Infinite Entertainment, Zero Cost: Get Your Free Books, Music, and Videos Today!

Humna Jaalalaa

Description
feesbuukiikoo https://www.facebook.com/abakiyame/ Barnoota adda addaa fi asoosama akkasumas kanbiroo. contact @Abakiyuma
Advertising
We recommend to visit

Jeet ek Nasha hai aur is Nashe ki Factory ka mai ek lauta Baadshah hoon !

My Telegram Channel Link
https://t.me/+S9lLIcfDkRrhG-VZ

For Any Query Contact
My Username - @RehanBaadshah

Last updated 3ย weeks, 1ย day ago

Youtube Irraattis nu Argattu

https://www.youtube.com/c/KaachuuEntertainment

Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot

Last updated 1ย month, 3ย weeks ago

๐—๐—ถ๐—ฟ๐—ฒ๐—ฒ๐—ป๐˜†๐—ฎ ๐—บ๐—ถ๐—น๐—ธ๐—ฎ๐—ฎ'๐—ฎ๐—ฎ ๐—ท๐—ถ๐—ฟ๐—ฎ๐—ฎ๐—ฐ๐—ต๐˜‚๐˜‚๐—ณ ๐—ธ๐—ฎ๐—ธ๐—ฎ'๐˜‚๐˜‚๐—บ๐˜€๐—ฎ ๐—ฌ๐—”๐—”๐——๐—”๐—” ๐—ณ๐—ถ ๐——๐—”๐—ก๐——๐—˜๐—˜๐—ง๐—ง๐—œ๐—œ ๐—ฑ๐—ต๐—ผ๐—ธ๐—ฎ๐˜๐—ฎ๐—ฎ ๐—ผ๐—ณ๐—ถ๐—ถ๐˜๐˜๐—ถ ๐—ณ๐—ฎ๐˜†๐˜†๐—ฎ๐—ฑ๐—ฎ๐—บ๐˜‚๐˜‚๐—ณ ๐—พ๐—ผ๐—ฝ๐—ต๐—ถ๐—ถ ๐˜๐—ฎ'๐˜‚๐˜‚ ๐—ฏ๐—ฎ๐—ฟ๐—ฏ๐—ฎ๐—ฎ๐—ฐ๐—ต๐—ถ๐˜€๐—ฎ!
๐Ÿ’ฅ @Oromoo_Inspire_YaadaafBot ๐Ÿ’ฅ

Last updated 3ย weeks, 2ย days ago

3ย weeks, 2ย days ago

**Asoosama gabaabaa

Bu'aa ba'ii

Kutaa 1ffaa**

*Yeroon isaa ganna ture finfinnee bal'oo keessa osoo oliif gadi deemtuu roobni cimaan tokko dhufe. Dinqituun dhiyeenya walloodhaa dhufte finfinnee keessa baay'ees hin beektu; dibaabellee of harkaan qabdu asif achi ilaalte bakka deemtu dhabde naatee waaqa asii ol ilaalte. dukkanaa'eeras waan ta'eef osoo achii ijashee deebisaa jirtuu tasa nama argite. namni kun dargaggeessa hojii eleektirikaa hojjetu ture. Yeroo kanas mukarratti ol ba'ee dalagaasaa osoo dalagaa jiruuti kan roobni akka tasaa roobee jennaa achi irraa bu'aa jira. dinqituunis haga inni achi irraa bu'utti ijashee irraan kaafanne ture. akkuma bu'een itti dhiyaattee akka qufa'uu taatee eenyu obboleessoo iddoon itti rooba kana caamfannu jiraa?

