Dive into the Ultimate Free Library: Your One-Stop Hub for Entertainment!

HUMNA JABAA

Description
Chanalii kanaan waantota fayyadamaa taanu๐Ÿ‘‡
KALLATTII WAANTOTA HEDDUU ARGACHUU DANDEESSA.
@HUMNA_JABAA
Na quunnamuu
๐Ÿ‘‰ @HumnaJabaa
SUBSCRIBE GODHAA
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
https://www.youtube.com/@JABAATUBE-mx2kn
Advertising
We recommend to visit

ุจุณู€ู€ู€ู€ู€ู€ู€ู€ู€ู€ู€ู€ู… ุงู„ู„ู‡ ุงู„ุฑุญู…ู† ุงู„ุฑุญูŠู€ู€ู€ู€ู€ู€ู€ู€ู€ู€ู€ู€ู…
Ku Dhawaad 3000 Buug-Somali
Free Ah
Youtube:
https://shorturl.at/auGJZ
Diclamer:
https://telegra.ph/HA-DEG-DEGIN-AKHRI-11-15
ยฉ Somalibooks Pro Inc
- All Rights Reserved-โคต๏ธ
@Cabasho_Bot
@Tusmobook

Last updated 5ย months, 1ย week ago

Somali National Television is the principal public service broadcaster in Somalia.

Headquartered in Mogadishu.

Last updated 1ย month ago

Kala soco Xikmad iyo Qormooyin Markasta Io Meelkasta.

Last updated 1ย month, 3ย weeks ago

3ย weeks ago

#Ilaalcha namni siif qabu caalaa, ilaalcha ati ofiif qabdutu jireenya kee murteessa. Akka Waan nama hin taaneetti, akkaa waan nama gadii taatetti, akkaa waan gatiin Kee nama harkaa jiruutti,akka Waan gatii hin qabneetti, akka nama lafa yaade gaโ€™uu hin dandeenyeetti, ani hin beeku, ani hin dandaโ€™u jettee of hin daangessii! Ilaalchi nama biraa sirraatti hin mo'in, dangaa Ofii keeti keessaatti ofi eegi, yaada Ofii keetti amani, Ilaalcha sirrii ofiikeef qabaadhu! Nan dandaโ€™a jedhi yoo kuftes kaโ€™i!

#Walumaagalattii _of _ta'i๐Ÿฅฐ๐Ÿ™

3ย weeks ago

Ati Addunyaa kanaaf kennaa addaati

Namoota addunyaa kana jijjiiruf jiran keessaa ati isa tokkoodha.

Addunyaa kanarra warshaalee hedduutu jira. Muraasni isaanii hojii walfakkaataa hojjatu. Muraasni isaanii immoo hojii garaa garaa hojjatu. Haa ta'u malee  warshaan huccuu oomishu  midhaan daakuu hin danda'u. Huccuu oomishuu qofa gaheen isaa. Ittiinan oomisha jettullee isa dura oomishu sanuu akka hin oomishne taasista. Garuu wanta hojjatameef saniin yoo hojjanne warshaan faayyidaa hin qabne hin jiru. Namnis akkasuma. Hundi keenyayyuu; kan dandeenyu, kennaa keenya  dhiisnee qarshi isaa qofa laallee wanta hin beekne abalu hojjatee, anus hojjachuun qaba jennee Sammuu of dhippifna. Hiriyaan kee carraa xiyyaara ofuu qaba yoo ta'e, ati immoo carraa konkolaataa ofuu qabda taanan mindaan xiyyaara ofuu keetin argattu hagamillee guddatus, jireenya kee siif jijjiira osoo hin taane rakkina sitti jijjiira. Kuni wantan ani uumee dubbadhee miti, seera uumamaati. okey? Osoo kan dandeenyuu fi kan baaknu hojjanee sabani nuti hin jijjiiramneef hin jiru. Mee warsha xiyyaara oomishuu fi warshaa waraqata(pestali) homishu ilaali. Osoo akka yaada keenyatii warshaa xiyyaara oomishu qofatu lafa kanarra guuta ture.

Kanaafuu Guddachuuf hajjadhu malee hojii guddaa hojjachuuf teessee yeroo kee hin gubin.

@HUMNA_JABAA
@HUMNA_JABAA

3ย weeks, 1ย day ago

Sammuun Maali?

โ€ข Sammuun walxaxaa fi garaa garaa dha. Hiikni sammuu tokko miti, sammuunis bifa adda addaa hedduu qabaachuu dandaโ€™a.

โ€ข Sammuun qaama qaba. Sammuun keenya qaama keenyaa fi walitti dhufeenya addunyaa naannoo keenya jiru waliin qabnuun bocama.

โ€ข Sammuun hawaasummaadha. Sammuun keenya kan guddatuu fi kan bocamu walqunnamtii sammuu biroo wajjin qabnuun.

โ€ข Sammuun uumaa dha. Sammuun keenya yaada haaraa fi furmaata rakkoo maddisiisuu danda'a.

โ€ข Sammuun dammaqaa dha. Ofii keenyaa fi naannoo keenya ni beekna, dandeettii miiraa fi yaada mudachuu qabna.

โ€ข Sammuun iccitiidha. Ammallee akkaataa sammuun itti hojjetu guutummaatti hin hubannu.

