Leta Kenei Aga

Description
Kuni Chaanaala Walaloo Lataa fi Yaadota isaa Qofa itti argattaidha. Dubbistanii bira hin darbinaa #share godhaa waliif dabarsaa
Advertising
We recommend to visit

Jeet ek Nasha hai aur is Nashe ki Factory ka mai ek lauta Baadshah hoon !

My Telegram Channel Link
https://t.me/+S9lLIcfDkRrhG-VZ

For Any Query Contact
My Username - @RehanBaadshah

Last updated 1 week, 4 days ago

Youtube Irraattis nu Argattu

https://www.youtube.com/c/KaachuuEntertainment

Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot

Last updated 1 month, 2 weeks ago

𝗝𝗶𝗿𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮 𝗺𝗶𝗹𝗸𝗮𝗮'𝗮𝗮 𝗷𝗶𝗿𝗮𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳 𝗸𝗮𝗸𝗮'𝘂𝘂𝗺𝘀𝗮 𝗬𝗔𝗔𝗗𝗔𝗔 𝗳𝗶 𝗗𝗔𝗡𝗗𝗘𝗘𝗧𝗧𝗜𝗜 𝗱𝗵𝗼𝗸𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗼𝗳𝗶𝗶𝘁𝘁𝗶 𝗳𝗮𝘆𝘆𝗮𝗱𝗮𝗺𝘂𝘂𝗳 𝗾𝗼𝗽𝗵𝗶𝗶 𝘁𝗮'𝘂𝘂 𝗯𝗮𝗿𝗯𝗮𝗮𝗰𝗵𝗶𝘀𝗮!
💥 @Oromoo_Inspire_YaadaafBot 💥

Last updated 1 week, 5 days ago

2 months ago
Re'een tun funyoo isa kamiin hidhamte? …

Re'een tun funyoo isa kamiin hidhamte? Namni deebii sirrii deebise badhaasa qaba.

2 months ago

Miidiyaalee haawaasummaa jiran keessaa kan caalatti sinitti tolu isa kamidha?

2 months, 1 week ago

Yaadota

Seenaawwan gaggabaaboo nama barsiisan, nama bashannansiisanii fi barumsa guddaa namaaf laatan Fuula Yaadota jedhu irraa sirritti argattu! Maatii keenya yoo taatan ni buufattu malee hin kasaartan.

Anaa Dhufu!

2 months, 1 week ago

Namoota Instagram fayyadamtaniif carraa gaarii! Keessattuu dubbattoota Afaan Oromoo hundaaf carraawwan hojii yeroo dhiyootti dhufan, gaaffiiwwaan badhaasa argamsiisan fi bohaartii garaa garaaf Instagram irratti iddoo guddaan tokko qophaa'aa jira.

Link isaa 👇👇👇👇👇
https://www.instagram.com/kaachuu_yw

2 months, 2 weeks ago

Harmee koo
Si haa barbaadan dhufanii
Gaafan dubbiif shakkame
Gartokkee keeti ani
Dhiiga keerraan argame!
Hiika onnee namummaa
Harmee kiyya yaa deessee
Maqaa koo dha'iin namni
Maqaa kee achi fageessee!
Safara lapheefi ribuu
Gaarummaa kee sanaafi
Si cinaatti waamamuun
Ulfinadha anaafi!
- -
Otuu dafqi kee cobuu
Jirbii rakkinaa footee
Ana bixxillee xiqqoo
Guddistee nama goote
Dhala koo - cuucee koo jettee
Afaan nadhii dubbatta
Furrii fi xurii koo wajjin
Arraabdee na dhungatta!
Sin jaalladha yoon jedhe
Kan kee hin baasu gatii
Naaf jiraadhu harmee koo
Eenyummaa koodha ati!

#Share
@Waloo_Leta

2 months, 3 weeks ago

Ani Obboleessi Kee

Ani obboleessi kee
Lataa ilmi Qana'ii
Gadi qabeen sitti hima
Gadi qabii dhaga'i...
"Hin ta'u" jedhii didi
Afaan qabi gomattuu
Tokkummaa kee kaleessaa
Hin sharafiin homattuu!

