Humna Jaalalaa

Description
The pain you feel today is the strength you feel tomorrow. For every challenge encountered, there is an opportunity for growth.
@abdimegersa

Follow my fb account

https://www.facebook.com/abakiyame?mibextid=ZbWKwL
Advertising
We recommend to visit

Jeet ek Nasha hai aur is Nashe ki Factory ka mai ek lauta Baadshah hoon !

My Channel Link
https://t.me/Baadshah

For Any Query Contact
My Username - @RehanBaadshah

Last updated 1 month, 2 weeks ago

Chaanaalli kun yeroo hundumaa Walaloowwan filatamoo fi ergaa guddaa qaban kan siniif dhiyeesaudha.

Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot


https://telega.io/?r=l9NDCHx-

Last updated 4 months ago

Kaayyoon chanali kanaa faarfannaa haaraa fi kan durii isin biraan ga'uudhaafi
Dabalataan seenaalee garaa garaa isin biraan ga'uf

@Burqaa43

Last updated 1 year, 2 months ago

6 months, 2 weeks ago

***Asoosama Gabaabaa

Bu'aa ba'ii

Kutaa 22ffaa**

Ibsaan baay'ee gaddee "maal obboleettiikoo nu araarsuu dhuftee atis itti dabalamtee lola Uumtaa?" jedheen.

Isheen garuu, aarii keessa waan turteef " haati manaakee kun nii quuftee bar silaa jireenyichi isheef hin malu, mana namaatti galtee hojjettuu ta'uutu isheef mala ture, kara deemtuu kana nama goonan deebii natti deebiftii?" Jettee afaan darbaa baayy'ee isheen dubbannaan, Ibsaan itti aaree " dhiisi egaa isheen naan walloltee aartee jirtiim, isheetti hin qabamin hubadhu bar dhugaa qabdii" jedheen.

Raggaatun ammoo jecha isaatti aartee "deemii garbashee ta'iif, ati silayyuu obboleessakoo miti" jettee gattee baate.

Jaarsummaan isaanis addaan cite. walitti deebi'aniis hin haasofne, Ibsaanis achumaan ba'ee mana dhugaatii deemee machaa'ee galgala gale. Dinqituunis kanatu tole, kanatu badee hin jenneen.

Kana hundumaa kan hubate ilmi Ibsaa Murteessaan haadha isaaf baay'ee quuqamaaf ture. Yaadni kun ammoo barnoota isaa irrattillee dhiibbaa uumuu eegale. Dandeettiin isaas kan duriirra jalaa gad bu'e.

Boontun garuu homaa yaada hin qabdu, hunduma wajjin walii galteemaan jiraachuu ishee itti fufte. Ibsaanis darbee darbee obboleettii isaa Raggaatuu bira deemu fi mana dhugaatiitti galgaleeffachuun amaleeffannaa itti ta'e.

Dinqituun yoo kana argitu Aariidhaan waxalamaa jireenya itti fufte. Obboleetitin ibsaa immoo akkanni Dinqituu hiikee durba kan biraa fuudhu gorsuu jalqabde.

Itti fufa...@humnajaalalaa@humnajaalalaa Yaada qabdaniif* @abdimegersa

6 months, 3 weeks ago

**Asoosama Gabaabaa

Bu'aa ba'ii

Kutaa 21ffaa**

*Waan gootus dhabdee miira Aariitiin gubaachaama ol galtee madaa mucaa ishee wal'aante. Ofiif garuu mala dhabde. Keessa isheetti 'wanti dhufe haa dhufu malee isa irraa adda bahuun qaba, Eeyyee obseera hanga obsaa kana caala garuu deemuu hin danda'u' jettee Aaridhaan waa baay'ee karoorfatte.

Garuu immoo ijoollee isheef jecha hanga dhumaatti; yoo barbaachisaa ta'e hamma wareegama lubbuutti obsuu akka qabdu murteessite.

Haaluma kanaan jireenya itti fufaniima jiraachuu eegalan. Garuu, Ibsaan amala jijjiirratee hinaaffaadhaan ishee rakkisuu itti fufe.

Maaf nama waliin haasofta? maaf dhiira waliin kofalta? Akkamitti Diimaan mana kana dhufaa fi kkf gaafachaa mataa ishee dhukkubsa ture.

Kana qofa miti; dhugee machaa'u fi mana Raggaatun bule jechuun ala buluu amaleeffate.