Yoo jettu Ibsaan baayyee na'e hin agarreen ture duubarraan turte itti gara galee yogguu ishee ilaalu intala geessuu magaala shurrubbaan ishee gabaabaa luuccaa rooban tortoree irra gad ciise argee akkuma na'etti na hordofi jedheenii dursee fiigaa adeeme, dinqituunis peestaala harkatti baattee jirtu qabattee isa duuba fiiguu jalqabde.

osuma fiiganii mana bunaa tokko seenan " noori Ibsa oluma" jetteen haati mana bunaa sun. Taa'i taa'i jedhee olseenee koottu jedheen dinqituudhaan, isheenis sodaachaa ol seentee erga teesseen booda kirkiruu jalqabde. huccuun ishee haphii waan tureef baayyee tortoreera. kana kan hubate ibsaan nyaaran hadha mana bunichaatti haasa'e. sana booda fuutenii gara kutaa ittaanutti dabartee, shinshinii bareedaa tokko itti uffistee rifeensashee sirreessiteefii, dibata dibdeefii "koottu achi dabarraa" jetteen gaafa gad ba'an ibsaan ijasaa irraa buqqisuun dandeenye. harkasaa boquurra godhatee daqiiqaaleedhaaf ilaalen isheenis naatee ilaalaa turte. kana gidduutti taa'ikaa bunan siif buusa jetteen haati mana bunichaa Aadde Raggaatun to..to..tole jettee teesse bunni lameenifuu bu'ee dhuganii sinii ishee harkaa fuudhee deebisee maqaan koo ibsaa jedhama kan kee hoo jedhee yeroo gaafatu hati mana bunaa naatee ol jettee isaan ilaalte.....

Itti fufa..
Barreessituun Seenaa Asaffaa*.

3ย weeks, 4ย days ago

ANAA FI QAANAA ๐Ÿ“ก๐Ÿ“บ
Kutaa 6ffaa

" Mataa waanan rukutameef beekan ture" ๐Ÿ˜‡ ittiin jedhe anis. "Amma waan baay'ee miidhamteef hospitaala dhuunfaa deemuu qabda" naan jedhan. Taatoti fiilmii hangi sun isaan natti lallabaa ๐ŸŽท oolan kanumaafi jedheen sagalee guddaadhaan iyyuu kajeele. Yoon iyyee ammoo tokko shaneen natti duudanii lubbuu na keessaa baasuu jedheen sodaadhe. Isaan bakka ani jirutti na dhiisanii fiilmii isaaniitti kikissaa deebi'an. An foon koo dhiiga dhaabsisuu deemeen onnee of dhiigse. Isa baqaqe suphisiisuuf mana yaalaa deemeen caalaatti akka suphee burkutaa'e ๐Ÿ˜…

Akka na fiddanitti kottaa ana fudhadhaa jedheen warra na madeessee yaalaaf bakka yaalli hinjirre na geesse waammadhe. Isaanii yaa tolu dhufanii na fudhatan.

Maal jechuu barbaadeenii beektuu, ijjoolleen barumsa dhiiftee, Tv Qaanaa jettee qaranna'aa jirti. Kanaafuu jeequmsa karaa warra ollaa nama irra ga'u of irraa maqsuuf, baay'ina uummataa hir'isuuf gaarii ta'us, dhaloota quucarsuuf, Afaan Oromoo haguugee aartii keenya ukkaamsuuf, ogeessota fayyaa hoji dagachiisuun teesisuu irratti ammoo dhiibbaa waan qabuuf Tvn Qaanaa galata dhabee, galata haa argatu. Hhhhhhhh silaa bara kana dhibba keessaa dhibba galateeffachaa, dhibba keessaa dhibba galateeffachuu dhiisuu hin dandeenyu.

Harar (2016)

Xumurameera.

@humnajaalalaa

3ย weeks, 5ย days ago

*ANAA FI QAANAA
Kutaa 5ffaa

An nan aada; qaamni na butute jira firakoo "maaloo dafi na furiin " ittiin jedhe. Isheenis "maal aadda Chaandiraanuu cidha Zaaraa irratti akka sana reebamee homaa hin taanee. Kana waan guddaa gootee akka deessuu hin ciniinfatin" naam jette. Oso ishe kanas ka'ee kabalee natti tola ture. Ana nama du'uuf dewmu fiilmii Hindii naaf seenisiti.

