Jeet ek Nasha hai aur is Nashe ki Factory ka mai ek lauta Baadshah hoon !
My Channel Link
https://t.me/Baadshah
For Any Query Contact
My Username - @RehanBaadshah
Last updated 4 weeks ago
Chaanaalli kun yeroo hundumaa Walaloowwan filatamoo fi ergaa guddaa qaban kan siniif dhiyeesaudha.
Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot
https://telega.io/?r=l9NDCHx-
Last updated 3 months, 1 week ago
Kaayyoon chanali kanaa faarfannaa haaraa fi kan durii isin biraan ga'uudhaafi
Dabalataan seenaalee garaa garaa isin biraan ga'uf
@Burqaa43
Last updated 1 year, 2 months ago
Asoosama Gabaabaa
Kutaa 1^ffaa
#ciniinsuu _Jaalalaa
Namni kamuu akkuma dhalatee,guddatee, umuriin lsaas yeroo dargaggummaa gahutti inni dhiiraas ta'ee ishiin dubaraas jaalala maatii keessaa gara Addunyaa jaalalaa Isa hariiroo hiriyyoota lamaan giddu jiru eegaluuf hunduu gara sanatti fiiga. Miilli isaas ejjeta duraan qabu caala hamma daran itti caalchisee addunyaa kanatti lixuuf qaamota isaa mara faana walii gala. Keessattuu Miira jaalalaa kana banuuf Onnee keenyaa fi sammuun keenya gahee qabu.
Egaa warra jaalala kichuu eegalan keessaa mucayyoo durbaa tokkoo fi Ilma dhiiraa tokkotu ture. Isaan lameenuu barattoota yuunivarsiitii Hawaasaa turan sadarkaan isaan irra jiran yeroo miirri namaa fedha jaalalaa qabudha. Sabboontuu fi Atinaaf jedhamu Atinaaf nama barnoota isaatti cimaa fi kaayyoo guddaa qabudha.guyyaa tokkoofu murteessee imala barnootaaf qaburraa goree hin beeku namnis baay'ee dinqisiifata maatiin isaas Abdii guddaa Kan irraa qabanidha.
Garuu guyyaa gaaf kaani waanti inni hin yaanne fi kaayyoo isaa keessaa hin qabne Isa mudachuu eegale. Sabboontuun dubara baay'ee miidhagduu fi bareedina ishiin achittuu haftee Kan hin qabne bareedinni ishii karaa fokkisaa bareecha. Uumaan Kunis waan yeroo dheeraa irratti fudhatee ishii kukkuulee tottolche fakkaata. Safuu yaa uumaa! Dhiironni baay'een mucayyoo kana Kan ofii godhachuuf waanti isaan hin yaalle hin jiru. Garuu ishiin dhiira tokkoofuu bakka laattee hin beektu. warra ishiif ciisa dhaban keessaa Atinaaf Isa tokkodha. Erga jaalala Sabboontuutiin qabamee jireenya isaa mara gatee ofiisaa dagatee oolmaa fi qo'annaan fuula ishii eeguu qofa erga itti taatee bubbuleera. Maal godha? dhukkuba jaalalaa namni namaa hin beeku! qoofama isaa mankaraaraa jiraata. Atinaaf Kan dura qaamni isaa kun daawwachuuf nama hawwatu hamma garuu coraan qaama isaa irraa dhumee muka waaqni itti dheekame fakkaata. Ayi yaa jaalalaa.....
Kutaan 2ffaa itti fufaa
Asoosama "Ciniinsuu jaalalaa"kutaa 1ffaa
React godhaa isin biraan geenyaa
Lubbuu koo sin jaalla
Siin jedhee tiruu koo
Feetu siifan du'aa
Siif dhiisee jiruu koo
Si fayyada taanaan
Lubbuu koon siif laadha
Jaalala kee uruurseen
Mataa kootti baadha
Miira kiyya maraan
Ittiin waa dubbisi
Onnee koo banadhuu
Keessatti shubbisi
Qaamni koo kan keetii
Ittiin dhimma ba'ii
Fayyaa kankoo fudhuu
Akka feete ta'ii
Harki kiyya keetii
Ittiin waa hojjedhu
Miilli koo, koo miti
Fudhuu ittiin ejjedhu
Fudhu qaama koo hunda
Hin eegin mallattoo seeraa
Mallattoof falmii malee
An of siif laadheeraa
Of siif kennee ka'ee
Sin gaafadhu lamuu
Homtuu nan fudhatu sirraa
Jabaaf beekaan kamuu
Homtuu na sin gaafatu
Tokko sin seenin mamiin
Ani dhuunfaa keetii
Ragaadha decheef samiin
Of siif laadheera tiruu koo
Kee qofan ta'ee hafaa
Si qofaafan jiraadha
Dhugaa waaqaaf lafaa
Barreessaa ✍
#abdulaxiif_mahaammad
Ykn @abduu_king ?