Guyyaa tokko wal-dhabbiin baay'annaan, Raggaatuun jaarsummaa dhuftee himannaa jalqaban.
Dinqituun obsa dhabdee boossee hirqinfachaa " mee ilaali miidhamakoo, an biyya kanaa isinuman beeka.

Keessumattuu Raggaatu si amaneen ture garuu, akkan yaade ta'uu didee kunoo rakkoo akkasii keessan jira. Fira tokko of biraa hin qabu, ijoollenkoos kunoo abbaa isaanitiin hacuucamaa jiru. Mee natti himi maalinni balleesaankoo? " jetteen.

Raggaatuunis "tole Ibsaanoo maal jetta yaada Dinqee irratti? " jettee gaafatte.

Obsaanis Raggaatuukoo " wanta Uumame hundaaf dhiifama gaafadheera. Garuu isheen na dhiistee Diimatti maxxanuudhaan na arsiti. Anis miira Aariidhaanin akkasitti isheetti dubbadha malee jibbaaf miti! Kana immoo isheenis ni beekti.

Waa'ee ijoollee kootii yoo ta'e immoo; isheenu na caala hin jaallattu, an akkamiinan isaan hacuucuu danda'a natti himi ijoollee koo mitimoo? ifa miti jechikee" jedheen akka qoosaatti.

Isheenis mufattee dubbachuuf kaanaan " egaa as dhufuunkoo jaarsummaaf mitiiree? Mee waa xiqqoo akkan dubbadhuuf carraa naaf kennaa malee" jettee dubbii qabbaneessite.

Ittuma fuftee " Ibsaan balleesseera, Dogoggorakoof ammoo dhiifama gaafadheera jedhe kanaafuu, wanti hagas mara obsa nama dhowwu waan jiru nattin fakkaatu. Ati bar haadha ijoollee lamaati, waa hunda yoo obsitee malee qilleensa of gidduu galchitu taanaan jiruun hin taatu.

Dhalli nama kana caalaayyuu wal lola, garuu mariidhaan dhimmi hin furamne hin jiru" jettee itti fufuuf jennaan,

Dinqeen afaanitti kuttee " si ga'a, na arrabsuuf dhufte taanaan, Arrabni obboleesaa keeyyuu naga'a. Mana kanaa nagaadhan ba'uu barbaadda yoo ta'e ka'ii deemi " jetteen.

Raggaatuunis akka seequu taatee " Edaa Giiftiin haganuma quufte jechuudhaam! kottu na reebikaa" jetteen.
Ibsaan gidduutti waan dubbatu wallaalee obboleetti isaa fuudhee gadi ba'e...

Itti fufa...*@humnajaalalaa@humnajaalalaa

7 months ago

**Asoosama Gabaabaa

Bu'aa ba'ii

Kutaa 20ffaa**

*Garuu mul'isee jaalala murteessaa fi Beektuuf qabu addatti hin agarsiisu. Sababni isaas; Murteessaa fi Beektuun haadha isaanii waliin jiru waan ta'eef, warreen haadha hin qabneef bakka haadhaa fi abbaas bu'ee jaalala itti agarsiisuu barbaada. Sanaafis Murteessaafaa nii lola, sababa malees reebuu amaleeffate.

Kun immoo garmalee Dinqituu waan aarsuuf yeroo yerootti Ibsaa wajjin wal-lolti. Ittiin Ooddees ooltee bulti. Kanarraa kan ka'e mana isaanii keessaa tasgabbiin dhabamee jireenya boora'aa jiraachuu itti fufan.

Haaluma kanaan jiraachaa osoo jiranii; guyyaa tokko Boontun intalli ishee guddoon, Beektuu waliin osoo qoosanii kuffiftee dhiigsite. Yogguu kana Dinqituun Aariidhaan fiigdee deemtee boontuu kabalte. Ibsaanis fiigee dhufee "maal gochuu keeti? intala abbaan illee hin hin beekamne kanaaf jettee mucaakoo kabaltaa" jedhee itti dheekkame.

Isheenis naatee beektuu ofitti qabdee madaashee sukkuumaa, " maal jechuudha kunimmoo? " jetteen. Innis yaada keessa seenee isa Diimaan "osoo kan koo taatee waan isheef malu sin garsiisan " ture jedheen yaadatee, "Eeyyeen diqaalaakee kanaaf jettee" jedheen.