Anis aareen hiriyaa kootiin "Maalidha hospitaala jettanii, Bollywood na fiddanimoo akkamii waansaa" jedh. Narsoti kan biraa girrisanii yeroo dhufan " dhiifama obbolesso ati al tokko gad ba'i" ittiin jette hiriyaa kiyyaan. Dhiira tokkoof durba sadii ta'anii na marsan. Ani ammaa sagalee harkifamaan " maaloo du'uufan jedha natti dafaani" jedhen"cal jedhi humna kee ilaaltee nama hin loltuu? ati Kuuziidhaa (taatoo Fiilmii kan biraati) kan aka argite nama hundumaa duukaa wal loltu?" naan jedhe narsichi inni dhiiraa. "yoo akka isaatti nama ofirraa qolachuu hin dandeessu ta'e afaan kee qabachuu dha" jedhee itti dabaluun natti dute. Anis fala biraa hinqabu waanan taheef "tole"n jedhe. Haasaan isaanii kun garu ' anti pain' ta'uu hin hafu jedheen yaade. Inni dhiiraa sun itti dabalun " mee akka dheengaddaa Chaandraan itti ciise sanatti ciibsaa" jedhe. Shamarran lamaan asiif achi ana qabanii na ciibsan.

Ishee ittiin nama dhaggeefatan sana laphee koorra kaa'uf uffata narraa soqole " Ispoortii nii hojjettaa" naan jedhe. " eeyyen" jedhen. "sister chest isaa kan chaandiraa hin fakkaatuu?" jedhe " yes of course, harki isaa garuu kam Omaariin fakkaata; qal'aadha" ittin jette.

Waan isaan haasa'an fiilmii ta'uu isaa nan shakke. Maqaa dhukkubadha se'een yaadda'ee sababnisaa ogeessi fayyaa tokko akkamiin dhukkubsataa dhiisee waa'ee fiilmii dhiphataree?

Waantisaan maqaa wawwaaman kun.maqaa dhukkuba ta'uu hin ooltu jedheen waanan shakkeef "akkas nama godhaa innii?" jedheen gaafadhe. "Maaltu?" naan jedhe. "Chaandiraa fi Omaan dhukkubbiin jedhamu" yoon jedhuun , inno dhiiraa "oo ati baayee miidhamtee jirta jechu dha. TV Qaana wallaalaan isaa sirriitti dhibamtee jirta. Isa dhiigni kee dhangal'aa jiru caala dhukkubin kee hamaan isaa kana" jedhee kolfa dheeraa kolfe.
itti fufa....*@humnajaalalaa@humnajaalalaa

2ย months, 3ย weeks ago

*B O O K A S H I I
Kutaa_26ffaa

Daree yoon galu sodaafi gammachuun wal na harkaa makanii turan alatti hafan.

Barattoonni hundi teessoo irra taa'anii turan irraa ka'anii, ijaajjan.
Miirri addaa natti dhagaa'ame.
Fuula tokkon tokkoo barataa irraa gammachuutu dubbifama.

Bitaa hanga mirgaatti.
Fulduraa hanga duubatti miira walfakkaataa, gammachuutu irraa ifa.
Anaaf garuu amala haaraafi addaa ta'e.
Maaltu akka ta'uuf jiru tilmaamuuf yeroo natti fudhate.

"Baga daree keenya nuuf dhufte. Si jaalanna.
Si kabajna.
Yeroo hunda si waammanna"
Nan jedhan.

Barattoota biyya isaanii tajaajiluuf: barnoota akka bishaani dheebotaniifi akka nyaataatti beelawaan kana ogummaan qabuun tajaajiluuf, beekumsa kana dura qabu qoodeefi isaanis beekumsa akka argataniif waadaa hin sharafamnen barattoota hunda fulduratti ofii kiyyaaf gale.

Seenaa Yuunibarsiitiin kun qabu keessatti kun naaf haaraadha.
Nan rifadhe.

Miirri gammachuun barattoota hunda irraa dubbifama.

"Kabaja keessaniif guddaa galatooma.