Like ? share godhaa
Gubbanaa laphee koo,
Dhahanna Onnee koo,
Qabbanessitudha
Qamaa koo hundumaaf,
Boqonnaa naaf tatee,
Ato anaa qofaaf,
Hundarraa filaatamte,
Kan jirtu atumtuu,
Enyuu iyyuu hin jiruu,
Kan sin naaf fakkatu,
Baay'een dhahamanii,
si qofaa filamee,
Ati caarraa qabetii,
As komee amumaa.
Hedduun wamamanii,
Kan caarraa dhabaani,
Na bira turi ati,
Amumaa egalitti,
Jaalali baay'anaan....
Jibbii hin jiraatu,
Maaltu gidduu galaa,
Anumaaf si gidduu,
Ati kenna uumamaa,
Badhasaa kan qabduu,
Enyurree amumaa,
Kan sin naf qixaatu?
Tokkumtu hin jiruu,
Ilaalamnan barbaadnan,
Hunduu kufaaniru,
Martuu maadalamnan.
Tokkoof lamaa miti,
Hundarraa ni caalta,
Midhaagdudha ati,
Jaalalan ilaalamta,
Qabeenya hin filaatu,
Eenyuumadhan boontuu,
Tokkumtu hin jirtuu,
Kan sin fakkeessamtu,
Abbaabos hoo miti,
Atihoo illiilidha,
Kan gogusoo miti!!!!!!
Isiniif barreessuuf qophiidha
Koottaa
✍✍ @Abdulaxiif_mahaammad
Asoosama babbareedaa qabannee dhufnee jirra mee filadhaa kam isiniif dhiyeessina?
Abdii jireenyaa
Kichuu koo
Gubaa onnee
Hiree jiruu.
Kan isinitti Tole comment jalatti barreessaa
Kutaa
15ffaa fi 16ffaa fi 17ffaa iddoo tokkotti post goona
React kennaaaaaaa
Feeneet: Hawwii wanti ati jettu naaf gala ittin yaada; jettee gara mana mana isaaniitti galan. Onneen Feeneet ni madoofte, ni cabde, caba harkaahoo dhadhaa ho’aa isaatiin dhidhiibanii fayyisuu; Onnee Cabe immoo akkam godhu? Maali dawaan isaa? Feeneet mana isa galte ni boossi. Feeneet balleessaa......ITTI_FUFA!
?Ariifatee Guyyaa Guyyaadhaan Akka Isiiniif Maxxanfamuu Yoo Feete Hiriyyaa Kee Tokkoo affaari!! Dabalataan Like(?) godhi, yaada keessanis naan gahaa!!
Barreessa:........!!
Admin: @abduu_king
Share & Join Us•
?@afoola_oromoo2
ASOOSAMA
MADAA LAAGAA
★KUTAA_15FFAA:-
Hawwiin garuu maal gochuu akka qaban teessee yaaddi. Hawwiin osoo yaadduu waan tokko murteessite. Har’a Naa’ol bira deemeen waan inni naan jedhu hubadheen dhufa, jette. Hawwiin “Naa’oliin eessatti argachuun dandaa’a?” Jettee Feeneetiin gaafatte. Feeneetis iddoo isheen itti Naa’oliin arguu dandeessu itti himte. Hawwiinis Feeneetiin akka mana kana keessa hin deemne ani hin turu amman dhufa, wanta inni naan jedhu hubadheen dhufa jettee deemte.
Naa’ol bira geessee erga nagaa wal gaaftanii booda, Naa’ol al-tokko si barbaadeen ture ittiin jette. Naa’olis rakkoo hin qabu, ittiin jedhe. Hawwiinis akkana jetteen, “Naa’ol wanti ati gochaa jirtu sirrii miti! Feeneet sababii jaalala dhugaa si jaallatteef miidhamaa jirti,” jettee rakkoo jiru ibsiteef. Naa’olis miidhamtes dhiistes anaaf dhimmakoo miti! Jedhee deebiseefi. Osoo inni haasa'ee hin xumurin Hawwiin Naa’oliin Maaloo haadho ko! Feeneet waan sitti balleessite qabdii? Lakkii! Waan natti balleesitellee hin qabdu, garuu gowwummaa qabdi, Feeneetiin nan jibbeen. Ani kana booda jaalallee Feeneetiin ta’uu hin fedhu! Kanaaf Hawwii osoo yeroo kee hin gubdu ta’ee baay’ee gaarii dha; jedhee lafa Hawwiin teessutti dhiisee deemuuf ka’e.
