͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

Description
Foormulaa Jireenyaa
Advertising
We recommend to visit

Jeet ek Nasha hai aur is Nashe ki Factory ka mai ek lauta Baadshah hoon !

My Channel Link
https://t.me/Baadshah

For Any Query Contact
My Username - @RehanBaadshah

Last updated 1 month, 1 week ago

Chaanaalli kun yeroo hundumaa Walaloowwan filatamoo fi ergaa guddaa qaban kan siniif dhiyeesaudha.

Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot


https://telega.io/?r=l9NDCHx-

Last updated 3 months, 3 weeks ago

Kaayyoon chanali kanaa faarfannaa haaraa fi kan durii isin biraan ga'uudhaafi
Dabalataan seenaalee garaa garaa isin biraan ga'uf

@Burqaa43

Last updated 1 year, 2 months ago

2 weeks ago

Jaallattus Jibbitus
Jireenyi Kanuma 💔

2 weeks ago

Hanaga Ati Narraa Fagaachuuf
Yaalte Caalaan
Animmoo sitti siquuf Yaale 😒

2 weeks ago

Jaalaluma Jibbita!💔*🥹***

Gaafa dhugaan jaallattee
Amanattee; ganamtu
Gaafa jireenya keetti
Karri gaddaa banamtu

Waadaan jaalala keetii
Nyaatamee akka 'bargarii'
Nama “hireekoo” jettuun
Gaafa baate gargari...

Mogoleetu si laafa
Fuuchuu dadhabda miila
Madaa’ee dhiiga boo’ee
Onneen jaalala jiila....

“Guutuu gola onneekoo
Ishee qofa dhaalchisee
Dhugaadhaan jaallachuunkoo
Hundumarra caalchiseee

Yaadaaf yaaddoo isheetiin
Qal’adhee akka lilmoo
Egereedhaaf abdadhee
Kunuunsee akka ilmoo

Isheef jecha raata’ee
Of gatee akka raatuu
Ofii kootiin dubbadhee
Isheef ta’ee maraatuu..

Giiftii onneekoo godhee
Ofirratti muuduunkoo
Ishee qofa dhagahee
Kaaniifimmoo duuduunkoo

Ijjjikoo kaan lagatee
Ishee qofa arguunsaa
Ooyruunkoo kaaniif hongee
Ishee qofaaf marguunsaa

Jaalalaaf jiraachuunkoo
Isheedhaaf amanamee
Erguma gatii dhabee
Waadaan kiyya ganamee...

Erga haqni dhibeetii
Dirra lafaa kanarra
Hariiroo tokko-n qabu
Jaalalli kun anarraa”

Jettee walaleessita
Yookaan immoo sirbita
Amanamtee ganamtee
Jaalaluma jibbita!

Boolla buutee bahuudhaaf
Oliif gadi godaata
Lama miidhamuu jiilee
Onneenkee si sodaata..

Addunyaa jaalalaarraa
Xumurattee gadaakee
Kophaa jiraachuu feeta
Kulkulfataa madaakee!

2 weeks, 6 days ago

Dhiirri tokko du'e jechuun
Durbi 100 Siingiloomte jechuudhaam jedhe tokko😏**

2 weeks, 6 days ago

Dubartiin wayii "Ati nama
Waaqaati" naan jette. Anis nan
gammade.Yeroon ishee dubbisu
mara akka nama waaqaa ta'uun
jalqabe.Nama Waaqaa ta'uu koo
isheetti muldhisuuf jedheen of
dhabuutti seene.Dubartii kanaaf
gaariin ta'a jedheen badii keessatti of
arge.Kunoo amma...Nama waaqaan
ta’'a jedheen,Nama Seexanaa ta’ee
Ta'e 😁

3 weeks ago

**Dubartiin dhiira tokko yoo jibbite, yoo abdii irraa murte kallattumaan dhiiftee hin deemtu, akka inni abbaa badii tahutti sababa uumti, yeroo inni sababa isiin uumtu kanatti aaree dogongora tokko uume akka waan dogongora saniif isa dhiisteetti isa dhiiftee deemti. Isiin garuu duraanuu isa dhiistee jirti sababa isarra eegu jirti malee.

Malli isaanii adduma🥹

Bro! anaatu isii aarseef na dhiistee kutte jattee if yakkaa hin oolinii dhiisi, isiin si dura si dhiistee jirtii😅**

:¨·.·¨:
 `·.   @Jaalala_qulqulluu🌹

4 weeks ago

yoo boosses yoo kolfites jireenyi ittuma fufa. caluma jettee lubbuu kee hin yaaddessin. addunyaa hin guunne kana keessatti wanti dhaabbataa ta'e hin jiru rakkina keenyas yoo ta'e.

guyyaa bareeda qabbaadhaa ✌️

4 weeks, 1 day ago

Alhamdulillah ✌️

4 weeks, 1 day ago

Nama tahi! Of ta'i
...Ofi kabaji!
...Ofiikee ,ofiikeef dursi!
...Of eebbisaa imali!
...Of dhaggeeffadhu!
...Of mil'adhu!
...Of yaadi ofii yaadi!
...Of beeki ofii beeki!
...Of hinjibbin of jaaladhu(+ve)
...Of qabi of dhaabi!
...Of gaafadhu Of argadhu!
...Of badin of barbaadi!
...Of hindaangeessin deemi!
...Of yayyabi ofi ijaari!
...Of mararfadhu
"""""
"""""""" Of Ofiikoo ofiikootif"""

4 months ago
We recommend to visit

Jeet ek Nasha hai aur is Nashe ki Factory ka mai ek lauta Baadshah hoon !

My Channel Link
https://t.me/Baadshah

For Any Query Contact
My Username - @RehanBaadshah

Last updated 1 month, 1 week ago

Chaanaalli kun yeroo hundumaa Walaloowwan filatamoo fi ergaa guddaa qaban kan siniif dhiyeesaudha.

Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot


https://telega.io/?r=l9NDCHx-

Last updated 3 months, 3 weeks ago

Kaayyoon chanali kanaa faarfannaa haaraa fi kan durii isin biraan ga'uudhaafi
Dabalataan seenaalee garaa garaa isin biraan ga'uf

@Burqaa43

Last updated 1 year, 2 months ago