REPHIDIM TUBE

Description
In this channel: You will find the most powerful Bible messages in teaching and preaching form, as well as the most blessed spiritual Literature and Songs in beautiful form!!
Youtube link:- https://www.youtube.com/@joobira

Yaada keessaniif: @senbetogofar
Advertising
We recommend to visit

Official Telegram channel✔️

?Nutti dhihaatta ?
?Jaalalaan nurraa qabamta?
?Garmalee Koflaan Fincaan ofirrati buusta?
?asuman waliin taane Afaan fi artii keenya gudifanna.
Any comments or messages:- @Orosarca_commentobot

Last updated 3 years, 2 months ago

??Jaalalaafii ergaalee jaalalaan wal qabatan gaggabaaboo as jalaa argattu❣?????❣️❤️‍?
????Dabalataan Qoosaa Bohaarsoo??

Last updated 1 month, 1 week ago

Last updated 4 months, 2 weeks ago

2 months, 2 weeks ago

Sagantaa keenya jalqabuuf toora irra seennee jirra.
Seenaa itti hirmaadhaa!

Sagalee Waaqayyootiin waliin haa eebbifamnu!!

https://t.me/haftuuproduction

Telegram

Haftuu Production

***🎙*** Faaruuwwan mana Adiveentistii duraan qindaa'aniifi haarawaa ba'an bakka tokkotti isiniif qoodna! Youtube Link: https://youtube.com/channel/UC9lYFfK1Ejctk-bL4o2MmUQ Nu quunnamuuf: @faaruuadiveentistii

Sagantaa keenya jalqabuuf toora irra seennee jirra.
2 months, 2 weeks ago

Sagantaan keenya galagala kana jechuunis Roobii har'aa(17/11/2016) telegram Haftuu Production irratti sa'a 2:20 irraa eegalee kallattiidhaan ni eegala.
Koottaa walii wajjin sagalee Waaqayyootiin haa eebbifamnu!!
Link kana cuqaasuudhaan itti hirmaadhaa!!

https://t.me/haftuuproduction

Telegram

Haftuu Production

***🎙*** Faaruuwwan mana Adiveentistii duraan qindaa'aniifi haarawaa ba'an bakka tokkotti isiniif qoodna! Youtube Link: https://youtube.com/channel/UC9lYFfK1Ejctk-bL4o2MmUQ Nu quunnamuuf: @faaruuadiveentistii

Sagantaan keenya galagala kana jechuunis Roobii har'aa(17/11/2016) telegram Haftuu Production irratti sa'a 2:20 irraa eegalee kallattiidhaan ni eegala.
2 months, 3 weeks ago
Kabajamoo fi Jaalatamoo hordoftoota keenyaa, nagaa …

Kabajamoo fi Jaalatamoo hordoftoota keenyaa, nagaa fi ayyaanni Gooftaa keenya Kiristoos Yesus bakkaa fi haala isin keessa jirtan keessatti isiniif haa baayyatu jechuun jaaladha!

Yoo Jaalala Gooftaa ta'e torban dhufu Roobii jechuunis Adoolessa 17/2016-Adoolessa 20/2016 tti walitti fufinsaan guyyoota afuriif karaa Telegram #HaftuuProduction Sagantaa addaa isiniif qopheessinee eebba Waaqayyoo isinii wajjin qooddachuudhaaf qophii keenya xumurree jirra.
Roobii galgalaa hanga Jimaata galgalaatti Telegram irraan kan gaggeeffamu yommuu ta'u Adoolessa 20/2016 Sanbata(Saturday/ ammoo Waldaa Adveentistii Guyyaa 7faa Afaan Oromoo Finfinneetti yeroo eebbaa bal'aa qabaanna!!
Irraa hin hafiinaa!!
Hagasitti namoonni telegram keenya hin beekne link armaan gadii kanaan join gochuudhaan itti dabalamaa!!
https://t.me/haftuuproduction

#YAA_NAMICHA_MUL'ATA_ARGITUU_ASII_DEEMI...!!!

Sa'aatii Sagantaa:Galgala keessaa sa'a 2:30-3:30
Tamsaasa: Telegram Haftuu Production!