Deebi'aa taa'a" jedhe gara minjaala yaadannoo (NoteBook) baatutti adeeme.

Barattoonni hundi ni taa'an. Bookashiin garuu hin teenye.
Deebitee kan teesse ijji kiyyaafi ishee wal irra bu'ee, riifanna fuula kiyya irra jiru erga dubbistee booda.

" Maqaan kiyya Nadhii jedhama.
Gosni Barnootaa(Coarse) ani siniif keennuu 'Istirakcharaala Dizaayinii'dha.

Barnoonni kun barnoota xiyyeeffannoo barbaaduudha.

Saxaxa Gamoo, Riqichaa, Hidhaa tokkoo hojjachuuf barnoota kana haalan hordofuu qabdu.
Akka sirritti hubannoo fi dandeettii gahaa qabaattaniif isin barsiisuuf anis qophiidha.

Hanga daree dhufuun wal arginutti Yaadannoo kana haalan ilaala." Jedheen.

Nagaa kiyya ergan itti dhaame booda dareedhaa baheen gara biroo kiyyaatti fuula kiyya garagalche.

"Baga Gammadde!
Baga Gammadde"
Yoo nan jedhan, maaliif akka ta'e beekuun na dhibe.

Barsiisaan guyyaa tokko nagaa na gaafatee hin beekne
"Barsiisaa Nadhii, akkam oolte?" Erga nan jedhee nagaa na gaafatee booda
"Carraa barnoota digirii lammaffaa argattee, Gara Hindii deemuu keetti guddaa gammadeera.
Atis baga gammadde" nan jedhe.

Gammachuu osoo hin taane naasuudhan dugdi kiyya bakkee lamatti cite.

Ani osoo hin dhaga'in akkamin akka qaamni sadaffaan dhaga'ee oduun isaa Mooraa Yuunibarsiitii wal guutee jiru namni natti hime hin jiru.

Dubbii Cabsaa guyyaa Wiixataa ta'ee oole dhimmi kiyya.

Muummeefi Bulchiinsa Yuunibarsiitii Jimmaa irraa qaamni Olaanaan carraa kana argateetta nan jedhe hin turre.*

BAARREESSAAN #KEETAN
YAADA QABDAN NUUF QOODAA @hohopefully
๐Ÿ‘‡ ๐Ÿ‘‡ ๐Ÿ‘‡ ๐Ÿ‘‡
@Ogeti_pictures

2ย months, 3ย weeks ago

Bookashii Kutaan Xumuraa..........hin geenye garuu hanga ammaatti kan dubbistan irratti yaada keessan....

2ย months, 3ย weeks ago

*B O O K A S H I I
Kutaa_25ffaa

Jimma

Faaruu simbirroo, galataffannaa bari'uu dukkanaatin dabaalamtee na cinaa kaate. Shaamiziin kaleessa galgala uffadhee miilla diriirfanna waliin bahe uffattee ciree qopheessitee hirribaa na kaafte.
Siree waliin irra bulle irraa ka'een kutaa qaama dhiqannaa aseene.
Huccuu Bookashiin naaf sirreessite ergan uffadhee booda ciree bareedaa dhiyaate nyaachuufan taa'e.
Harka kiyyaatin akka tuquuf carraa naaf hin kennine. Qubee akka alaangaa Roobii laga hidheessaa qaqaldhatu sanan afaan na ka'uu eegalte.
"Hojiin sitti barfatee jiraa atumti naaf nyaadhu " nan jettee ija maraarsifannaa takkaan na ilaalte.

Erga afaan na keessee booda nyaata quba ishee irratti hafe arraaban mi'eeffattee ilaalte.

Hangan dur jaaladhu caalan maraarsifadhe.

Harka kiyya dhiqadhee yoon xummuru harka isheetti karabaataa qabattee dhabbattee na eegde.

Karabaataa erga naaf hiitee booda koroojoo hojiif fudhee deemu baattee hanga karraatti na gaggeessite.