Dinqituun Ariishee obsuu hin dandeenye. Rukuttees baafachuu hin dandeessu, baay'ee aartee gubatte. Waan gootu dhabdee, seeqxee qis qis jettee erga kofalteen booda "Boontuun kankeeti Beektuun diqaaladha miti? Eeyyen sirrii jette ati kabaja hin beektu kun hundis siif hin malu ture. Ana durbummaadhan na argatte, an garuu ijoollee lama waliin si argadhe.

Daaraan daakuutti kofalti jedhe beekaan yoo mammaaku bagan anuu shakkamekaa" jetteen. Innis " daakuuf daaraan isaatuu walii hin beekamu" jedhee aarin ofitti gumgumaa ba'ee sokke.

Dinqituun gama tokkoon madaa'uu mucaa ishee, gama tokkoon ammoo madaa arraba ibsaa, rakkoon lama itti ta'ee waan gootu wallaaltee Aariin mataatti ol-ba'ee ishee dhukkubse....

Itti fufa...@humnajaalalaa@humnajaalalaa Yaada qabdan kamiifuu @abdimegersa dubbisaa!*

8 months, 3 weeks ago

**Asoosama gabaabaa

Bu'aa ba'ii

Kutaa 1ffaa**

*Yeroon isaa ganna ture finfinnee bal'oo keessa osoo oliif gadi deemtuu roobni cimaan tokko dhufe. Dinqituun dhiyeenya walloodhaa dhufte finfinnee keessa baay'ees hin beektu; dibaabellee of harkaan qabdu asif achi ilaalte bakka deemtu dhabde naatee waaqa asii ol ilaalte. dukkanaa'eeras waan ta'eef osoo achii ijashee deebisaa jirtuu tasa nama argite. namni kun dargaggeessa hojii eleektirikaa hojjetu ture. Yeroo kanas mukarratti ol ba'ee dalagaasaa osoo dalagaa jiruuti kan roobni akka tasaa roobee jennaa achi irraa bu'aa jira. dinqituunis haga inni achi irraa bu'utti ijashee irraan kaafanne ture. akkuma bu'een itti dhiyaattee akka qufa'uu taatee eenyu obboleessoo iddoon itti rooba kana caamfannu jiraa?

Yoo jettu Ibsaan baayyee na'e hin agarreen ture duubarraan turte itti gara galee yogguu ishee ilaalu intala geessuu magaala shurrubbaan ishee gabaabaa luuccaa rooban tortoree irra gad ciise argee akkuma na'etti na hordofi jedheenii dursee fiigaa adeeme, dinqituunis peestaala harkatti baattee jirtu qabattee isa duuba fiiguu jalqabde.

osuma fiiganii mana bunaa tokko seenan " noori Ibsa oluma" jetteen haati mana bunaa sun. Taa'i taa'i jedhee olseenee koottu jedheen dinqituudhaan, isheenis sodaachaa ol seentee erga teesseen booda kirkiruu jalqabde. huccuun ishee haphii waan tureef baayyee tortoreera. kana kan hubate ibsaan nyaaran hadha mana bunichaatti haasa'e. sana booda fuutenii gara kutaa ittaanutti dabartee, shinshinii bareedaa tokko itti uffistee rifeensashee sirreessiteefii, dibata dibdeefii "koottu achi dabarraa" jetteen gaafa gad ba'an ibsaan ijasaa irraa buqqisuun dandeenye. harkasaa boquurra godhatee daqiiqaaleedhaaf ilaalen isheenis naatee ilaalaa turte. kana gidduutti taa'ikaa bunan siif buusa jetteen haati mana bunichaa Aadde Raggaatun to..to..tole jettee teesse bunni lameenifuu bu'ee dhuganii sinii ishee harkaa fuudhee deebisee maqaan koo ibsaa jedhama kan kee hoo jedhee yeroo gaafatu hati mana bunaa naatee ol jettee isaan ilaalte.....

Itti fufa..
Barreessituun Seenaa Asaffaa*.

8 months, 3 weeks ago

ANAA FI QAANAA ??
Kutaa 6ffaa

" Mataa waanan rukutameef beekan ture" ? ittiin jedhe anis. "Amma waan baay'ee miidhamteef hospitaala dhuunfaa deemuu qabda" naan jedhan. Taatoti fiilmii hangi sun isaan natti lallabaa ? oolan kanumaafi jedheen sagalee guddaadhaan iyyuu kajeele. Yoon iyyee ammoo tokko shaneen natti duudanii lubbuu na keessaa baasuu jedheen sodaadhe. Isaan bakka ani jirutti na dhiisanii fiilmii isaaniitti kikissaa deebi'an. An foon koo dhiiga dhaabsisuu deemeen onnee of dhiigse. Isa baqaqe suphisiisuuf mana yaalaa deemeen caalaatti akka suphee burkutaa'e ?