Kaleessa:
Waan akka dhagaa jabaatu
Sukkuumtee daakuu hin goonee?
Harka kee qullaa baatee
Taankiifi rasaasa hin moonee?
Tulluu sobaan dhaabbate
Buqqiftee hin gangalchinee
Warra iddoottin si galcha jedhe
Ati iddootti hin galchinee?

Har'a:
Walirra faffagaachuuf
Maaf uuruu dheerafatta?
Dhiiga kee gedderta moo
Hidda kee kuttee gatta?
Utuma ooltee hin buliin
Galmee seenaa awwaaltee?
Tokkummaan kee diigamnaan
Akka cabdu wallaaltee?
Lakkii adda hin faca'iin
Akka ilmoolee bofaa
Waaqaa gaditti kan si kabachiisu
Tokko ta'uu kee qofa!

#Share
@Waloo_Leta

3 months, 3 weeks ago

Barri ni sokka - barri ni dhufa
Aangoon lafarraa hunduu ni kufa
Aangoo bor darbuuf dhugaa kan haaltu
Madaa uummataa gubaa kan faaltu
Dhiiga qulqulluun dachee kan gooltu
Dabaree eegda atis hin ooltu!

@Waloo_Leta

3 months, 3 weeks ago

Yoom akka deemnu hin beeknu.
Haga lubbuun jirrutti gaarii haa hojjennu!

3 months, 4 weeks ago

Abdii kuti,
Eyyee abdii kuti!

Muka guddaa hin taatu
Xaxamtuun coqorsaa
Abdii hin kutiin jedhee
Maalittan si gorsaa?
Ol joortee - gad joortee
Of hin dhorkiin fayyaa
Abdii kutii dhiisi
Abdii kutuu wayyaa!

Waan bu’aa sii hin taanetti
Maal gochuuf dadhabdaa?
Jibbaafi inaaffaarraa
Abdii kutuu qabda!
Abdii kuti maaloo
Of hin cabsiin ceekuu
Jaalala lagatee namni jibba abdate
Galma ga’ee hin beeku!

Lataa Qana'ii
@Waloo_Leta

3 months, 4 weeks ago

Galatoomi goomattuu!

Akkanni na waraanuuf
Gobaan ati naaf keesse
Riqicha gaarii ta'ee
Gara kaayyoo na geesse!

Yommuu ati bitaan cuftu
An karaa mirgaan ba'e
Yommuu ati handaaqqoo taatu
Animmoo risaan ta'e

Gaafa hojii na waamtee
Gaafa bu'aa na footee
Gubdee, gubdee guggubdee
Booddee warqee na goote!

Utuma gad na qabuuf
Dhoksaatti funyoo martuu
Ol qabdee na guddifte
Galatoomi goomattuu!
Tuu..

#Share
@Waloo_Leta

We recommend to visit

Jeet ek Nasha hai aur is Nashe ki Factory ka mai ek lauta Baadshah hoon !

My Telegram Channel Link
https://t.me/+S9lLIcfDkRrhG-VZ

For Any Query Contact
My Username - @RehanBaadshah

Last updated 1 week, 4 days ago

Youtube Irraattis nu Argattu

https://www.youtube.com/c/KaachuuEntertainment

Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot

Last updated 1 month, 2 weeks ago

𝗝𝗶𝗿𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮 𝗺𝗶𝗹𝗸𝗮𝗮'𝗮𝗮 𝗷𝗶𝗿𝗮𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳 𝗸𝗮𝗸𝗮'𝘂𝘂𝗺𝘀𝗮 𝗬𝗔𝗔𝗗𝗔𝗔 𝗳𝗶 𝗗𝗔𝗡𝗗𝗘𝗘𝗧𝗧𝗜𝗜 𝗱𝗵𝗼𝗸𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗼𝗳𝗶𝗶𝘁𝘁𝗶 𝗳𝗮𝘆𝘆𝗮𝗱𝗮𝗺𝘂𝘂𝗳 𝗾𝗼𝗽𝗵𝗶𝗶 𝘁𝗮'𝘂𝘂 𝗯𝗮𝗿𝗯𝗮𝗮𝗰𝗵𝗶𝘀𝗮!
💥 @Oromoo_Inspire_YaadaafBot 💥

Last updated 1 week, 5 days ago