"Nagaan naaf ooli lubbuukoo" jettee na hammattee na lakkisuu didde.

"Atis nagaan naaf ooli dammakoo" jedheenin adda ishee irra dhungadhee biraa deeme.

Garagalee yoon ilaalu bakkuma dura dhaabbattee jirtu ijaajjitee hangan ija ishee irraa fagaadhutti ijaan na gaggeessaa jirti.

"Hardha hojii dhiisee Bookashii kiyya waliin ooluun qaba " jedheen ofirra deebi'e.

Bilbilli tasa naaf bilbilame garuu abjuu bareedaa filmii Hindii fakkaatu irraa na dammaqse.

Sagalee bilbilaa hirriba kiyya irraa na dammaqseetti baay'ee gadduu irraan kan ka'e eenyu akka naaf bilbile hin ilaalle.
Namni barii kanan naaf bilbilu sa'a tokko booda osoo naaf bilbilee anarraa eebba argata tureeyyu osoon jedhuun siqiqaa bilbila kiyya ilaale.

Yeroo lammaffaaf naaf bilbila.
Siree kiyya irraa ol utaaleen ka'e.

Bilbila Bookashiiti.
'Isheenis abjuu akka kiyyaa abjoottee laata?' jechaan kaase.

Sagalee ishee qabbanawaa onnee namaa banee seenee mana jaalalaa keessatti ijaarratu sanaan
"Akkam naaf bulte Nadhiikoo?" Jettee nagaa Waaqaa na gaaffatte.

Anis bareechee mi'eesseen nagaa koo dhaameef.

"Abjuun akkam ture?" yoo nan jettu

"Bareedaa ture" ergan jedheeni booda

"Akka ani halkan guutuu waa'ee ishee abjootaa bule afuura maliitiin barte" jedheen ofuman of gaafadhe.

"Akka ati nu barsiiftu sagantaa nuuf bahe irraa argeen baay'ee gammade. Hanga ati dhuftee daree seentutti baay'ee sardameen jira" jette.

Sodaafi gammachuun wal na harkaa make.

Daree yoon galu garuu sodaafi gammachuun wal na harkaa makanii turan turan alatti hafan.*BARREESSAAN #KEETAN

Itii Fufaa
Yaada qabdan nuuf qoodaa @hohopefully
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@ogeti_pictures

3ย months ago

Quba qabduu?

Mansuur Jamaal Gaaffiiwwan badhaasa qarshii hanga 1000 qabu eegaluuf jedha. Maarree isin hoo dursa chaanaala kanatti makamtaniittuu?

3ย months ago

Bookashii Kutaa 20 fi 21 `B O O K A S H I I

Asoosama Gabaabaa

Jimma, Shanan Gibee, Oromiyaa

Ana, Bookashiifi Odaa taanee, sadeen keenya gara buufata konkolaataa aseenne.
Konkolaataa bira yeroo geenyu nama tokko qofa hanqata ture. Odaan seennaan guute.

"Hanga ati Jimma jirtutti Bookashiin waa ni taati jedhee hin yaadda'u.
Akka obboleessatti itti siqii yaada ishee qooddadhuuf.
Akka obboleettitti itti siqii iccitii ishee gaafadhu.
Akka haadhaafi Abbaatti yeroo hundaa 'siif jira!' jedhii cinaa ishee dhaabbadhu" nan jedhee Odaan ilkaan isaa akka aannan loon Hurrumuu addaatu 'bishiq' godhe foddaa konkolaataa irraan.

"Hayyee, karaa gaarii siif haata'u" jedheen.
Lameen keenya erga harka fuune booda konkolaataan Odaan keessa ture buufaticha keessaa baate.

Aniif Bookashiin walitti hafne.

Iccitii Bookashiin natti himuuf jirtu dhaga'uuf keessi kiyya baay'ee sardameera.

Hoteela senteraala kanuma buufata konkolaataa Jimmaa cina jiru seennee hara galfanne.
Namoota bishaan daakaa jiran irraatti ijji Bookashii xiyyaa isaa darbatee hafe.
"Bishaan daakuu feetee?" Jedheen Bookashii gaafadhe.
Ijji ishee duumeessaa'eera.
Imimmaan ija guuteera.

