Chaanaalli kun yeroo hundumaa Walaloowwan filatamoo fi ergaa guddaa qaban kan siniif dhiyeesaudha.
Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot
https://telega.io/?r=l9NDCHx-
Last updated 3 months, 1 week ago
Kaayyoon chanali kanaa faarfannaa haaraa fi kan durii isin biraan ga'uudhaafi
Dabalataan seenaalee garaa garaa isin biraan ga'uf
@Burqaa43
Last updated 1 year, 2 months ago
Last updated 2 days, 19 hours ago
Biyya waraanaan bultutti
Kan hiika isaa beeku dhabnus
Hundatu nagaa abjootaa
Biyyaa nagaan hin jirreetti
Abjuun nagaa nagaaf mitii
Yaaddoodha abdiin dhalootaa
Kanaafuu jaalallee koo
Abjuun fallaattii hiikamtii
Of qopheessi jedheen si gorsaa
Osoon na jaallattuu
Tasa yoo na dhabdeef
Obsi anis nan obsaa
Waan darbe hundaa yaaddee
Maqaa koo akka hin waamnee
Hirqinfadheen kufaa
Yaaddooftee nan yaadiin
Baatees nan barbaadiin
Yoon moo'eef nan dhufaa
Hangasittuu giiftii koo..
Asitti hafuus natti hin gaddin
An of dhiiseetan siif duulee
Jabaadhuutii of jabeessii
An siif waloo bara du'aatii
Seenaa baran lubbuun turee
Walaloodhaan naaf barreessii
Amaanu'eel
@Walaloon_Jaalala
(Si mudatee beekaa?)
Dambalii Yaadakee
Kan miirri tamsaasu
jiraachuusaa,
Qalbii keet' asaasu!
(Haalichi....!)
Akka humna ibsaa,
Fo'aa keessa yaa'uu,
Akka jiruu qilleensaa,
Uumamni ittiin socho'uu,
Jiraachuu waan beektuu,
Ibsachuu waan deegduu!
Ya'a yaadaa jala
Mirkana beekamu,
Ibsisaa kan cimu!
.....
Gadaa
@Walaloon_Jaalala
USDT qabdan gurgurattanii ayyaana bara haaraa ittiin ooluu namootni feetan iddoo sirriin eessa beektuu?
?????????
@Walaloo_bot
Elaamee...!
Gaafa ati narraa hiixuu
Jiruun kiyya hundi miixuu
Yaaddoon yaadaa natti duula
Colleen onneekoo naan guula
Abjuu hin jirretu natti dhufa
Farda yaadaatu naan gulufa
Yaaddoo keetu...
Gaaratti ol-na baasee, qileetti nadarba
Loltuu ani hin-beeknetu, miira kiyya sarba
Kanaafuu...
Yooma-nillee, aaree nyaara sitti guuruu
Balleessaa-kee malee, dhagaa sitti guuruu
Anaaf obsi malee
Anaan gorsi malee
Xiiqeffattee...
Narraa hin-fagaatiin
Garaa hin-jabaatiin
Qooda na-dhiistee deemtu...
Na-tirsi
Na-cimsi
Yookkanaa Anis...
Sin-cuunfadha
Sin-dhuunfadha
Siifan joora
Siinan koora!
✍️ Sanyii Gammadaa Xuurii,
@Walaloon_Jaalala
(Koo birraan...)
Siddisa biqilee
Ilillii daraaru
Waqtii jijjiiramee
Bara dhufee taru
Booruu taliila'ee
Carii ta'ee yaa'u
Abaaboo dacheerraa
Shittoo caala urgaa'u
miti.
Koo birraan...
Dhufa biiftuu
Diima iftu
Magariisa sabbatattu
Gaaddisa odaa jalaa
Handhuura irraa
Keelloo birraa
Qabduuti...
Ba'asheen bari'a
Dhibamasheen dhi'a!