Naa’ol: waanan dhufeef hin xumurree taa’i gadi! Jette, Hawwiin. Naa’olis gadi taa’e. Naa’ol; Feeneet ulfoofteetti. Naa’olis kolfee akkamitti bartan? jedhee gaafate. Dheengadda Feeneet dhukkusannaan mana yaalaa deemnee turre. Sakatta’iinsa laaboraatoorii taasifameen, ogeessi ulfa ta’uu ishee nutti hime. Feeneet ergasii baay’ee dhiphachaa jirti, kanaaf fala tokko fali. Mucaan kun hangam barumsa ishee akka jaallattu beekta, jette.
Naa’ol: ani wanta tokkollee gochuufi hin danda’u.
Hawwii: mucaa isa garaa Feeneet keessa jiruhoo?
Naa’ol: Yoo anaaf jettehoo wajjin haa du’an. Ati iyyuu duukaa hin dhiphatin, haa badduutii, ittiin jedhe.
Hawwiin: Ol kaatee jecha akkasii sirraa dhaga’uu kootti baay’een gadda, jettee lafa inni taa’utti dhiistee gara Feeneetitti deemte. Feeneet bira yommuu geessu Feeneet; Hawwii ko” maal siin jedhe?” Jettee gaafatte.
Hawwiinis boquu gadi buuste. Feeneetis akka Naa’ol deebii hin taane laateef bartee callistee teesse.
Hawwiin Feeneet bira geessee Feenoo koo, inni dhi’e kun bari'uun isaa hin oolu, wanti har’aa kun bor seenaa ta’uu danda'a jette Feeneetiin jajjabeessuu yaalte. Feeneet garuu obsa godhachuu hin dandeenye. Ni boossi. Yeroo ilaallatanii akka nama mana barumsaa ooleetti manatti galaa jiru. Hawwiin Ifaaf furtuu deebisteef. Ifaan akka isaan mana barumsaa hin deemne hin bare. Waanuma isaan mana isaatti goranii baa’an itti fakkaate.
Feeneet: Hawwii anaaf jettee mana barumsaa haftee qormaatas mitii? Lamuu garuu akkas gochuu hin qabdu.
Hawwii: Feeneet hin qoosin; osoo ati rakkattuun si dhiisee deemaa? Hiriyyummaan keenya yoomiif, gaafa rakkannu waliif hin qaqqabnu taanaan. Feenoo ko amma wanta tokkon yaade. Galgala mana keessan dhufeen Abbaa keetti himna! Kanaaf hin sodaatin! Osoo Abbaan kee hin dhaga’in wanta tokkoyyuu gochuu hin qabnu.
Feeneet: Hawwii, inni ati amma dubbatte qoosaa ta’uu qaba. Abbaan koo anaaf Abbaa qofaa miti; Haadhas ta’ee na guddiseera. Abbaan koo jireenya isaa guutuu anaaf jiraate. Gatiin isaa kanaan deebi’uu hin qabu. Kun tasumaa ta’uu hin danda’u! Jettee imimmaan ishee ofirra lolaaste.Hawwii: Feeno maaloo daandii irra jirraa hin boo’in! Wanti ati jettu naaf gala, Feeno garuu Abbaa keetti himuu qabna.
Feeneet: Hawwii Mee yaadimee Abbaa! Nan ulfaa’e inni na ulfeesse immoo si hin beeku naan jedhe, jedheen itti himaa? Hawwii kana afaan maaliitu na dubbata maaloo! Hawwii na hubadhu malee.
Hawwii: Feenookoo ani si hubachuu dhiiseen miti; garuu booda abbaan kee nama kan biraa irraa dhaga’ee jennaan si jibba, waan fedheyyuu sitti haa murteessan; atumti itti himuu qabda.
Asoosama bareedaa
Asoosama MADAA LAGAA
KUTAA 15FFAA
warreen dubbisuuf qophooftan isiniif maxxansina
Kanaaf yaada keessanis naan gahaa
Jeet ek Nasha hai aur is Nashe ki Factory ka mai ek lauta Baadshah hoon !
My Channel Link
https://t.me/Baadshah
For Any Query Contact
My Username - @RehanBaadshah
Last updated 4 weeks ago
Chaanaalli kun yeroo hundumaa Walaloowwan filatamoo fi ergaa guddaa qaban kan siniif dhiyeesaudha.
Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot
https://telega.io/?r=l9NDCHx-
Last updated 3 months, 1 week ago
Kaayyoon chanali kanaa faarfannaa haaraa fi kan durii isin biraan ga'uudhaafi
Dabalataan seenaalee garaa garaa isin biraan ga'uf
@Burqaa43
Last updated 1 year, 2 months ago