Gaaffii ani ishee gaafadheef deebii naaf hin deebisne.
"Waan natti himuuf jirtutu gaddisiisaadha laata? " jedheen of gaafadhe.

"Yeroo jalqabaatif harmee kiyya waliin bishaan daakeen ture. Harmeen kiyya bishaan daakaa ni jaalatti.
Keessattuu laga gurguddaa daaktee ce'uuf namni ishee dursu hin jiru.
Ganna kudha shan dura Iluu Iluu bakka buutee daakaa dorgomaa turte ." Imimmaan lakkuu roobse ijji Bookashii.
"Dubartoota bishaan daakaan yeroon argu harmee kiyyatu ija kiyya dura dhufa.
Harmeeen kiyya Iluu bakka buutee dorqommii bishaan daakaatiif osoo imalaa jirtuu balaa konkolaataatin lubbuun ishee darbe" jette. Imimmaan ija ishee cophu abbudduu harkan haqatte.
Teessoon irra taa'ee jiru gara Bookashiitti siqseen ofitti qabee sossobuu eegale.

"Ati jabaattee hojjattee kaayyoo harmee keetii galman gahuu qabda. Anis yeroo hundaa cina keen jira.

Hin sodaatin" jedheenin sossobe

Nadhii, Waaqni si naaf fidee jira.
Kudhaama abdii ani gutee gate situ deebisee natti hidhe.

Yoo ati cina kiyya jiraatte waan hundaa nan danda'a" jettee morma kiyya jala ruuqamte.

Natti tole
Nan gammade.
Nan seeqe.

"Galaana daakee hin beekne na daaksisimee" ija Bookashii keessa ilaaleen jedheen.

"Kanaan dura daaktee yoo hin beekne fe'amuu dandeessa" nan jette kokkolfaa.

"Suuta na barsiifta"

......itti fufa

Waan dubbistaniif galatoomaa`!
BARREESAAN #KEETAN
Yaada qabdan Nuuf qoodaa!
@hohopefully

3ย months ago

Bookashii! akkam ooltan?

3ย months, 1ย week ago

B O O K A S H I I
Asoosama Gabaabaa

Kutaa 13ffaa

Mattuu, Iluu Abbaa Booraa

Magaalaan kun magariisa uffattee gannaafi bonatti bifa ishee osoo hin jijjirratiin jiraatti.

Laga soor muldhiitti hidhattee akka harmatti dachee ofii oosifti.
Magaaloota fageenya wal fakkaataa irratti argaman Goree, Hurrumuu, Burrusaa, Noophaa marfantee argamti.

Harka ishee gara Hurrumuutti miillan gara Goreetti dheerachaa jirti.
Garaan gara Tullubbeetti Yuunibarsiitii baatee dorrobeera.

Gamoon Kaliifaa Abbaa Joorgaa handhura ishee irratti kudhamaa guddinaa kudhammatee Gamoowwan birootif illee daandii guddinaa baneera.

Gamoo Kaliifaa Abbaa Jorgaa (KAJO) irra dhabbattee magaalaa Mattuu kallattii afranin arguun nama hin rakkisu.

Manni Obboo Gammadaa, Asphaaltii guddicha magaala Mattuu bakkee lamatti qoodee gara Goree geessutti baaha.

Caccabsaa dhadhaa quufe buna dura nuuf dhiyate nyaannee fixuu dadhabne. Dhangaa ilaalanii qufan nyaatanii fixun nama rakkisa. Mi'aafi barakaan isaa adduma.
Buna akka Ituttuu loon Hurrumuu furdatu dhadhaan gubbaatti naqxee nuuf kennite Bookashiin .