Akka na fiddanitti kottaa ana fudhadhaa jedheen warra na madeessee yaalaaf bakka yaalli hinjirre na geesse waammadhe. Isaanii yaa tolu dhufanii na fudhatan.

Maal jechuu barbaadeenii beektuu, ijjoolleen barumsa dhiiftee, Tv Qaanaa jettee qaranna'aa jirti. Kanaafuu jeequmsa karaa warra ollaa nama irra ga'u of irraa maqsuuf, baay'ina uummataa hir'isuuf gaarii ta'us, dhaloota quucarsuuf, Afaan Oromoo haguugee aartii keenya ukkaamsuuf, ogeessota fayyaa hoji dagachiisuun teesisuu irratti ammoo dhiibbaa waan qabuuf Tvn Qaanaa galata dhabee, galata haa argatu. Hhhhhhhh silaa bara kana dhibba keessaa dhibba galateeffachaa, dhibba keessaa dhibba galateeffachuu dhiisuu hin dandeenyu.

Harar (2016)

Xumurameera.

@humnajaalalaa

8 months, 3 weeks ago

*ANAA FI QAANAA
Kutaa 5ffaa

An nan aada; qaamni na butute jira firakoo "maaloo dafi na furiin " ittiin jedhe. Isheenis "maal aadda Chaandiraanuu cidha Zaaraa irratti akka sana reebamee homaa hin taanee. Kana waan guddaa gootee akka deessuu hin ciniinfatin" naam jette. Oso ishe kanas ka'ee kabalee natti tola ture. Ana nama du'uuf dewmu fiilmii Hindii naaf seenisiti.

Anis aareen hiriyaa kootiin "Maalidha hospitaala jettanii, Bollywood na fiddanimoo akkamii waansaa" jedh. Narsoti kan biraa girrisanii yeroo dhufan " dhiifama obbolesso ati al tokko gad ba'i" ittiin jette hiriyaa kiyyaan. Dhiira tokkoof durba sadii ta'anii na marsan. Ani ammaa sagalee harkifamaan " maaloo du'uufan jedha natti dafaani" jedhen"cal jedhi humna kee ilaaltee nama hin loltuu? ati Kuuziidhaa (taatoo Fiilmii kan biraati) kan aka argite nama hundumaa duukaa wal loltu?" naan jedhe narsichi inni dhiiraa. "yoo akka isaatti nama ofirraa qolachuu hin dandeessu ta'e afaan kee qabachuu dha" jedhee itti dabaluun natti dute. Anis fala biraa hinqabu waanan taheef "tole"n jedhe. Haasaan isaanii kun garu ' anti pain' ta'uu hin hafu jedheen yaade. Inni dhiiraa sun itti dabalun " mee akka dheengaddaa Chaandraan itti ciise sanatti ciibsaa" jedhe. Shamarran lamaan asiif achi ana qabanii na ciibsan.

Ishee ittiin nama dhaggeefatan sana laphee koorra kaa'uf uffata narraa soqole " Ispoortii nii hojjettaa" naan jedhe. " eeyyen" jedhen. "sister chest isaa kan chaandiraa hin fakkaatuu?" jedhe " yes of course, harki isaa garuu kam Omaariin fakkaata; qal'aadha" ittin jette.

Waan isaan haasa'an fiilmii ta'uu isaa nan shakke. Maqaa dhukkubadha se'een yaadda'ee sababnisaa ogeessi fayyaa tokko akkamiin dhukkubsataa dhiisee waa'ee fiilmii dhiphataree?

Waantisaan maqaa wawwaaman kun.maqaa dhukkuba ta'uu hin ooltu jedheen waanan shakkeef "akkas nama godhaa innii?" jedheen gaafadhe. "Maaltu?" naan jedhe. "Chaandiraa fi Omaan dhukkubbiin jedhamu" yoon jedhuun , inno dhiiraa "oo ati baayee miidhamtee jirta jechu dha. TV Qaana wallaalaan isaa sirriitti dhibamtee jirta. Isa dhiigni kee dhangal'aa jiru caala dhukkubin kee hamaan isaa kana" jedhee kolfa dheeraa kolfe.
itti fufa....*@humnajaalalaa@humnajaalalaa

10 months, 3 weeks ago

*B O O K A S H I I
Kutaa_26ffaa

Daree yoon galu sodaafi gammachuun wal na harkaa makanii turan alatti hafan.