Gooftaan isin haa eebbisu!!!!!!!

2 months, 3 weeks ago

Namni kaayyoo
Namni boruu!
Dadhabullee
Karaa hin bulu!
Ciniinnatee
Jajjabaachaa!
Hadhaa'ullee
Akka eebichaa!
Jilbaan ta'u
Harkaan deemee!
Yoo cimtellee
Wareegamee!
Ufii du'eetu
Seenaa kaaba!
Kaayyoosaatiif
Siidaa dhaaba!

Namni kaayyoo
Miti laayyoo!
Buubbeen ka'eef
Hin warraaqu!
Kufe jedhee
Dhoqqee hin laaqu!
Dandamatee
Jecha arrabsoo!
Itti fufa
Jiruu qabsoo!
Namni kaayyoo
Namni haqaa!
Maal akkamiin
Baduuf baqa?

Halkan waarii
Cillimattuu!
Aduun lixxee
Hin dukkanooftu!
Aduu malee calaqiisa!
Ifa keessa uf deemsisa!
Har'a dursee
Borfaa arga!
Gogee jedhan
Latee margaa!

Kutatanii manaa baanaan!
Nama kaayyoo qabu taanaan!
Utuu gowwaan soba hodhuu!
Waan hundumaa seenaa godhu!

REPHIDIM TUBE
@adventistscript

3 months, 3 weeks ago
Dilbata galgala jechuunis Waxabajji 16/2016 galgala …

Dilbata galgala jechuunis Waxabajji 16/2016 galgala keessaa sa'a 1:30 irraa eegallee toora Telegiraamii Eebba Faarfannaa Dr Sabboonaa Xilahuun jedhu irratti wal argina!

Sagantaa kana irratti yeroo tokkotti biyya keessaa fi biyya alaatii, eebba Waaqayyo nuuf qopheesse habbuuqqachuuf carraa arganneerra.
Sagantaa kanarratti hirmaachuudhaan ;
1ffaa Hirmaattuu eebbichaa ta'aa
2ffaa Obboleessa keenya Dr Sabboonaa Xilahuun bira dhaabachuudhaan hojii kanatti itti fufee akka hojjetuuf jajjabeessaa.

Kun karaa namni cufuu hin dandeenyedha. Yeroo haalonni keessaa dhiphachaa deeman Waaqayyo ammoo, kallattii eebbaa haaraa qopheessa. Inni bara baraan haa ulfaatu!
Irra deebi'ee nan jedha, Dr Sabboonaa haalota wal xaxaa fi dhadhabsiisoo baayyee keessa darbitee baga guyyaa kana geesse!! Ammas burqaan kee haa mirgisu!!
Hundumti keessan affeeramtaniittu. Irraa hin hafiinaa!!

REPHIDIM TUBE

@adventistscript

4 months ago

Gab jedhiitii Waaqa uumaa kee wajjin nagaan jiraadhu!!
Jifeenyi Gooftaa wajjinii homaa Kisaaraa hin qabu!
Eebbifamaa!!!!
Iddoo nagaa naaf oolaa!!

REPHIDIM TUBE
@adventistscript

4 months ago

#WAGGAA MEEQA JIRAACHUU FEETA!

" Barri jireenya keenyaa waggaa torbaatama, yoo baay'ates waggaa saddeettama; wanti isaan keessaa guddaatti lakkaa'amus dadhabbii fi rakkina, isaan dafanii in darbu nuyis baallee baafnee in sokkina." Far 90: 10

Weellisaa beekkaman Maaykil Jaaksan jedhamu Addunyaa kanarratti namoota dhageettii fi hordoftoota miliyoonaan lakkaa'aman argatan keessaa tarree warra jalqabaarra jira. Bu'uura kanaan waa'ee jireenya isaa isa gara fuulduraa herreguudhaan waantota armaan gadii kana gochuuf xiyyeeffate.

