Rabbiin ol tahe akkana ja’a:
﴿إِنَّمَا المُؤمِنونَ الَّذينَ آمَنوا بِاللَّهِ وَرَسولِهِ ثُمَّ لَم يَرتابوا وَجاهَدوا بِأَموالِهِم وَأَنفُسِهِم في سَبيلِ اللَّهِ أُولئِكَ هُمُ الصّادِقونَ﴾
“Warri dhugaan amane warra Rabbii fii Rasuula isaatti amanu eegasii kan hin shakkine, kan qabsoo qabeenyaa fii lubbuu isaaniitiin karaa Rabbii keeysatti godhani, Isaan suni warra dhugaan amane” Al-Hujuraat: 15
Ikhlaasaan dalaguu, Rabbi qofaaf agarsiifannaa malee ibaadaa dalaguutu sirraa eeggama.

Rabbiin ol tahe akki je’e:
﴿وَما أُمِروا إِلّا لِيَعبُدُوا اللَّهَ مُخلِصينَ لَهُ الدّينَ حُنَفاءَ وَيُقيمُوا الصَّلاةَ وَيُؤتُوا الزَّكاةَ وَذلِكَ دينُ القَيِّمَةِ﴾
“Isaan akka Rabbi gabbaraniif malee hin ajajamne amantii isa qofaaf qulqulleeysanii karaa haqaa akka qabataniif, akka salaata guutuu salaatanii fii Zakaa kennaniif ajajaman, suni amantii qajeelaa jallina hin qabne” Al-Bayyinaah: 5

1 month, 3 weeks ago

●Sabboonummaan saba biraa jibburratti gad dhaabbata.
●Naannummaa naannoo biraa jibburratti gad dhaabbatta.
●Gosummaa gosa biraa jibburratti gad dhaabbata.
●Gandummaa ganda biraa jibburratti gad dhaabbata.
●Doofummaa beekkumsa haqaa jibburratti gad dhaabbata.

Islaamummaa Rabbi jaalachuu, Ergamaa isaa sallallaahu aleeyhi wasallam jaalachuu fii hordofuu, muslimoota hunda obboleeyyan godhachuu fii beekkumsaan deemuurratti gad dhaabbata.

1 month, 3 weeks ago

Gurbaan tokko Nabiyyii sallallaahu aleeyhi wasallam-ti dhufee “Yaa Ergamaa Rabbii dalagaa yoonin Isii dalage Rabbiin na jaalatuu fii Namnilleen na jaalaturratti na qajeelchi” je’een. Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam: “Duniyaa irraa dantaa dhabi Rabbiin si jaalata, waan harka namaa jirurraa gargagali Ilmi nama si jaalata”

Waan ifiif qabaniin ifa gahuu, waan namaa nama kadhachuu dhubuun fayyaadha, gammachuudha.

1 month, 3 weeks ago
Jafarbayan
1 month, 3 weeks ago

Sabboonummaa arabaa dhahuu ykn qeequu ja'a mata dureen kitaabaa.

Namni barreeyse sheek ibnu Baaz muftii Saudi Arabia ture Rabbi rahmata haa godhuuf.

Sabboonummaa arabaa namni arabaa, sheekni arabaa ragaa Qur'aanaa fii hadiisaatin, akkasuma qabatama lafa jiruun dura dhaabbate.

May be Sabboonummaan arabaa Oromoo afaan arabaa barte isaan jechuutu mala.

1 month, 3 weeks ago

Amma walloo fii Arsii je'ee ka wal fixu kuni sabboontoota tahuu isaanii meeqa keeysantu beekha. Yoo saba biraa wajji wal lolan warra lafarraa wajji duguugu. Garuu adawwiin saba biraa hoggaa dhabame sabboonaan saba tokkoo wal fixuun aadaa beekkamaadha.

Rakkinoota sabboonummaa ja'ii fudhadhu waan tahaa jiru.

1 month, 3 weeks ago

Islaamummaan ideology tokkoof hin jilbiifattu

Activistoota sabboonummaa Oromoo Islaameeysan kanaan sabboonummaa amaaraatis Islaameeysaa jennaan.

Sabboonummaan saba ofii fii saba biraatis wal qixa jaalachuu yoo taate mee saba lama ka akkasitti wal jaalatuu fii wal kabaju fidaa isiniin jenna.

Sabboonummaa Oromoo faarsaa Sabboonummaa saba biraa ija hamtuun laaluun finxaalummaan sabboonummaa guddoodha.

Sabboonummaa hundi hikkaan isii takka. Ee sabboonummaan guututti faallaa Islaamaati. Ammoo faayidaa hin qabdu jechaa hin jirru. Faayidaa yerootis tahu hin dhabdu.

Faayidaa garii waan qabuuf Islaamummaa hin khallafu jechuu miti.

Sabboonummaan afaan oromoo dubbatanii, hulbata nyaatanii, jimaa qama'anii, buna irratti dhuguudha warra ja'u jira. Sabboonummaan ani ilma baddeessaa waanin taheef gishxaa fii zeeytuna jaalachuu faa saha gariin. Sabboonummaan ani nama harargee waanin taheef marxoo uffachuu fii marqaa jaalachuu jechuu fedhan.

Sabboonummaan ideology if dandahe ka zamana dhihoo uumame. Waan Oromoon umtes miti. Ammas sabboonummaan hoggaa ja'an fiiydee Oromoo waan yaadduuf siitu if beekha. Sabboonummaan nationalism afaan faranjii, qowmiyyaa afaan arabaa, qarannimo afaan somaaleeti, ብሔርተኝነት afaan amaaraatiin.

Ka nama hundaa rakkina ni qaba ka sabboonummaa Oromoo malee. Inni rakkina tokkos hin qabu. Qajeelaa saba hunda wal qixxeeysu ija takkaan laaluudha. Activistoota ja'a.

Saba hunda wal qixxeessuu dhiisaa sabboonummaan saba fedheetu saba tokkicha sanuu wal hin qixxeessitu. Amma harargee, Arsii, wallaggaa, shawaa, boranni, walloo fii kutaaleen hafan wal qixaa? Ija takkaan laallatanii? Paartii kami, sabboonummaa kamtu ija takkaan Oromoo kutaa hundaa laala? Gosummaan, naannummaan, gandummaan sabboonummarraa wal dhale maalitti jira?

We recommend to visit

Waliin kufnee
Waliin kaana
Osoo jirruu
Waliif taana
Yaadaaf??
? @Michuu_Fayisaa
---------------//---------------

Chaanaalaaf?
✍️ @Michuu_ko

Last updated 1 month ago

Soo dhowoow is ku day inaad cid nagusoo biiriso hal qofna ha ahaatee adiga oo linkiga zhere gareynaya halkaan waxaad ka helaysaa fikrado ku cajabiya♥️

Wixii talo ah halkan igalasoo xidhiidh?? @Maymuuncali

https://t.me/Audiobook2s

2021-5-24

Last updated 3 months, 3 weeks ago

ᅟᅟᅟ ???'? ?????? ???? ? ???? ????? ? ????˖ with the tazos in my side.

OFC CHANNEL :
@OFCTAZOS

SHITPOST :
@HRSSHITPOST

CONTACT US : @ofctazosbot

Last updated 2 years, 3 months ago