โ€ข Sammuun bineensotaa xaxamaa dha. Bineensonni dandeettii hubannoo balโ€™aa kan qaban yoo taโ€™u, kunis hubannoo, barachuu, yaadachuu fi rakkoo furuu dabalata.

โ€ข Sammuu namtolchee saffisaan guddachaa jira. Sirnoonni AI hojiiwwan yeroo tokko adda ta'anii nama ta'anii yaadaman raawwachuuf dandeettiin isaanii dabalaa dhufeera.

โ€ข Carraan sammuu alagaa kan nama hawwatuudha. Jireenyi alagaa yoo jiraate sammuu alagaa kan keenya irraa baayโ€™ee adda taโ€™uun isaa hin oolu.

[โ€ข Sammuu hubachuun ofii keenyaa fi bakka keenya uumama cufa keessatti hubachuuf barbaachisaa dha.

โ€ข Sammuun ni mulโ€™ata. Isaanis wal-nyaatinsa walxaxaa kutaalee sammuu adda addaa hedduu irraa kan uumamanidha.

โ€ข Sammuun yeroo hunda jijjiiramaa jira. Isaanis muuxannoo keenyaa fi filannoo nuti goonu irraa kan bocamanidha.

โ€ข Sammuun dadhaboodha. Miidhaa ykn dhukkubaan miidhamuu dandaโ€™u.

โ€ข Sammuun gatii guddaa qaba. Isaanis madda yaada, miiraa fi kalaqa keenyaati.](https://t.me/HUMNA_JABAA)

4ย weeks ago

kaayyoo kee yeroo namootatti himtu sitti kolfuu danda'an, sitti qoosuus danda'an wanti nama gammachiisu garuu dandeettii ittiin namoota si tuffatan fulduratti nama ajaa'ibaa taatu uuman kee siif kenneera.

Kanaafuu michuu koo/too kaayyoo kee milkeessuf onnee keetirraa aarsaa yoo kaffalte iddoo siif malu ni geessa

4ย weeks, 1ย day ago

#Amaloota Abbaa Warraa Gaarii 6!

โœ“1.Marii ykn waliin dubbii kaan jaallatu
โœ“2.Haadha manaa isaa Akka hiriyyaa isaatti kan ilaalluu(waliin taphachuu,bashannanuu)
โœ“3.Amanamummaa kan qabu
โœ“4.walitti bu'iinsi yoo uumame Akka Itti furu kan beeku
โœ“5.Haadha Manaa isaa kan kabaju
โœ“6.Amala Dhiifama gochuu kan qabu...

[Namoonni abbaa Warraa Gaarii taatan Baga carroomtan.Abbaa Warraa Gaarii ta'uun haadha manaa ta'ee ijoollee keessaniif carraa guddaadha.Namoonni abbaa Warraa Gaarii hin taane immoo kana booda abbaa Warraa Gaarii ta'uu ni dandeessu.

Abbaa Warraa Gaarii yoo taate boqonnaa Sammuu argatta,Maatii Kee waliin jaalalaan jiraatta akkasumas milkaa'ina jireenyaaf carraa qabda.Kanaaf abbaa Warraa gaarii ta'uuf haa yaallu!Ta'uu ni dandeenya!](https://t.me/HUMNA_JABAA)

4ย weeks, 1ย day ago

GAMMAACHUU fi BOQONNAA SAMMUU ARGACHUUF:

  1. Nama hin miidhiin!
  2. Nama hundaa gammachiisuuf ammoo hin dhama'iin!
  3. Namootarraa waan guddaa hin eegiin!
  4. Jijjiirama/jijjiiramuu hin sodaatiin!
    [5. Waan darbe yaadattee itti miidhamaamiin, irraa baradhu malee!
  5. "Ani namaa gadi" jettee hin yaadiin!
  6. Dhiifama namaa gochuu hin dagatiin!](https://t.me/HUMNA_JABAA)
2ย months, 4ย weeks ago

Hiyyummaan akka wallaalumma hin jirtu.

Gargaarsi akka waliin mariyachuu hin jiru.

3ย months ago

Faarfannaa haaraan isniif dhufneerra,link kana gadiin seenaa dhaggeeffadhaa.
SUBSCRIBE GODHACHUUN MAATII JABAA TA'AA.
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡

https://www.youtube.com/@JABAATUBE-mx2kn

3ย months ago

Jaalala + Kabaja + Hubannoo + Dhiifama = Gaa'ela Gaarii ๐Ÿ˜Š

We recommend to visit

ุจุณู€ู€ู€ู€ู€ู€ู€ู€ู€ู€ู€ู€ู… ุงู„ู„ู‡ ุงู„ุฑุญู…ู† ุงู„ุฑุญูŠู€ู€ู€ู€ู€ู€ู€ู€ู€ู€ู€ู€ู…
Ku Dhawaad 3000 Buug-Somali
Free Ah
Youtube:
https://shorturl.at/auGJZ
Diclamer:
https://telegra.ph/HA-DEG-DEGIN-AKHRI-11-15
ยฉ Somalibooks Pro Inc
- All Rights Reserved-โคต๏ธ
@Cabasho_Bot
@Tusmobook

Last updated 5ย months, 1ย week ago

Somali National Television is the principal public service broadcaster in Somalia.

Headquartered in Mogadishu.

Last updated 1ย month ago

Kala soco Xikmad iyo Qormooyin Markasta Io Meelkasta.

Last updated 1ย month, 3ย weeks ago