Barattoonni hundi teessoo irra taa'anii turan irraa ka'anii, ijaajjan.
Miirri addaa natti dhagaa'ame.
Fuula tokkon tokkoo barataa irraa gammachuutu dubbifama.

Bitaa hanga mirgaatti.
Fulduraa hanga duubatti miira walfakkaataa, gammachuutu irraa ifa.
Anaaf garuu amala haaraafi addaa ta'e.
Maaltu akka ta'uuf jiru tilmaamuuf yeroo natti fudhate.

"Baga daree keenya nuuf dhufte. Si jaalanna.
Si kabajna.
Yeroo hunda si waammanna"
Nan jedhan.

Barattoota biyya isaanii tajaajiluuf: barnoota akka bishaani dheebotaniifi akka nyaataatti beelawaan kana ogummaan qabuun tajaajiluuf, beekumsa kana dura qabu qoodeefi isaanis beekumsa akka argataniif waadaa hin sharafamnen barattoota hunda fulduratti ofii kiyyaaf gale.

Seenaa Yuunibarsiitiin kun qabu keessatti kun naaf haaraadha.
Nan rifadhe.

Miirri gammachuun barattoota hunda irraa dubbifama.

"Kabaja keessaniif guddaa galatooma.

Deebi'aa taa'a" jedhe gara minjaala yaadannoo (NoteBook) baatutti adeeme.

Barattoonni hundi ni taa'an. Bookashiin garuu hin teenye.
Deebitee kan teesse ijji kiyyaafi ishee wal irra bu'ee, riifanna fuula kiyya irra jiru erga dubbistee booda.

" Maqaan kiyya Nadhii jedhama.
Gosni Barnootaa(Coarse) ani siniif keennuu 'Istirakcharaala Dizaayinii'dha.

Barnoonni kun barnoota xiyyeeffannoo barbaaduudha.

Saxaxa Gamoo, Riqichaa, Hidhaa tokkoo hojjachuuf barnoota kana haalan hordofuu qabdu.
Akka sirritti hubannoo fi dandeettii gahaa qabaattaniif isin barsiisuuf anis qophiidha.

Hanga daree dhufuun wal arginutti Yaadannoo kana haalan ilaala." Jedheen.

Nagaa kiyya ergan itti dhaame booda dareedhaa baheen gara biroo kiyyaatti fuula kiyya garagalche.

"Baga Gammadde!
Baga Gammadde"
Yoo nan jedhan, maaliif akka ta'e beekuun na dhibe.

Barsiisaan guyyaa tokko nagaa na gaafatee hin beekne
"Barsiisaa Nadhii, akkam oolte?" Erga nan jedhee nagaa na gaafatee booda
"Carraa barnoota digirii lammaffaa argattee, Gara Hindii deemuu keetti guddaa gammadeera.
Atis baga gammadde" nan jedhe.

Gammachuu osoo hin taane naasuudhan dugdi kiyya bakkee lamatti cite.

Ani osoo hin dhaga'in akkamin akka qaamni sadaffaan dhaga'ee oduun isaa Mooraa Yuunibarsiitii wal guutee jiru namni natti hime hin jiru.

Dubbii Cabsaa guyyaa Wiixataa ta'ee oole dhimmi kiyya.

Muummeefi Bulchiinsa Yuunibarsiitii Jimmaa irraa qaamni Olaanaan carraa kana argateetta nan jedhe hin turre.*

BAARREESSAAN #KEETAN
YAADA QABDAN NUUF QOODAA @hohopefully
? ? ? ?
@Ogeti_pictures

10 months, 3 weeks ago

Bookashii Kutaan Xumuraa..........hin geenye garuu hanga ammaatti kan dubbistan irratti yaada keessan....