"Ijoolleekoo " nun jedhe obboo Gammadaan, abbaan Bookashii

"Bookashiin kiyya gara Jimmaatti deebitee barnoota ishee itti fufuu qabdi.
Amma nageenyi mana kiyyatti deebi'ee jira.
Kana booda Bookashii kiyya barnoota isheetti cimtee qabxii gaarii fiddu arguun qaba

Odaan kiyya asiitti yoo na cina dhaabbate. Nadhiin kiyya achitti/Jimmatti Bookashii cina dhaabbannan wanti nuti gochuu hin dandeenye hin jiru" jedhe obboo Gammadaan.

Yaada gabbataa kana anis Odaanis hin mormine. Akka hojii irra ooluu qabutti fudhanne.

Guyyaa tokko booda

Aniifi Bookashiin gara argama bunaa kan taate, Jimmatti deebine.

Wanti hundi akka ani barbaadetti sarara naaf qabateera.
Bookashiin galmoooftetti. Bakki bulmataafi nyaanni eeyyamameeraf.

Dassaaleny hojii barsiisumma dhiisuuf xalayyaa galfatee akka jiru ture angafni oduu torban kanaati.
Barsiisoonni muummee keenyaa "Dassaaleny hojii biroo argatee jira" jedhanii odeessu.
Barsiisonni tokko tokko immoo "Dhiibbaa Yuunibarsitiichi irratti qaqqabsiisaa jiru dadhabeeti hojii lakkisuuf murteesse" jedhanii wal harkaa fudhanii bittimsu.

Hojii barsiisumma dhiisuuf xalayaa galfachuun Dassaaleny naaf liqimfamuu baatus yakka dalagaa ture jalaa miliquuf akka karoorfatee jiru naaf gala.

................
Itti fufa.
BAARREESSAAN #KEETAN
Yaada qabdan nuuf qoodaa!
@hohopefully
Join godhaa ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡โšซ๏ธ๐Ÿ”ดโšช๏ธ
@humnajaalalaa
@humnajaalalaa

We recommend to visit

Jeet ek Nasha hai aur is Nashe ki Factory ka mai ek lauta Baadshah hoon !

My Telegram Channel Link
https://t.me/+S9lLIcfDkRrhG-VZ

For Any Query Contact
My Username - @RehanBaadshah

Last updated 3ย weeks, 1ย day ago

Youtube Irraattis nu Argattu

https://www.youtube.com/c/KaachuuEntertainment

Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot

Last updated 1ย month, 3ย weeks ago

๐—๐—ถ๐—ฟ๐—ฒ๐—ฒ๐—ป๐˜†๐—ฎ ๐—บ๐—ถ๐—น๐—ธ๐—ฎ๐—ฎ'๐—ฎ๐—ฎ ๐—ท๐—ถ๐—ฟ๐—ฎ๐—ฎ๐—ฐ๐—ต๐˜‚๐˜‚๐—ณ ๐—ธ๐—ฎ๐—ธ๐—ฎ'๐˜‚๐˜‚๐—บ๐˜€๐—ฎ ๐—ฌ๐—”๐—”๐——๐—”๐—” ๐—ณ๐—ถ ๐——๐—”๐—ก๐——๐—˜๐—˜๐—ง๐—ง๐—œ๐—œ ๐—ฑ๐—ต๐—ผ๐—ธ๐—ฎ๐˜๐—ฎ๐—ฎ ๐—ผ๐—ณ๐—ถ๐—ถ๐˜๐˜๐—ถ ๐—ณ๐—ฎ๐˜†๐˜†๐—ฎ๐—ฑ๐—ฎ๐—บ๐˜‚๐˜‚๐—ณ ๐—พ๐—ผ๐—ฝ๐—ต๐—ถ๐—ถ ๐˜๐—ฎ'๐˜‚๐˜‚ ๐—ฏ๐—ฎ๐—ฟ๐—ฏ๐—ฎ๐—ฎ๐—ฐ๐—ต๐—ถ๐˜€๐—ฎ!
๐Ÿ’ฅ @Oromoo_Inspire_YaadaafBot ๐Ÿ’ฅ

Last updated 3ย weeks, 2ย days ago