Maayikil Jaaksan waggaa 150 jiraachuuf karoorfatee
Kanaafis Doktoroota 12 manatti qacaruun/mindeessuuun/ guyyaa guyyaan rifeensa mataasaatii hanga qeensa miilasaatti fayyummaa isaa akka ilaalan taasise. Fayymaan isaa ogeessota fayyaa kanaan amma amma to'atama.
Nyaanni isaa yeroo hunda utuu isaaf hin dhiyaatin laboratory dhaan ilaalamee isaaf kennama!

Dabalataan Namoota biroo 15 qacaratee yeroo yeroodhaan sochii fi Ispoortii qaamasaa to'achiifata.
Sireen inni irra rafu Teknooloojii ofii isaatiin sadarkaa oksiijinii to'atu qaba.

  • Qaamoleen namaaf barbaachisoo tahan (Onnee,Kalee,Tiruu fi kkf) tarii yoon dhukkubsadheef jedhee, nama ariitiidhaan isaaf kennu kaffaltiin qopheessee qacaratee ofbiraatii qaba. Kanaaf yeroo barbaachisaatti, rakkoon wayii yoo isa mudate battalumaatti bakka buusuuf.

*Saxaxa(boca) fuulasaa kan Waaqni ganama isaaf kenne itti quufuu dadhabee, labratory seenee "Plastic Surgery" hojjechiifachuun boca fuulasaa akka ufiisaa barbaadutti jijjiirrateera.
Kun hunduu Abjuu jireenya waggaa 150 milkeeffachuufi.

Mayikil Jaaksoon jireenya isaa gammachiisuuf jecha miseensa warra Illuminantii akka tures dudduubee seenaa isaarraa ni hubatama.
Mayikil Jaakson biyya lafaa kanarratti gammaduu fi akka isaaf ta'utti jiraatee waggaa 150 lafa kanarra turuuf yaaliin inni hin goone hin jiru. Namoota Addunyaa kanarraa jajjaboo fi beekamoo jedhaman wajjin seenaa boonsaa qaba. Waltajjiiwwan inni irraa dhiichisu seenuuf namoonni miliyoonaan lakkaa'aman tikkeettii seensaa kutatanii irratti argamaniiru. Kabajaa fi jaalala namootaa hedduu argateera.
Garuu, waanti hundumtuu akka inni yaade isaaf hin taane.

  • Waxabajjii 25 bara 2009A.L.A umrii isaa waggaa 50tti onneen isaa dalagaa dhaabde. Hawwiin jireenyaa waggaa 150, waggaa 50 irratti karaatti hafe.

  • Hojiileen Doktoroota 12nii hin milkoofneef.
    Biyyoota adda addaa kan akka Kaalifoorniyaa fi Loosanjles irraallee doktoroonni dabalataa wal'aansa isaaf waamamaniiru, garuu baraaruu hin dandeenye.
    *Waggaa 25niif namichi doktorootaan malee hin tarkaanfatin,abjuu isaa waggaa 150 jiraachuu hin dhugoomsine.

Deemsi xumuraa jaaksan tamsaasa kallattii(live) namoota miiliyoona 2.5n daawwatame. Kun immoo dheerinaan fi baayyinaan hamma yoonaa dorgomaa hin qabu.

Guyyaa inni du'u Waxabajjii 25 2009 halkan sa'atii 9:15tti, Wikipedia, Twitter,AOL's Inistrgram fi messenger faa dalagaa dhaabanii turan. Kunis namoonni miiliyoonaan lakkawaman walfaana gara google seenanii du'a isaa barbaadaa waan turaniifi.
Jaaksan du'a injifachuuf ture, duuti garuu isa injifatte.
***Obboloota kiyya, Michael Jackson dhuma jireenya isaa irratti gochaa fi hojii isaatti gaabbee Waaqa uumaa isaatti harka kennachuuf yaadee miseensumnaa warra Illuminante keessaa bahuuf murteessee ture. Seexanni garuu, utuunni guutummaatti yaada garaasaa geeddaratee Yesuusitti kooluu hin galiin kichuutti isa kutte. Bara hamma kanaatti kana hojjedheen, kana godheen sana godheen deebi'a jechuu haa dhiifnu.
Argitee? Qabeenyi ati itti of abdattu gaaf tokko si gana! Beekkamtiinis akkasuma si gana!