10 months, 4 weeks ago

*B O O K A S H I I
Kutaa_25ffaa

Jimma

Faaruu simbirroo, galataffannaa bari'uu dukkanaatin dabaalamtee na cinaa kaate. Shaamiziin kaleessa galgala uffadhee miilla diriirfanna waliin bahe uffattee ciree qopheessitee hirribaa na kaafte.
Siree waliin irra bulle irraa ka'een kutaa qaama dhiqannaa aseene.
Huccuu Bookashiin naaf sirreessite ergan uffadhee booda ciree bareedaa dhiyaate nyaachuufan taa'e.
Harka kiyyaatin akka tuquuf carraa naaf hin kennine. Qubee akka alaangaa Roobii laga hidheessaa qaqaldhatu sanan afaan na ka'uu eegalte.
"Hojiin sitti barfatee jiraa atumti naaf nyaadhu " nan jettee ija maraarsifannaa takkaan na ilaalte.

Erga afaan na keessee booda nyaata quba ishee irratti hafe arraaban mi'eeffattee ilaalte.

Hangan dur jaaladhu caalan maraarsifadhe.

Harka kiyya dhiqadhee yoon xummuru harka isheetti karabaataa qabattee dhabbattee na eegde.

Karabaataa erga naaf hiitee booda koroojoo hojiif fudhee deemu baattee hanga karraatti na gaggeessite.

"Nagaan naaf ooli lubbuukoo" jettee na hammattee na lakkisuu didde.

"Atis nagaan naaf ooli dammakoo" jedheenin adda ishee irra dhungadhee biraa deeme.

Garagalee yoon ilaalu bakkuma dura dhaabbattee jirtu ijaajjitee hangan ija ishee irraa fagaadhutti ijaan na gaggeessaa jirti.

"Hardha hojii dhiisee Bookashii kiyya waliin ooluun qaba " jedheen ofirra deebi'e.

Bilbilli tasa naaf bilbilame garuu abjuu bareedaa filmii Hindii fakkaatu irraa na dammaqse.

Sagalee bilbilaa hirriba kiyya irraa na dammaqseetti baay'ee gadduu irraan kan ka'e eenyu akka naaf bilbile hin ilaalle.
Namni barii kanan naaf bilbilu sa'a tokko booda osoo naaf bilbilee anarraa eebba argata tureeyyu osoon jedhuun siqiqaa bilbila kiyya ilaale.

Yeroo lammaffaaf naaf bilbila.
Siree kiyya irraa ol utaaleen ka'e.

Bilbila Bookashiiti.
'Isheenis abjuu akka kiyyaa abjoottee laata?' jechaan kaase.

Sagalee ishee qabbanawaa onnee namaa banee seenee mana jaalalaa keessatti ijaarratu sanaan
"Akkam naaf bulte Nadhiikoo?" Jettee nagaa Waaqaa na gaaffatte.

Anis bareechee mi'eesseen nagaa koo dhaameef.

"Abjuun akkam ture?" yoo nan jettu

"Bareedaa ture" ergan jedheeni booda

"Akka ani halkan guutuu waa'ee ishee abjootaa bule afuura maliitiin barte" jedheen ofuman of gaafadhe.

"Akka ati nu barsiiftu sagantaa nuuf bahe irraa argeen baay'ee gammade. Hanga ati dhuftee daree seentutti baay'ee sardameen jira" jette.

Sodaafi gammachuun wal na harkaa make.

Daree yoon galu garuu sodaafi gammachuun wal na harkaa makanii turan turan alatti hafan.*BARREESSAAN #KEETAN

Itii Fufaa
Yaada qabdan nuuf qoodaa @hohopefully
??
@ogeti_pictures

11 months ago

Quba qabduu?

Mansuur Jamaal Gaaffiiwwan badhaasa qarshii hanga 1000 qabu eegaluuf jedha. Maarree isin hoo dursa chaanaala kanatti makamtaniittuu?

We recommend to visit

Jeet ek Nasha hai aur is Nashe ki Factory ka mai ek lauta Baadshah hoon !

My Channel Link
https://t.me/Baadshah

For Any Query Contact
My Username - @RehanBaadshah

Last updated 1 month, 2 weeks ago

Chaanaalli kun yeroo hundumaa Walaloowwan filatamoo fi ergaa guddaa qaban kan siniif dhiyeesaudha.

Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot


https://telega.io/?r=l9NDCHx-

Last updated 4 months ago

Kaayyoon chanali kanaa faarfannaa haaraa fi kan durii isin biraan ga'uudhaafi
Dabalataan seenaalee garaa garaa isin biraan ga'uf

@Burqaa43

Last updated 1 year, 2 months ago