Amaanu'eel Naggaa
@Walaloon_Jaalala
Hiixuudha miixudha
Bakkin jiru, akkin jiru
Akkanattis akkasittis
Anikee yaada hinhiru
~
Obsa kuusaan abdiin guula
Imalakoon jabinakeen kuula
Ilaaluufuu dugda duubakoo
Sirraa hingaragalfanne fuula!
Akkakeetu akka jabaa
Karaakeetu hunda qaba
Qulqullicha ofiin boonu
Isa aanteen si'iin kooru
Hamma jettu geessa
Iftee hunda keessaa!
...?..
Diiriraa Kottoonfate
@Walaloon_Jaalala
Dogs worroonni claim gootanii wallet adda addaa irraa qabdan
Akkasumas binance irraa qabdan gatii bareedaan bitaa jirra.
Keessaan nu qunnamuu dandeessu ? halli amanammummaa keenyaa immoo rabbiin waliin adda.
Keessaan nu qunnamaa gurguradhaa
??????
@beshiroro
@beshiroro
Akkan fedhu
Ta'i hinjedhu
Yaadakoo isa na keessaa
Akkamittiin iddoon geessa
Anuu,
hin dandeenye
bira hin geenye
Anuu, ittan raakama
fedhii jedheen waama.
Kanattuu,
“marqaan galaa ta'aaree
akka garaa ta'aaree ”
jedhanii
Himani.
Inni garaa jalaayyuu
Akka garaa ta'aayyuu?
Yookii turee dhufa
Yookii dafee kufa
Kanaafuu,
garan fedhutti sin harkisu
Akkan yaadutti sin rakkisu.
Aniif ati,
Foon mana lamaati
Gargar jiraanna
Addadda yaadna
Hamma jiruu wal-walirraa fagaanna
Waan barootaaf ulamne fakkaanna
(Isa jettaayii?)
Walii lama, atuu
Yoo raftuuf yoo kaatu
Aduu faana galtee aduu faana baata
Waan haalli, miirri si godhe taata
Guyyuunkee guyyootakee fakkaata
Nama qalbiin qiilliffa kotaasisu
Of ta'i jechuunuu tokko sin taasisu
Kanattuu,
Akkamitti, akkan fedhu
“Naaf ta'i” siin jedhu!?
Akkan ani fedhu
‘ta'i’ siin hin jedhu.
Kanaa'ol Badhaadhaa
@Walaloon_Jaalala
Anuu......
Jaalalakoo ibsuuf,
amantaakee cimsuuf.
Humnan dhabeef malee (*3)
Tokkoo lamaan coreen fedhiikee siif guuta.
Sumaan gammachiiseen tiradha ofii suuta.
Siin gammachiisudhaaf:
Ulfinarraan bu'a
Aangoo koorraan gu'a.
Abdii koorraan du'a.
Nan cillima nan sillima.
Nan hillima nan bittima.
Of hudheetan sitti fura.
Siif guuteetan ofii tura.
Garuu,
Haarsaan an kaffaleen,
Hawwiinkee siif ifaa?
Boriinkee siif sifaa?
Anatti hinfakkaatu!
Maaf?
Nuti nama!
Hawwiin namaa hinguutu,
Utuu hawwinuuti kan dacheen nu fuutu......
✍️ Haftee Baqqalaa Baa
@Walaloon_Jaalala
Chaanaalli kun yeroo hundumaa Walaloowwan filatamoo fi ergaa guddaa qaban kan siniif dhiyeesaudha.
Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot
https://telega.io/?r=l9NDCHx-
Last updated 3 months, 1 week ago
Kaayyoon chanali kanaa faarfannaa haaraa fi kan durii isin biraan ga'uudhaafi
Dabalataan seenaalee garaa garaa isin biraan ga'uf
@Burqaa43
Last updated 1 year, 2 months ago
Last updated 2 days, 19 hours ago