Addunyaa kanarratti soorumnii fi kabjani, beekamtii fi jaalatamummaan hagamii illee du'a nama hin oolchu.
Utuu akkas ta'eetii Mayikil Jaaksontu du'a oola ture. Garuu hin taane.

Bara jireenya kee ishee xinnoo kanatti, waan qabduttii fi eenyummaa Waaqayyo siif kennetti gammadaa galateeffadhuutii, gadi jedhii Waaqa wajjin jiraadhu!!
Biyya lafaa kun hambaa hin qabdu. Yeroo ishee eeggattee akkuma Mayikil Jaakson si ganti.

4 months, 1 week ago
Jaalalli [#Dhugaa](?q=%23Dhugaa) akka kanatti ibidda walakkaa …

Jaalalli #Dhugaa akka kanatti ibidda walakkaa nama dhaaba!

REPHIDIM TUBE

@adventistscript

5 months ago

Karaan dheerateef maaltu
Duuba deebi'uuf yaala!
Waanti aduu gajjallaa
Hundumtisaayyuu baala!
Addunyaan kun fixeensa
Hurrii maaltu abdata!
Lagniyyuu deemsa fixee
Galaanarra dhaabata!

Uf cinquu nu hin feesisu
Jireenya dacheef jecha!
Hamtuudha biyyi lafaa
Hadhooftuu akka eebichaa!
Burqaa tolootaa guusaa
Kan jallootaa mirgifti!
Hin amaniin raawwattee
Fagoo geessee si dhiifti!

Yoo mijates yoo dhiisees
Jireenyi biyya lafaa!
Eentu irratti raagee
Irra jiraachaa hafa!
Hundumtuu yeroo eegee
Irraa darba godaanee!
Waan haaraa finnu hin qabnu
Waanta meeqa kootaanee!

Sooromneef bara hin quufnu!
Hiyyoomneefis hin duunu!
Jabaanneef miti jabaa!
Dadhabneef miti dabaa!
Waa martuu dhoksaa qaba!
Kana quba naaf qabaa!

Dhumni nama hundumaa
Boolla hojjaasaa gitu!
Hin jiru namni cimaan
Jiraachuuf bara bitu!
Kanaaf waa mara bikkaa
Madaaluu nu feeesisa!
Yoos Gooftaan harka qabee
Lagicha nu ceeeeeesisa!!!!

REPHIDIM TUBE
@adventistscript

Join gochuudhaan channal kana hordofaa!!!

7 months ago
Faarfattuu Kuttubee Bariisoo!!

Faarfattuu Kuttubee Bariisoo!!
Faarfattuu qaxalee fi Kennaa faarfachuu qofa qabdu utuu hin taanee, faarfannaatti foolii addaa gochuuf nama kennaa jabaa qabdudha.

Faarfannaa haaraa #SI_HAA_GALATU jedhuun nu eebbisuuf qilleensarra dhufaa jirti.

Kuttubeedhaan Waaqayyo si haa eebbisu, kennaan kun dabalee siif haa mirgisu jechuun jaaladha. Dhaggeeffattoonnii fi daawwattoonni ammoo ittiin eebbifamaa. Karaa dandeessaniinis kennaa mucaa kanaa jajjabeessaa jedheen dhaammachuu barbaada!

REPHIDIM TUBE
@adventistscript

Join gochuudhaan hordofaa!!

We recommend to visit

Official Telegram channel✔️

?Nutti dhihaatta ?
?Jaalalaan nurraa qabamta?
?Garmalee Koflaan Fincaan ofirrati buusta?
?asuman waliin taane Afaan fi artii keenya gudifanna.
Any comments or messages:- @Orosarca_commentobot

Last updated 3 years, 2 months ago

??Jaalalaafii ergaalee jaalalaan wal qabatan gaggabaaboo as jalaa argattu❣?????❣️❤️‍?
????Dabalataan Qoosaa Bohaarsoo??

Last updated 1 month, 1 week ago

Last updated 4 months, 2 weeks ago